Itoophiyaa - amma dura namootni 14 koronaavaayirasii irraa bayyanatan

Qorannoo koronaavaayirasii namoota 247'f sa'aatii 24 darbe keessa raawwatameen, dabalataan namoonni sadi koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hurufni Boombii ykn Jaan Meedaan gabaa kuduraafi muduraa ta'e

    Gabaa Kuduraafi Muduraa Hurufa Boombii

    Hurufni Boombii ykn Jaan Meedaan magaalaa Finfinnee jiru gabaa kuduraafi muduraa ta'e.

    Dirreen bal'aan kun amma dura jiddugala ispoortii akkasumas iddoo sirnoonni amantaa adda addaa itti raawwatamu ture.

    Gabaan kuduraafi muduraa magaalaa Finfinnee 'Atikilti Taraa' jedhamee beekamuu namoonni humnaa ol kan itti heddummatan waan taa'eef yeroo gara Jaan Meedaa akka jijjiiramu kantiibaan magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uummaa himanii turan.

    Gabaan kun gabaa kuduraafi muduraa ta'ee tajaajiluu eegalee jira.

    Amansiisaa Ifaa suuraalee kanneen nuuf ergeera.

    Gabaa Kuduraafi Muduraa Hurufa Boombii
    Gabaa Kuduraafi Muduraa Hurufa Boombii
    Gabaa Kuduraafi Muduraa Hurufa Boombii
  2. Addunyaan 'haala hin baramneen' ayyaana Faasikaa kabajataa jirti

  3. Biraaziil keessatti namoonni COVID-19 du’an 1,000 caalan

    Namoota sochii adda addaa taasisaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Fayyaa biyyattii namoonni 1,056 akka du’aniif 19,638 koronaavaayirasiidhaan akka qabaman mirkaneeseera.

    Lakkoofsichi garuu kana caaluu danda’a jedhameera.

    Biyyattiitti yaaddoo vaayirasichi to’annoon ala ta’a jedhutu jira.

    Keessumaayyuu ollaa namoonni hiyyeeyyii baay’innaan keessa jiraatan - bakka waliirraa fagaachuun rakkisuu fi qulqullinna ofii eeggachuun rakkisaa ta’utti.

  4. Booriis Joonsan hakimoota isaan yaalaniin 'jireenyi koo kan keessani' jedhan

    MM UK Booriis Joonsan

    MM UK Booriis Joonsan hakimoota Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) isaan yaalaa jiraniin "amma booda lubbuun too kan keessani" jedhan.

    Guyyoota sadiif kutaa yaala addaa ICU keessa turanii kan bahan Booriis Joonsan achuma hospitaala Seent Toomaas keessatti wayyaa'aa jiru jedhameera.

    Erga kutaa yaala addaa ICU galanii booda dubbii isaanii yeroo duraatiin hojjettoota fayyaa NHS isa yaalaa turan galateeffatanii jiru.

    "Waanan jedhee isaan galateeffadhu hin qabu. Jireenyi koo kan isaaniiti," jedhan.

    UK keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii Dilbata har'aa 10,000 akka taru eegama.

    Sanbata guyyaa tokkotti namoota du'anii 917n dabalee 9,875 gahe.

    Aanga'oonni UK ammallee namni akka manaa hin baane watwaataa jiru.

  5. Mootummaan Indiyaa guyyaa ugguraa sochii biyyattii dheeressuufi

    Namni Wheelchair irratti qaama miidhamaa dhiibaa

    Madda suuraa, AFP

    MM Indiyaa Nareendiraa Moodii walgahii gama viidiyoon ministeerota waliin taasisaniin booda guyyaan ugguraa sochii akka dheeeratuuf murteessaniiru.

    Uggurri kunis guyyoota 14 dabalataa qabaachuu akka danda’utu himama. Jalqaba guyyoota 21'f ture kan labsame.

    Ta’us garuu guyyoonni akka dheeratan murtaa’uunsaa lammiilee hiyyeeyyii uggura amma duran rakkataa jiran daran miidha jedhameera.

    Indiyaa keessatti hamma ammaatti namoonni 8,000 ta’an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u 288 immoo du’aniiru.

  6. Yeroo labsii muddamaa keessa wantoonni dhorkaman ijoo maalfaadha?

    Haadha Alangee Waliigalaa Federaalaa, Adaanech Abeebee

    Madda suuraa, FB Aadde Adaanech Abeebee

    Weerara dhibee koronaavaayrasii ittisuudhaaf jecha labsii yeroo muddamaa manni maree bakka bu'oota uummataa raggaasiseen wantoota dhorkamaa ta'an Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Dhorkaan kaa'ame kun irra caalaa kan irratti xiyyeeffate dhimmoota baayyinaan namoota walitti dhiyeessuu danda'u jedhamanirratti yoo ta'u, hojjettota hir'isuu ykn waliigaltee addaan kutuus dhorkameera.

