Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti namoonni haaraa 17 Covid-19n qabaman
Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 1382f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste oggaa tahu, namoota 17 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa beeksise.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Paarlaamaan Itoophiyaa ya'ii isaa eegale
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii isaa bara hojii shanaffaa walgahii addaa sadaffaa Masaraa Ministeera Muummee keessatti gaggeessuu eegaleera.
Paarlaamaan ooltii isaa kanaan Filannoo biyyoolessaa Hagayya dhufu gaggeefamuuf qabamee tureefi sababa Koronaavaayirasiin milkeessuun hin dandamne irratti mariyachaa jira.
Boordiin Filannoo, Filannoo Biyyaalessaa sagantaa qabameen gaggeessuun akka hin danda’mne beeksisuu hordofee qaawwa heeraa mudate furuuf yaadni furmaataa afur dhiyaateera.
Isaanis:
1. Mana Maree Bakka Bu’oota Uuummataa diiguu
2. Labsii yeroo muddamaa labsuu
3. Heera biyyattii fooyyeessuufi
4. Hiikaa seeraa gaafachuudha.
Manni Maree Bakk Bu’oota Uummataa yaada furmaataa dhiyaatan kana irratti karaa koreewwan dhaabbiifi kaaniinis mariyatee murtee dabarsa jedhamee eegama.
Ministirri dhimma hojjettootaa Niijeer koronaavaayirasiin du'an
Ministirri Dhimma Hojjettootaa Niijeer Mohammad Ben Omar koronaavaayirasiin du'uu Miidiyaan biyyattii gabaase.
Paartiin isaanii kan 'Social Democratic Party' jedhamu maanguddoon ganna 55 magaalaa guddoo biyyattii Niyaamii keessatti hospitaalatti akka du'an ibseera.
Paartichi garuu jalqaba sababa isaan ittiin du'an hin ibsine ture.
Qondaalli siyaasaa kun bara 2017 irraa eegalanii Ministira Dhimma Hojjettootaa ta'uun tajaajilaa turan.
Hanga ammaatti Niijeer keessatti namoonni 755 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u, 37 ammoo vaayirasichaan du'aniiru.
Bineeldi koronaavaayirasii namatti dabarse beekamuu dhiisuu mala
Kaambodiyaan torbanootaaf namni vaayirasiin qabame akka hinjirree gabaafte
Biyya Kibba-baha Eshiyaa kan taatee Kaamboodiyaan torban sadiif walitti aansee namni haaraa vaayirasiin qabame akka hinjirree gabafte.
Akkasumas, biyyattiin baayyina lakkoofsa namoota vaayirasicharraa bayyanatanii olaanaas galmeessaa jirtiu.
Namoota vaayirasiin qabaman 122 keessaa 120 kan bayyanatan yoo ta’u, kan du’ee hinjiru.
Haa ta’u malee, lakkoofsi gadaanaan kunis haala qabatamaa biyyattii dhugaan kan agarsiisu haa ta’u ykn qorannoo baayyee xiqqaan haa gaggeefamu hibaramne
Akka ‘Phnom Oenh Post’ jedhuutti ammoo namoota gara 12,304 ta’u qoratameera. Lakoofsi ummata biyyattii miliyoona 16dha.
Biyyattiin lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamee baayyee gadaanaa ta’ullee ammas of eegannoon jiraataa jirti. Haaluma kanaanis manneen barnootaa, eddoowwan bashannanaa, nammeen tiyaatiraafi bakkeewwa dhugaatii akkuma cufamaniitti akka turaniif murtaa’eera.
Talaallii Covid-19 argachuuf addunyaan ‘walitti dhufuu qaba’
US doolaara tiriliyoona 3 liqeeeffachuuf
Ameerikaan ittisa weerara koronaavaayirasiif doolara tiriliyoona sadii liqeeffachuuf akka jirtu beeksifte. Maallaqni liqeeffachuuf jettu kun sirna fayyaa biyyattiin jabeessuufi dinagdee sababa weerara kanaatiin miidhame tumsuuf jedhameera.
Maallaqni guddaaamma liqeeffatamu kun yeroo rakkoo dinagdee bara 2018tti liqii fudhatame harka shaniin caala.
US maallaqa kan liqeeffattu boondii mootummaa gurguruunidha. Seenaa keessatti inveestaroota addunyaan akka inveestimantii gaariitti waan ilaalamtuuf dhala liqii xiqqoo baasti ture.
Liqiin biyyaalessaa US ammatti doolaara tiriliyoona 25 irra ga’eera.
Garuu koroonaavaayirasii durayyu, gatiin liqii biyyattii irra jiru kan dabalaa deeme sadarkaa fulduratti rakkoo guddinaa fidudha jedhu oggeesotni, sababiin isaa biyyattiin galii argattu irraa baasiin ba’u waan caalufi.
Hordoftoota BBC Afaan Oromoo walitti deebineerra.
Tamsaasa keenya kallattii kan Caamsaa 05, 2020 kunoo jalqabneerra.
