Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti namoonni haaraa 17 Covid-19n qabaman

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 1382f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste oggaa tahu, namoota 17 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Imaltoonni daandii qilleensaa maaskii godhachuu qabdu jedhaman

  2. Awustiraaliyaan yeroo turtii sochii ugguraa kaasuuf

    Awustiraaliyaan sochii sababa weerara koronaavaayirasiitiif jecha keessee turte, yeroo yaadamee dursitee kaasuuf ilaalaa jirti jedhan MM Iskoot Moriisan.

    Aanga’oonni fayyaa akka jedhanitti, biyyattiin erga torbanootaaf tarkaanfiiwwan sochiilee hawaasaa ciccimoo fudhatteen booda tatamsa’inni vaayirasichaa “hanga ta'ee haala amaniisaadha jedhamuun” hir’isteetti.

    Haaluma kanaanis aanga’oonni uggura sochii hanga Caamsaa 11'tti tura jedhame akka gara Caamsaa 8'tti gabaabbatuuf qorachaa jirra jedhan.

  3. Keeniyaatti qorannoon jumlaa haala barbaadameen deemaa hinjiru

    Duulli Ministeerri Fayyaa biyyattii ummanni jumlaan bahee koronaadhaaf akka qoratamuuf jajjabeessaa jiru. Hawaasni garuu sodaa waan qabuuf hanga barbaadamu bu'aa agarsiisaa akka hinjirre himame.

    Mootummaan guyyaatti bakkeewwan qorannoo lama magaalaa guddittii, Naayiroobiitti argamu qofaatti namoota kumaatata qorachuuf karoorafatulleen kan dhiyaataa jiran ammoo dhibbaan kan lakkaa’amaniidha.

    Namoonni baayyeen midiyaalee biyya keessatti dubbatan akka himaniitti, dhukkubbi tibba saamudi fudhatamu namatti dhagahamuufi isaan booda yoo vaayirasichi irratti argame gara jiddugala adda bahanii keessa turamu geeffamuun kaffaltiin gaafataman isaan yaadeessuu himu.

    Barreessaan Ministira Fayyaa biyyattii Raashid Amaan Dilbata akka jedhaniitti, qorannoon bilisaan taasifama.

    Garuu namoonnii vaayirasichi irratti argame ammoo namoota biraatti akka hindabarsineef adda baafamuun turuu qabu jedhaniiru.

    Gareen aanga’oota mootummaa biyyatti, namoonni bahuun akka qoratamaniif manarra adeemuun waamicha taasisaa jiru.

    Kaan ammoo jumlaan qorachuun kun bu’aa qabeessa kan ta’u yoo mootummaan kaffaltii bakka adda baafamuu keessa turfamu ofiin danda’eefi bakka keessa turmaataan kanneenis miji'aa taasisee qofaadha jedhu.

  4. Ifa abdii dukkanaan boodatti?

    Xaaliyaan qofa miti kan seera uggura sochii laaffisaa jiru. Biyyoonni biroos suuta suuta dukkana booda ifa arguu jalqabaa jiru:

    • Ispeen keessatti torbee torba booda namoonni gurguddoon manaan alatti sochii akka taasisan hayyamte.
    • Faransaay Caamsaa 11 uggura kaasuuf murteessitee jirti. Ijoolleen gara mana barnootaatti ni deebi'u akkasumas daldalli muraasni irra deebiidhaan ni banamu
    • Labsii yeroo muddamaa torbe jaha booda Poorchugaal har'a karoora irra deebiini banuu jalqabde
    • Naannoleen US walakkaan seera ugguraa laaffisuu jalqabaniiru.
    • Eezhiyaa, Taayilaand keessatti hojiileen daldalaa muraasnii fi paarkonni hawaasaa deebi'anii akka banamaniif hayyamteetti
    • Hoong Koong keessatti hojjattoonni mootummaa har'arraa eealee hojitti deebi'aaru. Manneen kitaabaa fi god-hambaanis ni banamu
    • Bulchiinsi Awustiraaliyaa heddus wantoota manaan alatti raawwatamanii fi walitti qabamuu hayyamaniiru - naannoo naannootti garuu seeronni adda addummaa qabu
    • Baha Jiddu Galeessaa, Joordan keessatti ugguri hojiilee diinagdeerra turan hundi kaafamaniiru
    • Tuuniziyaa keessatti bulchiinsi fi seektarri indaastirii walakkaan gara hojitti deebi'aaru. Maaskiin godhatuun garuu dirqama.
    • Igipti keessatti hooteloonni daawwattoota biyya keessaatiif banamanis haal- duree %25 ol keessummeessuu dhabuutiini
    • Iraan keessatti Masjidonni magaalota heddu tatamsa'inni koronaavaayirasi gad aanaadha jedhaman keessatti banamaa jiru
  5. Duuti jumlaa Naajeriyaa koronaavaayirasiin wal qabata

