Itoophiyaa - amma dura namootni 14 koronaavaayirasii irraa bayyanatan
Qorannoo koronaavaayirasii namoota 247'f sa'aatii 24 darbe keessa raawwatameen, dabalataan namoonni sadi koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Tamsaasa kallattii kan Ebla 13 xumuurreerra.
Bakka nagaa bulaa!!
Namoota talaalliin koronaavaayriasii barbaachisu maraaf akka gahutti hojjetamaa jira
Talaalliin koronaavaayirasii ummataaf baatii Fulbaana dhufu dhihaachuu mala jedhan ogeessonni Yunivarasiitii Okisfoord dhimma talaallii qoratan.
Pirofeesar Saaraa Gilbert sagantaa BBC Raadiyoo 4 waliin turtii taasisaniin talaalliin yaalii ‘’dafee eegala’’ jechuun oomishnis akka saffisu qabu himan.
‘’Talaallii hedduu oomishuu eegaluu qabna. Dafnee yoo eegalle biiliyoonaan oomishuu dandeenya,’’ jedhan.
‘’Kun waggaa kana keessa waan ta’u miti. Garuu, yoo dafnee eegaluu dhabne waggaa dhufullee achi gahuu hin dandeenyu,” jedhan.
Addunyaarra tatamsa’uu vaayiresichaa talaallii qofaatu dhaabuu danda’a - Daarektera WHO

Madda suuraa, WHO
Talaalii koronaavaayirasii bu’a qabeessa ta’e qofaatu addunyaarraa dhukkuba kana “guutummaatti tatamsa’ina dhaabuu” danda’a jedhan Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO).
Dr. Tedroos Adihaanom ibsa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti “addunyaan walitti hidhannaa waan qabduuf” balaan Covid-19 biyya tokkoo biyya biraa seenuun itti fufa.
“Galmi kanaas, tatamsa’ina guutummaatti dhaabuudhaa talaallii nageenyi isaafi bu’a qabeessummaan isaa mirkanaa’e qopheessuufi dhiyeessuutu barbaachisa,” jedhan Dr. Tedroos.
Ogeessonni hedduun talaalliin dhukkuba koronaavaayirasii namarraa ittisu baayinaan qopheessuuf yoo xiqqaate waggaa tokko gaafata jedhu.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ergamasaa bahachuu itti fufeera
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa yeroo rakkoo kana keessallee tajaajilawwan barbaachisoo ta'an guutummaa addunyaaf dhiyeessu itti fufuu beeksise.
Xiyyaarri Itoophiyaa ET B777 maaskiiwwan 1,280,000, gilooviiwwan 4,250,000, uufata qaama guutuu dahuu 121, 050 akkasumas aguuggii ijaa 27, 600 Shangaayirraa gara Vaaleensiyaa geesseera.

