Xumurre!
Gabaasa kallattii kan har'aa goolabne, boru walitti deebina.
Nagaan Bulaa!
Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 1382f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste oggaa tahu, namoota 17 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa beeksise.
Gabaasa kallattii kan har'aa goolabne, boru walitti deebina.
Nagaan Bulaa!
Iddoowwan lamaan weerara vaayirasii to’achuuf cufamu jedhamanis Naayiroobii keessatti iddoo hawaasni Somaale itti heddumatan Esilii fi magaalaa Mombaasaati.
Iddoon lamaanuutti torban lamaaf sochiin namaa ugguramuuf deema.
AFP’n akka gabaasetti, namoota 582 Keeniyaatti vaayirasichaan qabaman keessaa Esiliitti namoonni 68, Mombaasaattis namoonni 64 vaayirasichaan qabamaniiru.
Ministeerri Fayyaa biyyatti akka beeksisetti, iddoowwan lachuutti sochiin namaa uggurame/daangeffame itti fufa.
Konkolaachistoonni fageenya dheeraa qaxxamuran vaayirasicha tamsaasuun waan shakkamaniif otoo addaa hin citiin qoratamu jechuun mootummaan Keeniyaa ibseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, Rooyitars
Ministirri Muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Odingaan amma Gamtaa Afrikaatti qindeessaan dhimma bu’uralee misoomati.
Weerara koronaavaayirasii tibbanaatiin jecha adda ta'een ibsan
’Waraana addunyaa 3ffaa dhukaasa boombii hin qabne’ jechuun qondaala siyaasaa akka waraanaatti ibsani
Itti dabaluun Odingaan akkas jedhan.
‘Wayita waraannii addunyaa lammaaffaa turettillee namootni ammasii yeroo gabaaduu ammasii keessatti miidhaman hin argine’ jedhani sabaa himaa Afrikaa Kibbaa SABC jedhamutti dubbatan.
Kana malees, dhiibbaan qaqqabsiisuu akka ardichaatti kan ilaalamufi laayyoo akka hin taane dubbatan.
Qondaalli olaanaan Gamtaaa Afrikaa kun Afrikaan tarii weerara kana booda tumsa dhabuu dandeessii jedhan.
Sababasaa wayita ibsaniis, Vaayirasichi biyyoota hedduu jilbeeffachiseera jedhu.
‘’Awuroppaan weerara dhibicha jalatti kufaa jirti, Ameerikaan duraanu booha jirti, Chaayinaan illee otoo hin hafiin boohutti jirti’ jedha.
Odingaan akka dubbatanitti yoo ta’e, Afrikaan daldalli harka 85 biyyoota ardillee biroo caalatti weerarri dhibe kun miidha wajjin qabdi ture.
Giddugaleessi ittisaa fi to’annoo dhibee Afrikaa akka ibsutti ardicha keessatti namoonni 48,022 vaayirasichaan yoo qabaman,Namoonni 1,878 du’aniiru- Namoonni 16,019 vaayirasicharraa bayyataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Keeniyaa 84 UK jiraatan gara biyyaattitti galaniiru. Lammiileen biroos Chaayinaa fi Indiyaarraa ni galu jedhamee eegamaa jiraachuusaa gaazexaan Daily Nation gabaaseera.
Namoonni deebi’ani kunneen gaafa Wiixataa osoo gara bakka adda baafamiin tursiifamanitti hin geeffamini dura Buufata Xiyyaara Idil addunyaa Joomoo Keeniyaataatti sakata’amaniiru.
Namoota deebi’an keessaa namni tokko akka jedhetti xiyyara keessatti namni tokko teessoo namoota sadiirra kophaasaa taa’aa akka turee fi imala guutuurratti maaskii godhataa akka turan himeera.
Namoonni kunneenis imala kanaaf Daandii xiyyaara Keeniyaatiif doolaara 509 kaffalaniiru.
