Pirezidantiin Somaalilaand faana gitasaanii Somaaliyaa hordofuun gara Finfinnee imalan

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs - Somaliland
Biyya walabaa ta'u kan labsitu Somaalilandiin kan bulchan Pirezidant Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahii har’a waaree booda kaabinee isaanii waliin gara Finfinnee imalan.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamamud daawwannaasaanii Fifnfinnee raawwachuu guyyaa tokko boodha Pirezidantiin Somaalilaand gara Finfinnee imalaa kan jiran.
Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaand, Ministirri Maallaqaa, ajajaan waraana biyyattii, fi qondaaltonni nageenya biyyaalessaa preezdaantii waliin gara Finfinnee imalaa akka jiran gabaaseera.
Ibsa dubbi himaan mootummaa Somaalilaandi baaseen daawwannaan preezdaanti kun hariiroo biyyoota lamaanii keessattuu gama nageenyaa, diinagdee, daldalaa, fi geejjibaa cimsuuf kan akeekedha.
Waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand ulaa galanaa ilaalchisee mallatteessa Somaaliyaa wajji muddama jabaa uumuu booda filannoo godhameen aangoo kan qabatan Pirezidantiin haaraa kun yeroo jalqabaaf gara Finfinnee imalaa jiru.