Madda suuraa, Getty Images
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ameerikaan ‘fiixee dhumaatti dhiyaataa’ jirti - Daarektera CDC
Ameerikaan weerara koronaavaayirasii ilaalchisee fiixeerra gahuutti jirti. Yeroo dhiyaachaa jirtu kana keessattis biyyattiin akkamiin akka dinagdeen biyyattii “dhawaata dhawaataan” banamurratti hojjetamaa jira jedhan aanga’aan fayyaa ol-aanaa tokko.
Daarektarri Dhaabbata To’annoo Dhukkubaa (CDC) Dr. Roobert Reedfiild NBCtti akka dubbatanitti namoonni haaraan vaayirasichi irratti argamu “guutummaa biyyattiirraa amma tasgabbaa’aa jira” jedhan.
Bulchaana Niiw Yoork Andrew Cuomo gaafa Dilbataa namoonni 671 du’uusaanii yoo himan kunis lakkoofsa namoota Niiw Yoork keessatti du’anii gara 10,056’tti ol guddiseera.
Walumaa galatti Ameerikaa keessatti COVID -19 namoota 557,663 irratti argamee, namoonni 21,600 ta’an ammoo du'aniiru.
Kun ammoo namoota dhibeen kun irratti argameenis ta’e kanneen lubbuu isaanii dhabaniin addunyaarratti kan biyya kamiirraayyu isa ol'aanaadha.
Haa ta’u malee, lakkoofsi namoota du’anii bakkewwan baay'ee dhibee kanaan miidhamanii waan tasgabbaa’aa jiru fakkaata.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ingilaanditti dabalataan namoonni 667 koronaavaayirasiin du’an
Namoonni dabalataa Ingilaand keessatti koronaavaayirasiin qabamanii turan 667 du’an.
Kunis lakkoofsa namoota hospitaala keessatti du’an gara 10,261’tti ol guddiseera.
Lakkoofsa haaraa du'an kana keessaa 118 Ebla 12 kan ta’edha.
Iskootlaanditti hanga ammaatti namoonni 575 yoo du’an kan gaafa Dilbataarraa 9 dabaleera.
Weelsitti namoonni dabalataa 15 yoo du’an lakkoofsa namoota COVID-19 du’anii gara 384 ol guddiseera.
Kaaba Ayirlaand keessatti ammoo namoonni 6 dabalataa yoo du’an lakkoofsi namoota du’anii kan hanga ammaa gara 124’tti ol guddateera.
Biyya addunyaa kanarraa taphoonni kubbaafi festivaaliin hanga ammaa hin dhorkamiin

Madda suuraa, Reuters
Yeroo guutummaan addunyaa weerara dhibee koronaavaayrasiitiin raafamaa jiru kana keessa jireenyi Nikaraagwaa keessatti hedduu kan duraarra hin jijjiiramne.
Taphawwan kubbaa miilaafi festivaalonni gara garaa akkuma duraan baratameen itti fufanii gaggeeffamaa jiru.
Biyyattii keessatti namoonni sagale koronaavaayirasiin qabamanii tokko ammoo lubbuun darbeera. Mootummaan biyyattii garuu tarkaanfii tokkollee hin fudhanne.
Biyyoonni hollaa daangaa isaanii cufatanii sochii lammilee dhorkanis, pirezedaantiin itti-aanaa Nikaraagwaa Raazaariiyoo Muriilloon garuu lammileen biyyattii jireenya isaanii idilee akka itti fufaniif hayyamaniiru.
Kana qofaa osoo hin taane abbaa warraa pirezedaantii itti-aantuu kanaa kan ta’an Pirezedaant Daani’eel Orteegaas torban darbe walga’ii walitti qabanii turan.
Dhaabbanni ‘Paan Afrikaan Heelz Orgaanaayizeeshin’ jedhamu ammoo dhibaa’uu Nikaraagwaa kana qeeqeera.
Dhibee kana ittisuudhaaf hanga ammaa tarkaanfii tokkollee osoo hin fudhatiin turuu abaaruun, tatamsa’inni vaayirasichaa to’annootiin ala akka hin baanellee sodaateera.
Sa'udiifi Yamanitti lammiileen Itoophiyaa sababii koroonaavaayirasiin balaaf saaxilamaa jiru
Amma nu gahe, Keeniyaa keessatti namoonni dabalataa 11 COVID-19’n qabamaniiru
Keeniyaan sa’aatii 24 darban keessatti namoota 674 qorachuun namoonni 11 vaayirasichaan qabamuunsaanii mirkanaa’eera. Kunis immoo lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii gara 208’tti ol guddiseera.
Namoonni 11 kunneenis lammii Keeniyaa yoo ta’an 4 isaanii UAE irraa gara biyyattitti akka imalan beekameera. Umuriin namoota qabamanii kunneenis daa’ima ganna 1- 42 akka ta’e ibsni ministirri fayyaa biyyattii ni mul’isa.
Namoota hospitaalatti yaalamaa turan keessaa namoonni 14 yoo bayyanatan kunis lakkoofsa namoota bayyanatanii gara 40 ol guddiseera.
Naayiroobii keessatti sa’aatii 24 darban keessatti namni tokko yoo du’eera. Haaluma kanaan baay’inni namoota du’anii 9 ta’eera.
MM UK Booris Joonsan koronaavaayirasiirraa bilisa ta’an