Biyyatti tatamsa’inna koronaavaayiras daangessuuf balalii idil addunyaa kan hambiste yoo ta’u daangaasheellee cufteetti.
Tarkaanfii biyyattiin koronaavaayiras ittisuuf fudhate:
·Daangaa cuftee akkasumas balalii dhoorkiteetti
·Sochii namoota galgala sa’aatii 11 – obboroo 11’tti daangessiteetti
·Imalli gara fi ala magaalaa gudditti taasifamuu fi magaalota biroo dhoorkitee jirti
·Manneen barnootaa, iddoo bashananaa, Bataskaanota fi Masjdoota cufteetti
·Namni hundi manaan alatti maaskii godhachuun dirqama yoo ta’uu baate ni adabama
·Hojjattoonni manasaaniitii akka hojjatan ni jajjabeeffama
·Bakkeewwan hojii hundi bakka harka dhiqanaa bishaanii fi saamunaa yookiin saanitaayizarii akka qabaatan taasifamaniiru
·Maallaqa dabarsuuf maloota akka moobiyalitti fayyadamuun ni jajjabeeffama

Madda suuraa, EPA
Lama sadaffaan namoota biyyoota Afrikaa 20 keessattii qorannorratti hirmaatanii guyyoota 14’f namni manaa akka gadi hin bane yoo dhorkame waan nyaannuufi bishaan dhugnu dhabnaa jedhan.
Namootni harka walakkaa ol ta’an ammoo maallaqa ittiin jiraannu fixnaa jedhan.
Qo’annoon Gidduugala To’annoo fi ittisaa Dhibee Afrikaatiin gaggeefame kun mootummootni Koroonaavaayirs ittisuuf tarsimoo akka baafatan gargaaruu kaayyefate.
Murteewwan to’annoo COVID19’f mootummootaan murtaa’u fedhii hawaasaa gidduu galeessaa hin godhatu taanaan goolamaa uumaa jedheera dhaabbatichi.
Qo’annoon kun biyyoota Afrikaa 20 keessatti magaalaalee 28 keessatti gaggeefame. Qo’annoo kanaan ilaalcha uummatni tarkaanfiiwwan to’anno Koronaaf fudhataman irraa qabanis ilaaleera.
Waan hanga ammaatti jiruun biyyoota qo'annoo kana keessatti hirmaatan keessatti uummatni tarkaanfiiwwan ittisaaf fudhataman guutummaan deeggaru

Madda suuraa, Getty Images
Uggurri sochii weerara koronaavaayirasii to'achuuf labsame lammilee Indiyaa miliyoona 122 hojii baatii tokko keessatti hojii dhabsiise jedhe ragaan dhaabbata qorannoo tokko.
Hammi hoji-dhabdummaa biyyattii wayita amma dhibbeentaa 27.1 irra jira.
Kunis rakkoo hoji dhabdummaa Ameerikaa keessa jiru dachaa afura ta'a.
Biyyattiin garuu ragaa ofii gadi dhiiste hin qabdu.
Biyyattii erga Bitootessa 25 as sochii kamuu uggurtee karra cufattee jirti.
Amma dura namoonni 50,000 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.

Madda suuraa, University of Pittsburgh School of Medicine
Qorataan waa’ee koronaavaayirasii qorannoo taasisaa turanii fi argannoo haaraa fiduuf carraaqqiirrra turan ajjeefamuu isaanii qondaaltonni Ameerikaa ibsan.
Mana barnootaa Fayyaa Yuunivarsiitii Piitisbarg keessatti qorataa kan turan Dr Biing Li’uu, Piitisbarg Roos Tiwiinshiippitti du’anii argamuu isaanii Sanbata darbe ogeeyyiin fayyaa naannichaa himaniiru.
Iddoo reeffi doktara kanaa argameetti fageenya maayilii tokkoorratti reeffi nama lamaffaa Haa’oo Guu jedhamu konkolaataa keessatti poolisiidhaa argameera.