    Naajeeriyaa bulchiinsa Kanootti du'aatiin jumlaa dhiyeenya uumame koronaavaayirasii waliin akka wal qabatu waajjirri Pireezdaantii beeksise.

    Qorannoo gaggeefameen du’aa jumlaa kana keessaa hedduuf sababni isaa koronaavayirasii ta’uu akka adda baafame Nasiruu Sanii Giwarzoo dubbateera.

    Sababa du’a isaanii adda baasuuf gartuun gara awwaala jumlaa kanatti ergamee reeffa awwaalamuuf jiran irraa saamuda fudhataniiru jedha.

    Vaayirasiin kun yeroo namootni dhukkubsatoota dubbisuufi of eeggannoo malee awaalanitti tatamsa’ee hubannoo jedhu akka qaban Obbo Giwarzoo himeera.

    “Uummatni Kaanoo rakkoo cimaa jiruu kanaratti dammaqauun isaanii barbaachisaadha,” jechuun midiyaa biyyattitti himeera.

    Du’i hin baramne kun kan jalqaba himamee namooota awwaalcha qotaniin yeroo bakki itti awwaaluun bayyachaa dhufedha.

    Pireezdaantiin Naayjeriyaa Muhaammaduu Buhaarii sababa du’a kanaa qorachuuf gartuu adda hundeesaniiru.

    Biyyatti keessatti namootni 2,558 Covid-19 qabamaniiru, Leegositti aanee lakkoofsa namoota qabamaniin lammaffaarra kan jiru Kaanoodha.

  6. Taanzaniyaan ‘qoricha koronaavaayirasii’ Madagaskaarirraa biitachuuf

  7. Xaaliyaan uggura keessaa bahuu jalqabde

    Xaaliyaan addunyaarraarratti uggura guutuu labsuun biyya jalqabaa turte.

    Uggura ji'oota lama booda lammiilee biyyattii hojii tokko tokkotti akka deebia'niif hayyamamaa jira.

    Naannawasaaniitti bilisummaadhaan socho'uu danda'u, firoottansaanii gaafachuu, gara paarkiiwwan banamanii deemuufi manneen nyaataarraa nyaata bitachuu danda'u.

    Tilmaamaa namoonni miiliyoona afur ta'an hojitti deebi'aa jiru.

    Biyyattii keessatti namoonni 210,717 vaayirasichaan yoo qabaman 28,884 immoo du'aniiru. Kun ammoo biyyoota Awuroppaa keessaa isa guddaa ture.

  8. Naajeeriyaan sochii dhorkite hanga tokko laaffisuuf

    Naajeeriyaan sochii weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf keessee turte magaalaawwan gurguddoo biyyattii lamaan— Abujaafi Leegos Wixatarraa kaastee banuu akka jalqabdu himteetti.

    Tarkaanfiin dhorkaa ture laaffisuu fudhatamu kun dinagdeen biyyattii kan Afrikaatti guddaa ta’e kufaatiirraa baraaruuf jedhameera.

    Suuqiiwwaniifi gabaan hanga waaree duraatti banamanii kan turan yoo ta’e namoonni hojiitti deebiyu jedhamee eegama.

    Haata’u malee, ummanni walitti qabamuufi saatii kaawwameen alatto socho’uun akkuma dhorkametti itti fufa. Manneen barnootaafi bakkawwan waaqeeffannaas akkuma cufataniin turu. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii torban darbe keessa baayyee dabaluun 2,558 irra kan ga’e yoo ta’u 87 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

    Magaalaan Leegos giddu-gala weerara dhibee kanaa ta’uudhaan waliigala namoota qabaman keessaa 1,068 agaalaa sanarraati.

  9. "Yeroo mana ooluuf dirqamneetti ululleen miiltoo jireenyaa nuuf taate"

  10. Tiraamp talaalliin koronaavaayirasii bara kanatti ni qophaa’a jedhe

    Pirezdaantiin US Doonald Tiraamp bara 2021 dura biyyi isaanii talaalli koronaavaayirasii akka qabaattu nan amana jedhe.

