Naannoon Tigraay namoonni naannicha seenan akka adda of baasan gochuu eegale

Madda suuraa, Geez Media
Naannoon Tigraay dheengadda irraa eegalee imaltoota karaa buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa seenan gara wiirtuu adda baasanii tursan geessuu jalqabe.
Guyyaa kaleessaa imaltoonni wiirtuu kana seenan 47 yoo tahan guyyaa 14f achi akka turanis himameera. Baasii isaanii hundas ofii kaffalatu jedhameera.
Finfinnee dabalatee kutaa biyyatti garaagaraatti namoonni vaayirasichaan qabamuun erga himameen as imaltootni gara naannichaa deeman adda baafamaa hin turre.
Haa tahu malee, manni maree naannichaa wal-gahii viidiyoodhaan taasiseen guyyaa kaleessaa irraa jalqabee imaltoota adda baasanii tursuu dabalatee labsiin yeroo muddamaa baatii sadiif akka dheeratu murteesseera.
Labsii yeroo muddamaa naannichi labseen namni gara naannichaa deemu hundiwiirtuu adda baasanii tursiisuu mootummaan qopheesse keessa guyyoota 14f turuu qaba.
Mootummaan Federaalaa torbee darbe keessa labsii yeroo muddamaa baatii shaniif turu labsuun ni yaadatama.
Kunis murtoo naannoleen baasan waliin wal simee hojiirra oola jedhameera.
- Labsiin Muddamaa Itoophiyaa maal dhorke?