Qorattoonni akka NBC’tti himanitti Haa’oo Guu “Dr Biing eega ajjeesan booda ofiisaaniirratti dukaasuun lubbuunsaanii akka darbe dubbataniiru. Poolisiinis dhimmicharratti qorannoo taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Yuunivarsitin fuula marsariitiisaarratti ibsa baaseen Dr Biing Yuunivarsiitii Siingaapooritti barnootasaanii kan hordofan yoo ta’u qorannoo saayinsiitiif bu’aa guddaa kan gumaacha’an qorataa cimaa turan jechuun ibseeraani.
Dabalataanis Dr Biing koronaavaayiras waliin wal qabatee sirnasaa hubachuuf kan gargaaruu bu’aa qorannoo argachuuf sadarkaa dhumaarra gahanii turan jedheera.
Qorannoosaani jalqaban fiixaan baasuuf akka hojjatamu ibseera ibsi kuni.

Madda suuraa, EBC
Abbaan Taayitaa geejjiba magaalaa Finfinnee imaltootni tajaajila hawaasa kana argachuu barbaadan dirqamaan golgaa afaani fi funyaanii keewwachuu qabu jedhe.
Sabaa himaan biyya keessaa gabaasanitti, Jimaataa dhufturraa eegalee hojiirra oolfama.
Weerara koronaavaayirasiin irraa namoonni akka ofeggataniif duraan maaskii keewwachuun dirqamaan ajajni bahee hin turre.
Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 1382f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste oggaa tahu, namoota 17 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa beeksise.
Kunis Itoophiyaan erga Covid-19 biyyattii keessatti argamuun erga gabaafamee booda, lakkoofsa guyyaa tokkotii argame isa guddaadha.
Namoota vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e keessaa baayyeen isaanii kan Jabuutii fi Somaaliyaarraa deebiyanii kan adda baafamanii jiranidha jedhameera.
Lakkoofsi waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamanii 162 taheera.
Kana malees warra sa'aa 24 dabran keessa 2 ida'aman dabalatee walumaagalatti 93 bayyataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Jarman dhorka weerara Covid-19 ittisuuf keessee turte manneen amantaa irra jiruu kaasuun eegaaluuf.
Manneen daldala hedduun akka banamaniif eeyyamteetti.
Amma Chaansilar Angelaa Markel hoggantoota waliin mari’achuun naannoolee 16 Jarman hundaaf wixinee dhorkaa kaasuu dabalataa irratti mari’achuuf jiru.
Karoora kana jalatti murteen nannoolee yoomitti deebifne bannu kan jedhu mootummaa federaalaaf osoo hin taane naannoleef kan kennamu ta’a. Naannooleen murtee kana fudhachuuf saffisa gargaraan deemaa jiru.
Akka gabaasa miidiyaa biyyatti DPAtti, mootummaan baratoonni hundi suuta suutaan gara mana baruumsaatti akka deebi’an barbaada.
Karoora kanaratti yoo waliif galame, torban tokko keessatti koronaavaayirasiin akka haaraatti namoota 100,000 keessa 50 ol irratti yoo argame naannoleen dhorkaa ciimaa murteessuu qabu.
Har’a ganama (Roobii) guutummaa biyyattiitti namootni haaraa 947 vaayirasicaan qabamanii, 165 ammoo du’uu isaanii Taajijilli Fayyaa Jarmanii beeksiseera.
Akka gabaasa data from Johns Hopkins University’tti Jarmanii keessatti namootni 167,007 vaayirasichaan qabamanii namootni 7,000 ta’an ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Waldaan Hakiimootaa Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo Kaabaatti hakiimotni fayyaa 34 covid-19n qabamuu beeksise.
Hogganaan Damee Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Dr. Sanusii Baala akka jedhanitti Hakiimota Fayyaa vaayirasii kanaan qabaman keessaa tokko lubbuun darbeera. Kanneen qabamn keessaa hedduun Hospitaala barsiisotaa Kanoo keessa warra hojetaniifi kanneen kilinika dhuunfa qabaniidhas jedhaniiru.
