Ameerikaan guyyaatti nama miliyoona 5 qorachuu eegalti jedhan Tiraamp
Sababni Ameerikaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman guddaa qabduuf tokko uummata hedduu waan qabduufi, kan lammataa namoota hedduu waan qoratteefi.
Amma dura biyyattiin baatii lama keessatti namoota miliyoona 5.7 qorattee jirti.
Lakkoofsi kun guddaa ta'uu mala garuu lakkoofsa uummata biyyattii waliin yoo madaalamu namni qoratame 1000 keessaa nama 16 qofa.
Kun ammoo kan Italii nama 1000 keessaa nama 30 waliin yoo madaalamu xiqqaadha.
Tiraamp akka jedhanitti biyyattiin yeroo dhiyootti guyyaatti nama miliyoona shan qorachuu eegalti.
Biyyattiin ammatti guyyaatti namoota 200,000 qorachaa akka jirtu gabaasaaleen ni himu.