Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste

Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeesseen komaandara humna Hamaas Jabaaliyaa Bataaliyoon jedhamuu kan ta'e Yaahyaa al-Mabhouh dabalatee miseensonnisaa jaha ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa cimaa eegaluu beeksifte
  • Guutummaa UStti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman mormii farra Tiraamp 'No Kings' jedhutti makaman
  • 'Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman
  • Sirni awwaalcha Raayilaa Odingaa gaggeeffamaa jira
  • Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?
  • Lammiin Ameerikaa balleessaa malee waggaa 40'f hidhame biyyaa arii'atamuuf
  • Zeleniskiin misaa'ela Tomahawik barbaacha waashingitan deemus harka qullaa deebi'e
  • Lammiileen Raashiyaa waayee marii nagaa Tiraampiifi Putiin maal jedhu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame

    Sheekii Hasiinaa murtee du'aan akka adabamtu abbootiin alangaa gaafatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sheekii Hasiinaa murtee du'aan akka adabamtu abbootiin alangaa gaafatan

    Abbootiin alangaa Baangilaadesh MM duraanii biyyattii Sheekii Hasiinaa yakka fincila aangoo irraa ishee buuse irratti hojjetteef adabbiin du'aa irratti darbuu akka qabu gaafatan.

    Fincila barattootaa guddaatu Sheekii Hasiinaa aangoo irraa buuse. Yeroo sana barattoonni ajjeefamuu fi hidhamuun mootummaa isheen gaggeeffamaa ture.

    Hasinaan fincilli hammaannaan gara Hinditti baqatte. Yakka namoomaa hojjechuun himatamtee ammayyuu qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.

    Humnoonni nageenyaa finciltoota irratti ''meeshaa waraanaa'' akka fayadaman ajajjeetti jedhamuun himatamte.

    Garuu himata kana haalteetti. Fincilicha irratti namoonni gara 1,400 tahan ajjeefamaniiru.

    Fincilichi bulchiinsa Hasiinaa waggaa 15 turetti xumura godhe.

    Erga waraanaan bara 1971 bilisummaa ishee argattee as fincila hamaa akaksii keessummeesitee hin beektu.

    Hogganaan abbootii alangaa Tajul Islaam, Hasiinaan murtee du'aa 1,400 tahuun adabamuu qabdi jedhe. Garuu kun adabbii dhugoomuu danda'u waan hin taaneef yoo xiqqaate murtee du'aa nama tokkoo argachuu qabdi jedhe.

  2. Mormii qeerroo Madakaaskar booda qondaalli waraanaa pirezidantii ta'uun kakuu seene

    Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa

    Mormii qeerroo mootummaa Madakaaskar diigsise booda qondaalli waraanaa biyyattii Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa pirezidantii ta'uun kakuu seenan.

    Pirezidantiin Madagaaskar mormii qeerroo torbanootaaf ture booda biyyaa baqachuun dhokatan. Ergasii paarlaamaan biyyattii sagalee kennuun aangoorraa kaase.

    Mormitoonni biyyattii rakkoo mudateef mootummaan itti gaafatamummaa akka fudhatu gaafataa turan.

    ''Guyyaan har'aa seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa murteessaadha. Guyyaa boqonnaa haaraa itti jalqabnu,'' jedhan pirezidantii haaraan kun.

    Gabaasi AFP akka mul'isutti pirezidantii haaraan kun qeerroowwan biyyattii jijjiiraman fedhan galateeffataniiru.

    Biyyattiin amma ce'umsarra jirti. Qaawwaan siyaasaa fi seeraa mudateera. Kun ammoo Kol Randiriyaaniriinaaf qormaata guddaadha.

    Hiriirri mormii biyyattii keessatti ji'a darbe eegale jalqaba qeerroodhaan durfamaa ture. Maqaa Gen Z Mada jedhamuunis beekama.

    Maayikil humna waraanaa Maadagaaskaar keessatti hogganaa garee waraana gahuumsa addaa qabuu "elite unite" jedhamuu yoo ta'u, Sambata darbe, Onkoloolessa 11, garee waraanaasaa qabachuun dargaggoota mootummaa mormuuf bahanitti dabalame.

    Qeerroo Madagaaskaar pirezidaantiin biyyattii aangorraa akka bu'uuf gaafataa turan gaaffiisaanii sirrii ta'uufi gareen waraanaa inni hogganu qeerroo duuka jiraachuu ibse.

    Namoota magaalaa guddoo Madagaaskaar kan taate Antananaarivootti mootummaa mormuun hiriira bahan gidduutti waraanasaa qabatee argame.

    Seenaa Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa dabalataa asii dubbisaa:

  3. Taphataan duraanii West Haam sababa saroota isaan Birrii miiliyoona 2.2 ol adabame

    Sayid Beenraamaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sayid Beenraamaa

    Taphataan duraanii West Haam Sayid Beenraamaa sababa saroota balaafamoo guddisee to'annoo isaan ala bahaniif Birrii miiliyoona2.2 ol adabamae.

