Maanguddoon magaalaa Duukam jiraatan koronaavaayirasiin qabamanii du'ani
Namni sadaffaa Itoophiyaa keessa koronaavaayirasiin qabamanii du’u isaanii Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse. Namni har’a du’an jiraattuu Naannoo Oromiyaa Magaalaa Dukam yeroo ta’an jalqabumaa kutaa kunuunsi addaa taasifamuuf keessa turani jedhameera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Sababa koronaavaayirasiin qonnaan bultoonni aannan lafatti dhangalaasuu eegalan
Koronaavaayirasiin hariiroo maatii ni jabeessamoo ni laaffisa?

Madda suuraa, Getty Images
Weerara koronaavaayiras dura abbaan warraafi haati warraa guyyaa tokkotti giddu galeessaan sa’aatii lamaafi walakkaa qofa wal argaa akka turan qorannoowwan ni mul’isu.
Yeroo ammaatti ammoo wantoonni jijjiiramaniiru.
Keessumaayyuu eega biyyoonni muraasni tatamsa’inna vaayirasichaa ittisuuf sochii namoota ugguranii booda abbaan warraafi haati warraa guyyatti hanga sa’aatii 16 waliin dabarsu.
Ijoolleensaaniis manaa hin bahan.
Namoota sa’aatii kana hunda mana turuu hin baranneef yeroon kun baay’ee isaan yaachisaara.
Yeroo kun maatii gargar akka fagaatan godhamoo mana keessatti waldhabdeen akka jiraatu taasisa laata?
Moriinhoon seera walirraa fageenya hawaasummaa cabsuu amane

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan kilaba Tootinhaam Joozee Moriinhoon seera walirraa fageenya hawaasummaa koronaavaayirasii ittisuuf bahe cabsuun taphataa garee isaanii Nidombeelee waliin bakka bashannana hawaasaatti leenji’aa ooluu isaanii amane.
Moriinhoon yeroo bakka bashannan hawaasaa kanatti taphataa isaa waliin leenjiirra jiranitti kaameraan waraabamanii turan.
Taphataa sana waliin walirraa fageenya isaanii kan eeggatanii turan ta’ullee, seera ‘manaa hin bahiinaa’ jedhu mootummaan baase diiganii argamuu amananiiru.
Taphattoonni Tootinhaam biroonis naannoo bashannana hawaasaa sana keessa osoo sosochii qamaa hojjetanii argamaniiru.
Moriinhoon gochi isaanii kun sirrii akka hin taane amaneera.
Tuniisiyaan namoota Koovid19 daddabarsan du’aanan adaba jette

Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Tuniziyaan ummanni manaa akka hin baane to'achuuf roobootiidhaan dhimma bahaa jirti Aanga’ooti Tuniziyaa namoota koronaavaayirasiin qabamanii kaanitti dabarsaniifi seera tatamsa’ina dhukkubichaa to’achuuf bahe daddarban du’aan adabamu jedhan.
Ministirri Dhimma Keessaa biyyattii Hicheem Meechiichii mootummaan fayyaa ummataa eeguuf jecha seera kana sirriitti hojiirra oolcha jedhan
Tuniiziyaan sochii halkan taasifamu guutummaan guutuutti kan dhorkite yoo tahusochii guyyaa taasifamu irratti dhorkaa garaagaraa keesseetti.
Haa tahu malee, hanga yoonaa namootni 1,000 tahan dhorkaa halkan kaa’ame cabsaniiru.
Keeniyaatti dabalataan namoonni 7 Covid-19’n qabaman
Lakkoofsi namoota Keeniyaatti koronaavaayirasiin qabamanii 179 gahe.
Mootummaan biyyattii har’a akka beeksisetti namoonni dabalataa 7 qabamaniiru.
Waliigala keessaa kan itti hammaate nama tokko qofa jedhameera.
Taakkalaa Uumaa harka qalleeyyiif deeggarsa birmannaa gaafatan
Kantiibaa itti aanaan magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa namoota galiin guyyaan argatan tamsa’ina koronaavaayirasii to’achuutti jalaa danqameef deeggarsa hawaasaa gaafatan.
Namoota kiraa manaa kaffalatan hin qabneef kireessitoonni akka kaffaltii dhiisaniif gaafataniiru.
‘Har’a ijoolleesaanii wajjiin akka dabarsaniif kiraa manaa haa dhiifnuufi’ jechuudhaan toora midiyaa hawaasaarratti barreessan.
Komiishinarri Gamtaa Afrikaa 'duula Dr Tedros irratti baname' balaaleffate
Gamtaan Afrikaa duula Ameerikaan Dhaabbata Addunyaa (WHO) fi Daarektera Olaanaa dhaabbaticha Dr. Tedroos Adhaanom irratti bante balaaleffate.
Komishinarii Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahamaat fuula tiwiitera isaaniirratti akka barreessanitti "duulli US hoggansa WHO irratti taasisaa jirtu na ajaa'ibeera" jedhan.
“Gamtaan Afrikaa WHO fi Dr. Tedroos waliin iira” jedhaniiru.
Donaald Tiraamp ammoo fuula tiwiitera isaaniirratti WHOn harka caalaa fandii US irraa osoo fudhatuu, faayidaa Chaayinaa giddu-galeessa godhachuun hojjeta jechuun qeeqan.
“Nutis amma egaa sirriitti irra deebinee ilaalla.” jedhan.
“Akka carraa ta’ee gorsa isaan daangaa keessan Chaayinaatti hin cufiinaa jedhu hin fudhadhu jedheen ture," jedhu Tiraamp.
Deeggarsa maallaqaa Ameerikaan WHO'f gootu adda kutuuf yaada qabaachuu isaaniillee akeekaniiru.
Muusaa Fakii garuu ammatti kan barbaachisu, dhibee COVID-19 ittisuudhaaf waliin dhaabbachuu qabna.
Yeroo qaama/abbaan itti gaafatamu adda baafannu ni dhufas jedhan.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni sadii haaraan COVID-19n qabamuun mirkanaa'e
Itoophiyaatti qorannoo laaboraatoorii saa'aatii 24 darban keessatti namoota 225 irratti taasifameen namoonni sadii koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'eera.
Kan haaraa sadan har'aa qabamuun mirkanaa'e waliin Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayrasiin qabamanii 55 qaqqabeera.
Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa akka himanitti, erga vaayirasiin kun Itoophiyaa seenee kaasee namoota 2,496 tiif qorannoon laaboraatoorii taasifameera.
Namoota har'a qabaman sadii keessaa lama seenaa imala biyya alaa kan qaban ta'uun isaanii ibsameera.
Akka Dr. Liyaan jedhanitti namoonni lama umuriin isaanii waggaa 29 yoo ta'an Dubaay irraa dhufanii bakka addatti baafamanii tursiifaman keessatti hordoffiin taasifamaaf tureera.
Sadaffaan ammoo nama umuriin isaa waggaa 36 ta'eef jiraataa naannoo Amaaraa Godina Hawwii magaalaaa Addis Qidaam akka ta'e himan.
Namni kun seenaa imala biyya alaa hin qabu garuu nama dhibee kanaan qabame waliin walitti dhufeenya qabaachuun shakkamee qoratamuun ture kan irratti argame.
Namoota sadan keessa tokko gara kutaa wal'aansa namoota dhibeen itti cime wallaanamanii galeera.
Namoonni kutaa wal'aansa namoota haalaan dhibamanii (ICU) jiran lama yoo ta'u, amma dura namoonni lama du'anii 4 dandamachuun isaanii gabaafameera.
Amma nu gahe, Itoophiyaan koronaavaayirasii to'achuuf labsii yeroo muddamaa labsite

