Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu beeksise

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa’el Teehiraan irratti gaggeessaniin ajjeefameera jedhe.

Guduunfaa

  • Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu beeksise
  • Reeffi Ayaatolaa Kameenii argamuu miidiyaaleen gabaasan
  • Hogganaan waliigalaa Iraan 'ajjeefamuu' mallattoon agarsiisan dabalaa jiru -Netaaniyaahuu
  • Israa'el xayyaarota waraanaa 200 bobbaasuun Iraan haleeluu beeksiste
  • 'Haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti gaggeessaniin namoonni 200 ol ajjeefaman'
  • Misaa'ela Iraaniin namni tokko ajjeefamuu UAEn himte
  • Buufata waraanaa US Qaatar jirutti sagaleen dhohiinsaa guddaan dhagahame
  • 'US fi Israa'el akeeka Iraan haleeluu akka qaban beeknee turre'-Iraan
  • 'Iraan keessaa Intarneetiin badeera' -Netblocks
  • MM Abiy daawwannaa hojiif Azarbaajaan jiru
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!
  • MM Abiy daawwataa kan jiran, Azarbaajaan, biyya akkamiiti?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Halleellaa Iraanirratti gaggeeffameen miidhaa qaqqabe suuraan

    USfi Israa'el haleellaa Iraanirratti gaggeessaa jiraniin suuraleen miidhaa qaqqabe agarsiisan bahaa jiru.

    Muraasni isaanii kunooti.

  2. Iraan biyyoota galoo galaanaa akeekkachiifte

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchii biyyi isaanii humna waraanaa qabdu hunda fayyadamuun akka of ittistu ibsan.

    Iraan mirga waraana ofirraa qolachuu qabduun humna ishee hunda akka fayyadamtu ibsan biyyoota galoo galaanaaf ergaa dabarsaniin.

    Abbaas Araagchiin gitawwan isaaniii ministiroota dhimma alaa biyyoota galoo galaanaa jechuunis, Saa'udi Arabiyaa, UAE, Kaatar, Kuweet, Bahreen fi Iraaqiif bilbiluun Iraan tokkummaa ishee tiksuuf "humna of ittisuu fi dandeettii waraanaa qabdu hunda" ni fayyadamti jedhan.

    Araagchiin Ameerikaa fi Israa'el humna waraanaa fi qubsuma isaanii karaa hin malleen,akka dhimma itti baane biyyoota kanneen hubachiisaniiru.

  3. Haleellaa US fi Israa'eliifi haaloo bahiinsa Iraan irratti yaada hoggantoota addunyaa

    Haleellaa US fi Israa'el fi haaloo Iraan irratti yaadni hoggantoota addunyaa kunooti:

    Pireezdaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen- Gamtaan Awurooppaa "sirna nama nyaataa" Iraan "qoqqobbii babal'aadhaan" adabaaa ture jedhan.

    "Qaamoleen hunduu of eegganoo cimaadhaan akka socho'an waamicha goona, eegumsi lammiilee nagaaf haa godhamu, seeronni idil-addunyaa haa kabajaman."

    Waajjiirri Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii naatoo lammiilee nagaa Iraaniif qabu ibse. Kabajni mirgoota namoomaa fi siyaasaaf akka godhamu gaafate. Melooniin muddamni jiru akka laafuf michootaa fi hogganoota riijinichaa waliin akka mari'atan ibse waajjirri ministeera muummee Xaaliyaanii.

    Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaanis biyyi isaanii "sirna cunqursaa akka ofirraa buqqisuuf uummata goota Iraan waliin akka dhaabbattu" ibsan.

    Tarkaanfii Ameerikaan Iraan akka niwukilarii hin hidhanne fudhachaa jirtus akka deeggaran ibsan.

    Kun kanaan osoo jiruu, Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa, tarkaanfii Ameerikaa fi Israa'el fudhachaa jiran "akka feetee", jechuun ibse. Tarkaanfii seerota idil-addunyaa cabsuuti jedhe.

    Raashiyaan gara furmaata siyaasaa fi dippilomasiitti deebi'anis waamicha goote.

    Dubbii himaan mootummaa UK gama isaaniitiin "biyyi isaanii muddamni walitti bu'iinsa bal'aa riijinichatti uumu akka jiraatu hin feetu" jedhan. 'Nuti dantaa keenya kabajchiisuuf qophii dha" jedhan.

  4. Halleellaa US fi Israa'el gaggeessaa jiraniin qondaalonni waraanaafi siyaasaa olaanoo Iraan heddu ajjeefaman - Gabaasa

    Qondaalonni waraanaafi siyaasaa olaaoon Iraan haleellaa USfi Israa'el qindoominaan gaggeessaa jiraniin ajjeefamuu miidiyaan Israa'el madda oduu Rooyitars waabeffachuun gabaase.

