Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waa'ee qoricha Covid19 irraa ariitiin nama bayyanachiisu 'ragaa qabatamaa' qaba - US

Qorichi 'Remdesivir' jedhamu duraan Iboolaa wal'aanuuf fayyadamamaa ture ariitiin Covid19 irraa nama bayyanachiisuu 'ragaa qabatamaa' qaba jette Ameerikaan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afrikaan Kibbaa Haakiimota Kuubaa simachuu isheetiif Ameerikaatiin qeeqamte

    Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompiiyo Afrikaan Kibbaa Hakiimota Kuubaa 200 ta'an simachuu isheetiif qeeqan.

    Pompiiyoo'n Kuubaan weerara COVID-19 irraa buufachaa jirtii jechuun qeequu isaaniis AFP'n gabaaseera.

    Hooggantoota akka Braaziil, Ikuuwaadoriifi Booliviyaa akkasumas kanneen biroo wanna Kuubaan gochaa jirtu kana callisanii hin ilaaliin ni jajna'' jedhan Pompiyoo'n.

    ''Biyyootni kaaniis Afrikaa Kibbaa fi Kuwaataar dabalatee kanuma akka godhan gaafanna.''

    Gareen Hakiimootaa Kuubaa miseensota 200 qabu Dilbata darbe ture Afrikaa Kibbaa kan galan.

    Garee kana keessatti ogeeyyii fayyaa maatii, 'epidemiology', 'biotechnology' fi Injinaroota teeknoolojii eegumsa fayyaatu argama.

    Pireezidantiin Kuuba Migu'eel Diyaaz Kaanel Ameerikaan sobaa dubbii fi barreefamaan deeggarsa Fayyaa Idila Addunyaa Kuubaa miidhaa jirti jechuun deebii kennaniiru.

    Erga bara 1960 Ameerikaan Kuubaarratti qoqqobbiiwwan dinagdee kaahuu eegalte.

    Kuubaan hanga ammaatti Xaaliyaan dabalatee biyyoota 15 ta'aniif weerara COVID-19 to'achuuf ogeeyyii fayyaa ishee kan ergite yoo ta'u, biyyoota 22 deeggarsa ishee gaafatan keessaa Afrikaan Kibbaa tokko.

  2. Lafa magaala Finfinnee hektaara 46 'seeraan ala qabame' jedhame duuba maaltu jira?

  3. Jarman'tti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii dabalaa jira

    Jarman keessatti sa'aatii 24 darbanitti namoonni haaraa 1,478 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiiru.

    Hamma ammaatti namoonni qabaman 160,000 yoo ta'u %75 kan ta'an immoo bayyanataniiru. Ammatti namoota 34,672 koronaavaayirasiin qabamuunsaanii mirkanaa'eera.

    Lakkoofsi namootaa sababa COVID-19 du'anii 173'n dabaluun gara 6,288'tti ol guddiseera.

    Biyyattiin torbee darbe keessa seera ugguura laaffistee turte.

    Qondaaltonni biyyatti dabaluu lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniif sababni uggura sochii ummaata laaffisuu ta'uu fi ta'uu dhabuusaa wanti ifatti dubbatan hin jiru.

    Lammiileen biyyattii hedduun garuu ugguurri kun yeroodhaan laaffatuusaa mormaa jiru.

  4. Manneen murtii Malaawwii uggura sochii uummataa morman

    Maalaawwiin biyya addunyaarratti koronaavaayirasiin dhumarratti keessatti mul’ateedha.

    Ergasiis mootummaan biyyattii xiyyeeffannaa addaatiin seera uggura sochii uummataa heera mootummaa keessa galchuun hojiirra oolchuu eegale.

    Manni murtii olaanaa biyyattii ammo hanga namoonni daran miidhaman gargaarsa argatanitti karoorri sochii uummataa ugguruu uummata giddu galeessa hin godhanne sirrii miti jechuundura dhabbachuu eegale.

    Pirezidaantiin biyyattiis dhiyeenya kana lammiileen biyyattii daran harka qalleeyyii ta’a 172,000 maallaqaan akka gargaaraman ibsanii turan.

    Manneen murtii fi dhaabbileen mirga namoomaa biyyattii keessa jiran garuu ammallee uggura sochii uummataarratti falmiisaanii itti fufaniiru.

  5. Waa'ee qoricha Covid19 irraa ariitiin nama bayyanachiisu 'ragaa qabatamaa' qaba - US

    Qorichi Remdesivir jedhamu duraan Iboolaa wal'aanuuf fayyadaa ture ariitiin Covid19 irraa nama bayyanachiisuu 'ragaa qabatamaa' arganne jedhan aanga'oonni Ameerikaa.