    “Talaallii gara dhuma bara kanaatti akka qabaannuu abdii guutuun qaba,” jechuun ibsa midiyaaleef kennaniin dubbataniiru.

    Saayintistoonni addunyaa talaallii dhibee kanaa hojjechuuf caraaqqii taasisaa kan jiran yoo ta’u, oggeessoti hedduu garuu talaallliin kun uummataaf kan dhiyaachuu danda’u tarii bara 2021 keessa ta’a jedhu.

    Tiraamp yeroo talaallii kan tilmaamuun goorsitoota fayyaa isaaa caalaa akka beeku waan amane fakkaata.

    “Ogeessoti fayyaa ‘kana jechuu hin qabdu ‘ jechuu danda’u . Ani waanan yaadu na dubbadha,” jedheera.

  11. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasni keenya kallattii oolmaa biyyaafi addunyaa irraa hubattan kan Caamsaa 04, 2020 jalqabeera.

    Aagaa Dhaga'aa!!

  12. Raashiyaatti lakkoofsi guyyaatti vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira

    Wayita ammaa yeroo biyyoonni kaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniifi du’anii gadi bu’aa adeemu, biyyoota kaan keessatti ammoo garmalee ol ka’aa jira.

    Raashiyaan erga weerari koronaavaayirasii kanaa eegale kaasee, yeroo jalqabaatiif guyyaatti lakkoofsa namoota haaraa qabamanii olaanaa 10,000 ol galmeesifte.

    Baayyiinni lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman kunis kan galmaa’e Mooskoo keessatti yoo ta’u, hanga ammaatti namoonni 1,280 vaayirasichaan du’u himama.

    Ministirri Mummee Raashiyaa Mikhaal Mishustin kan guyyaa Kamisaa Covid-19n qabamusaa beeksiise hospitaalaatti wallaanamaa hojjataa jira jedhame.

    Aanga’oonni biyyattis Mooskoo keessatti qofaa guyyaatti namoota 40,000 qorachuun tatamsa’ina dhukkubichaa hiriisuuf yaalaa jiru.

    Aanga’oonni akka jedhaniittis wallakkaan namoota haaraa adda baafaman kunneenis kan oggeessotafayyaatiin adda baafaman dabalatee heddusaanii mallattoo dhukkubbii kan hinqabneedha jedhan.

    Raashiyaan ammaan ta’a namoota vaayirasichaan qabaman waliigalaa 134,687 qabaachuu ragaan Yunivarsitii Joon Hopkons irraa argame ni mullisa.

  13. Dhukkubsattoonni Covid-19 dhibee kaleetiif saaxilamoo ta'uun himame

    Ragaan haaraa tokko namoota Covid-19n qabamanii hospitaalota Inglaand, Weels fi Ayeraaldi Kaabaa keessatti wallaanamaa jiran 2,000 ol dhukkubni kalee mudachuu mullise.

    Hunda isaaniifiyyu lubbuun akka turan gargaaruuf wallaansa addaafi meeshaa addaatu barbaachisee ture jedheera qorannoon kun.

    Mooriis barataafi weellisaa yoo ta’u, guyyoota 22f ventileetarin gargaaramaa turuu dubbata.

    BBC’tti akka himeetti: ‘‘Kaleen kiyya yeroo baayyee hojii dhaabe ture. Wanti namoonni hubachuu dadhabaniis dhukkubichi rakkina sombaa qofaa miti, qaama gara biraattis ni darba.’’

    Dr Giraahaam Lipkin Waldaa Renetaal jedhamurraa akka jedhaniitti: ‘‘Vaayirasichi caasaawwan kalee isa xixiqqoo keessatti argamuu ni danda’u.’’

    ‘‘Haala qallina dhiigaalleen miidhuu danda’a. Sababii kaleen keenya hiddawwan dhiigaa qaqaloon kan guutame ta’eefuu, dhiiga sababii vaayirasichaatiin furdate sanaan dhiphachuun hojii dhaabuu eegala.’’

  14. Singaapooriitti Covid-19 hojjattoota baqattootaa irratti akka baayyatu himame

    Biyya Singaapoor keessatti waliigalaan namoonni 18,205 koronaavaayirasiin qabamusaanii himameera.

