Keessummeessitoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa sadii Covid-19’n qabamuun ibsame

Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Tawolda G/Maariyaam ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti sadan isaanii irratti vaayirasichi argameera. Dabalataan, dhaabbatichi erga baatii Amajjii as dolaara miiliyoona 500 sababa koronaavaayirasiin dhabuu ibse.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp 'torbee hamaan' nu dura jira jechuun akeekkachiisan

    Lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamanii hedduu qabaachuun addunyaa kan dursaa jirtu Ameerikaa, torbee itti aanan namooti hedduu du'uu malu jechuun Donaald Tiraamp akeekkachiisan.

    Naannolee biyyattii akka malee vaayirasichaan hubamaniif deeggarsa meeshaalee fayyaa fi loltoota deeggarsa godhan akka erganis waadaa galaniiru.

    Garuu ammoo faallaa akeekkachiisa kanaa ayyaana faasikaas qajeelfamoota akka manaa bahuu dhorkuu nan laaffisa jedhan.

    Amma dura Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 312,000 ol yoo taru, namoonni 8,500 du'aniiru.

    Vaayirasichaan hedduu kan hubamte Niiwu Yoork qofa keessatti guyyaa kaleessaa namoonni 630 du'aniiru.

    Niiwu Yoorki

    Madda suuraa, Getty Images

  2. Yooyyaa!

    Akkam jirtu?

    Gabaasa kallattii guyyaa gar'aa Eebla 05, 2020 eegallee jirra.

    Weerara koronaavaayirasii fi taateewwan gurguddoo biroo fuula tokkorratti asii hordofuu dandeessu.

    Gabaasa kallatti kaleessa Eebla 04, 2020 isin biraan gahaa turre kanaa gadi jira.

    Gadi daddabarsaa dubbisuu ni dandeessu.

    Fayyaa keessan eeggadha, lafa nagaa oolaa!

    Buna Akaa'ame

    Madda suuraa, Getty Images

  3. Eritiraan namoota dabalataa torba koronaavaayirasiin qabamusaanii mirkanneesu beeksifte

    Daandii magaalaa Asmaraa

    Madda suuraa, @hawelti/Twitter

    Ministirri Fayyaa Eritiraa ibsa harra baaseen, lammiileen biyyattii torba koronaavaayirasiin qabamusaanii mirkanneessuu hime.

    Haaluma kanaanis lakkoofsi namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiin qabaman kan waliigalaa 29 ta’uu kan eere ibsichi, hundinu wallaansa fayyaa barbaachisu argataa jiruus jedheera.

    Namoota torban keessaa shan dubartoota yoo ta’an lama dhiira kan jedhe ibsi kun, isaan keessaayis jahan isaanii osoo balaliinsi hin dhorkamiin dura gara biyyaa galuun bakka addatti tursiifaman keessa kan jiran jedhame.

    Dhukkubsataan torbaffaan garuu biyyuma keessatti vaayirasichaan kan qabame ta’uu ibsichi eereera.

    Umuriin namoota amma vaayirasichi irratti argame kunneenis waggaa 21 hanga 69 jidduutti kan argamudha jedhame.

  4. Covid-19 ilaalchisee addunyaan akkamiin oolte?

    Hospitaala Xaaliyaanii

    Madda suuraa, Hospitaala Xaaliyaanii

    Guutummaa addunyaa irratti namoonni Covid-19n qabaman miliyoona 1.1 caale namoonni 62,000 du’aniiru.

    Taateewwan ijoo har’aa keessaa:

    UK keessatti daa’ima umurii waggaa shanii dabalatee namoonni 708 du’aniiru. Hospitaaloonni biyyattii keessa bakka tokko tokko jiranis dhibamtootaan muddamuu isaniirraa kanka’een deessuurraa kan hafe namni dhibee biraa akka hin dhufne gaafataniiru.

    Ameerikaa Niiwu Yoork keessattis lakkoofsi namoota dhibee kaanaan du’anii ol-aanaa galmaa’eera. Saatii 24 darban keessatti magaalattii keessatti namoonni 630n du’aniiru.

