Afrikaan Kibbaa Haakiimota Kuubaa simachuu isheetiif Ameerikaatiin qeeqamte
Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompiiyo Afrikaan Kibbaa Hakiimota Kuubaa 200 ta'an simachuu isheetiif qeeqan.
Pompiiyoo'n Kuubaan weerara COVID-19 irraa buufachaa jirtii jechuun qeequu isaaniis AFP'n gabaaseera.
Hooggantoota akka Braaziil, Ikuuwaadoriifi Booliviyaa akkasumas kanneen biroo wanna Kuubaan gochaa jirtu kana callisanii hin ilaaliin ni jajna'' jedhan Pompiyoo'n.
''Biyyootni kaaniis Afrikaa Kibbaa fi Kuwaataar dabalatee kanuma akka godhan gaafanna.''
Gareen Hakiimootaa Kuubaa miseensota 200 qabu Dilbata darbe ture Afrikaa Kibbaa kan galan.
Garee kana keessatti ogeeyyii fayyaa maatii, 'epidemiology', 'biotechnology' fi Injinaroota teeknoolojii eegumsa fayyaatu argama.
Pireezidantiin Kuuba Migu'eel Diyaaz Kaanel Ameerikaan sobaa dubbii fi barreefamaan deeggarsa Fayyaa Idila Addunyaa Kuubaa miidhaa jirti jechuun deebii kennaniiru.
Erga bara 1960 Ameerikaan Kuubaarratti qoqqobbiiwwan dinagdee kaahuu eegalte.
Kuubaan hanga ammaatti Xaaliyaan dabalatee biyyoota 15 ta'aniif weerara COVID-19 to'achuuf ogeeyyii fayyaa ishee kan ergite yoo ta'u, biyyoota 22 deeggarsa ishee gaafatan keessaa Afrikaan Kibbaa tokko.