    Israa'el pirezidaantii Iraanifi gaggeesaa olaanaa biyyattii Ayaatolaa Ali Kaameenii irrattis xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessiteetti.

    Qondaalota biyyattii ajjeefaman jedhaman kana keessaa Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaanifi Ayaatolaa Kameenii jiraachuu hin mirkanoofne.

    Haleellaa gaggeeffamaa jiruun Waajjirri Pirezidaantii akkasuma wajjiruu Ayaatolaa Ali Kaameenii rukutameera.

    Qondaalonni ajjeefaman jedhaman eenyu fa'aa akka ta'an hin ibsamne.

  5. Misaa'ela Iraaniin namni tokko ajjeefamuu UAEn himte

    UAE'n misaa'elii Iraan qolatamuun booda caccabaa misaa'elichaan namni tokko ajjeefamuu himte.

    Ministirri Ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ibsa baaseen biyyattiin biyyattiin "haleellaa maal nadhibdeen balastik misaa'el Iraaniin" haleellaaf saaxilamteetti jedhe.

    "Humni ittisa qilleensaa UAE haala baayyee milkaa'aafi bu'a qabeessa ta'een misaa'eloota baayyee qolateera," jedhe.

    Haata'u malee, humni waraanaa UAE caccabaan Abu Daabii bakka manneen jireenyaatti kufe nama nagaa lammiin isaa Eeshiyaa ta'e ajjeesuun qabeenyarraan miidhaa geessiseera jedhe. Nama ajjeefame jedhe kana garuu maqaan adda baasee hin himne.

    Ministeerichi ibsa isaa kanaan, haleellaan kun "gocha jallinaa hammaachaa jirudha," jechuun abaareera.

    itti dabaluunis UAE'n " deebii kennuuf mirga guutuu qabdi" jedheera.

    Huni Qilleensaa US Buufata Humna Qilleensaa Al Daafraa keessaa Humna Qilleensaa UAE waliin Abdu Daabiirraa oppereeshinii gaggeessa.

  6. Buufata waraanaa US Qaatar jirutti sagaleen dhohiinsaa guddaan dhagahame

    Buufanni humna qilleensaa US Qaatar, Dohaa keessatti argamutti dhohiinsi guddaan dhagahame. Ministeerri Ittisaa Kaataar haleellaa misaa'elaa Iraan qolachuu ibsuun haleellaan Iraan buufata waraanaa US guddicha Al Udeed jedhamurratti kan xiyyeeffate ta'uu beeksise.

    US buufataalee Baha Giddu Galeessaa keessaa qabdu keessaa inni guddaan Kaataaritti kan argamu buufata humna qilleensaa al-Udeed jedhamuudha.

    Iraan halellaa haaloo bahuu gaggeessaa jirtuun buufataalee waraanaa US biyyoota Baha Giddu Galaa kanneen akka Baahreen, Qaatar, UAE fa'aa keessatti argaman haleeltetti.

    Haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe ibsamuu baatus Abu Daabitti namni tokko du'uu miidiyaalen biyyattii gabaasan.

  7. Chaanaalii WhatsApp BBC miseensa ta'aa

    Oduufi odeeffannoo lola Israa'el/US fi Iraan adeemaa jiru jala jalaan isin biraan gahaa jirra.

    Asumaan miseensa Chaanaalii WhatsApp keenya ta'aa.

    Asiin galmaa'aa.

  8. Daawwadhaa: Sagale akeekkachiiftuu Hahifaa fi Tel Aviiv keessatti dhaga'amaa jiru

    Daawwadhaa: Sagale akeekkachiiftuu Hahifaa fi Tel Aviiv keessatti dhaga'amaa jiru. Kun haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatte hordofeeti.

  9. Daawwadhaa: Viidiyon haleellaa Teehraan keessatti raawwatee booda waraabamee qoodame

  10. 'US fi Israa'el akeeka Iraan haleeluu akka qaban beeknee turre'-Iraan

    Ministeerri dhimma alaa Iraan, US fi Israa'el 'akeeka' Iraanirratti haleellaa raawwachuu akka qaban ni beekna ture, mariitti nu waliin haa seenan malee jedhe.

    Haleellaan raawwatamuu kan mirkaneesse ministeerri dhimma alaa Iraan, "Israa'elii fi US waliin Iraan osoo adeemsa dippiloomasiirra jirtuu jidduun haleellaan kun baname" jedhe.

    Mariin niwukilarii al-kallattii marsaa sadaffaa Iraanii fi US guyyoota lama dura Guraandhala 26, Jenevaatti taa'amaa ture, bu'aa hin buufne.

    Iraanii fi US bara dabre Caamsaa keessa yeroo shaniif mari'atanii turan. Marsaa jahaffaan Waxabajjii 2025 beellamamee ture sababa Israa'el Iraanirratti haleellaa tasaa banteef haqame. Lolli sunis guyyoota 12f ture.

