Afgaanistaan waliin "waraana ifa ta'e keessa galleerra" -Paakistaan
Paakistaan magaalaa guddoo Afgaanistaanirratti walitti fufuun haleellaa qilleensaa erga gaggeessiteen booda, "waraana ifa ta'e" keessa galuushee ministirri ittisaa biyyattii beeksise.
Ministirri ittisaa Kawaajaa Mohaammad Asiif Afgaanistaan irratti haleellaa erga raawwatanii booda "obsi keenya dhumateera" jedheera.
Taalibaanonni Afgaanistaan Kamisa buufataaleen humna ittisaa Paakisaan daangaa dhiyoo jiranirratti haleellaa raawwachuu hordofeeti deebii kan kennite Paakistaan.
Magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabul dabalateeti magaalota Afgaanistaan garagaraa bakkawwan filatamanirratti xiyyeeffachuun jeettiin kan reebde.
Haaluma walfakkaatuun Taalibaanonni Afgaan Jimaata ganama Paakistaan keessatti bakkeewwan hedduurratti xiyyeeffachuun haleeluu himan. Maddeen mootummaa haleellaan kun kan raawwatame dirooniin ta'uu BBCf ibsaniiru.
Ministirri muummee Paakisaan Shebaah Shariif raayyaan ittisaa isaanii "tuttuqqaa kamiyyu barbadeessuuf humna" akka qabuufi biyya isaaniirraa ittisuuf tarkaanfiin hin fudhanne akka hin jirre dubbateera.
Humnoonni biyyoota lamaanii yeroo garagaraatti walitti bu'aa kan turan yoo ta'u, Onkoloolessa darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraa hin taane taasisanii walitti bu'iinsawwan guutummaatti dhaabsisuuf waliigaltee daangaarra ga'uuf mariiwwan taasisan osoo bu'aa hin argamsiisiin hafeera.
Paakisaan dhiyeenya kana masgiida magaalaa guddoo biyyattiirratti haleellaa warri balleessanii badannii raawwatan dabalatee Afgaanistaan, "shororkeessitoota farra Paakistaan" deeggarti jechuun himatti.