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan kaleessa osoo hospitaalaa hin ba’iin qoratamanii koronaavaayirasiirraa bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’eera jedhan dubbi himaan mootummaa.
Booris Joonsan amma gara mana jireenyaa isaanii kan Kaawontii isaniitti deebi'anii bayyanachuu isaanii itti yoo fufan kan isa bakka bu'an ministirri dhimma alaa Doominiik Raab mootummaa gaggeessuu itti fufa.
“MM ammaaf hojii mootummaarratti osoo hin taane fayyummaasaarratti xiyyeefataaru,” jedhe dubbi himaan dabalataan.
Booris Joonsan guyyoota 7f hospitaala turanii kaleessa ture kan bahan.
Hojii hojjetoonni fayyaa lubbuu isaa oolchuuf taasisaa turan ammoo 'jechan ittiin ibsu hin qabu' jechuun galateeffataniiru.
Raashiyaan sa’aatii 24 keessatti namoonni baay’een COVID-19 qabamuun riikordii cabsite

Madda suuraa, AFP
Raashiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 2,550 koronaavaayirasiidhaan qabamuun lakkoofsa guddaa ta’eera.
Kunis lakkoofsa guddaa biyyattii keessatti sa'aatii 24 keessatti qabanis ta’eera.
Namoota 18,328 vaayirasichaan qabaman keessaa 11,500 namoota magaalaa guddittii Mooskoo keessa jiraataniidha.
Hamma ammaatti duuti 148 gabaafameera.
Lakkoofsi Raashiyaa biyyoota Awuroppaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqaa ta’us mootummaan naannolee hedduti sochii uggureera.
Oromiyaatti manaa manarra deemuun koronaavaayirasii sakatta'uun eegalame
Mootummaan naannoo Oromiyaa weerara koronaavaayiras ittisuuf mana manarra deemuudhaan mallattoo dhibee kanaa kan ta’e ho’insa qaamaa ilaaluun sakkata’uu eegaluu isaa sadarkaa Itti-aanaa pirezedaantiitti hogganaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru.
Aanga’aan kun akka jedhanitti eeruun Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii naannichaa baasetti, sakkata’insi kun kan taasifamu ogeeyyii fayyyatiin.
Ummatnis ogeeyyii fayyaa hojii kanarratti bobba’aniif tumsa barbaachisu akka taasisuuf waamichi dhiyaatera.
Manneen dhugaatii cuufamuun UK'tti warra biiraa naqan yaaddesse
Kaaliforniyaatti kanneen sagantaarra turan haleellaan irra gahe

Madda suuraa, AFP
Poolisiin Kaaliforniyaa namoonni jaha osoo manaa akka hin taane jedhamee labsamee jiru cabsuun sagantaa 'gudddaa' gaggeessaa turan itti dhukaafame miidhaman.
Dhukaasni kuni gaafa Jimaataa galgala bakka Beekarsfild jedhamutti raawwate jedhe poolisiin.
Kanneen miidhaman dubartoota afur, nama tokkoofi intala durbaa tokkodha.
Garuu, miidhamni irra gahe kan lubbuuf sodaachisu miti jedhameera.
Hanga yoonaa namoonni yakka haleellaa kanaan shakkamanii to’ataman hin jirani.
Garuu, namoonni afur konkolaataan miliqan waan turanif isaan ta’u mala jedhamee shakkameera.
Qorannoon itti fufeera jedhameera.
'Manguddoonni hanga bara 2021'tti adda baafamanii turuu danda’u'