    Ministirri Fayyaa biyyatti Dilbata har'a akka beeksiiseetti, irra caalaan namoota vaayirasiin kun argamees hojjattoota baqattootaa kanneen kutaawwan jireenya keessa jiraatan irratti.

    Kanaan dura namoonni 17 vaayirasii Kanaan du’unsaanii kan himame yoo ta’u ammatti wan haaraan himamee hinjiru.

    Odeeffannoon dabalataas har'a waaree booda kan gadhiifamu ta’u waajjirri minisitraa kun beeksiiseera.

    Baatii darbe keessas biyyattiin weerarri vaayirasichaa iddoowwan industiriifi dormiiwwan jireenyaa walitti sissiqanii jiran keessatti akka baayyatu himte turte.

    Hojjattootii galii gadaanaa qabaniifi irra caalaan isaanii biyyoota Kibba Eeshiyaa irra ta’an gara 300,000 Singaapoor keessa hojiiwwan ijaarsaafi suphaa irratti hojjatu.

  15. 'Biriteenitti Covid-19 adii caalaa dacha sadiin warra gurrachota ajjeesaa jira

    Inglaand fi Weels keessatti lakkoofsi lammilee gurraachoota koronaavaayirasiin du’anii harka sadiin kan warra adii akka caalu qorannoon agarsiise.

    Akka Dhaabata Qorannoo Diinagdeetti (IFS) nannooleen namootni hidda Afrikaa irraa ta’an hedduminaan jiraatan Covid-19’n caalaatti miidhamaniiru.

    Ta’us giddugalaan yeroo ilaalamu baayyeen isaanii dargaggoota waan ta’aniif miidhaan isaa xiqqaachuu qaba ture.

    Qorannoon kun akka mul'isetti lammileen sanyiin guraacha, Eeshiyaafi sanyii biroo ta'an akka biyyattitti harka caalaan du’aa jiru.

    Erga odeeffannoo umurii, korniyaafi bakka jireenya walitti qabatee booda qoronaannoon kun, lakkoofsi lammilee Biriteen sanyii gurraachaa Afrikaa dhibeee kanaan du’an kan lammilee adii Biriteen dacha sadiin akka caalu tilmaameera.

    Akkasumas, duuti lammilee sanyii gurraacha Kariibiyaaniirraa ta’an harka 1.7 kan guddatu ta’uufi kan sanyii Paakistaanirraa ta’an ammo harka 2.7 kan guddatu ta’uu ibseera.

    Akka qorannoo IFStti bakkaafi lakkoofsaan yeroo ilaalamu lammileen sanyii kunneen irraa ta’an hospitaalota kessatti ‘akka malee’ du’aa jiru.

    Dhimma kanarattii deebiifi qorannoon mootummaa irraa eegamaa jira.

    Biriteen keessatti dubartoota gurraacha Afrikaa keessa %20 kan ta’an tajaajila ummataafi fayyaa keessa hojjatu.

    Gabaasi BBC News’ akka agarsiisutti hojjatoota fayyaa 135 dhibee kanaan du’an keessaa 84 sanyii kunneen keessa jiru.

    Kunneen keessaa ammoo 29 gurraachota Afrikaa, 26 Eeshiyaa Kibbaa, 23 Eeshiyaa Baha afur ammoo Araboota turan.

  16. Amma nu gahe, Warreen hospitaalatti wallaansarra jiraniifi hordoffii manaa manatti taasifamuun namoota lamarratti Covid-19 argame

    Namoota hospitaalatti wallaanamaa jiraniifi hordoffii manaa manatti taasifamaa jiruun saamuda fudhatameen namoota lama irratti koronaavaayirasiin argamuu ministeerri fayyaa Itoophiyaa beeksise.

    Lammii Itoophiyaa umuriin isaa ganna 49 jiraataa Baatuu ta'eefi Finfinneetti wallaansa fayyaarra jiruu saamuda fudhatameen Covid-19 irratti argameera.

    Dubartiin umuriin ishee waggaa 45 taate ammoo naannoo Kibbaa Godina Silxeetti hordoffii manaa manatti taasifamuun saamuuda fudhatamee qoratameen koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa'eera.

    Namoota 1,560 sa'aatii 24 darban keessa qorataman keessaa warreen dhibeen kun irratti argame lamaanuu seenaa imala biyya alaa hin qaban.

    Gama biraatiin ammoo Diree Dhawaatti namoonni jahaa dhukkuba kanarraa kan fayyan yoo ta’u, walumaa galatti lakkoosfsi namoota bayyanatanii 75 qaqqabuu isaa Dr Liyaa Taaddasaa beeksiisan.

