Pirezidaant Tiraamp marii sagantaa nukilaraa iraan dhiyeenya kana taasifaman irratti gammadaa ta'uu baatus , haleellaa raawwachuuf garuu ammallee murteerra akka hin ga'iin dubbate.
"Waan barbaadnu nuuf kennuuf hayyamamoo waan hin taaneef ani gammadaa miti," jechuun Kamisa darbe marii Jeneaatti waliigalteerra osoo hin ga'iiin xumurameeratti yaada isa kenneera Tiraamp.
Pirezidantiin Ameerikaa kun humna waraanaa Iraan irratti fudhachuu akka hin barbaadne dubbatullee, "yeroo tokko tokko garuu tarkaanfii waraanaa fudhachuu qabda" jechuun dubbateera.
Ameerikaan Iraan irratti haleellaa banuu dandeessi yaaddoo jedhuun biyyoonni baayyeen JImaata lammileen isaanii naannoo sana keessa jiraniif akeekkachiisa dabarsaniiru.
Yunaayitid Kingidam imbaaasiishee Teehraan jiru keessaa hojjetoota yeroodhaaf baasteetti. 'Barbaachisaa yoo ta'erraa kan hafe' imalli gara Israa'elitti akka hin taasifamne jechuun qajeelfamni imalaa jijjiirameera.
Waraanni kun ka'uu danda'a jedhanii Chaayinaa, Indiyaaa fi Kanaadaa dabalatee biyyoonni biroo lammileen isaanii hanga danda'ametti hatattamaan akka Iraan keessaa akka ba'an akeekkchiisaa jiru.
Jarman lammileen ishee gara Israa'elitti akka hin imalle gorsaa jirti, Faransaay akkuma kana Israa'el soo deemuu baattanii jechuun lammileef ibsaa jirti.
Ameerikaanis lammileen ishe Iraan jiran 'dafanii' akka biyyattii gadhiisanii bahan akeekkachiifteetti
Imbaasiishee Israa'elitti argamu hojjettoonniifi maatiin isaanii warra dhimma murteessaaf barbaachisan qofarraa kan hafe akka bahuu qaban ibsuun, kana ammoo osoo 'balaliin daldalaa' addaan hin ictiin akka godhaniif hubachuufteetti.
Tiraamp Iraan waliin dhimma nukilaraa irratti waliigalteerra yoo hin ga'amne tarkaanfii waraanaa akka fudhatu akeekkachiiseera.]Ameerikaan erga bara 2003 Iraaq weerartee as humna waraanaa baayyee guddaadha jedhame gara Baha Giddugaleessaatti bobbaasteetti.
Iraan ammoo haleellaan kan irratti raawwatamu taanaan deebii akka kennitu dhaadatteetti.