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Koomishinii Gamtaa Awurooppaa manguddoonni fayyaa isaanii eeguuf jecha hanga bara 2021tti adda bahanii turuu qabu jedhan.
Arsllaa Voo deer Leeyen gaazexaa Jarman Bild jedhamutti ’wal tuttuqqaa manguddoota waliin qabnu hir’isuu qabna hanga bara dhufu talaalliin Covid19 argamutti,' jedhan.
Ogeesooti fayyaa baayyeen qorichi qaamni keenyi Covid19 akka dandamatu taasisu waggaa tokkoon as hin qaqqabu jedhaniiru.
Pirezidantittiin adda baasanii tursuun waan rakkisaa akka tahu beeka,’’gaaffii du’aa jireenyaa yoo tahu garuu qajeelfama hordofuufi gara bal’eessa tahuun dirqama,’ ’jedhan.
‘’Ijoollee fi dargaggoonni manguddoota dhukkuba biraa qabanirraa bilisaan socho’uu danda’us,’’ jedhan.
Gamtaan Awurooppaa weerara kana gama to’achuutiin tarakaanfiin fudhate qeeqamaati jira.
Torbee darbe, pirezidantiin damee qorannoo saayinsii dhaabatichaa rakkoo siyaasaafi bulchiinsi dhaabbatichaa qorannoo irratti qaqqabsiisaa jiru irraan kan ka’e hojii gad-lakkiisaniiru.
'Sababa namoota koronaavayirasiin qabaman dhoksinuuf hin qabnu'
Kaampaaniiwwan Paarkii Indastirii Hawaasaa guyyaatti maaskii 10,000 oomishuu eegalan
Kaampaaniiwwan Paarkii Indastirii Hawaasaa keessa jiran guyyaatti maaskii 10,000 oomishuu eegaluu isaanii MM Abiy Ahmad himan.
Omisha dur oomishanirraa fedhii amma jiru bu’uura godhachuun hojjetaa akka jiran MM Abiy ibsaniiru.
Fuula durattis dhaabbileen kuni guyyaatti maaskii yookiin haguuggii afaanii 50,000 oomishuuf karoora akka qaban ibsan.
MM Abiy dhaabbileen kaanillee faana dhaabbilee kanaa akka hordofan dhaamaniiru.
Tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuufi ofirraa eeguuf kanneen Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gorsu keessaa haguuggii afaanii godhachuun tokkodha.
Ta’us hanqinni waan jiruf namoonni manatti uffatarraa tolfatanii akka godhatan ogeessonni ni gorsu.
Itoophiyaan Labsii Yeroo Muddamaa torban darbe labsite irratti namni hunduu maaskii osoo hin godhatin akka hin sochoone dhorkiteetti.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Amma nu gahe, Itoophiyaa - dabalataan namootni sadi koronaavaayirasiin qabaman
Qorannoo koronaavaayirasii namoota 247'f sa'aatii 24 darbe keessa raawwatameen, dabalataan namoonni sadi koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Namoonni sadanuu dhiira lamaafi dhalaa 1 seenaa imala gara biyyoota alaa hin qabani, tokkorraa kan hafe lamaan isaanii namoota vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e waliiniis qunnamtii hin qabani.
Namoonni afur dabalataan vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u lakkoofsi namoota bayyanatanii 14 gaheera.
Walumaagalatti namoonni Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamuun isaanii amma dura mirkanaa'e 74 gahee jiru.
Talaallii koronaavaayirasitti dhihaanneerraa?

Madda suuraa, Getty Images
Talaalliin koronaavaayirasii ummataaf baatii Fulbaana dhufu dhihaachuu mala jedhan pirofeesarri Yunivarasiitii Okisfoord dhimma talaallii qoratan.
Pirofeesar Saaraa Gilbert sagantaa BBC Raadiyoo 4 waliin turtii taasisaniin talaalliin yaalii ‘’dafee eegala’’ jechuun oomishnis akka saffisuu qabu himan.
- Ameerikaan talaallii jalqabaa namoota fedha qabaniirratti yaalaa jirti
- Saayintiistonni talaallii koronaavaayirasii lama yaalii eegalan
‘’Talaallii hedduu oomishuu eegaluu qabna. Dafnee yoo eegalle biiliyoonaan oomishuu dandeenya,’’ jedhan.
‘’Kun waggaa kana keessa waan ta’u miti. Garuu, yoo dafnee eegaluu dhabne waggaa dhufullee achi gahuu hin dandeenyu.’’
- Talaallii koronaavaayirasii sobaa namoonni kennan to'ataman
- Qoricha sobaa hammaate
