Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waa'ee qoricha Covid19 irraa ariitiin nama bayyanachiisu 'ragaa qabatamaa' qaba - US

Qorichi 'Remdesivir' jedhamu duraan Iboolaa wal'aanuuf fayyadamamaa ture ariitiin Covid19 irraa nama bayyanachiisuu 'ragaa qabatamaa' qaba jette Ameerikaan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan guyyaatti nama miliyoona 5 qorachuu eegalti jedhan Tiraamp

    Sababni Ameerikaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman guddaa qabduuf tokko uummata hedduu waan qabduufi, kan lammataa namoota hedduu waan qoratteefi.

    Amma dura biyyattiin baatii lama keessatti namoota miliyoona 5.7 qorattee jirti.

    Lakkoofsi kun guddaa ta'uu mala garuu lakkoofsa uummata biyyattii waliin yoo madaalamu namni qoratame 1000 keessaa nama 16 qofa.

    Kun ammoo kan Italii nama 1000 keessaa nama 30 waliin yoo madaalamu xiqqaadha.

    Tiraamp akka jedhanitti biyyattiin yeroo dhiyootti guyyaatti nama miliyoona shan qorachuu eegalti.

    Biyyattiin ammatti guyyaatti namoota 200,000 qorachaa akka jirtu gabaasaaleen ni himu.

  2. Maayik Peens maaskii uffachuu dhiisuun seera hospitaala cabsan

    Pirezidantii itti aanaan Ameerikaa Maayik Peens golgaa afaanii fi funyaanii otoo hin keewwatiin hospitaala Ameerika beekamaa Maayoo kilinik jedhamu daawwatan.

    Qondaaltonni itti dhiyoo turan garuu haguuggataniiru.

    Akka dambii hospitaala kanatti namni daawwannaaf dhaqu kamiyyuu maaskii/golgaa afaaniif funyaanii haguuggachuuf dirqama qaba ture.

    Maayik Peens dambii hospitaalicha cabsanii hospitaala Minisootaatti argamu kana daawwataniiru.

    Maayik Peens koree dhimma to’annoo weerara koronaavaaayirasii to’achuuf ijaaarame dursu.

    Peens ogeeyyii fayyaa fi qorattootatti haasa’uuni fi galateeffachuuf yeroo kanatti iddoo sanatti argamuun akka barbaachisees himaniiru.

    Peens maaliif akka maaaskii hin haguuggatiin hafan gaafatamaniis, namoonni isaanitti dhiyaatan yeroo yeroon akka qoratamanii fi hordofaman dubbatan.

    Ji’a Bitootessaa gara xumuraattii gargaaraan Peens tokko vaayirasichaan qabamee ture.

    Pirezedantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp kanaan dura golgaa afaanii kana keewwachuuf karoora hin qabuu jechuun isaanii ni yaadatama.

  3. Biraazil keessatti namoonni sababa COVID-19 du'an 5000 caalan

    Biraazil keessatti namoonni 5000 ol sababa koronaavaayirasiin yoo du'an kunis namoota Chaayinatti sababa weerara kanaatiin du'anii olidha.

    Ministeerri Fayyaa biyyatti sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 474 du'uu isaanii kan ibse yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota du'anii gara 5,017'tti ol guddiseera.

    Biraazil lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii 72,000 qabaachuun biyyoota Laatin Ameerikaa keessaa biyya lakkoofsa guddaa qabdu taatee jirti.

    Bakka weerarri kun itti jalqabe Chaayinaa keessatti namoonni 4,633 du'aniiru.

  4. Ameerikaatti namni koronaavaayirasiin qabame miliyoona guute

    Ameerikaa keessatti qofa namoonni koronaavaayirasiin qabaman miliyoona tokko guutan.

    Kun lakkoofsa waliigalaa namoota addunyaarratti vaayirasichaan qabaman keessaa tokko sadaffaadha.

    Akka ragaa yuunivarsitii Joons Hoopkinsitti ammaan tana biyyattiin nama vayirasichaan qabaman 1, 012,400 qabdi. Kana keessaa 58,355 lubbuu dhabaniiru.

    Lakkoofsi namoota baatii muraasa keessatti koronaavaayirasiin du'anii kan Ameerikaanota lola Viyeetnam waggooota dheeraa ture irratti du'an 58,220 caalee jira.