  17. Ispeen geejiba ummataarratti maaskii kaawwachuun dirqama jette

    Ispeen mana keessa turuu waljalaan laaffisaa kan jirtuu yoo ta’u, Wiixata irraa kaasee geejiba ummataa kamirrattuu maaskii kaawwachuun dirqama ta’uu beeksifte.

    MM biyyattii Pedroo Isaancheez akka jedhaniitti, mootummaan bakkeewwan geejiba ummataa gurguddaatti maaskiiwwan miliyoona jaha, akkasumas miliyoona torba kan biraa ammoo aanga’oota naannootiif kan kennu ta’uu himan.

    Ispeen keessatti erga torbeewwan torba darbanii asiitti yeroo jalqabaatiif gaheessoonni manaan lalatti sochii qaamaa taasisuu danda'aniiru.

    Mana keessa turuu daa’imman umuriinsaanii waggaa 14 gadiittif torban darbee laaffiifamee ture.

    Biyyoota Awurooppaa keessatti mana keessa turuun wal jalaan laaffifamaa jiraatulleen faageenya eegachuu garuu ammallee hojjiidhumarra oolfamaa jira.

    Biyyoonni tokko tokkos suuqiiwwaniifi bakkeewwan geejiba ummataatti maaskii kaawwachuuf akka dirqamaatti kaa’aniiru.

    Xaaliyaaniin biyyoota Awurooppaa lammiilee baayyeen Covid-19n dhabde yoo taatu, UK ammoo itti aante argamti. Ispeen ammoo sadarkaa sadaffaarraatti argamti.

    Haata’uu malee, ogeessonni biyyoonni haala walfakkaatuun galmeessaa waan hinjirreef dhugaan kanaan adda ta’u akka maluu ni dubbatu.

    Lakkoofsi UK akka mulisuutti, namoonni dhibba hedduun lakkaa’aman ammalleen guyyaa guyyaan Covid-19n miidhamaa jiru.

    Gyyaa Sanbataa qofaa UK keessatti namoonni 621 du’usaanii beeksiifte jirti.

  18. Fageenya eeggachaa attamiin waliin jiraachuun danda'amaa?

    Malawwan tatamsa'ina Covid-19 hirrisuun ni gargaaru jedhamanii akka ummanni hojiirra oolchuuf jajabeeffaman keessaa tokkoo waliirraa fagaaachuudha.

    Kunis bakkeewwan namoonni itti baayyatan kan akka lafa atobiisiifi taaksiin itti eegatamuuf lafa gabaatti, yoo xinnaatee tarkkaanfii miilaa lama waliirraa fagaachuun akka dhaabbatan ni jajjabeefama.

    Akkasumas, bakkeewwan cidha, afoosha, sirrni awwaalchaa rawwatamaniifi kkf. ttis akkasuma namoota irra fagaachuun ofiifi maatii ofii dhukkuba kanarraa baraaruuf gahee olaanaa qabaata.

    Kana malees, harka wal fuudhuun karaa vaayirasiin kun ittiin darbu tokko waan ta'eef kanarraa of qusachuun barbaachisaa ta'uu oggeessoonni fayyaa cimsanii gorsu.

    Dabalataaf suuraa asiin gadii milladhaa!

  19. Amma nu gahe, Pirezidaanti Isaayyaas maree dhimma guyyaa lamaatiif Itoophiyaatti qajeelan

    Tibba kana argaan isaanii dhabamee kan ture Pirezedaantiin Ertitaa Isaayyaas Af-warqii Ministirra Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin kora guyyaa lamaa gaggeeffachuuf gara Itoophiyaatti imaluu isaanii Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana Gabramasqal fuula tiwiitera isaaniirratii beeksisan.

    Gaggeessitoonni kunneen lamaan dhibee Covid-19 yaaddoo addunyaa ta'ee jiru, weerara hawaannisaafi dhimmoota naannoo irratti xiyyeeffachuun ni mariyatus jedhameera.

    Pirezedaanti Isaayyaas waliin Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Osmaan Saalehif gorsaan pirezedaantichaa Yamaanee Gabraab waliin akka jiran ibsi tiwiiterichaarraa hubachuun danda'ameera.

  20. 'Konkolaataan Kaampaaniiwwan Chaayinaan oomishan dhuguma farra-vaayirasii' qabu?