    Talaalliin kun kallattiin dhibamtoota Covid19 hin fayyisu.

    Haa ta'u malee turtii mallattoon dhukkubichaa namarra turu guyyaa 15 irraa gara guyyaa 11'tti akka gabaabsu yaalii hospitaalota gara garaa addunyaarra jiran keessatti taasifameen mirkanaa'eera jedhu.

    Dhiibbaan inni qabu erga mirkanaa'ee booda qorichi kun dhiphina wayita ammaa hospitaalotarra gahaa jiru xiqqeessee lubbuu namaas oolchuu danda'a jedhameera.

    Uggurri sochii weerara kana to'achuuf labsames dafee akka ka'u gochuu mala.

    Haa ta'u malee faallaa kanaatiin qorichumti kuni guyyoota muraasa dura Chaayinaatti yaalamee Covid19 wal'aanuuf bu'aa homaatuu hin qabu jedhamee ture.

  6. Yooyyaa!

    Akkam jirtu? Deebineerra!

    Asirraa eegallee gabaasa kallattii kan Eebla 30, 2020 isin biraan geenya.

    Gabaasa guyyoota lamaan darbanii armaan gaditti argachuu dandeessu.

    Bakka jirtanitti of eeggachuu hin dagatinaa, nagaan oolaa!

  7. Qulqulleesitoonni buufata xiyyaaraa hojiirraa ‘ari’amanii’ bakkeetti hafaniiru

    Vidiyoon qulqulleessitoota buufata xiyyaaraa Keeniyaa Kibxata hojiirra ari’amanii agasiisu tokko namoota dhekkaamsiiseera.

    Hojjeettonni kun Buufata Xiyyaaraa Jomo Keeniyaataatti (JKIA) dabaree galgalaa isaanii erga eegalanii saatii afur booda waraqaa hojii isaanii eegumsa buufatichaaf deebisanii gamoo sanaa keessa akka ba’an godhamuu isaanii dubbatu.

    Maaliif akka hojiiirraa ari’amaniif sababni akka isaanii hin kennamneefi gara manaatti deebi’aa akka jedhaman himu.

    Garuu sababa weerara koronaavaayirasiif jecha sa’aatiin sochiin itti dhorkiame waan darbee tureef halkan sana bakkee qorraa keessa buluuf diqamaniiru.

    Hojjeetoonni dhaabbata qulqullinaa Colnet jedhamuun qacaramne jedhan kun mootummaan akka haala kana gidduu galee ilaaluuf gaafataniiru.

    Dhaabati kun kanaratti yaada akka kennuuf gaffii BBC irraa dhiyaateef guyyaa tokko boodan deebii siniif kenna jedheera.

    Viidiyoon Tiwiitara irratti qoodame hojjatoota keessa dubartiin tokko akkamiinaan ijoolleekoo nyaachisa yeroo jettu ni dhaga’ama.

    Suuraan kan biiraa Tiwiitara irratti qoodame yeroo hojjettoonni bakkee qorra keessa rafan agarsiisa.

    Sababa qajeelfama weerara koronaavaayirasiif jecha ammaaf xiyyaariii buufata JKIA akka qubatuuf eeyyamamu xiyyaara kaargoo qofadha.

  8. Ministirri Muummee Giinii Bisaawuu Nunoo Gomeesii koronaavaayirasiin qabame

    Ministira Muummee Giinii Bisaawuu Nunoo Gomeesiifi kaabinoota isaa sadii irratti koronaavaayirasiin argameera.

    Qorannoon isaanii Kibxata taasifame vaayirasichaa qabaachuu isaani erga mirkaneesse booda amma hoteelaa magaalaa gudditti Bisaawuu jiru keessatti adda of baasanii akka jiran ministeerri fayyaa biyyatti beeksiseera.

    Biyyaatti keessatti hanga ammatti namootni vaayirasichaan qabaman 70 ta’ee kan du’e ammo tokko qofa ta’us lokkoofsi kun dabalaa deemuu mala jechuun Ministirri Fayyaa Antooniyoo Dewuna akeekkachiisaniiru.

  9. Addunyaarratti humni hojjetaa Bln.1.5 ta'u hojii ala ta'uu mala

    Addunyaarratti humni nama hojjetuu waliigalaa walakkaa ta’u sababii dhibee addunyaa weerare kanaan hojii ittiin jiraatan dhabuu malu jechuun Dhaabbanni Hojjetaa Idil-addunyaa (ILO) akeekkachiise.

    Namoonni hojii isaanii dhabu jedhame kun lakkoofsaan biliyoona 1.5 ta’a jedhameera.