    Haata’u malee, biyya Ispeenitti ammoo mallattoowwan abdii mul’ateera. Erga guyyoota sadan darbanii lakkoofsi namoota biyyattii keessatti du’anii 900 har’a galmaa’eera.

    Xaaliyaan keessatti oduun gaariin jira. Lakkoofsi namoota Covid-19n dhibamanii wallaansa cimaa keessa jiran xiqqaachaa dhufeera.

    Kun osoo kanaan jiruu,Chaayinaan ammoo erga weerarri koronaavaayirasii kun jalqabee namoota du’an kabajaan yaadattee oolteetti.

  5. 'Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf guutummaatti sochii dhorkuuf mootummaan dandeettii hin qabu,' MM Abiy Ahimad

    MM Abiy Ahimad

    Madda suuraa, Prime Minister Office

    Mootummaan Itoophiyaa tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf jecha guutummaatti sochii dhaabuu akka hin dandeenye Ministirri Mummee Abiy Ahimad (PhD) himan.

    MM Ibsa harra kennaniin akka dubbataniitti, mootummaan sochii lammiilee guutummaa guutuutti dhorkuurra of eeggannoon lakkoofsa namoota miidhamanii hirrisuuf ni hojjata jedhaniiru.

    Kanaafis , kanneen mana hin qabneefi guyyaatti yoo waa hojjatan malee waan nyaatan kan hin arganne jiraachusaanii kan eeran Abiy, mootummaan fedhii kanneen guutuuf ammoo dandeettii hin qabu jedhaniiru.

    Itti dabluunis, marii dureewwan biyyoota Afriikaafi qondaaltoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin taasisaniin, dhukkubni kun haala amma jiruun itti fufee gama miidhaatti yoo ce'e torbanoota itti aanan keessatti dandeettiin ittisaa keenya baayyee dadhabuu danda'as jedhaniiru.

    ''Balaan qaqabu maluus cimaa waan ta'uuf of eeggannoon akka taasifnuuf gorsa nuuf kennaniiru,'' jedhaniiru.

    Kanaafuu, ummanni Itoophiyaa hundi yoo xinnaate balaa karaa tuxxuqqaafi qulqullinaatiin isa mudatu yoo hirrisee, mootummaan kan gaheesaa yoo bahee tatamsa'ina dhukkuba kanaa hirrisuun ni danda'ama jedhamee yaadamee akka ture himaniiru.

  6. Hojjetoonni Daandii Qilleensa BiriTIsh COVID-19n qabamun keenya hin oolu jechuun sodaachaa jiru

    Xiyaara Biritish

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensoonni garee Daandii Qilleensa Biritish torbanoota lamaan darbaniif erga balaliinsa dheeraa taasisaniin booda koronaavaayirasiin qabamuu akka hin ollee yaaddoo keessa galan.

    Waldaan miseensoota gareefi balaliinsaa, hojjattoonni balaliinsaa vaayirasichaaf akka hin saaxilamne tarkaanfiin fudhatamuu akka qabaatu gaafataa jiru.

    Hojjataan daandii qilleensichaa tokko BBC’tti akka himeetti daandiin qillensichaa tarkanfii fudhachuuf boodatti harkifateera jedheera.

    Haata’u malee, daandiin qilleensichaa ammaleen Niiwu Yoorki dabalatee gara Ameerikaatti balaliinsa taasisaa jira.

    Kanaan alattis lammilee biyyattii biyoota biraa keessatti danqaman dedebiisaa jira.

    Daandiin qilleensichaa gama isaatiin komii irratti dhiyaate deebii wayita kenneetti, hojjattotaaf meeshaalee ittiin of ittisan kennuu hime, wal tuxxuqaa hojjattootaafi imaltoota jidduu jiru hirrisuuf hojjachuu ibseera.