    Namoota mana kireeffatan irratti kiraa dabaluus ta'e gadhiisisuun yeroo turtii labsii muddamaa kana keessa dhorkamaa akka ta'e ibsaniiru Haati Alangaa Waliigalaa Federaalaa Adaanech Abeebee.

    Tarreeffamni wantoota labsii yeroo muddamaa kana keessa dhorkaa ta'an ijoon akka itti aanu kanatti kaa'ameera.

  7. Duuti koronaavaayirasii US kan biyya kamiyyuu caale

    Hakiima wayyaa of eeggannoo uffatee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin du'aniin Italii caaluun, biyya namoonni hedduun keessatti du'an taate.

    Ragaan Yuunivarsiitii Joons Hoopkiins walitti qabe akka mul'isutti Ameerikaa keessatti namoonni koronaavaayirasiin du'an 20,500 ol taree jira.

    Kunis biyyattiin guyyaa tokkotti namni 2000 ol jalaa du'uun riikoordii erga galmeessiteen booda ta'e,

    Kutaa biyyaa vaayirasichaan daran miidhamte Niwu Yoorki keessatti lakkoofsi namoota du'an qabbanaawaa jiratullee guyyaatti ammas namoota hedduu dhabaa jirra jedhan bulchaan Niru Yoorki Andiriiwu Kuumoo.

    Sa'aatii 24 darbe Niwu Yoorki qofa keessatti nama 783 kan du'e.

    Ameerikaa keessaa walumaagalatti namoonni miliyoona walakkaa ol vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, san keessaa 180,000 ol Niwu Yoorki keessatti.

    Lakkoofsi namoota dandamatanii 32,000 gaheera.

  8. Yooyyaa!

    Buliin Nagaa?

    Gabaasi kallattii keenya kan Dilbata Eebla 12, 2020 asirraa eegala.

    Armaan gaditti gabaasa kallattii kaleessaa argachuu ya dandeessu.

    Qalbiin adoo hin taane, qaamaan walirraa fagaadha, Fayyaa keessan eeggadha.

    Lafa nagaa oolaa!

  9. Gabaasa kallattii har'aa kanumaan obbaasna

    Uggura HIndiin daa'imman hedduun rakkoof saaxilamaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Uggura HIndiin daa'imman hedduun rakkoof saaxilamaniiru

    Indiyaatti labsiin weerara Koronaavaayirasii to’achuuf guyyoota 21’f namoonni akka mana turaniif tasaa labsame, jiruu daa’imman miliyoonatti lakka’amanii rakkinaaf saaxile.

    Daa’imman kuma 10tti lakka’aman deeggarsaaf wayita iyyataa oolan, kumataaman kanneen lakka’aman hagabuu buluuf dirqaman.

    Daa’imman miliyoona 472 kan qabdu Indiyaan, biyya lakkoofsa ummata qabdu keessaa ijoolleen itti heddummatan ta’uun jalqabarra jirti.

    Biyyattin labsiin namoota mana tursiisuuf baafte daa’imman maatii harka qalleeyyirraa dhalatan miiliyoona 40 ta’aan miidheera.

  10. Waqtiin hoo’aa tamsa’ina koroonaavaayirasii ni hiri’saa?

  11. Hawwii Tazarraa ergaa qabdi

    ''Yoo na jaalatte, fagoodhaa nagaa na fuudhi,'' jetti Hawwiin.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  12. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 69 gahe

    Itoophiyaatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman haaraa afur argaman.

    Qorannoo namoota 345 irratti sa’aatii 24 darbe keessatti taasifameen, namoonni afur qabamuun mirkanaa’eera.

    Amma lakkoosi namoota vaayirasichaan qabamanii gara 69tti ol guddateera.

    Karaa biraatiin immoo, kaleessa dhukkubsattootni vaayirasichaan qabaman 6 dhibicharraa bayyanataniiru- waliigalatti namoonni bayyanatan 10 ‘n guutaniru akka Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa ibsanitti.

    Namoonni har’a vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’e hundi lammilee Itoophiyaati.

    Lama dhiiira, lama dubartoota yoo ta’aan, isaan keessaa sadan isaanii biyya hambaatti imalanii deebi’an.

