Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waa'ee qoricha Covid19 irraa ariitiin nama bayyanachiisu 'ragaa qabatamaa' qaba - US

Qorichi 'Remdesivir' jedhamu duraan Iboolaa wal'aanuuf fayyadamamaa ture ariitiin Covid19 irraa nama bayyanachiisuu 'ragaa qabatamaa' qaba jette Ameerikaan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UN sochii hawaasaa dhorkuuf biyyoota humna fayyadaman akeekkachiise

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri dhimma mirga dhala namaa wayita weerara koronaavaayirasii kana sochii hawaasaa dhorkuuf biyyoonni humnoota nageenyaa fayyadaman of qusachuu akka qaban akeekkachiise.

    Sodaan uummata sana osoo hin taane vaayirasicha akka ta'etti hubachuu qabus jedheera dhaabbati kun.

    Afriikaa Kibbaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Yugaandaan biyyoota humnoota nageenyaa fayyadamuun sochii uummataa ugguraa jiraniidha.

    Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Michelle Bachelebiyyoonni humna addaa fayyadamuun uummata cabsanii to'achuu barbaadan of qusachuu qabu jedhan.

    Uummata miskiina waan nyaatu barbaacha jooru yeroo turtii alaa dabarsite jechuun reebuu, hidhuu, rasaasaan rukutuu fi hiraarsuun seeraan ala jetteetti qondaalli kun.

    Akka ragaa waajjirasheetti Afriikaa Kibbaa keessatti hanga ammaatti namoonni 17,000 sababa Covid-19 hidhamaniiru.

    Keeniyaa keessatti namoonni yeroo ala turuuf daangeffame dabarsan dirqisiifamanii addatti tursiifamaa isa jiran mormuun qaamoleen mirga namoomaa 27 xalayaa mootummaaf barreessaniiru.

    Hanga ammaatti namoonni 32,000 caalan biyyoota Afriikaa 52 keessatti koronaavaayirasiin qabamaniiru, 1,428 kan caalan ammoo du'aniiru.

  2. Atakaaroo baqattoota Eertiraafi eegdota daangaa Itoophiyaa

  3. Madinummaa koronaavaayirasii: Namni tokko lammata qabamuu danda'aa?

  4. 'Amma weerarri vaayirasii to’atamutti Olompikiin Tookiyoo hin gaggeeffamu’

    Weerarri koronaavaayirasii jabaatee jennaan dorgommiin Olmpikii Tookiyoo bara kana dorgomamuuf karoorfame waggaa tokkoof fuulduratti butamee ture.

    Koreen tapha dorgommichaa weerarri dhibichaa bara itti aanuttis hin to’amu taanaan, dorgommiin gaggeeffamuus hin jiru jedhe.

    Pirezedantiin koree Olompikii Tokiyoo Yooshiroo Moorii, tarii ammas harkifachuu akka danda’u miidiyaa biyyattii Nikkan Sports daily jedhamutti himaniiru.

    Waldaan ogeeyyii fayyaa biyyattis akka ibseetti, otoo talaalliin hin argamiin dorgommicha gaggeessuun rakkisaadha jedheera.

  5. UK'n ogeeyyii fayyaa weerara koronaavaayirasiin lubbuu dhaban yaadachuufi

    Guutummaa UK keessatti sirni yaadannoo daqiiqaa muraasaaf turu gaggeeffamuuf jira.

    Weerarri vaayirasii addunyaa walgahe UK keessattis lubbuu ogeeyyii fayyaafi namoota dhukkubsattoota kunuunsaa turan 100 olii dabarse.

    Hojjattoonni tajaajila geejjibaa fi kan biroo kennaa turanis weerara kanaan miidhamaniiru.

    Daarektarri tajaajila eegumsa fayyaa biyyaalessa UK Istiifan Poowis ‘’guutummaa UK keessatti hojiin isaanii hammam akka yaadatamuu fi dinqisiifamu mul’isuu qabna’’jedhan.

    Ogeeyyiin fayyaa hiriyoota fi namoota wajjiin hojjataa turan yaadachuuf jiru.

    Ministeerri Muummee UK vaayirasicharraa bayyanachuun Wixata hojiisaaanii idileetti deebi’an sirna yaadannoo kanarratti akka argaman ibsameera.