    Beenraamaan saroota gosti isaanii XL jedhaman qe'ee isaatti guddisee qaba ture.

    Bara 2023 manaa miliqanii bahuun Baha Landan keessatti nama tokko ciniinuun saree biraa tokko irras miidhaa geessisan.

    Beenraamaan amma kileba sawud Arabiyaa tokkoof taphata.

    Dhaddacha irratti dhiyaachuu waan hin dandeenyeef Kmaisa kaleessaa karaa viidiyoo dhiyaachuun dhimma isaa hordofe.

    Beenraamaan balballi dallaa isaa tokko nama isaaf hojjetuun banamee osoo hin cufamiin waan hafeef achiin bahanii miliqan jedhe.

    Manni murtiis balleessaadha jechuun adabbii Doolaara 12,000 ykn Birrii miiliyoona 2.2 ol itti mure.

  4. Ajajaan waliigalaa waraana Huutii haleellaa Israa'eliin madaa'ee ture du'e

    Hidhattoota Huutii

    Madda suuraa, EPA

    Ajajaa walii galaa humna waraanaa Huutii Yaman kan ta'e Muhaammad Abad Al Kariim al Gamaarii haleellaa Israa'eel gaggeessitee turteen erga madaa'ee booda bayyanachuu dadhabee du'uu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Gareen Huutii ajaajaan waraanaasaa jalaa du'uu kan beeksise har'a yoo ta'u, Israa'el ji'a Hagayyaa keessa qondaalota olaanoo Huutii irratti xiyyeeffachuun haleellaa magaalaa Sana'aa keessatti gaggeessiteen, qondaalonni olaanoon garichaa wal-gahii taa'an irratti gaggeessitee turte.

    Haleellichaan ministiira muummee dabalatee ministiironnifi qondaalonni siyaasaa heddu ajjeefamanii kaan madaa'anii ture.

    Qondaalota yeroo sana madaa'anii lubbuun oolan keessaa ajajaa waliigalaa waraana Huutii kan ta'e Muhaammad Abad Al Kariim al Gamaarii tokko yoo ta'u, dandamachuu dadhabee du'e.

    Huutin ibsa har'a baaseen, Israa'el waliin lolli gaggeeffamu ammayyuu hin dhumne jedhe.

  5. Amma nu gahe, Tiraamp Puutiin waliin bilbilaan haasa'uun Qaaman wal-arguuf beellama qabatan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp pirezidaantii Raashiyaa Puutiin waliin har'a bilbilaan haasa'uu beeksisuun Puutiin waliin Hangariitti akka wal-arguuf jiran ibse.

    Mariin karaa bilbilaa har'a Puutiin waliin taasisan "bu'a qabeessa ture" jechuun kan fuula Truth gubbaatti maxxanse Traamp, qaaman wal-arganii mariyachuufis walii galuu hime.

    Torbee dhufu Haangariitti qaaman wal-agarree Puutiin waliin mariyanna jedhe.

    "Aniifi Pirezidaant Puutiin bakka itti wal-arguuf beellamanne, Budaapeest, Hangariitti wal-arginee waraana "balaafamaa" Raashiyaafi Yukireen gidduutti gaggeefamaa jirutti xumura gochuu dandeenye ilaaluuf wal-beellamneera," jechuun maxxanse.

    Tiraamp yeroo dhiyoo as Raashiyaarratti ejjannoo cimaa agarsiisaa jira jedhama.

    Inumaayyuu misaa'ela fageenya dheeraa imaluun Mooskoo haleeluu danda'u Yukireenif kennuu akka malu beeksisee ture.

  6. Gaazaa deebisaanii ijaaruun waggaa shaniifi dolaara biliyeena heddu gaafata- Ministira Muummee Filisxeem

    Ministiira Muummee Filisxeem Mohaammad Musxafaa

    Madda suuraa, EPA

    Waraana waggaa lamaan kan mancaate Gaazaa deebisanii ijaaruuf yeroo waggaa shaniifi dolaara biliyeena heddu akka gaafatu Ministirri Muummee Filisxeem Mohaammad Musxafaa ibsan.

    Weest Baank magaalaa Ramaalaa irraa akkaataa gara fuulduraatti Gaazaan itti ijaaramturratti yaada kan kennan Mohaammad Musxafaa, Gaazaa deebisanii ijaaruun hojii manaa guddaa akka ta'u ibsan.

    Gaazaa deebisanii ijaaruuf yoo xiqqaate waggaa shan akka fudhatu ibsuun, baasii dolaara biliyeena 67 akka gaafatus dubbatan.

