Maanguddoon magaalaa Duukam jiraatan koronaavaayirasiin qabamanii du'ani

Namni sadaffaa Itoophiyaa keessa koronaavaayirasiin qabamanii du’u isaanii Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse. Namni har’a du’an jiraattuu Naannoo Oromiyaa Magaalaa Dukam yeroo ta’an jalqabumaa kutaa kunuunsi addaa taasifamuuf keessa turani jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bulchiinsa namoota koroonaavayirasiin irratti argameen biyyoota hunda caalte

  2. Gamtaan Awuroopaa ittisa koronaavaayirasiif €500bn ramade

    Nama yaadaa jiru

    Madda suuraa, AFP

    Ministiroonni maallaqaa Gamtaa Awurooppaa (EU) biyyoota miseensa Gamtichaa koronaavaayirasiin miidhaman gargaaruuf €500bn (£440bn) ramaduuf waliigalan.

    Waliigalteen kun marii yeroo dheeraaf Biraaselsitti Kamisa taa’ameen ture.

    Deggersi maallaqaa ramadame kun mootummoota, kampaaniiwwaniifi hojjettoota gargaaruuf kan ooludha. Ministiroonni kun fedhii deggersaa Firaans, Ispeeniifi Xaaliyaanirraa dhiyaaterratti garuu walii hin galle.

  3. Booris Joonsan kutaa wallaansa addaa (ICU) keessaa bahan

    MM UK Booris Joonsan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee UK Booris Joonsan kutaa wallaansa addaa (ICU) keessaa bahaniiru, garuu hospitaalaa akka hin baane gabaafameera.

    Booris Joonsan haalli fayyaa isaanii kan foyya’e yoo ta’u, faara gaarii akka qabanillee waajirri ministeera muummee beeksiseera.

    MM Booris Joonsan Dilbata darbe ture mallattoon koronaavaayirasii itti cimee jennaan atattamaan gara hospitaalaa kan geeffaman.

    Booris Joonsan hanga ammaatti rakkoon arganuu isaan mudatee ventileetera argansuu gargaaru hin fayyadamne.

  4. Yaaddoo cimaa miidiyaalee maxxansaa Itoophiyaa mudate

  5. Daa'imman haguggii fuulaa addaa argatan

    Daa'ima maaskii haguuggii ofeeggannoo godhatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroon kun hedduu keenyaaf yeroo haalaan yaaddeessudha.

    Keessattuu haadholii ulfaa'aniifi daa'imman reefu dhalataniif yaaddoon kun ni cima.

    Hospitaalli Taayilaand kun daa'imman reefu dhalataniif ofeeggannoo dabalataa gochaafii jira - haguuggii addaa fuula itti haguuggatan.

    Suuraaleen kunniinis Hospitaala Praram 9 jedhamu magaalaa Baangikook keessatti narsoonni wayita haguuggii kana kaa'aniif agarsiisa.

    Biyyattiitti haga ammaa namoonni 2.423 vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaa'e yoo tahu, kanneen 32 tahan ammoo lubbuu dhabaniiru.

    Narsolii daa'imman reefu dhalatan baatan

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee

    Magaalaa Finfinnee keessa hojjetaa haguuggee afaaniifi funyaan godhate

    Madda suuraa, Anadolu Agency

    Dhibeen koronaavaayiras ji'ootaan dura Chaayinaa kutaa biyyaa Hubeeyi keessatti mula'ate, yeroo ammaa Ardii Antaarkitikaa malee addunyaa waliin gahuun du'aatii namoota 100,000tti siqaniif madda ta'eera.

    Lakkoofsa kallattii asii ilaalaa http://www.bbc.co.uk/afaanoromoo/oduu-51867548

  7. Ispeen ibiddicha 'to’annoo jala oolchaa jirti'

  8. Koroonaavaayiras kabaja ayyaana amantii attamiin jijjiiraa jira?

  9. Gaaritti bulaa!

    Tamsaasa keenya har'aa goolabne.

    Boru walitti deebina. Gaaritti bulaa.

  10. Lammiileen Afrikaa Chaayinaatti guyyaa lammataaf daandiirra bulan

    Barattoonni fi daldaltoonni lammiilee Afrikaa tahan Chaayinaa magaalaa Guwaan zhuutti hoteelaa erga bahaa jedhamaniin daandii dhumarra jiru.

