Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti namoonni haaraa 17 Covid-19n qabaman
Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 1382f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste oggaa tahu, namoota 17 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa beeksise.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Tamsaasa kallattii Caamsaa 06, 2020
Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?
Biyyiifi addunyaan akka itti jirtu jala jalaan hordofnee oduun qixeessinee isin biraan ittiin geenyu jalqabeera.
Qe'ee baadiyaa kana daawwachuu odeeffannoo argadhaa!
Aaga Dhaga'aa!!
Xumurre!
Gabaasa kallattii keenya kan har'aa asumarratti goolabne.
Boru deebina, isinis deebi'aa koottaa!
Hangasitti nagaan turaa!
Daa’imni ganna shanii konkolataa otoo konkolaachisuu qabame
Ameerikaa bulchiinsa Yutahaa keessatti daa’imni ganna shanii doolara sadii qofa qabu konkolataa Lamborginii bitachuuf imalarra akka ture hime.
Daa’imni Adiriyaan jedhamu pooliisiin karaa guddaarratti warra jalaa miliqee otoo konkolaachifatu dhaabsise.
Poolisiin tiraafikaa luugama konkolaatarratti daa’ima arge hedduu rifachuu hime.
Haatii koo konkolaataa gatiin qaalii naaf bitu didde, kanaaf jechan Kaaliforniyaadha bitachuuf murteeffadhe jedheera daa’imni xiqqaan ganna shanii kun.
Konkolaattoonni modeela daa’imni kun bitachuu barbaadu yoo xiqqaate $180,000’n bitamu.
Daa’imni kun garuu doolara sadii qofa harkaa qaba.
Adiriyaan daqiiqa shaniif konkolaachisaa ture, miidhaan qaamaa daa’ima kanarras hin geenye.
Haatiif abbaa daa’ima kana garuu wayita sanatti bira hin turre, iddoo hojiif bakka biraa turan.
Daa’ima kana obbolaan isaa akka eeganiif warri manatti dhiisanii turan.
Maatii daa’ima kanaas himachuufi dhiisu ogeeyyiin seera naannichaa ammaaf hin murteessine.
Daandii Qilleensaa Iraan Baha Giddu galeessatti COVID-19 akka tamsa’u godheeraa?
Iraan keessatti namoonni sababa COVID-19 du’aa jiran dhagaahamus daandii qilleensaa kun bakka dhoorkaan mootummaa jiru Baha Giddu galeessaa keessatti tajaajila kennuu itti fufuusaa qorannoon BBC kutaa Afaan Arabaa mul’ise.
Daandii qilleensaa Mahaan eega dhoorkaan balalii taasifameen boodas gara Chaayinaa fi biyyoota Baha Giddu galeessatti balali’aa ture.
Iraaq, UAE fi Siiriyaan daandii qilleensa kun garasaaniitti balali’uusaa akka itti fufu hayyamaniiiru.
Maddi daandii qilleensaa arganne BBC’tti akka himetti hojjattoonni balalii hedduun mallattoo koronaavaayiras mul’isuu isaanii fi hojjattoonni yaaddoo kaasan akka hin dubbanne taasifamaniiru jedha.
Koronaavaayirasiin ‘lubbuu koo oolche’
Suudan gabaa jijjiirraa warqee jalqabuufi
Suudan gabaa gurgurtaa warqee gatii idil addunyaatiin wal gitu jalqabuufi.
Suudan Afriikaa Kibbaa fi Gaanatti aanuun warqee omishuudhaan sadarkaa sadaffaarratti argamti. Bara 2018 keessa tilmaamaa warqee toonii 93 omishteetti.
Sababa gatii gaariin biyya alatti gurguramuuf waggoota hedduuf warqeen biyyattii seeran alaan gurguramaa ture.
Kunis tarkaanfii yeroo dhihoo diinagdee biyyattii sochoosuuf mootummaadhaan fudhatamedha.
Mootummaan ceehumsaa hanqinna boba'aa fi daakuu gara biyya keessaa galuu jiru furuuf carraaqqii taasisaara. Qaala'iinsi jiru %80 dabaleera.
Yeroo ammaatti hanqinni jijjiiraa maallaqa alaa kan mudhate yoo ta’u doolaarri Ameerikaa gabaa gurraachaatti hamma baankiitti jijjiiramuun harka lamatti jijjiiramaa jira.
Keeniyaan sababni balaa xiyyaaraa Somaaliyaa hatattamaan haa qoratamu jette
Mootummaan Keeniyaa sababa maaliin xiyyaarri meshaalee waldhaansa Koroonaavaayirasii qabattee imalarra turte akka kufte hatattamaan akka qoratamu Somaaliyaa gaafatte.
Ragaaleen mirkana ta'uun isaanii hin baramne rukutamtee akka kufte gabaasaa jiru.