    Garee itti vayirasichaarratti hojjetu kan dursanifi gorsaan pireezidant Donaald Tiraamp Dr Antooniyoo Fawuchi, biyyattiin ammayyuu dhuma weerara kanaarraa fagoo jirti jechuun akeekkachiisanii jiru.

  5. Akkam bultan!

    Deebine.

    Gabaasi kallattii dhimma weerara koronaavaayirasii fi taateewwan gurguddoo biroo biyya keessaa fi alaa irratti isin biraan geenyu kan Eebla 29, 2020 asirraa eegala.

    Gabaasa kallattii guyyaa kaleessaa asiin gaditti argachuu dandeessu.

    Bakka jirtanitti koronaavaayirasii irraa of eeggachuu hin dagatinaa!

    Oolmaa Garii!

  6. Tiraamp ‘Naayijeeriyaadhaaf Ventiletarii erguuf waadaa gale’

    Qondaaltoonni Naayijeeriyaa akka jedhaniitti, Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp biyya Naayijeeriyaatiif veentileetarii gargaarsaa erguuf waadaa galu himan.

    Deeggarsi Tiraamp biyyaa Afriikaa Lixaa kanaaf keennuuf jedhan kunis yaalii dhukkuba koronaa ittisuuf taasifamu deegaruuf ta’uu, gabaasaa BBC’tti himan.

    Tiraamp haasaa karaa bilbilaatiin Pirezidaantii Naayijeriyaa Muhammad Buhaarii waliin taasisaniin, Ameerikaan sochii mootummaan Naayijeriyaa weerara koronaavaayirasii ittisuuf taasisaa jiru keesstti akka bira dhaabbatu mirkanneessaniiruuf jechuun qondaaltoonni himan.

    Ameerikaan addunyaarratti lakkoofsa namoota vaayirasii kanaan du’e isa olaanaa; kuma 56 dhabdee jirti.

  7. Ertiraatti namoonni cOVID-19 irraa bayyanatan 19 gahe

    Ertiraatti harra namoonni dabalataa jaha koronaavaayirasii irraa bayyanachuu ibsame.

    Odeeffannoo ministeerri fayyaa biyyattii ifta godheen akka jedheetti, namoonni bayyanatan kunneen erga qorannoon taasifameefiin booda gara mana isaaniitti deebii’aniiru.

    Walumaa galatti namoonni biyyatti keessatti koronaavaayirasii irraa bayyanata 19 gaheera.

    Ragaa hanga ammaatti jiruun, hanga ammaatti namoota 39 tu vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’e.

    To’annoo weerarichaaf jecha mana keessa turuu dabalatee tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhatamaa jiru biyyattii keessatti.

  8. Baateetti haleellaa bakka gabaatti rawwatameen lubbuun namoota shanii darbe

  9. Beellii Afrikaa Bahaatti ‘dachaan dabaluu’ mala

    Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabatti Qonnaafi Nyaataa Addunyaa (FAO) sababa koronaavaayirasiin ji’oota sadan dhufan keessatti Afrikaa Bahaatti lakkoofsii namoota beelaan hubamanii dachaan dabaaluu danda’a jechuun akeekkachiise.

    Dhaabbati kun biyyooti sagal keessatti namootni miiliyona 43 ta’an beelaan hubamuu dandu’u jedha.

    Biyyootiin kunneenis Itoophiyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Burundii, Jibuutii, Eertiraa, Somaaliyaa, Sudaan KIbaafi Yugaandaadha.

    Biyyoota kanatti lakkooofsi namoota koronaavaayirasiin qabamnii biyyootii addunyaa biroon waliin yemmuu madaalamu xiqqaa ta’us, dhiibbaa vaayirasiin kun diinagdee irratti uumaa jiru argamaa jira.

    Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii 33,000 ta’ee namootni 1,500 ammoo du’aniiru.

  10. Daandiin Qilleensaa Ameerikaa imaltoonni hundi maaskii godhachuu qabu jedhe

    Ameerikaatti Daandiin Qilleensaa JetBlue jedhamu balaliinsaa imaltoonni hundi akka maaskii godhataniif gaafachuun daandiiwwan qilleensaa biyyattii keessaa kan jalqabaa ta'eera.

    Haaluma kanaanis imaltoonni Caamsaa 4 irraa kaasee wayita xiyyaara galanii kaassee hanga xiyyaara keessaa bu’aniitti maskii afaaniifi funyaan dhoksu akka kaawwataniif ni gaafatamu.

    Daa’imman maaskii ofirratti eegachu hin dandeenye qofaatu labsii kanarraa bilisa ta’a.