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa weerara koronaavaayirasii to'achuuf jecha labsii yeroo muddamaa labsuu isaa MM Abiy Ahimad beeksisan.
MM Abiy ibsa gama 'Facebook' isaaniin baasaniin "ragaan amma qabnu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ariitiin dabalaa jiraachuu mul'isa" jedhan.
Mootummaan weerara vaayirasichaa to'achuuf manneen barnootaa cufuu, geejjiba ugguruu, walgahii dhorkuufi tarkaanfiiwwan kaan fudhachaa ture kan jedhu ibsi kun ammatti labsii yeroo muddamaa labsuun barbaachisaa ta'ee argameera jedhan.
Mootummaan tarsiimoo sadiin vaayirasicha to'achuuf hojjetaa jira jedhan.
Tokko uummata hirmaachisuun akkaataa gorsa hakiimootaatiin ittisuu, Lama, ittisuurra taree kan dhufe yaaluuf humna gabbifachuu fi sadaffaan wanti hammaataan yoo dhufe ammoo dursanii qophaa’uun haaluma barbaachisuun murteewwan adda addaa dabarsuudha.
Tarkaanfiin mootummaan fudhatu hamma ulfaatina rakkoo biyya mudateen kan wal madaalu ta'uu ibsichi himeera.
Uummanni wal gargaaruufi wal tumusuun yeroo rakkina kana walbira akka dhaabbatu waamichi dhiyaateera.
Hakimoota, qaamolee nageenyaa, ogeeyyii humna ibsaafi ogeessota wayita yeroo rakkoo kanaa ala bahanii hojjechuuf dirqaman galateeffate hawaasni waliin akka dhaabbatu waamicha dhiyeessee jira.
Rakkoo nu mudate ittisuuf warra hojjetaa jiran waliin akka tumsan gaafatanii warra faallaa kanaa dhaabbatan irratti tarkaanfii fudhanna jedhan.
Maaltu dhorkama?
Mootummaan qophii gochaa erga turee booda bu’uura heera mootummaa keewwata 93’n labsii hatattamaa labsuuf dirqameera jedhe ibsi kun.
Haa ta'u malee labsii yeroo muddamaa kun yeroo hagamiif akka turuufi maal maaltu akka dhorkame wanti himame hin jiru.
Heerri mootummaa keewwati 93 yoo weerarri dhukkubaa fayyaa hawaasaa balaaf saaxilu mudate mootummaan labsii yeroo muddamaa labsuu akka danda'u hima.
Wayita labsiin akkanaa labsames qaamni hoji raawwachiiftuu mootummaa tarkaanfii biyyattii balaa mudaterraa baraara jedhe kamuu fudhachuuf aangoo guutuu qabaata jedha.
Yeroo kana mirgoonni siyaasaafi diimokiraasii ugguramuu akka malanis heerri mootummaa ni hayyama.
'Adurree keessan manatti dhorkadhaa' jedhan hakimoonni fayyaa beeyladaa
Wallaansa dhibee Covid-19 tiif gargaarsi addaa (ICU) maali? Eenyuuf barbaachisa?
Hogganaan 'twitter' koronaavaayirasii loluuf dolaara bil. 1 arjoome

Madda suuraa, Getty Images
Jaak Doorsii hundeessaan 'twitter' fi appii kafaltii 'Square' jedhamuu weerara koronaavayirasii ittisuuf doolaara biliyoona tokko akka kennu beeksise.
Deeggarsi maallaqaa inni kenne kun qabeenya waliigalaa isaa keessaa dhibbeentaa 28 akka ta'es himeera.
Maallqni kun eessatti akka ergamuufi eessatti faayidaarra akka oolu garuu Jaak waan jedhe hin qabu.
Ameerikaa keessa hanqinni hafuursituu ykn veentileetarii akkasumas uffannaa of-eeggannaa guddaatu jira.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Giiftii dureen Itoophiyaa faarfannaan 'araara kadhatan'

Madda suuraa, Youtube/Screenshot
Giiftii dureen Itoophiyaa Aadde ZInnaash Taayyachewu wayita addunyaan weerara koronaavaayirasiin raafamaa jirtu kanatti faarfannaan araara kadhatan.
Farfannaan kuni kallattiin koronaavaayirasii waliin wal qabatee kan faarfatame ta'uun ibsamuu baatus, "yeroo addunyaan oduu hamaan shororkaawaa jirtu kanatti nu hin dhiisiin," gaalee jedhu walaloo keessaa qaba.
Faarfannaan viidiyoo daqiiqaa jaha qabu Afaan Amaaraan faarfatame Kibxata gadi dhiifame kun, mata duree 'nutti araarami' jedhu qaba.
Viidiyoo kanarratti Giiftii duree Zinnaash, jilbeeffatanii 'uummata koo hin dhiisiin, biyya koo hin dhiisin' jechuun faarfannaan Waaqa yoo kadhatan mul'ata.
Faarfannaa kana namoonni hedduun marsaalee hawaasaa irratti waliif qoodaa jiru.
Kuni wayita biyyattiin kadhannaa biyyaalessaa amantiiwwaan addaa addaa labsitee jirtutti ta'e.
MM Abiy Ahimad dabalatee aanga'oonni mootummaa gara garaa namoonni qajeelfamoota mootummaan vaayirasicha to'achuuf baase hojiirra oolchuun cinaatti uumaa isaanii akka kadhatan jajjabeessaa turani.
Faarfannaan Giiftii duree Zinnaash kunooti:
Maxxansa YouTube irra dabriQabiyyee Google YouTube hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa YouTube
Ameerikaatti guyyaatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n du'aanii galmee cabse
Guyyaa tokko qofa keessatti lakkoofsi namoota Ameerikaatti koroonaavaayirasiin du'aanii 1,736 qaqqabe. Waliigalatti namoonni du'an 12,722tti ol guddate jedha ragaan Yunvarsiitii Hopkiins irraa argame. Kibxata lakkoofsi namoota du'aanii galmaa'e kun addunyaarratti galmee haaraadha.
Ameerikaatti namoonni 398,000 vaayirasichaan qabamuun, addunyaarratti lakkoofsa namoota qabamanii hedduu qabaachuun sadarkaa jalqabaarratti argamti.
Addunyaarratti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mililyoona 1.43 ol darbeera. Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiramp garuu, lakkoofsa namoota qabamanii deebisne gadi buusna jedhanii dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Hanqinni kondomii mudachuu akka danda'u akeekkachiifame