  7. US 'maaskiin Kaanaadaafi Laatiin Ameerikaatti erguun akka dhaabbatu' barbaaddi

    Maaskii N95 jedhamu

    Madda suuraa, Reuters

    Waarshaan Maaskii Waliigalaa Ameerikaa, dhaabbata 3M jedhamu, mootummaan omisha maaskii N95 gara Kaanaadaafi biyyoota Laatiin Ameeriikaatti ergu akka dhaabuuf gaafatamuu beeksise.

    'Adeemsi kunis dhimmaa namoomaa olaanaa qabaata'' jechuun kan akkeekkachiisee yoo ta'u, biyyoonni kaanis akka haala akkasii raawwataniif kan kaa'uudha jedhera.

    Guyyaa Kamiisaa, 3M, akka maaskiiwwan dabalataa dhiyeessu gaafachuuf Tiraamp Seera Omisha Raayyaa kan bara Waraana bara-Koriyaa sana caqase turte.

    Ministirri Mummee Kaanadaa ammoo maaskiin akka hingalleef dhaabuun 'dogongora' ta'u mala jedhaniiru.

  8. Baahir Daariitti qorannoon Covid-19 Wiixata eegalamuuf

    Pirezidaantii naannichaa oggeessoota waliin

    Madda suuraa, Temsgen Turuneh FB page

    Akka Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraa akka beeksiiseetti, Magaalaa Baahir Daaritti Wiixataa kaasee qorannoon Covid-19 ni eegalama.

    Kana ilaalchise Pirezidaantiin naannichaa bakka qorannoo kan dowwatan yoo ta’u, ogeessoonni lama leenji’uun meeshaaleen barbaachisuus quutamuun isaa gabaafameera.

    Inistitiyutichi itti dabaluun akka ibseetti, ittaansee ammoo dhiheenyatti Gondariifi Daseetti qorannoon wal fakkaatu ni eegalam.

    Kana malees, Dabra Birihaanittis hojiidhuma walfakkatu eegaluuf qophiin taasifamaa jiraachu himameera.

  9. Keeniyaan qondaalli mootummaa Covid-19'f addatti tursiifamuu diduun to'atte

    Geediyoon Saaburii

    Anga'oonni Keeniyaa qondaala mootummaa biyya alaatii gara biyyaa deebi'anii akka guyyoota 14'f adda baafamanii turan gaafaamnaan didanii turan erga Covid-19 irraa fayyanii booda yayyaan himachuun to'annaa jala oolchite.

    Qondaalli Geediiyoon Saaburii jedhaman kun Bulchaa Ittaanaa Kaawuntii qarqara galaanaa taatee, Kiliifidha.

    Mr. Geediiyoon yeroo biyya alaa turanii deebiyan dirqamaan akka bakka addatti bafamuun tursiifamanii erga galanii booda qoratamanii dhibeen Covid-19 irrati argamee ture.

    Wallaansa fayyaa hordofaa turuun garuu amma fayyanii bahaniiru. Qondaalli mootummaa Keeniyaa kun jalqaba bakka addatti baafamuun tursiifamanii akka galan kan gaafataman biyya Jarman keessa naannoo namoonni kumaatamaan koronaavaayirasiittin itti qaban turanii waan deebiyaniif ture.

  10. Amma nu gahe, Keeniyaatti namoonni Covid-19n qabaman 126 gahe

    Suuraa koronaavaayirasii

    Ministeerri Fayyaa keeniyaa ibsa harra kenneen, namoonni dabalataa afur koronaavaayirasiin qabamusaanii beeksise.

    Namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii harra barame kunneen keessaa sadii lammiilee Keeniyaa yoo ta’an, tokko lammii biyya Paakistaan ta’uu himame.

    Lakkoofsi kunis namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman gara 126’ti ol buteera.

    Keeniyaan sa’aatiiwwan darban 24 keessatti namoota vaayirasichaan qabamuu shakkaman 372 qorachuu beeksifte jirti.