    “Fuula kee aguuguun ofiikeefi namoota naannoo keetti argaman irraa ittisuudha,’’ Pirezidaantiin JetBulue Jo’aanaa Geratii. ‘’Kunis ulaagaa balaliinsa haaraati.’’

    Maamiltoonnis karaa imeelitin yaadachiifamuun maaskii mataasaanii fidatanii akka dhufaniif ni eegamu.

    Daandiin Qilleensaa Ameerikaa kan addunyaarratti guddaa ta’e, balaliinsa muraasa irratti Wiixata darbe imaltoonni wayita xiyyaara keessa galaniitti maaskiifi saanitaayizariin akka kennamuuf beeksisee ture.

  11. Poorchugaal laabsii yeroo muddamaa dhaabuuf

    Pireezdaant Marseloo Rebeloo de Susaa laabsiin yeroo muddamaa Poorchugaal Caamsaa 2 akka xuuramu beeksisaniru.

    Ta’us garuu kun weerara biyyaalessaa kan dhaabuu akka hin taaneefi diinagdeen banamuus suutaa akka deebi’ee guddatu haasaa Kibxata taasisaniin akeekkachiisaniiru.

    “Haalaa haaraa kana keessatti wanti barbaachisaan lammileen Poorchugaal weerara kana to’achuun barbachisaa ta’uusaa akka beeksanidha.

    Suuta suuta deemaa haala kana qorachuu qabna,” jechuun ibsa midiyaalee irratti dubbataniiru.

    Poprchugaal keessatti namootni koronaavaayirasiin qabaman 24,322 yoo ta’n 948 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

    Labsiin yeroo muddamaa bitootessa 18 irraa kan eegalee yoo ta’uu, imalootni dhorkamanii lammileen mana akka olaniif ajajamanii ture.

  12. Keeniyaan konkolaachistoota biyya qaxxaamuran COvid-19f qorachaa jirti

    Daangaa Keeniyaafi Yugaandaa irratti qorannoon koronaavaayirasii dirqama ta’e gaggeessuuf jecha konkolaachiftoonni hiriira dheeraa qabtanii dabaree eeggachuun dirqama itti ta’aa jira.

    ‘Shofeeranni’ konkolaataa gurguddoo hanga dheerina kiiloomeetira 40 hiriira galanii dhaabbaa jiru.

    Shofeeronni konkolaataa gurguddoo shan daangaa Yugaandaa erga darbanii booda qorannoo taasifameefiin Covid-19 irratti argamuun mirkanaa’eera.

    Kun ammoo mootummaan Keeniyaa shofeerota konkolaataa gurguddooo akka qorataman dirqisiisaniiru.

    Namoonni daangaarra jiraatanis shofeeronni kun hanga qorannoon isaaniif taasifamutti naannoo isaanii yeroo turanitti waan ummata keessa sosocho’aniif vaayirasichi hawaasa keessa faca’uu mala soda jedhu qabu.

    Konkolaachiftoonni tokko tokko qorannoon baayyee harkifataadha jechuun komachaa kan jiran yoo ta’u maaliif qorannoon sa’aatii 24 keessatti hin taasifamu jechuun gaafatu.

    Ministeerri Fayyaa Keebniyaa ogeessota fayyaafi meeshaaleen ittiin qoratan hedduu gara magaalota daangaarra jiraniitti akka ergus beeksiseera.

  13. Keeniyaatti namootni 11 haaraan Covid-19'n qabaman

    Keeniyaatti saatii 24 darban keessatti namootni 589 erga qoratamaniin booda namoota haaraa 11 irratti koronaavayirasiin argameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19’n hubamanii biyyattiitti 374 ga’eera.

    Aanga'aan Ministeera Fayyaa biyyattii Dr Rashid Amaan akka ibsa miidiyaalee biyyattiif kennaniin namooti haaraa vaayirasiin kun irratti argame keessaa torba magaala Naayrobiirraa yoo ta’an afur ammoo Mombaasaa jiraatu.

    Namoota kunneen keessa lama daa’imman ganna sadii yeroo ta’an maanguddoon ganna 70 jiru.

  14. Yugaandaan torbaniitti namoota kuma 20 ol Covid-19’f qorachuuf karoorfatte

    Yugaandaan torban tokkootti namoota kuma 20 ol Covid-19’f qorachuuf karoorfachuu beeksifte.