Oduu biyya keessaafi addunyaan itti jirtu akka isiniif ta'utti argachuuf marsariitii keenya milladhaa.
Olmaa Gaarii isiniif hawwiina.
Goolabne!
Gabaasa kallatti har'aa asumarratti goolabne!
Gadi dabarsuun waan isin biraan gahaa oolle argachuu dandeessu.
Boru walitti deebina, nagaan bulaa!
Moqdishuutti weerarri koronaavaayisii hammaataa jira jedha kantiibaan magaalattii
Somaaliyaatti torban lama keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dacha sadiin dabale.
Kantiibaan magaalaa Moqdishuu torban lama keessatti namoonni 500 ol du’uu ogeeyyiin fayya galmeessuu haasa'an.
Harki caalaan vaayirasichaan du’ani jedhan.
Ebla 19 irraa eegale guyyaatti namoota 17-49 guutanitu du’a.
Haata’u malee, akka biyyaatti namoota 722 vaayirasichaan qabamuufi namoonni 32 du'uutu gabaafame.
Ogeeyyiin fayyaa magaalichaa lakkoofsi dhukkubsattootaa dabalaa adeeme jedhan.
Mootummaan Federaalaa vaayirasichi otoo hin baramiin hawaasa keessa tamsa’uusaa akeekkachise ture.
Madagaaskaar qoricha Covid19 argatteen 'yaala kilinikaalii' eegalufi
Pireezidantiin Madagaskaar biyyattiin qoricha COVID19 biqiltuu 'Artemisia' jedhamurraa argadhe jette dhukkubsattoota irratti yaaluu akka eegaltu himan.
Andirii Rajo'eliinaa yaaliin kilinikaalii torbee dhufu eegala jedhan.
Lammileen Madagaskaar biqiltuu 'artemisia' jedhamu akka dhaabanis dhaamaniiru.
Saayintiistota Ameerikaa qunnamanii qorannoo qoricha kanaarratti waliin hojjechaa jiraachuus pireezidant Rajo'eliinaa himaniiru.
Pireezidantichi qoricha bifa dhugaatiin qophaa'e 'Covid-Organics' jedhamu kanaaf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beekamtii akka kennuuf gaafachuus himaniiru.
WHO'n ibsa barreeffamaan BBCf ergeen namni kamuu "manatti qorichaa kamiinuu akka of yaalu hin gorsinu," jedheera.
Dhugaatiin Madagaskaar COVID19f qoricha jette kun biyyoota Afrikaa akka Giinii-Bisaawu fi Ikuwaatooriyaal Giiniif ergameera.
Pireezidantiin Tanzaaniyaa Joon Magufuuliis qoricha kana fudhachuuf xiyyaara gara Madagaskaar erguu himanii turan.
Amma dura qorichis ta'e talaalliin koronaavaayirasii saayinsiin mirkanaa'e hin jiru.
Biyyooti Afrikaa warra kamtu Covid-19 caalatti qorataa jira?
Kutaan bulchiinsa Chaayina seera lammiilee biyya hambaa miidhaarra tiksuuf baafame raggaasifte
Kutaan bulchiinsa kibba Chaayinaa Guwaandoong seera loogii lammilee biyyoota biroo hambisa jettu raggaasifte.
Keessattu tajaajila geejjibaa, hospitaalaa fi tajaajila biroo sagal irratti loogii qaqqabu ittisuuf ta'uutu ibsame.
Geejjibni taaksii hawaasa biyyatti deddeebisu lammilee biyyoota biroo hin fe’u jechuun seera biyyattiin nama adabsiisa.
Waliigatee mana kiraas diiguun seeraan nama adabsisa.
Lammileen hidda dhalata Afrikaa kutaa bulchiinsa Chaayinaa Guwaanzhuu jiraatan haleellaan sanyummaa nurra qaqqaba jira, iddoo jiraannuu baafama jirra jechuun karaatti bahanii iyyataa turan.
Lammileen Afrikaa hedduun jibbisa sanyummaa namoota hidda dhala Afrikaa qaban hedduurra qaqqabuu gabaase.
Haalli qabiinsa lammilee biyyoota biroo Chaayinaa jiraatanii kan yaaddeessa ta’es weerara koronaavaayirasii marsaa lammaaffaaf biyyatti keessatti fiduuf ka’umsa ta’aa jiru himannaan jedhu erga irratti dhiyaate booda ture.
Jidduutti ammoo ittisa koronaavaayirasii keessatti wantoota dagatamuu hin qabaannee keessaa:
Koronaavaayirasiin addunyaa guutuu raasaa jiru kun ammatti qoricha irraa nama fayyisuu kan saayinsiin mirkanaa'e hin arganne.
Kanaafuu, vaayirasiichaaf akka hin saaxilamneef gorsawwan oggeessonni fayyaa gorsan qalbeeffachuun baay'ee barbaachisaa ta'a.
Gorsawwan sochiiwwan guyyaa keenya keessatti akka hin dagannee gorfamnu keessaa muraasni kan asiin gadiiti.