  11. Amma nu gahe, Itoophiyatti namoonni dabalataa sadii koronaavaayirasiin qabaman

    Dr Liyaa Taaddasaa

    Madda suuraa, FBC

    Itoophiyaatti qorannoo sa'aatii 24 darban keessatti namoota 89 irratti gaggeefameen dabalataan namoonni sadii koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'uu ibsame.

    Namoota amma qabanmuunsaanii mirkanaa'e dabalate lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 38 gahuu Ministirri Fayyaa biyyatti beeksiise.

    Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa akka ibsaniitti, namoonni sadan harra vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e sadanuu kan seenaa imala biyya alaa qabaniifi Finfinneetti kan argamaniidha.

    ''Inni duraa dargaggeessa umuriin waggaa 29 yoo ta'u, Bitooteessa 10 Dubaayirraa kan dhufeefi nama vaayirasiin qabame waliin tuxuqqaa kan qabudha,'' jedhameera.

  12. ‘Magaalaa Finfinneetti sochiin idilee hin dhaabbatu’

    Injinar Taakkalaa Uumaa

    Madda suuraa, AA press Secretary

    Sochiin idliee magaalaa Finfinnee jiruu sababii koronaavaayirasiitiif kan hin dhaabanne ta’uu Kantiibaa Ittaanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa dubbatan.

    Haaluma kanaanis sochiilee guyyaa guyyaa magaalattii keessatti taasifamaniifi tajaajilli geejibaa haala tatamsa’ina dhukkubichaa ittisuu dandeessituun sirreefamoonni taasifamuun kan itti fufu ta’a jedhaniiru.

    Injinar Taakkalaa kan kana dubbatan yeroo sochii to’annoo koronaavaayirasii irratti of eeggannoowwan taasifamuu qabu bulchiinsi magaalichaa raawwataa jiru irratti ibsa kennaniin.

    Injinar Taakkaalaan keessattuu tatamsa’ina dhukkubichaa hammeessuu danda’u kan jedhan kan akka tajaajila geejibaa seeraan alaa ilaachisee, taaksiiwwan nama dabalataa akka hin feeneef to’annoon taqasifamaa jira jedhan.

    Akkasumas, atobisoonni magaalaa hanga teessuma qabanii qofaan akka fe’aniifi baabburri ammoo kan durii irraa wallakkaan akka hirrisu taasifamuu himaniiru.

    Haata’u malee, dhukkubicha to’achuf jecha magaaloonni biyyattii kan akka Baahir Daar fa’i yeroo murtaa’eef sochii uggurusaanii dubbataniiru.

  13. 'Namni jiraachuu barbaadu of eeggannoo guddaa godhuu qabaatu'

    Atileet Qananiisaa Baqqalaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ummanni qajeelfamtoota ogeeyyiin fayyaa koronaavaayirasii irratti kennan hojiirra oolchaa hin jiru jechuun atileetiin fiigicha fageenya dheeraan maqaa guddaa qabu Qananiisaa Baqqalaan BBC'tti hime.

    Qananiisaan turtii BBC waliin taasiseen, murteen Atileet Daraartuu Tulluun yeroo dhukkubni addunyaa yaaddesse kanatti qophii Olompikiitiif atileetonni hoteela akka hin seenne jettees sirruma ture jedheera.

    ''Ummanni addunyaa akka baalaatti harca'aa jiru kun kun garaa nama hin nyaatu?'' kan jedhu Qananiisaan, kanaafuu ummatni hundu ittigaafatamummaa of eeguu qaba. Garuu, kuni ta'a hin jiru jechuun yaadda'eera.

    ''Ummanni of dagachuun gorsa kennamu yoo waan of gatu ta'e rakkina guddaatu biyya irratti uumamaa deema. Ummatnis rakkina hin taane keessa seena,'' jechuun hima.