    Qorannoon kunis kan gaggeefamu osoo sochii dhorkuun kaa’ame yeroonsaa hin xumuramiin dura jedhameera.

    Ministirri Fayyaa Yugaandaa akka beeksiiseetti, qorannichi uggurri sochii yoom xumuramuu akka qabaatu, akkasumas gutummaatti yoom kaafamuu akka qabaatu ni agarsiisa.

    Biyyattiin baayyina lakkoofsa ummata miliyoona 43 kan qabdu yoo ta’u, hanga ammaattis namoonni 79 COVID-19’n qabamunsaanii qorannoon mirkannaa’eera.

    Namoota vaayirasichi irratti argame keessaa kanneen 20 ta’an konkolaachiftoota daandii qaxxaamura dheeraa yoo ta’an, biyyattinis xiyyeeffannaa itti kennuun qorataa kan jirtu konkolaachiftoota bakka tokkoo gara bakka biraatti socha’uun hojjatan irratti ta’u beeksifte.

    Mootummaan Yugaandaa ummata qorachuudhaan hanga barbaadamu hojjataa hin jiru jedhamuun komatamulleen, daldaltoonni, hojjattoonni fayyaa, dureewwan amantaa akka qorataman ibsameera.

    Biyyattiinis namoota qorannoo irratti gaggeessaa jirtu irraa saamuda dhiigaa fudhachuun, dhukkusataan dandeettii dandamannaa dhukkuba qaamaa (antibody) qabaachuufi dhiisuu akka mirkanneesitu ibsameera.

  15. Doktarri wallaansa Covid-19 adda-durummaan gaggeessaa turte of ajjeefte

  16. Mootummaan Iskootlaand maaskiin akka uffatamuuf qajeelfama dabarse

    Ministerri dursaa Iskootilaand Nikolaa Istujin qajeelfama mootummaa haaraa namootni yeroo mana ba’an haguggaa afaanii fi funyaannii uffachuu qabu jedhu beeksisaniru.

    Jiraattonni yeroo geejjiba uummataa fayyadamaniifi bakka namootni bayyatanitti maaskii ykn haguggaa afaanii fi funyaannii uffachuu qabu jedhu.

    Adde Nikolaa Istujin ammatti dirqamaa ykn ammo kan seeraan nama gaafachiisu ta’uu baatuus wanta hubannoon itti fufudha jedhaniiru.

    Iskootlaand keessatti namootni 10,700 ol ta’an Covd-19’n hubamaniiru.

    BIyyittiitti namootni lubbuu isaanii dhaban ammo 1332 ga’eera

  17. Ogeeyyiin fayyaa UK 100 ol Covid19'n du’aan yaadataman

    Ministirrii Muummee Booris Joonsan kan irratti argaman sirni yaaddanoo ogeeyyii fayyaa sababa koronaavaayirasiin lubbuu dhabanii raawwateera.

    Ogeeyyiin fayyaas waahillan hojii fi hiriyootasaanii vaayirasichaan of cinaa dhaban daqiiqaaf yaadataniiru.

    Hojjattoota tajaajila geejjiba fi biroofis yaadannoon kun walumatti taasifame.

    Ilmi ogeessa sababii kanaan lubbuu dhabe tokko, mootummaan meeshalee of eeggannoo guutuu dhabusaatiif dhiifama hawaasa gafaachuu qaba jedheera.

    Ogeeyyiin fayyaa hedduun meeshaalee of eeggannoo waan dhabaniif vaayirasichaan qabaman jedhamanuun komiin mootummaa UK irratti ka'aa ture.

  18. Tigraay sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf bu'uura seeraa qabaa?

  19. Biyyoonni dubartootaan hogganaman Covid19 ittisuun warra kaan caalaa milkaa'anii?

  20. Amma nu gahe, Itoophiyaan sa'aatii 24 darbe nama lama koronaavaayirasiin qabame argachuu himte

    Sa'aatii 24 darban qorannoo koronaavaayirasii namoota 1080 gochuu fi san keessaa namni lama vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'uu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

    Kunis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii 126'tti ol buteera.

    Namoonni vaayirasichi irratti argame lamaanuu lammii Biritish yoo ta'an tokko daa'ima ganna 4, tokko ammoo ga'eessa ganna 50ti.

    Lamaanuu UK irraa gara Itoophiyaa imalanii iddoo adda baafamanii tursiifaman keessa turan.

    Itoophiyaatti walumaagalatti namoonni vaayirasicharraa bayyanatan 50 gahaniiru.