    Covid-19 guutummaa addunyaa irratti namoota miliyoona 3.1 irratti argamuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’u kanneen 220,000 ta’an ammoo galaafateera.

    Akka ILOn jedhutti namoonni hojii idilee hin taanetti boba’an kanneen sektera akka gurgurtaa qinxaaboo, maanufaakcheringiifi industirii tajaajilwaan nyaataa keessa hojjetanbaayyee miidhamu..

    Hojjetoonni al-idilee biliyoona lama ta’an akka addunyaatti baatii duraa yeroo weerara kanaa keessa giddu-galeessaan miidaa isaanii %60 ta’u gadi jalaa bu’eera.

    “Hojjetoota miliyoonaan lakkaa’amaniif hojiin hin jiru taanaan, galiin hin jiru, tasgabiis ta’e fuuldurri isaanii hin jiru. Hojiin milioyoonaan lakkaa’amu addunyaa kanarraa dhaabbachaa jira,” jedhan daarketarri ILO Gaay Raayider.

  10. Biyya daa’imman akkoofi akaakaasaanii akka dhungatan hayyamteef

    Weerarri koronavaayirasii addunyaa mudate namoonni umrii maanguddoo keessa jiran ijoollee akaawoofi akicheesaanii akka hin dhunganne gufuu itti ta’eera.

    Sababni isaa ammoo vaayirasichi akka hin daddarbineef namoonni walirraa akka hiiqanitu gorfama.

    Kunis miira maatii hedduu miidheera.

    Biyyi Siwizerlaand uggura sochii namootaas wayita laaffisaa jirtu kanatti,ijoolleen ganna 10 gadii akkoofi akaakaasaanii dhungachuu akka danda’an hayyamteef.

    Ministeerri fayyaa biyyattis saayintistoonni ijoolleen vaayirasicha akka hin daddabarsine qorannoodhaan mirkaneessaniiru jedhanii dubbatan.

    Biyyi Siwizerlaand lubbu namoota 1,699 vaayirasii addunyaa weerara kanaan dhabeetti

  11. Hidhamtoonni lama Covid19'n du'uun booda waldhabdee uumameen namoonni 9 du'an

    Waldhabdee mana hidhaa Peeruu tokko keessatti uumameen hidhamtoonni sagal du'aniiru jedhan qondaltonni.

    Waldhabdeen kun hidhamtoonni lama sababa COVID-19 erga du'aniin booda mana hidhaa biyyattii tokko keessatti kan uumamedha.

    Hidhamtoonni lama, poolisoonni shanii fi eegdonni 60 waldhabdee kanaan madaa'aniiru.

    Manneen hidhaa biyyoota Laatin Ameerikaa hedduun hidhamtoonni baay'innaan keessatti argamanii fi hanqinna tajaajila fayyaarraa kan ka'e sodaa hidhamtoonni koronaavaayirasiidhaan qabamuu danda'u jedhu qabu.

    Ji'a darbe Kolombiyaa keessatti waldhabdee tureen namoonni 23 ajjeefamaniiru.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN), mootummoonni hidhamtoota akka eeganii fi baay'innaan walitti qabamuu hambisuuf yeroodhaaf akka hiikaman ibseera.

  12. Amma nu gahe, Itoophiyaa - namoonni afur dabalataan koronaavaayirasiin qabaman

    Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii 766 sa'aatii 24 darban keessa taasifameen namoota afur irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa beeksisan.

    Namoonni afranuu lammiilee Itoophiyaa yoo ta'an sadan isaanii Puuntilaandi irraa gara Itoophiyaa seenuun yuunivarsiitii Jigjigaa keessatti adda baafamanii kan turanidha.

    Namni afraffaan Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa , Gubbaa Qorichaa irraa vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee jira.

    Namni kun seenaa imalaa hin qabu, nama vaayirasichaan qabame waliin qunnamtii qabaachuun isaa qoratamaa jira jedha ibsi Dr Liyaa.

    Dabalataan namoonni 8 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u, lakkoofsi namoota bayyanatanii 58 gaheera.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammoo 130.

  13. Niiw Ziilaandi maalfaa haalaan raawwattee Covid-19 injifatte?

  14. 'Warra humna hin qabne bilisaan yaalaa, warra beela'aniifis laachaa jirra' - Dr Dararaa Ximootiwoos

  15. Ministirri Muummee UK Booris Joonsan ilma argatan

    Keerii Saymoondis, kaadhimaan Ministira Muummee UK Booriis Joonsan hospitaalaa Landantti da'an, daa’imni isaaniis nagaa qabu.