    Ofiisa isaatiinillee maal gochaa akka jiru dabalatee guutumaa isaa dubbifadhaa

  14. Saal-qunnamtiifi Covid-19 ilaalchisuun gaaffileen ka'an

    Geezexxessituu saal-qunnamtii Aliiks Fooksiifi Oggeessa fayyaa Dr Aleeks Joorji

    Madda suuraa, Getty Images

    Yoon wal qunnamtii saalaa taasise koronaavaayirasiin na qabataa?

    Yeroo weerara koronaavaayirasiitti qunnamtii saalaa gochuun ni danda'amaa?

    Nama haaraa wajjiin saal qunnaamtii gochuunoo?

    Namni ani dhiyeenya dhungadhe maallattoo dhukkubichaa agarsiisuu eegalaniiru. Maal gochuun narra jira?

    Yeroo kanatti akkamiinaan bultookoo ykn hiriyyummaakoo akkamiinan eeggadha?

    Kanneen jedhaniifi kan biroo yaaddanii garuu gaaffachuuf qaanoftaniittu ta'a

    Dhugaa jiru oduu sobaa irraa adda baasuuf oggeessota gaafanneerra.

    Oggeessa fayyaa Dr Aleeks Joorji fi geezexxessituu waa'ee saal-qunnamtii Aliiks Fooks gaafanneerra.

  15. Yoo na dhukkubaa jira ta’e akkamiinan beekaa?

    Yoon na dhukkubaa jira ta’e akkamiinan beekaa?

    Mallattoowwan beekamoo COvid-19: Qaamni gubuu, gogaa qufaasisuufi argansuu rakkachuu/dadhabuudha.

    Namoota hedduudhaaf mallattoowwan Covid-19 salphaadha. Haata’u malee, koronaavaayiras namoota tokko tokko warra akka namoota jaaranii ykn namoota dhibee fayyaa biroo duraan jiru qabaniif hamaa ta’uu danda’a.

    Mallattoowwan Covid-19 gara jalqabaa mullatan yeroo baayyee dhukkuboota akka qufaafi flu waliin wal-dhaha.

    Fakkeenyaaf, tarii hin beekamu jechuun mootumman UK namni kamiyyu qaamni gubu, walitti fufinsaan gogaa isa qufaasisu yoo xiqqaate guyyaa torbaaf manatti akka adda of baasuuf gorsa dabarseera.

  16. ‘COVID-19n rakkoo fayyaatiin ol’

    Dr Tediroos Adnaahoom

    Madda suuraa, Getty Images

    Daarektarrii Ol- Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adaanoom COVID-19n rakkoo fayyaatiin ol jedhan.

    Dr Tedroos ibsa kennaniin akka himanitti, lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona tokkoon ol ta’unsaa, akkasumas sababiidhuma kanaan namoonni lubbusaanii dhaban kuma 50 ol darbuu ibsuun, COVID-19 rakkina fayyaatiin ol jedhaniiru.

    Itti dabalunis dhiibbaa werearri dhukkuba kanaa geessisuu ni hubanna jechuun, tooftaan biyyoonni baayyeen dhukkubicha to’achuuf lammiilee manaa akka hin baaneef kaa’anis hedduun rakkina keessa galcheera jedhan.

    Haalli kunis hawaasummaafi dinagdee biyyootaa irrattis dhiibbaa akka qabaatu dubbataniiru.

    Lubbuufi jireenyaa baraaruuf qabsoo waloo irratti argamna kan jedhan Dr Tediroos, biyyoonis yeroo dhihoo keessatti uggara sochii laafisuun ummattoonni rakkina keessa jiran waan nyaataniifi dhimmoota bu’uuraa kan biraa dhiyeessuuuf barbaachisa jedhaniiru.

  17. Weerara koronaavaayirasiifi yaaddoo Iccitii dhuunfaa

    Dubartii karaa foddaa diida ilaalaa jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroon kun yeroo baayyee adda ta'edha. Sababa weerara koronaavaayirasii addunyaa raasaa jirutiin hedduun hojii dhaabbuun manatti galaniiru.