Madda suuraa, AFP
Sadarkaa addunyaatti hanqinni kondomii mudachuu akka danda'u warshaan kondomii guddichi addunyaa kanaa akeekkachiise.
Omishaa gommaan addunyaa kan dursituufi addunyaaf kondomii dhiyeessuun adda duree kan taate Maleezhiyaan sirni omishaa sababa uggura sochii labsameen jalaa jeeqamaa jiraachuu himteetti.
AFP'n akka gabaasetti warshaan 'Karex' jedhamu kondomii addunyaa kanarra jiru keessaa tokko shanaffaa oomisha.
Hogganaan warshaa kanaa ji'oota muraasa dhufan hanqinni mudachuun isaa "waanuma hin oolle" jechuun AFP'tti himeera.
Eejansiin UN fayyaa wal-hormaataa irratti hojjetu dhiyeessii kondomii barbaadu walakkaa qofa argataa akka jiru himuun gamanumaan hanqinni isa mudachuu eegaluu beeksiseera.
Hanqinni kondomii mudachuun kun ulfa hin karoorfamne heddummeessuun rakkoo fayyaa fi hawaasummaa jabaa keessumaa dubartootarraan gahuu danda'a yaaddoo jedhu qaba UN.
Kuni ammoo ulfi baasuu balaa biraaf nama saaxilu ykn dhukkuboonni saal-qunnamtiin daddarban akka HIV akka hammaatan taasisuu malas jedheera.
Magaalaan Chaayinaa Wuhaan uggura torbee 11 booda sochiitti deebite

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaan Chaayinaa koronaavaayirasiin jalqaba keessatti argameWuhaan uggura sochii ji'ootaan booda jiraattonni ishee akka socho'an hayyamte.
Appii fayyaa bilbila moobaayilii isaaniirra jiru irratti mallattoo 'magariisa' kan qaban (fayyaa ta'uun isaanii kan mirkanaa'e) hundi erga Amajjii 23 magaalattii keessatti sochiin ugguramee as yeroo duraaf manaa bahanii socho'uu danda'u.
Imalli baaburaafi konkolaataa irra deebiin akka eegalamu ta'eera.Wuhaan torban 11 booda karra banatte
MM Booris Joonsan guyyaa lammaffaaf kutaa wal'aansa addaa keessaa hin baane

Ministirri muummee Booris Joonsan guyyaa lammataaf kutaa wallaansa namoota dhukkubiin itti cimee (ICU) keessa jiru.
Hospitaala St. Tomaas jedhamu kan magaalaa Landan walakkaatti argamu keessatti meeshaaleen wal'aansaa jiru jedhamaniifi ogeessota fayyaa ciccimoootiin hordoffiin taasifamaafi jira.
Haalli fayyaa Booris Joonsan kan hamaaf isaan kennu akka hin taane ammoo himamaa jira.
Waajirri ministira muummichaa ibsa kenneen “Gaggeessaan keenya Booris Joonsan gargaarsa Oksijiinii argachaa jiru, gara ventileetarii fayyadamuurra rakkoon isaan geessisu isaan hin mudanne. Fayyaa haala gaariidha jedhamerra jiru,” jedheera.
Booris Joonsaniin bakka bu’anii yeroodhaaf kan biyyattii gaggeessaa jiran Ministira Dhimma Alaa Doominiik Raab: “Booris dhukkuba isaaniirraa fayyanii akkan argu waan tokkollee hin shakku,” jedhan.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan kan hospitaala galan Dilbata galgala erga dhukkubiin itti cimaa dhufee ture.
Asii dubbisaa: Mootonni biyyoota gara garaa Booris Joonsaniin jajjabeessan
Nagaan isiniif haa ta'u!
Bakka jirtanitti nagaa guutuu isiniif hawwina, hordoftoota BBC Afaan Oromoo
Tamsaasni keenya kallattii waan biyya keessaa jiruufi taateewwan guutummaa addunyaarra jirurratti odeeffannoo wayitaawaa irraa argattan kan Ebla 8, 2020 jalqabneerra.
Nu hordofaa, waliifis dabarsaa.
Guyyaa Gaarii!! Aaga Dhaga'aa Ooolaa!!
Gabaasa kallattii guyyoota darbanii asii dubbisaa: Hojjeettonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa 3 Covid-19'n qabaman

Madda suuraa, Getty Images