Kaleessa gara galgalaa xiyyaarri namoota jaha qabattee Kibba Lixa Somaaliyaatti kufte, meeshalee Ittisa Koronaaf gargaaran kan feete yoo t'u qabeenyummaan ishee kan Keeniyaati.
Ibsa Ministeerri Haajaa Alaa Keeniyaa har'a baaseen Somaaliyaan fi Dhaabbileen idla addunyaa biroon dhimmicha saffisaa fi gadi fageenyaan akka qoratan akeekkachiiseera jechuun Rooyitarsi gabaaseera.
Sun ta'uu dhabuun yeroo akkaan barbaachisaa ta'e kanatti sochii deeggarsa namoomaa danqaas jedheera.
Ibsa kan biraa baaseen ammoo Pireezidantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii hojjettootni Aviyeeshinii Somaaliya michoota isaanii Keeniyaa waliin ta'uun balaa kana akka qoratan ajajaniiru jechuun ibseera.
"Hojiin paarlamaan hojjete hojii seeraa miti" - Jawaar Mohaammad
Naayiroobiitti manneen jireenya diigamuun harka qal'eeyyii kumaatama dawoo dhabsiise
Magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii iddoo Kaaribaangi jedhamutti mootummaan manneen namoota harka qal'eeyyii diigsise.
Poolisoonni ajajni mana murtii otoo hin kennamiin diigsisan.
Qaamonni tika mootummaa manneen mandara hiyyeeyyii walitti rukkatanii ijaaraman kun akka diigaman qindeessaniiru.
Jiraattoonnis garuu otoo bahaallee jedhanii nutti hin himne nurraatti diiganii jedhanii komatan.
Wayita Keeniyaatti weerarri koronaavaayirasii lubbu namoota 24 dabarsuun, namoota 535 qabe kanatti namoonni akka mana akka turan mootummaan gorsaa jira.
Afrikaa Kibbaatti talaalliin dhukkuba sombaa koronaavaayirasiif yalamaa jira
Ogeeyyiin fayyaa 500 talaalli BCG jedhamu dhukkuba TB'f kennamaa ture koronaavaayirasiif yaalii taasifamu kanarratti hirmaatu.
Walakkaan isaanii talaallicha lilmoodhaan waraannatu, kan hafan ammoo qorsa sobaa fakkeeffamee tolfame 'placebo' fudhatu.
Lakkoofsa namoota qo’annoo kanarratti hirmaataniis gara 3,000 ol dabaluuf karoorfameera.
Talaallin dhibee sombaaf akka hin saaxilamne daa’immaniif kennamaa ture kun daa’immaan dhibee hargansuu akka Asmii fi kanneen biroof akka hin saaxilamne ittisurratti bu’a qabeessa ture ogeessi qo'annoo Pirofesar Andiriyaas Diyaakon AFP'tti himanitti.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu talaalliin dhukkuba sombaa ittisuuf kennnamu koronaavaayirasii ittisuu ragaan mul’isu hin jiru jedheera.
Qoricha madinummaa daa’immanii cimsuuf kennamu kanas akka dhabamuu maluuf yaaddoo uumuun garuu dhaabbaticha ammas yaaddesseera.
Nama vaayirasicharraa ittisuun isaa ragaan qubsaan dhabamus garuu namoonni waa’ee talaalli kana toora intarneetirratti barbaadan dabalaa jiru.
Keeniyaatti sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 45 COVID-19 qabaman
Qorannoo sa'aatii 24 darban keessatti namoota 1,077 irratti taasifameen namoonni dabalataa 45 koronaavaayirasiidhaan qabamuusaanii Ministirri Fayyaa biyyattii ibseera.
Lakkoofsi kunis namoota hamma ammaatti qabamanii gara 535'tti ol guddiseera.
Gama biraatiin namoonni sagal guyyaa kaleessaa kan bayyanatan yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota bayyatanii 182 akka gahu taasiseera.
Kun kanaan osoo jiru qorattoonni biyyattii qorichoota gosa sadi yaala vaayirasichaaf oolchuuf hayyama mootummaa eegaa jiru.
Qorichoonni yaaluuf jedhan qoricha 'remdesivir' jedhamu Iboolaaf tolfame, Haayidirooksikilorookin kan busaa wal'aanuuf tolfame akkasumas lopinaavir/ritoonaavir kan HIV wal'aanuuf qophaa'anidha.
Qorattoonni qorichoota kana dhukkubsattoota irratti yaaluuf qaama mootummaa biyyattii dhimmichi ilaallatu irraa hayyama eeggachaa jiru jedha gaazexaan biyyattii 'the daily nation'.