    Wayita sanatti Ameerikaan buufataalee niwukilaraa Iraan ijoo ta'an sadi haleeltee turte.

  11. Ramaddiin Chaampiyeens Liigii haaraa bahe eenyuf salphata?

    Ramaddiin mo'anii darbuu Chaampiyeens Liigii Awurooppaa gaafa Jimaataa ifa ta'eera.

    Eenyu injifachuuf carraa qaba? Xiinxalli kuni deebii qaba.

  12. Daawwadhaa! 'Ani hoolaa hatee biyyaa hin baane' - Artist Daawwitee

    Artist Daawwitee Mekonniin miidiyaarraa badeera. Eega biyyaa bahees biyyatti hin deebine.

    Sirbi isaa tokkommoo Afaan Amaaraan dalagame ijoo dubbii ta'eera.

    Daawwiteen maal jedhe?

  13. 'Iraan keessaa Intarneetiin badeera' -Netblocks

    Iraan keessatti tajaajilli interneetii cufamee akka jiru haala interneetii kan hordofu NetBlocks beeksiseera.

    Ameerikaa fi Israa'el waloon haleellaa gaggeessaa jiru.

    Interneetiin baduun Iraan keessatti kan jalqabaa miti.

    Ji'a darbes yeroo mormiin uummataa jabaatetti interneetiin biyyattii keessaa badee ture. Mormii uummataa ture mootummaan humnaan ukkaamsee ture.

    Namoonni tokko tokko tajaajila intarneetii tooftaawwan intarneetii saatalaayitii SpaceX's Starlink fi VPN fayyadamuun akka argachaa jiru.

  14. Tiraamp maal jedhe?

    Doonaald Tiraamp Ameerikaan "oppereeshinii waraanaa guddaa" Iraan keessatti jalqabuu beeksise.

    Akka Tiraamp jedhutti tarkaanfiin kun mootummaan Iraan "Yunaayitid Isteetis irratti xiyyeeffachuun duula dhiiga dhangalaasuufi ajjeechaa jumlaa dhuma hin qabne" gaggeessa jechuunidha.

    Pirezidantiin US ganama kana erga dhohinsi magaalaa guddoo Iraan teehraan keessatti dhaga';amee booda US keessatti miidiyaa hawaasaa Truth Social irratti viidiyoo tokko gadhiiseera.

    Tiraamp maal jedhe?

    • Pirezidantiin US Iraan gonkumaa meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuu hin qabdu, kanaafidhaa kan Operation Midnight Hammer sagantaa nukilaraa Foordoo Nataanz, fi Isfahaa kan haleellee turreef kanaafidha jechuun ibse.
    • Tiraamp fedhii nukilara qabaachuuf qabdu akka dhiistu carraa kennameef hunda diddeetti jechuun himate. Kana malees, misaa'eloota fagootti furgguggifaman Awurooppaa, loltoota US baara gama jiran, akkasumas "turee bulee dachee Ameerikaa gahuu danda'u" hojjechuu itti fufteetti jedhe.
    • US misaa'el Iraan lafatti makuufi jirti, akkasumallee humna galaanaashees "hudhuu" dandeessi jedhe.
    • Mootummaan Iraan "waggoota 47f duuti Ameerikaaf" jechuun daadhataa tureera jedhe Tiraamp.
    • "Lubbuun gootota Ameerikaa darbuu mala, ajjeechaan nu mudachuu mala," jedhe itti dabaluun.
    • "Saatiin walabummaa keessan harka keessan jira" jechuun Tiraamp ummata Iraaniif waamicha taasisuun "akka mootummaa isaanii kaasan" gaafateera.
  15. 'Qiyyaafannoowwan waraanaa Iraan haleelaan jira' - Humna Waraanaa Israa'el

    Humni Waraanaa Israa'el qiyyaafannoowwan waraanaa Iraan Lixa Iraan jiranirratti haleellaa babal'aa raawwachaa jiraachuu ibse.

    Barii ganama har'aa, dhoyiinsi magaalota Lixa Iraan Kermaanshahii fi Tabriiz keessatti dhagahamuu gabaafamee ture.

  16. Iraan buufataalee waraanaa US Baha Giddugalaa jiranitti misaa'ela dhukaasuu eegalte

    Magaalaaa guddoo Bahreen keessatti sagaleen dhohiinsaa dhagahame.

    Magaalaa Manaamaa keessatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamuu AFPn gabaase.

    Ministiirri Dhimma Biyya keessaa Bahreen lammiileen tasgabbaa'anii akka mana turan ajajeera.

    Kaatar ammoo misaa'elota Iraanirraa dhukaafaman rukuttee kuffisuu miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.