Meeshaaleen of eeggannoo hakiimota ‘personal protective equipment (PPE)’jedhaman ogeeyyii fayyaa kanaaf akka guutamuus gaafatan.
Gama kaaniin dhukkubsattootni covid 19 Hospitaala Barsiisotaa Federaalaa Gombee jedhamu keessa adda bahanii turan qabinsi keenya badaadha jechuun mormii dhageessisuuf bahaniin meeshalee waldhaansaa mancaasan.
Kanneen naannoodhuma sanitti iddoo biratti adda bahanii turan ammoo mormii isaanii dhageessisuuf daandiitti bahaniiru. .
Naayijeeriyaan hanga ammaatti namoota 2,950 ol irratti covid 19 argamuu kan beeksifte yoo ta’u kanneen keessaa 98 du’aniiru.
Uggura sochii laaffisuuf murteessuu ishee hordofees lakkoofsi namoota haaraa qabamaniis dabalaa jira.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi Chaayinaan guutummaatti haala jechuun danda’amuun, haala jireenya duraan turetti deebii'aa jirti.
Paarkiin Disniilaand Shangaahitti argamu Caamsaa 11 irraa kaasee deebi’ee banamuuf jira.
Lakkoofsi keessummoota paarkii kana keessatti argamu garuu kan murtaa’u ta’a.
Tarkaanfiiwwan walirraa fageenya eeggachuun bakkawwan sosocho’an maraafi manneen nyaataa keessatti hojiirra kan oolu ta’a.
Keessummoonniifi hojjetoonni maaskii uffachuunis irraa ni eegama, ho’i qaama isaaniis ni ilaalama.
Magaalaa wuhaan bakka koronaavaayirasiin jalqaba itti mul’atettis callisa ji’ootaan booda manneen barnootaa deebii'anii banamaa jiru.
Chaayinaa bulchiinsa Hubeeyii, magaalaa guddooshee Wuhan taate keessatti guyyootiii 32f namni koronaavaayirasiin qabame haaraan akka hin argamne midiyaan biyyatti Xinhua gabaaseera.
Keesssumaa biyyattiin uggura ture kaasuun yeroo jireenya barametti suutaan deebi’uuf yaltutti kun lola weerara kanaa irratti Chaayinaaf injifannoo guddaadha.
Akka guutummaa Chaayinaatti har’a (Roobii) koronaavaayirasiin kan argame nama lama qofaa irratti. Kanaaf lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamani 82,883 ta’e lakkoofsi namoota du’anii ammo 4633 akka ta’etti jira.
Haata’uyyu maalee lakkoofsi Chaayinaan kennite kun keessumaa yeroo weerarri kun eegaletti amanamuu waan danda’u miti jedhu qeeqxonni.Garuu odeeffannoon kun dhugaa ta’es soba, Chaayinaan weerara hamaa kana irra aanaa akka jirtu ni argama.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp koree addaa Waayit Hawus ittisa koronaavaayirasiif hundeeffame diiguuf akka jiran dubbatan.
Koreen kun torbeewwan muraasa keessatti diigamas jedhameera.
“Biyya keenya bakkatti deebisaa jirra,” kan jedhan Pirezedaanti Tiraamp, wayita warshaa maaskii Ariizoonaatti argamu daawwatanitti ture.
Ameerikaatti guyyaatti namoonni koronaavaayirasiin irratti argamu 20,000 ol yoo ta’u, kanneen dhibee kanaan du’an ammoo guyyaatti 1,000 ni darba.
Haa ta'u malee qondaaltonni fayyaa biyyattii yoo hojiifi daldalli deebi’ee banamuutti vaayirasiin kun deebi’ee tatamsa’uu mala jechuun akeekkachiisan.
US keessatti hanga ammaatti walumaa galatti namoota miliyoona 1.2 ta’an Covid-19 qabamuun yoo mirkanaa’u, kanneen 70,000'tti siqan ammoo dhibee kanaan du’aniiru.