  13. Injinar Taakkalaa Uumaa dhiiga arjooman

    Kaantibaa itti aanaan magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa yeroo weerara Covid-19 kanatti dhaabbilee fayyaa ‘hanqinni dhiigaa mudachuu waan maluuf,’’ jecha dhiigan gumaache jedhan.

    ‘‘Waamicha Baankii Dhiigaa fudhachuun dhiiga arjoomeera,’’ jechuun toora Facebook isaanii gubbaa barreessan.

    ‘‘Lammiin hundi keenya dhiiga gumaachinee lubbuu namaa du’aarraa haa baraarru,’’ jechuunis dhaaman.

  14. 'Nu Baraari' - sirna Waaqa araara kadhachuu Oromoo

  15. 'Doktoroonni UK meeshaalee ofeeggannoof barbaachisan dhabuun lubbuusaaniif yaaddeessa'

    Ogeeyyii Fayyaa meeshaalee ofeeggannoo (PPE) godhatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Doktoroonni hedduun meeshaalee ofeeggannoo wal'aansa koronaavaayirasiif barbaachisan (PPE) argachaa hin jiran jechuun, waldaan hakimootaa komate.

    Waldaan Medikaalaa Biritish (BMA) miseensonni waldichaa lubbuusaanii balaaf saaxilaa jiru jedheera.

    MInisteerri fayyaa biyyattii garuu meeshaalee ogeeyyiirra darbee namoota biroofis ta’u qabna jedhee deebii kenne.

    Doktoroonni UK meeshaalee of eeggannoo dhukkubsattoota koronaavaayirasiin qabaman yaaluuf barbaachisaan guutamuu dhabuu yaadda’an.

    Waldaan ogeeyyii fayyaa UK, doktoroota lubbuusaanii balaarra buusa jedhee akeekkachise.

    Hoogganaan damee fayyaa biyyatti Maat Hankook garuu, meeshaalee nama kamiifuu gahutu jira jedhanii ibsan.

    Mr. Haankook BBC tti akka himanitti, weerarri koronaavaayirasii erga biyyattii keessatti mudatee ogeeyyiin fayyaa 19 lubbuu dhabuusaanii himan.

    ‘‘Gaddi onneerraa natti dhaga’amu hundasaanii haa qaqqabu,’ jedhan.

    Mootummaan akkamittin ogeeyyiin kun akka qabamanillee akka ilaalu kaasuun, ogeeyyiin hojiirra otoo hin jirre qabamanillee jiraachuus eeran.

    Keessattuu, ogeeyyii biyya biraarraa dhaqanii otoo namoota dhukkubsatan wal’aananii lubbuusaanii dhabaniif baay’een gadde jedhaniis dubbatan.

  16. Amma nu gahe, Finfinneetti mana manarra deemuun adda baasuun Covid-19 taasifamuufi

    Kantiibaa Ittaanaa magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa

    Madda suuraa, Takele Uma Banti

    Kantiibaa Ittaanaa magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa akka ibsanitti, torban dhufurraa eegalee aanaalee Finfinnee hunda keessatti qorannoo koroonaavaayirasiif adda baasuun manaa manatti ni eegalama.

    Hojiin adda baasuu kunis hawaasa aanaalee saaxilamoodha jedhaman keessa jiranirraa akka eegalus himaniiru.

    Finfinneen aanaalee 117 kan qabdu yoo tahu, kanneen hunda keessatti eegalama.

    Qorannoo kanaafis ogeeyyiin soorama bahanii turan 1,200 tahan, waamichi mootummaan godheef fudhatanii, ogeeyyii jiran irratti dabalamuun hojjetu jedhaniiru.

    Gama biraatiin baankiiwwan nayaataa 1,200 ta'anis hundeeffamuus dubbatan kantiibaan kun.

    Baankiin ykn kuusaan nyaataa kunneen weerara kana waliin walqabatee lammilee rakkoon isaan mudatuuf qarqaarsa gochuuf hundeeffaman jedhan.

    Itoophiyaatti haga ammaa lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'e 65 yogguu tahu, namoonni 3 lubbuu dhabaniiru.

  17. Hooggansi Dr. Teedros 'kan yeroofi ittigaafatamummaa isaanii gitudha' jedhan MM Abiy

    Dhimma COVID-19 irratti odeeffannoo wayitawaa kennuudhaan tamsa’ina dhibichaa to’achuuf hojjataa jiru jechuudhaan MM Abiy Ahmad hoogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa galateeffatan.

    Dr. Teedroos Adhaanoom wajjin ‘Yeroon dhiphisaan kun hooggansa waloo akka barbaachisu waliin mariyanneerra jedhu MM Abiy.