Raashiyaatti guyyaa lammaffaaf guyyaatti namoonni kuma 10 ol vaayirasiin qabaman
Raashiyaatti guyyaa tokkotti namoonni 10,581 Covid-19n qabamun isaanii mirkanaa’u aanga’oonni biyyattii beeksiisan.
Kunis lakkoofsa namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii 145,268 geesiseera.
Biyyattiin har’a guyyaa tokkichatti namoonni kuma 10 ol qabamu wayita beeksiiftu kun guyyaa lammataati.
Baayinni namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaamun isaanii mirkanaa’e kunis kan biyya Chaayinaa, Tarkiifi Iraan caaleera.
Torban darbe keessa Ministirri Mummee biyyattii Mikaa’il Mishustiin koronaan qabamuunsaa mirkanaa’u gabaafamee ture.
Kanaan wal qabatees pirezidaantiin biyyattii Vilaadmiir Puutiin sadarkaa biyyaaleesaatti hanga Caamsaa 11’tti hojiin akka dhaabbatuuf yeroo dheereessuun, Magaalaa guddittii biyyattii Moskoo keessatti ammoo uggurri akka itti fufu murteessaniiru.
Aanga’oonnis ummanni manuma keessa akka turaniif jajabeessaa jiru.
Barakat Simoonii fi Taaddasaa Kaasaa irratti manni murtii balleessaa mure
Qondaala olaanaa mootummaa kan turan obboo Barakaat Simoon qabeenya mootummaa malaammaltummaan qisaasessuun himannaan irratti dhiyaate ture.
Galmee himannaa isaanii irrattis himatamtoonni biroon Obbo Taaddasaa Kaasaa fi obbo Daani’eel Gizaawu irrattis himannaa afur abbaan alaangaa irratti dhiyeessee ture.
Har’a Manni murtii naannoo Amaaraa ragaa namaa fi sanadaa qorachuun himannaa irratti dhiyaate kanaan balleessaa raawwatanii jiru jechuun itti muruusaa sabaa himaan biyya keessa gabaasaniiru.
Himannaa irratti dhiyaate garuu himatamtoonni hin raawwannee jechuun haalaan.
Obbo Daani’eel Gizaawu manni murtii bilisaan gaggeesuus, namoota hafan lamaan iirratti balleessaan murame.
Mannii murtii dhimmoota adabbii hir’isaan dhaga’ee murtii adabbii kennuuf Roobii Caamsaa 6'f beellama qabateera.
Ruwaandaan jiruu idileetti deebi'aa jirti
Weerara koronaavaayirasii to’achuuf labsiin biyyattin guyyota 45'f baafte ammas namoonni halkan akka hin sochoone dhorkuu itti fufeera.
Magaala guddoo Kigaalii seenuu fi keessa bahuun ammas hin eeyyamanne.
Kana malees, Kigaalitti namoonni maaskii keewwachuu fi addaan hiiquun dirqama.
Namoonni hedduun jiruu idileesaanitti deebi’uu eegalutti gammadoodha garuu ,geejjibni hawaasa amma dura namoota fe’aa turan harka walakkaan hir’isaanituma fe’aa jiru.
Wixata kanarraa eegalee daandiin magaala Kigaalii sochii namaatiiin dhiphachuu eegaleera.
Manneen shubbisa halkanii, manneen barnoota fi iddoon waaqeffannaa ammas cufaadha.
Ruwaandaan namoota 259 koronaavaayirasiin qabe jiraachuu ibsitus nama sababa kanaan du’e hin qabdu.
Jibuutiitti lakkoofsi COVID-19 dabaluun naannoo Afaar yaaddesse
'Ululleen ijoollummaatti bare yeroo weeraraa kanatti miiltoo naa taate'
Ogummaan Ijoollummaatti bartan jireenya keessatti yeroo tokko nufayyada jettanii yaaddanii beektuu?
Shawaa kaabaa Kuyyuutti dhalatanii kan guddataniifi amma Ameerikaa naannoo Washington DC kan jiraatan Obbo Daanyaachoo Baayyuu, dandeettiin Ulullee afuufuu Ijoollummaatti bare yeroo rakkoo kanatti nafayyade jedhu.
Imala jireenyaa isaanii magaalaa xiqqoo Kolfee (Biriitii) jedhamtuu hanga Washington DCtti jiru keessattis ululleen isaanirraa adda akka hin baanes dubbatu.
Odeessa barreeffamaan asii dubbisaa.
Amma nu gahe, Namoota shan Covid-19 irratti argame keessaa afur Puntilaandirraa dhufan
Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii namoota 1,758 irrattti taasifameen namoota shan irratti argamuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, afran isaanii dhiirota Puntilaandirraa deebi’anii Jigjigaa bakka adda of baasanii turan keessaati.
Tokko ammoo jiraataa magaalaa Baahir Daar yoo ta’u seenaa imala biyya alaa kan hin qabne, garuu nama dhibee kana qabu waliin walitti dhiheenya kan qabudha jedha ibsi ministeera fayyaa.
Kana ar’aa shanan dabalatee lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee 140 qaqqabeera.