    Jette jetteen koroonaavaayirasiin lammiilee Afrikaa magaalattii keessa jiraatan irratti babal’achaa jiru erga tamsa’een booda qorannoon manaa manatti taasifamuufi hooteela jiraniitii akka bahan taasifamaas turan.

    ‘‘Iddoo bullu hin qabnu, nyaatas,hoteellis hin jiru,’’ jechuun barataan tokko BBCtti hime.

    ‘‘Hanga ammaatti namoonni 100 tahan daandiirra jiru. Gara biyya isaanii deemuu barbaadu.

    Namoonni Chaayinaa maal akka tahan hin beeku lammiilee Afrikaa iddoo jiraniitii isaan ari’aa jiru,’’ jedhan.

    Xalayaa banaa Waldaan hawaasa Afrikaa Guwaanzyuu, hoggantoota Chaayinaaf barreesseen, ‘‘loogii fi qooduun lammiilee Afrikaa magaalattii irratti taasifamu akka dhaabbatu,’’ jechuun gaafateera.

    ‘‘Hoggantoonni hawaasa Afrikaa Guwaanzyuu sababii koroonaavaayirasiin uggura mana keessaa jiru.

    Namooti kunneen garuu bu’aan qorannoo isaanii vaayirasicharra bilisa akka tahan agarsiisa.

  11. Chaayinaan ‘waanin dhokse hinqabu’ jechuun WHO bira dhaabbatte

    Liijiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Chaayinaa himannaa irratti dhihaate balaaleeffate.

    Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Zhaawo Lijiyaan Chaayinaan waa’ee koronaavaayirasii addunyaa waan dhoksite hin qabdu jedhan.

    Vaayirasichi haaraa ta’u isaa hubachuun ‘yeroo muraasa nu duraa fudhateera’ jedhan.

    • Taayiwaan Dr Teedroos Adihaanom 'ajjeesuuf hin doorsisne' jette

    Yeroo vaayirasichi jalqaba tamsa’uu eegalu Chaayinaan hamma tamsa’e, miidhaa geessiseefi vaayirasichi jiraachuudhuma isaayyuu dhoksiteetti jechuun himatamti.

    Gaafa Roobii Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompewoo miidhaa vaayirasichi magaal Wuhaan keessa dhaqqabsiise Chaayinaan dhoksiteetti jechuun himataniiru.

    Gaafa Kamisaa kana irratti deebii kan kennan Lijiiyaan vaayirasichi bakkeewwan addunyaa birootti mul’achuu danda’a ture jedhan.

    Pirzidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa ‘Chaayinaa giddugaleessa’ godhatee hojjeta jedhanii turan.

    Chaayinaan kana balaaleeffachuun dhaabbaticha bira akka dhaabbattu ibsite.

  12. Kanneen adda of baasanii turan hawaasni loogii malee akka fudhatu gaafatame

    Ministira Fayyaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa

    Itoophiyaan namoota 554 covid19 irraa bilisa tahan hawaasatti makte.

    Kutaa adda baafamanii turanitti guyyaa 14 erga dabarsaniin booda qorannoo isaanif taasifameen namooti 554 koroonaavaayirasii irraa bilisa tahuun mirkanaa’eera.

    Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasa har’a akka himanitti, adda baasanii tursiisuun vaayrasichi akka hin babal’anneef gargaareera jedhan.

    Vaayirasichi biyyatti erga galeen as qajeelfama Ministira mummeen kennameen namooti biyya alaarraa dhufan hundi lafa adda baasanitti akka turan murteeffameera.

    Murtoon kunis Ministeera Nagaatiin kan qindeeffamu yoo tahu, Ministeerri Fayyaa, Aadaafi Turizimiifi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa dabalatee qaamota nageenyaa waliin hojjetama jedhan.

    Haaluma kanaan lammiileen Itoophiyaa hoteelota keessatti baasii ofii isaaniitiin hordoffiin taasifamaafi jira.

    Gama biraan biyyoota garaa garaa irraa haala dirqisiisaa taheen lammiileen gara biyya isaaniitti deebi’an baasii mootummaatiin manneetii barnootaa garaagaraafi yunivarsiitiiwwan keessa turaa jiru jedhan.

    Namoota turtii guyyaa 14 xumuranii bahan hawaasni loogii osoo irraan hin gahiin isaan ofitti fudhachuu qaba jedhaniiru.