    Miidiyaa hawaasaa isaanirratti hoogganaa dhaabbatichaas leellisaniru.

    ‘Hoooggansi isaan kennan yeroo isaa kan eeggatee fi ittigaafatamummaa isaanii gitudha’ jechuun barreessan

    Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Adunyaa Dr. Teedroos Adihaanoom Pirezidantii Ameerikaa wajjindabareen wal himachuutti ce’uu hordofuun, hooggantoonni biyyoota Afrikaa cinaasaanii akka dhaabbatan torban kana keessa ibsaa turan.

  18. Biyya walwaraansa keessa jirtu Yamanitti Covid19 mirkanaa’uun yaaddoo guddaauume

    Yaman biyyoota Arabaa keessa Covid19 biyya mirkaneessite ishee dhumaati

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Yaman biyyoota Arabaa keessa Covid19 biyya mirkaneessite ishee dhumaati

    Biyya walwaraansi sirna tajaajila fayyaa baddu-baasetti, dhibichi dabalamee seenuun yaaddessa jedhu dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa.

    Koreen lubbu baraarsaa idila addunyaa (IRC) fi Oxfam, badii hamtuu dabalee qaqqabsiisuuf deema jedhanii akeekkachisan.

    Biyya Yemanitti duraanuu namootni miliyoonaan lakka’aman deeggarsa midhaan nyaataa eeggatu. Gadadoo, beelliifi dhibeen furii itti darbaa jiru.

    Dhibeen akka Koleeraa, Dangii fi busaan lubbuu namaa baasu.

    Hoospitaalonni biyyattiin qabdummoo harki walakkaan tajaajilan hin kennan.

    Humnoonni Sa’udiin deeggaramanii fi hidhattoonni Huutis wal waraansarra turan garuu ammaaf dhukaasa dhaabaniiru.

    Waraana dhaabuu erga labsanii guyyaa tokko booda, namni tokko vaayirasii kanaan qabamuun gabaafame.

    Maanguddoo ganna 60 dhibeen kun irratti mul’ate addatti fo’amaniijiraachuu biyyattiin ibsiteetti.

  19. Ameerikaan guyyaa tokkotti du'a namootaa 2,000 ol galmeessite, Kanaanis addunyaarraa biyya jalqabaa taate

    Konkolaattonni qabbaneessituu kun Magaalaa Niiw Yoorkitti yeroof reeffa namaa kuusuuf itti fayyadamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaattota qabbaneessituu Magaalaa Niiw Yoorkitti yeroof reeffa namaa kuusuuf itti fayyadamu

    US amma yoonattis lubbuu namoota 18,693 du’aan dhabde. – walakkaan namoota du’anii kutaa biyya Niw Yoorkitti galmaa’e.

    Ragaan yuunivarsiitiin Joohns Hopkiins baase akka mulisutti, sa’aatii 24 keessatti namoota 2,108 vaayirasichi galaafateera.

    Biyyattiitti waligalatti namoota walakkaa miiliyoonaa ol ammoo qabeera.

    Addunyaarrattimmoo lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan du’anii 100,000 ol taree jira.

    Ammas lakkoofsi namoota lubbuusaanii dhabanii saffisaan ol gulufaa jira.

    Ameerikaan yeroo yartuu keessatti biyya vaayirasichi namoota baay’ee miidhee Xaaliyaanii dursuun, biyya addunyaarratti koronaavaayirasiin namoota hedduu ajjeese ta’uuf deemte.

    Qorattoonni akka raaganitti yoo ta’e, lakkoofsi namoota dhibichaan du’anii sadarkaa olaanaarraa Jimaata qaqqabuudhaan, kana booda gadi xiqqaachuu eegala.

    Pirezedanti Doonaald Tiraamp lubbuun namoota dhibichi gaalaafate amma jalqabarratti raagaame gaditti jedhu.

    Jalqabarratti amma lubbuu namoota 100,000 Ameerikaatti ajjeesuu mala jedhamee tilmaamame.

  20. Yooyyaa!, Ammallee Yooyyaa!

    Daa'ima mana keessatti taphachaa jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Gabaasni keenya kallattii weerara Covid-19 irratti xiyyeeffate, odeessaalee biyya keessaa fi alaa isin biraan gahuu eegala.

    Yeroo ugguraa fi mana turuu kana keessatti, warri ijoollee qabdan, ijoollee keessan akkamiin mukuu baastu ykn bohaarsitu?

    Taphoota garagaraa qopheessituufi? Moo kompiyutara ykn bilbila itti kennitu?Taphoota aadaa Oromoo keessa jiran taphachiistuu?

    Hirmaadhaa

    Fayyaan Faaya