    Akkuma haala hojii isaatti ammoo kan mana taa'anii hojjetanis jiru. Tekinoolojii fayyadamuun bakkuma jiran irraa walga'iis ni gaggeeffatu.

    Carraa tekinooloojiifi interneetiin uume kanaan manarraa hojjechuun yeroo dhibee kana keessa akka fala gaariittis fudhatama.

    Haata'u malee, rakkoo jiruuf akka falaatti dhiyaatulleen yaaddoo biraas ammoo qabaachuu akka malu namoonni dhimma mirgoota icciitii dhuunfaa qoratan dubbachaa jiru.

    Mudannoo gara garaa tibbanuma uumame akka fakkeenyaatti kaasuun hangam icciitiin gola nama dhuunfaa akka gabaatti bahee mul'ataa jiraachuu ibsu namoonni dhimma kana irratti qoratan.

    Gorsaa komunikeeshinii kan ta'e Jaason Niisee waan durbartii mana ishee teessee hojjettu konfaraansii viidiyoon gaggeeffamu irratti torban darbe ishee mudate akka fakkeenyaatti kaasuun ibsa.

    Yeroo viidiyoo konfaraansii sanarratti ba'an dubartii isaan waliin hojjettuu tokkoos yeroo viidyoon konferaansiirratti dhiyaattu dugda duubaishee hiriyyaan dhiiraa ishee qullaa mutaantaa xiqqoo ykn paantii uffatee darbaa ture jedha.

  18. Gootota ja'an Afrikaa tibba koronaa eenyuu akka ta'an beektuu?

    Shubbistuu mudhii Nermiin Sifaar

    Madda suuraa, Reuters/Adene's Farm Flowers

    Afrikaa keessatti yeroo weerara koronaavaayirasii irratti duulamaa jiramu kanatti namoonni karaa danda'aniifi kan qabaniin carraaqqii taasisaa jiru.

    Hojiin tola-ooltummaas hedduu baballateera. Afrikaa keessatti namoootaafi gareen hojii fakkeenymmaa qabu hojjetan keessaa:

    1. Faashinii uffata dubartootaa irraa gara gaawonii ogeessota fayyaa qapheessuutti shamarran jijjiiran

    2. Mana maanguddootaafi kunuunsaa dura abaaboon warra faayaan

    3. Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa kireeffattoota kiraa manaa hin gaafadhu jedhe

    4. Shamarree shubbisa mudhiin karaa toora interneetii namootaaf shubbisuun bashannansiiftu

    5. Weellistuun beekamtuu Hamalmaal Abaatee mana jireenyaashee wiirtuu kunuunsaa akka ta'uuf kennite

    6. Taphataan beekamaa yeroo dhorkaa manaa bahuu deggartootaa nyaata danda'uu

    Oduuwwan ajaa'iba jedhamaniifi hamilee namaa jajjabeessan ja'an gootonni Afrikaa hojjetan akka itti aanutti dhiyeessineerra.

  19. Biyyi dhumaa Covid-19 keessatti argamu kam laata?

    Koriyaa Kaabaa biyyoota hanga ammaatti koronaa keessatti hin mulatiin jedhama

    Madda suuraa, Getty Images

    Koronaavaayirasiin biyya Chaayinaatti mul'atee yeroo ji'a sadii hin caalle keessatti saffisaan tatamsa'uun addunyaa waliin gahaa jira.

    Ji'a sadiin dura Chaayinaan alatti biyyii addunyaa kamiyyuu waa'ee koronaavaayirasii quba hin qabu ture. Amma garuu biyyoota addunyaa hedduu qaqqabuun rakkoo addunyaa isa guuddaa ta'ee jira.

    Lakkoofsi namoota vaayirasiichaan qabamanis addunyaarratti saffisaan dabalaa deemuun - namoota miliyoona tokkoo ol qabeera.

    Haata'u malee, biyyoota 193 miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'an keessaa hanga Ebla 3 bara 2020'tti biyyoota 18 keessatti namni qabame jiraachuun hin gabaafamne.