    Abu Daabittis sagaleen dhohiinsaa guddaan dhagahamuu Rooyitars waabeffachuun gabaase.

    Haleellan US irraa irratti banamnaan buufataalee waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdurratti haleellaa akka gaggeessitu Iraan akeekkachiisaa turte.

  17. 'Iraan niwukilarii hidhachuu hin qabdu' - Neetaniyaahuu

    "Obbolaayyan koo, lammiilee Israa'el, Israa'el fi Yunaayit Isteet, shororkeessaa sirna Iraan kan jiraachuu keenyaf balaa ta'e bakkaa buqqisuuf, reefuma kana oppireeshinii eegallee jirra.

    "Michuu keenya jabaa, Pireezdaant Donaald Tiraamp hogggansa seena-qabeessa kennaa jiruuf nan galateeffadha. Sirni Ayaatolaa, 'Duuti Israa'eliif,' 'Duuti Ameerikaaf' jechuun waggoota 47f, iyyaa ture.

    "Dhiiga keenya dhangalaasaa ture, lammiilee Ameerikaa hedduu fixe, uuummata isaallee ajjeesaa ture.

    "Sirni shororkeessaa lubbu-balleessaan kun balaa ilmaan namaa akka hin taane niwukilarii hidhachuu hin qabu.Tarkaanfiin waloo keenya lammiileen Iraan hiree isaanii harka isaaniitti akka deeffatan haala mijataa uuma.

    "Yeroon lammiileen Iraan hundi - Parshiyaanonni, Kurdoonni, Azeerisoonni, Baaluchisoonni, fi Awaazisioonni waanjoo abbaa irree ofirraa darbatanii fi bilisummaa fi nagaa Iraaniif fidan gaheera.

    "Lammiileen Israa'el ajaja biyya keessaa kennamu akka hordoftanin isin hubachiisa. Guyyoota itti aanan Oppireeshinii"Leenca Barooduutiif" of cimnee dhaabbachuu qabna.

    "Gamtaan dhaabbanna, gamtaan lolla, gamtaadhaanis Israa'el bara baraan akka jiraattu ni mirkaneessina."

  18. Israa'el misaa'eloota Iraan qolataan jira jette

    Iraan haleellaa misaa'elaa Iraan irratti gaggeessuu Humni Waraanaa Israa'el beeksise. Haa ta'u garuu humni waraanaa misaa'eloota kanneen qolataa jiraachuu beeksiseera.

    Uummanni biyyattii qajeelfama Home Front Command akka hordofu akeekkachiisa kenneera.

    Israa'el haleellaan misaa'elaafi diroonii Iraanirraa dhufuu akka malu dursitee lammiilee biyyattii akeekkachiistee turte.

    Israa'elifi Iraan halellaa Iraanirratti gaggeessuu mirkaneessaniiru.

    Haleellaa misaa'elaa Iraan gaggeesiteen misaa'eloonni hundi qolatamuufi miidhaan qaqqabuufi dhiisuu waanti barame hin jiru.

  19. Miiidiyaalee Iraan irratti haleellaan saayibarii godhame

    Haleellaa US fi Israa'el hordofee miidiyaalee mootummaa Iraanii fi oonlaayinii biyyattii irratti haleellaan saayibarii raawwatamuu gabaafame.

    GabaasI kub akka mul'isutti muddama waraanaan wal maddii "dambaliin haleellaa saayibarii babal'aan" miiidiyaalee biyya keessaa irratti raawwatame. Sababa kanaan miidiyaalee Iraan rakkoon tamsaasi adda ciccituu isaan mudachaa jira.

    Televizhiniin mootummaan IRNA fi kan gariin kan mootummaa ta'e, ISNA news agency, miiidiyaalee haleellaa saayibariin butaman fi tamsaasaf danqaman keessaayi.

    Rakkoon kun appilikeeshinoota Oonlaayinii Iraan keessaas mudachaa jira.

    BBC Monitoring verification akka mirkaneeffatetti, websaayitiin miidiyaa IRIB News, miidiyaa Eegdota Warraaqsaa Iraan kan ta'eTasnim fi Fars news agencies, Mehr fi ISNA miidiyaaleen jedhaman tamsaasi isaanii hin mul'atu.

  20. Biiroon Pirezidaantii Iraan haleelame- gabaasaalee

    Haleellaa USfi Israa'el Iraanirratti gaggeessaa jiraniin biiroon Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan haleelamuu miidiyaa Israa'el Haaretz gabaase.

    Haleellaa kana hordofee pirezidaantichi nagaa ta'uu miidiyaalee Iraan waabeffachuun gabaase.

    Tehraan qofaa osoo hin taane magaalota gurguddoo Iraan keessatti dhohiinsi dhagahamaa jira.

    Pirezidaant Tiraampis US haleellaa Iraan irratti gaggeessaa jiraachuu ibsite.