  6. Biyya namootni 2,000 ol koronaavaayirasiin jalaa du'uu dhoksite

    Indooneezhiyaatti lubbuu namoota 2,200 olii koronaavaayirasiin darbuus biyyattiin hin gabaasiin hafte jedhe Rooyitars.

    Biyyattin namoonni 10,000 hin caalle vaayirasichaan qabamuu fi lubbuun namoota 765 darbuu qofa beeksifte.

    Ogeeyyiin garuu, hojiin namoota vaayirasichaan qabaman addaan baasuu laafaa ta'usaati malee, lakkoofsi namoota vaayirasichaan miidhamanii kan ibsame caala jedhu.

    Biyyoota guddataa jiran hedduu keessatti lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin du’anii fi qabamanii xiqqaatu gabaafame.

  7. Olompikii Tookiyoo 2020...2021...2022?

    Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Jappaan yoo talaalliin koronaavaayirasii argame malee bara dhufu olompikii gaggeessuun "ulfaataadha" jedhe.

    "Jappaan olompikii keessummeessuu qabdi ykn hin qabdu jechaa hin jiru, garuu ulfaata ta'a," jedhan hogganaan waldichaa Yoshiteekee Yokukuuraa.

    Bara 2020 kan gaggeeffamuu ture Olompikiin Tookiyoo bara 2021'tti darbus ogeeyyin yeroo sanatti ta'uu isaas shakkii qabu.

    Jappaan bara dhufus Olompikii akka gaggeeffamu jala muree himuu hin danda'u jetteetti.

  8. Hoongi Koongitti hojjattootni tajaajila hawaasummaa hojii isaaniitti deebi’uufi

    Hojjattoonni mootummaa Hoongi Koongitti Caamsaa 4, bara 2020 irraa eegaluun suutuma suutaan hojiisaanitti deebi’uf akka jiran ibsame.

    Weerara koronaavaayirasii to’achuuf labsiin yeroo muddama Hoongi Koongitti bahee ture.

    Guyyoota lamaan darban garuu namni haaraa vaayirasichaan qabame akka hin jirretu gabaafame.

    Kanaafuu Godambaa, manneen kitaabaa fi giddugaleeyyiin ispoortii banamufi jiru, garuu ammas namootni afurii ol walitti qabamuun dhorkaadha.

    Weerarrii dhibichaa dinagdee biyyattii qorrisisuus, weerara vayirasiicha to’achuurratti fuulleffachuun Hoongi Koongi hojjata turte.

    Hoongi Koongitti namoonni 1,000 vaayirasichaan qabamaniiru, namoota 4 vaayirasichi lubbu galaafateera.

  9. Koronaavaayirasii injifadhe' kan jette Niwu Ziilaandi uggura keessaa bahuu eegalte

    Tatamsa'ina koronaavaayirasii guutummaatti to'adheera kan jette Niwu Ziilaandi Kibxata uggura sochii keessaa bahuu eegalte.

    Biyyattiin guyyaa kaleessaa 'lola koronaavaayirasii injifachuu' labsite.

    Sochiin ijaarsaa, daldalaa fi barnootaa akkuma duraan turetti deebi'ee itti fufuu eegaleera.

    Namoonni sababa weerara vaayirasii kanaatiin hojii dhaabanii 400,000 ta'an har'a hojiitti deebi'anii jiru.

    Biyyattiin walumaagalatti namoota vaayirasichaan qabaman 1500 qabdi. Namni jalaa du'e 19.

    Milkaa'ina argameef adda of baasuu lammilee biyyattii fi daangaa cufachuun na gargaare kan jettu Niwu Ziilaand qoodni hoggansa MM biyyattii Jasiindaa Ardarni salphaa akka hin taane himama.

    MM Jasinndaan biyyattiin uggura keessaa bahuu eegaltullee "ammallee guutummaatti bosona keessaa baanee hin jirru" jechuun lammileen biyyattii akka of hin daganne dhaamanii jiru.

    Hanga danda'ame namoonni manuma isaanii taa'anii akka hojjetan dhaamaniiru.

  10. Yooyyaa!

    Gabaasa kallattii biraan dachaane.

    Weerara koronaavaayirasiin wal qabatee waan addunyaan itti jirtu taateewwan gurguddoo kaan waliin isin biraan geenya nu hordofaa.

    Fayyaa keessan eeggadhaa!