    Keeriiy Saymoondis mallatoon koronaavaayirasii irratti mul'achuun yaaddoo uumee ture, amma daa'ima fayya qabeessa da'uutu himame.

    Ministirri Muummee Booris Joonsan koronaavaayirasiirraa bayyanatanii guyyoota muraasa dura hojii idileetti deebi’anitti ilma dhiiraa argatan.

    Qondaalonni olaanoon biyyattis ergaa gammachuu Joonsaniif dhaamaa jiru.

  16. Morokootti hidhamtoonni 300 ol koronaavaayirasiin qabaman

    Qorannoo manneen hidhaa keessatti taasifameen hidhamtoonni 313 koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'uu Morokoon himte.

    Kanneen keessaa 303 mana hidhaa tokkicha 'Quarzazate' jedhamu keessatti kan argaman yoo ta'u, 10 ammoo manneen hidhaa biroo lama keessatti argaman jedhan aanga'oonni manneen hidhaa biyyattii.

    Namoonni hedduun hidhamtoota yoo ta'an eegdoti mana hidhaa qabamanis jiru.

    Qorannoon kun kan eegale torbee darbe namni tokko mana hidhaa keessaa poozatiivii ta'ee waan argameef ture.

    Namoonni vaayirasichi irratti argame hundi adda baafamanii jiru, eegdoti ammoo wayyaa of eeggannoo akka uffatan murtaa'eera jedhu aanga'oonni biyyattii.

    Manneen hidhaa Morokoo keessa hidhamtoonni 80,000 akka jiran tilmaama.

    Jalqaba baatii Eeblaa hidhamtoonni 5,654 balaa vaayirasii kanaa xiqqeessuuf jecha dhiifamni taasifameefii ture.

    Morokoon namoota vaayirasichaan qabaman 4,252 qabdi. Kana keessaa 165 du'aniiru.

  17. MM Jappaan weerarri vaayirasii amma to’atamuutti Olompikii keessummeessuun ni ulfaataa jedhan

    Ministirri Muummee Jaappaan Shiinzoo Abeen weerarri vaayirasii to’atamuu malee, bara itti aanuus dorgommii Olompikii keessummeessuun akka hin danda’amne himan.

    Dorgommii kun yeroo karoorfameerra sababa weerara dhibeetiin bara 2021tti dabarfamee ture.

    Fuldurattis dorgommicha gaggeessuun shakkii keessa seene.

    Abeen dorgommiin kun wayita gaggeeffamu addunyaan qabsoo weerara koronaavaayirasii injifachuu akkaata mul’isuun ta’uu qaba jedhan.

    Hogganaan taphoota olimpikii Jappaan Yooshiiroo Moorii ammoo bara 2021 dorgomicha gaggeessuun hin danda'amu yoo ta'e olompikichi ni haqama malee hin dheereffamu jedhaniiru.

    Jaappaan namoota vaayirasichaan qabaman 13,895 kan qabdu yoo taatu, namootni 413 sababa weerara dhibee kanaan du’aan.

  18. Oduu sobaa jajjaboo afur koronaavaayirasiin wal qabatee Afrikaa keessa babal'achaa jiran

  19. Addunyaa irratti namni 'biliyoona tokko' koronaavaayirasiin qabamuu mala

  20. Veetinaam suuta gara jiruu idileetti deebite

    Veetinaam keessatti uggurri sochii laafee, suutuma gara jiruu idileetti deebi’uun erga danda'amee torban guutera.

    Biyyattiin weerara vaayirasichaa to’achuurratti milkoofteetti jedhamee himamaa jira.

    Namoonni walitti dhiyaatanii waliin nyaatu, iddoowwan gabaatti addaan hiiqanii deemuu fi haguuggii afaanii fi funyaanii keewwachuurraas iddoo idileetti deebiteetti.

    Uummata miliyoona 97 kan qabdu Veetinaam, daangaa biyya weerarri vaayirasichaa itti eegale Chaayinaa wajjin qooddatti.

    Haata’u malee, namoota 270 qofatu vaaayirasichaan biyyatti keessatti qabame, nama vaayirasichaan du’es hin qabdu.

    Biyyattin weerara vaayirasichaa to’achuuf jalqaba bara kanaarraa eegaltee daangaa Chaayinaa wajjin qabdu cufatte.

    Kana malees, namoota qabaman addatti fo’u fi hordofuun odeeffannoo dhimma vaayirasichaarratti akka biyyaatti kennuurratti xiyyeeffatte.

    Namni kamiyyuu ollaasaa akka hordofuu jajjabeessaa turte. Tarkaanfiin kun garuu, gaarii hin turre jedhamee ni qeeqama.