    Kana malees yeroo ammaa kanatti 2036 lafa adda bahanii turanitti hordoffiin fayyaa barbaachisaa tahe isaaniif kennamaa jira jedhaniiru.

    Adeemsi guyyoota 14f adda baasanii tursuu jalqabme kun tatamsa’ina dhukkubichaa gama to’achuun gahee akka qabu ministirittiin dubbataniiru.

    Hanga yoonaa namooti 56 vaayirasichaan kan qabaman yoo tahu kanneen keessaa lama kutaa dhukkubsattoonni dhibeen kun itti hammaate yaalaman keessatti wal’aanamaa jiru.

    Akka addunyaatti namooti vaayirasichaan qabaman miiliyoona 1.5 kan tare yoo tahu namooti 90,000 ol lubbuun isaanii darbeera.

  13. Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miiliyoona 1.5 tare

    Erga koronaavaayirasiin tatamsa'u eegalee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 1.5 darbeera.

    Ragaan Yunivarsiitii Ameerikaa Joohns Hopkiinsirraa argame akka agarsiisutti namoonni walakkaa miiliyoona ta’an guyyoota jaha keessatti qabamani.

    Lakkoofsi amma jiru garuu akka dabalu eegama.

    Sababni isaas namoonni mallattoo dhukkubichaa hin agasriisne waan hin qoratamneefi.

    Hanga yoonaa namoonni 90,000 ol kan du’an yoo ta’u 340,000 ol immoo bayyanataniiru.

    Biyyoota hunda keessaa namoota hedduu kan dhabde Xaaliyaaniidha. Namoota 17,000 dhabde.

    Ispeen irraa 15,000 ol akkasumas Faransaay irraa 10,000 ol du’aniiru.

    UK irraas 7,000 ol du’an.

  14. Daa’imman 10 akkuma dhalataniin koronaavaayirasiin qabaman

    Hospitaalli Romaaniyaa daa’imman dhalatan 10 hospitaala keessatti koronaavaayirasiin qabamuun isaanii erga baramee booda yakkaan qoratamuu eegale.Harmeen daa’imman kanneeni qoratamanis homaa dhukkubichi irratti hin argamne.Sababa kanaaf, ogeessota fayyaan akka qabamuu hin malle shakkameera.Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti hospitaalicha keessa kan hojjetan keessaa tokko kana dura vaayirasichi irratti argameera.Hospitaalli biraallee gaafa roobii hojjettoonni hedduu vaayirasichaan waan qabamanif akka hordoffii jala ta’u ta’eera.Hanga yoonaa biyyattii kanatti namoonni 220 ol vaayirasichaan du’aniiru.Ispeenittimmoo lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii 15,000 darbe.Haa ta’u malee, hammi namoota vaayirasichaan qabamanii xiqqaataa jira.Fakkeenyaaf har’a namoonni haaraa 5, 756 qabaman. Kan kaleessaa garuu 6,180 ture.Lakkoofsi namoota qabamanii garuu takka bu’a takka ol kaa’aa ture.

  15. Warri sababa koronaavaayirasiin manaa akka hin baane dhorkamtan maalitti jirtu?

    Pirezidantiin Yugaandaa push aappii yeroo dalagan

    Madda suuraa, Yowerii Musevenii

    Pirezidantiin Yugaandaa Yuwerii Musevenii,umrii 75, waan itti jiran viidiyoofi suuraan gadhiisaniiru.

    Biyyi isaanii tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf jecha sochii namootaa uggurteetti.

    Pirezidant Museveniin akkuma kaleessa waadaa seene har'a ganama push aappii hojjedheera jedhan.

    viidiyoo irratti si'a soddoma push - aappii yeroo dalagan mul'ata.

    Guyyaa kaleessaa jedhan Museveniin, namoonni ala akka bahinaa isin jedhe turtan.

    Kunis, akka koronaavaayirasiif of hin saaxilleefi.

    Mana keessa ispoortii hojjechaa fayyaa keessan eeguu dandeessu jedhaniiru.

    Dubbii ajaa'ibaa akkanaa yoo dubbatan kuni Museveniif kan duraa miti.

    Kana dura manaa hin bahiinaa jechuun balbala ofitti cufaa taa'aa jechuu miti.