Paarlaamaan keewwatoota heeraa sadiirratti hiikni dabalataa akka kennamu murteesse
UStti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii guyyaatti 3,000 qaqabuu mala
Ameerikaatti du'aatiin sababii koronaavaayirasiitiin mudatu baatii Waxbajjii ikeessa guyyaatti 3,000 qaqabuu akka danda’u, gabaasa bulchiinsa Tiraampi eeruun 'New York Times’ gabaase.
Kunis baayyina wayita ammaatti du’aa jiran 1,750 caalaa parsantaa 70n dabala jechuudha.
Raaguun kunis modeelingii Eejjansii Bulchiinsa Balaa Tasaa Federaalaa irratti hundaa’eedha.
Akkasumas, odeeffannichi dhuma baatii Waxabajjiitti namoonni haaraa 200,000 ta’an guyyaan vaayirasichaan akka qabaman raageera.
Kun ammoo kan yeroo ammaa kana irratti 25,000 dabalaa jechuudha.
Odeeffannoon kunis wayita wallakkaan bulchiinsoota US uggura laaffissaa jiranitti kan dhufeedha.
Suuraaleen Filoridaa irraa argaman akka agarsiisaniitti namoonni hedduun qarqara lagaatti walitti qabamuun jireenya idle wayita jiraatan agrasiisa.
Wayita ammaa kanattis Ameerrikaatti namoonni 1,180,332 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni 68,920 ammoo dhibee kanaan lubbusaanii dhabaniiru.
‘Sababa maaskiin’ maatiin US wardiyyaa ajjeesan
Amma nu gahe, Namoota shan har’a Covid-19 irratti argame keessaa tokko daa’ima waggaa saddeetiiti
Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessa namoota 1,047f qorannoo koronaavaayirasii taasifameen, namoota shan irratti argamuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, isaan keessaa tokko daa’ima waggaa saddetii nama kanaan dura dhibeen kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qabdudha.
Namoota shanan har’a Covid-19 irratti argame kana keessaa dubartiin jiraattuu Finfinnee umuriin ishee waggaa 75 taate ammoo dhibee kanaan lubbuun darbeera.
Dubartiin kun seenaa imalaa kan hin qabne yoo taatu, saamuda dhukkubsattoota hospitaalatti wallaanamaa jiranirraa fudhatameen akka dhibeen kun irratti argame kan mirkanaa’e.
Dubartiin umuriin waggaa 19 Oromiyaa Baatuurraa warra har’a koronaavaayirasiin irratti argame kessatti argamti.
Kanneen lamaan ammoo dargaggoota naannoo Affaaritti Jabutiirraa deebiyanii bakka adda baafamanii turan keessatti argamanidha.
'Wanti na himachiisu waan hin turreefan gadhiifame'
WHO'n kanneen dawaa saayinsiin hin mirkanoofne fayyadaman akeekkachiise
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) namoonni dawaa aadaa kan koronaavaayirasii fayyisuun isaa qoratamee saayinsiin hin mirkanoofne irra abdiisaanii akka hin keenye akeekkachiise.
Akeekkachiisi WHO kun erga biyyoonni Afriikaa dawaa covid 19 jedhanii Madagaaskaar irraa bituu eegalanii kan dhagahameedha.
Pirezidaantiin Madagaaskaar dawaan aadaa koronaavaayirasii irraa nama fayyisu argameera jedhanis garee qorattootaatiin garuu kan mirkanaa'e miti, wiirtuun barnoota fayyaa biyyattiillee irratti walii hin galle.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akka jedhetti biyyoonni dawaa aadaa qoricha farra covid 19 argachuu keessatti gumaachuu danda'an akka dhiyeessan deggerus, osoo haalaan hin qoratamin hojiirra oolchuun garuu sirrii miti jedheera.
Pirezidaantiin Madagaaskaar Andry Rajoelina ji'a darbe ture gosa biqiltuu ' artemisia' jedhamurraa dawaa covid 19 qolatu argachuu kan ibsan, Namoota 20 hin caallerrattis yaalii gaggeessaniiru.
TPLF sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf murteesse
Addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii 250,000 darbe
Lakkoofsi namootaa dhibee koronaavaayirasiin du’aanii addunyaarratti 250,000 darbeera akka gabaasa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsitti.
Ameerikaatti lakkoofsi namoota du’anii 69,000 yoo ta'u addunyaa irratti tokkoffaadha. Xaaliyaanitti namootni 29,000 ol du’anii UK’n ammoo 29,000tti dhiyeechaa jira.
Lakkoofsa namoota du’aniii biyyootan maadaluun ni cima sababiin isaas biyyootiin du’aatii dhibee kanaa kan gabaasan mala adda addaatiin – fakkeenyaaf kan hospitaalatti du’an qofa kan gabaasan jiru.
Hanqinnii qorannoo vaayirasichaas biyyootii hedduutti rakkoodha, kanaaf tatamsaa’inaa vaayirasii kanaa isa sirrii dhoksuu danda’a.