Barnoota Faarmaasii hanga digirii sadaffaatti (PhD) barachuun yeroo ammaa Yuniversitii Wallaggaa fi Hong Kongitti ammoo CUHK keessa hojjeta.
Rakkoon inni hin dhandamne hin jiru, osoo akka rakkootii mana barumsaa galee milkaa'uun hafee yoona lubbuudhaanuu hin jiru, kan haala jireenyaa walfakkaataan biraa kufan hedduudha waan ta'aniif.
Tiraamp marii Iraan irratti akka hin gammadne yoo ibsu, biyyoonni lammileesaanii baasaa jiru
Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaant Tiraamp marii sagantaa nukilaraa iraan dhiyeenya kana taasifaman irratti gammadaa ta'uu baatus , haleellaa raawwachuuf garuu ammallee murteerra akka hin ga'iin dubbate.
"Waan barbaadnu nuuf kennuuf hayyamamoo waan hin taaneef ani gammadaa miti," jechuun Kamisa darbe marii Jeneaatti waliigalteerra osoo hin ga'iiin xumurameeratti yaada isa kenneera Tiraamp.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Haala sanadoota waajjirri Haqaa
Ameerikaa baatii darbe keessa ifa taasiseetiin, Jeefrii Eppistiin bara 2019
keessa hidhamuusaatiin baatii tokkoon dura Morookoodhaa masaraa doolaara
miiliyoonotaan lakka’amaniin bitachuuf dhumarra gahee ture jedhame.
Eeppistan bara 2011 irraa kaasee
masaraa Morookootti argamuufi Biin Enaakool jedhamu bitachuuf yaalii taasisaa
kan ture ta’ulleen, nama gurguru waliin dhimma gatiifi waliigaltee bittaa
irratti waliigaluu sababii hin dandeenyeef waggootaaf harkifachuu danda’eera.
Marasaa guddaan naannoo
Paalmeereey Maaraakeeshiitti argamu kun kan ogeessoota ijaarsaa 1,300
ijaaramee fi kan bocawwan faayaa adda addaa fi diizaayiinoota bareedaniin faayame jedhameera.
Eeppistan osoo bara 2019 hin
to’atamiin dura kanfaltii dolaara miiliyoona 14.95 raawwachuuf
mallatteesseera. Kunis dhaabbata qabeenyaa kana to’atu waliin waliigaltee yuuroo
miiliyoona 18n bituudhaaf waliigalteerra erga gaheen boodadha.
Haala sanadoota ifa ta’aniitti,
waliigaltee bittaa dhumaa Epistiin yakkoota quunnamtii saalaatiin walqabatee
aanga’oota Ameerikaatiin osoo hin to’atamiin dura isa raawwateedha.
Osoo to’annoo jala hin oolfamiin
guyyoota sadiin dura oggeessi herregaa Eppistiin, Riichaard Kaahaan maallaqichi
akka hin kanfalamne taasisuu isaatti bittaan masaraa kanaa osoo hin
raawwatamiin hafeera.
Yaadachiisa kana malees sababa yaaddoo nageenyaa, Imbaasichi lammiileen Ameerikaa fi maatiin isaanii iddoowwan Israa'el kanneen akka magaalaa moofaa Jerusaalem, fi Westbaank akka hin imalle akeekkachiise.
Israa'elitti Ambaasaaddara Ameerikaa Mike Huckabee The New York Times irratti akka dubbatanitti hubachiisni kun jimaata hojjettoota Imbaasiitti kan himame yoo ta'u kanneen bahuu fedhan "har'uma bahuu akka danda'an" beeksifaman jedhan.
Ambaasaaddarichi "rifaatuun hin barbaachisu garuu kanneen bahuuf jedhan osoo hin turre dafanii karoorfatanii akka bahan" jedhan.
Kanneen Israa'el gad lakkisanii bahan Israa'elii fi Westbaanki keessatti rakkoowwan shororkeessummaa fi hookkaraa ilaalcha keessa galchuu akka hin daganne hubachiise.
Gara Gaazaa, qaraqara Gaazaa sababa shororkeessummaa fi walitti bu'iinsaa, kaaba Israa'el immoo daangaa Libanosii fi Siiriyaatti sababa qubsuma waraanaa ta'eef akka hin imalle jedheera.
Daangaa Masiriitti dhiyoos akka hin imalle hubachiiste Ameerikaan.