    Mana fincaanillee deemuu dandeessu jedhanii tiwiitara isaanii irratti barreessanii turani.

  16. Reeffi nama koronaavaayirasiin du'e Itoophiyaa akka hin seenne dhorkame

    Reeffi nama koronaavaayirasiin qabamee Itoophiyaa akka hin seenne mootummaan dhorke.

    Xalayaa Sivili Aviyeeshiniin Itoophiyaa Daandilee Qilleensaa gar garaaf barreesse wabii godhachuun EBC'n gabaaseera.

    Kana dura lammiileen Itoophiyaa lama Xaaliyaanitti du'ani turan. Haa ta'u malee, bakki owwaalchi raawwate hin baramne.

    Gama kaaniin, xumura torban darbe yeroo jalqabaaf namoonni lama Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabaman du'aniiru.

    Namoota lama du'an keessaa owwaalchi maanguddoo waggaa 60 akkamiin akka raawwate kan gaafanne maatiin mootummaan akka raawwate ibsanii turan.

    Abbaa Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Itoophiyaa

    Madda suuraa, ECAT

  17. Keeniyaan namoota dabalataa 5 irratti koronaavaayirasii argachuu beeksiste

    Ministira Fayyaa Keeniyaa Mutaahi Kaagiwee

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaan kaleessa namoota 7 irratti koronaavaayirasii argachuu ishee beeksistee turte

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 184 gahuu Ministirri Fayyaa Keeniyaa Mutaahi Kaagiwee beeksisan.

    Qondaalli kuni har’a akka ibsanitti namoonni 308 qoratamanii 5 irratti vaayirasichi argameera.

    Shan keessaa sadii lammii Keeniyaa yoo ta’an lama kan biyya biraati.

    Shan keessaa sadii magaalaa Naayirobii magaalaa Mombaasaa yo ta'an afran isaanii ummata keessaa kan argamanidha jedhameera.

  18. Botiswaanaan miseensota Paarlaamaa hunda adda akka of baasan ajajje

    Botiswaanaan guyyoota 28’f namni manaa akka hin baane murteessiteetti

    Madda suuraa, getty

    Ibsa waa'ee suuraa, Botiswaanaan guyyoota 28’f namni manaa akka hin baane murteessiteetti

    Miseensonni Paarlaamaa Botiswaanaa 57 guutuutti guyyoota 14’f adda akka of baasan murtaa’e.

    Kunis, erga narsiin miseensota paarlaamaa wal’aantu koronaavaayirasiin qabamuun ishee mirkanaa’ee boodadha.

    Mootummaan biyyattii tiwiitara irratti akka ibsetti murteen kuni Daarektara Tajaajila Fayyaa biyyattii Maalaakii Tishipayagaayedhaan murtaa’e.

    Gaafa Kamisaa namoonni 7 koronaavaayirasiin qabamuu Botiswaanaan mirkaneessiteetti.

    Kana keessaa tokko ogeettii fayyaa miseensonni paarlaamaa gaafa Roobii wal argan hojiirra turte tokkodha.

    Pirezidantiin biyyattii Mokgweetsi Maasiisi walgahii kaleessaa labsiin muddamaa ji’a jahaf akka dheeratu murtaa’e irratti hirmaataniiru.

    Isaanumtuu erga Naamibiyaadhaa deebi’ani guyyoota 14’f adda of baasanii turaniiru.

    Hanga yoonaa lakkoofsi namoota vaayirasichaan Botiswaanaa keessatti qabamanii 13 kan gahe yoo ta’u guyyoota 28’f namni manaa akka hin baane murteessiteetti.

  19. Amma nu gahe, Itoophiyaa - namni tokko dabalataan koronaavaayirasiin qabame, sa'aa 24 keessatti namoota 294f qorannoo taasifteetti

    Sa'aatii 24 darban namoota 294'f qorannoon kan taasifame yoo ta'u nama tokko qofatu koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e jedhe Ministeerri Fayyaa.

    Namni vaayirasichi irratti argame dhalataa Itoophiyaa lammii Kaanadaa yoo ta'u, Kaanadaa irraa Dubaayirraan gara Itoophiyaa kan dhufedha.

    Walumaagalatti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii 56 gaheera.

    2 yoo lubbuu dhaban, 4 bayyanatanii, 2 ammoo kutaa warra haalaan dhibamanii (ICU) keessa jiru.