    Maallaqni kun gara ijaarsa manneen jireenyaa, tajaajila hawaasaa, ijarsa bu'uuraalee misoomaa garaa garaa, sochii diinagdeefi bulchiinsaaf kan oolu ta'uu himan.

    Mohaammad Musxafaa akka jedhanitti, maallaqni kun deeggarsa hawaasa idiladdunyaarraa kan argamu malu ta'uu eeruun, Masiriin ji'a dhufu keessa "Konfiransii Gaazaa Deebisanii Ijaaruu" walitti akka qabdus himan.

    "Gaazaa bayyanachiisufi tasgabbeessuf bulchiinsi Gaazaa sirrii ta'e jiraachuu akka qabu Mootummaan Filisxeem irra deebin ibsuu barbaada," jedhan.

  7. Ibsannaa gaddaa du'a Raayilaarratti jeequmsi ka'e, Poolisiin dhukaasa bane

    Ibsannaa gaddaa istaadiyoomii Kasaraanii

    Reeffa Ministira Muummee duraaniifi hogganaan dhaaba mormituu Rayilaa Odiingaa ilaalaaluufi gadda ibsachuuf sirni istaadiyoomii guddicha biyyattii Kasaraanitti gaggeeffamuu eegale jeequmsi isa mudate.

    Raayilaan Hinditti waldhaansarra osoo jiranii boqotan. Reeffisaanii Har'a biyyatti yoo deebi'u uummatni hamma eegameen ol ta'e gadda ibsachuuf baheera.

    Qaamoleen nageeyaa uummata heddumminana bahe kana to'achuun humnaa ol ta'uusaatiin akkasumas jeequmsi dhalachuusaatiin gaazii imimmaanessuufi meeshaa dhukaasuuf dirqameera.

    Dhukaasni baname kan rasaasa qabu ta'uufi dhiisuun hin mirkanoofne. Namoota hedduu gadda ibsachuu bahanirratti garuu miidhaan qaamaa qaqqabeera.

    Dirree Kasaraanii keessatti dargaggoonni gariin kubbaa miilaa yoo taphatan mul'ateera. Poolisiin isaanis ar'ichuuttis ture.

    Namootni gadda ibsatan hedduun buufata xiyyaaraa humnaan seenuuf yaalaa turan.

    AFPn akka gabaasetti yoo xiqqaate namootni sadii miidhaan qaamaa isaan mudateera.

    Poolisiin warra iddoo darbuun hn hayyamamne humnaan seenan yeroo reebee ari'atus mul'ateera

  8. Humni Tasgabbii Idil-addunyaa Tiraamp Gaazaaf hundeessuuf jedhu maali?

    Doonaald Tiraamp Gaazaa tasgabbeesuuf humna biyyoota adda addaa irraa walitti bahe hundeessuuf jedhu.

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp Gaazaa tasgabbeesuuf humna biyyoota adda addaa irraa walitti bahe hundeessuuf jedhu.

    Karoora Nagaa Tiraamp Gaazaaf baase keessatti Humni addaa 'International Stabilisation Force' jedhamu ni hundaa'a.

    Humni kun Gaazaa keessatti tasgabbii fiduu fi poolisii Filisxeem leenjisuu irratti hojjeta. Yeroo kana suuta suuta humni waraanaa Israa'el ammoo Gaazaa keessaa baha.

    Loltoota isaanii akka erganiif biyyoota hedduu waliin mariin gaggeeffameera.

    Indoonezhiyaa, UAE, Kaataar fi Azerbaajiyaan waliin mariin gaggeeffamee loltoota Filisxeemiif erguuf qophii tahuu himameera.

    Ameerikaan gara loltoota 200 ergitiifi. Garuu Gaazaa keessa buufatu miti.

    Yeroo ce'umsaa kana Hamaas aangoo mootummaa ce'umsaaf dabarsee kan kennu taha. Mootummaan ce'umsa Filisxeem hogganu kun ammoo Tiraampiin kan to'atamu taha.

    Karoorri loltoota erguu kun yeroo dheeraa gaafachuu mala. Kunis akka karoora Tiraampitti waliigaltee siyaasaa irra gahamuu waan qabuufi.

    Danqaawwan hedduun jiru. Hanga ammaatti Hamaas yaada hidhannoo hiikkachuu jedhu dhiyaate hin fudhanne.

    Akkasumas Gaazaa bulchiinsa idil-addunyaaf dhiisuu kan jedhutti walii hin galle.

    Erga jiraattonni Gaazaa gara qe'ee isaaniitti deebi'uu jalqabanii as Hamaas haloo isaa bahachuuf namoota shakku uummata fuulduratti ajjeesaa jira.

  9. Wayita reenfi Odingaa seenu namoonni nageenya waan booressaniif buufati xiyyaaraa hojii dhaabe

    Yeroo reefi MM duraanii Rayilaa Odingaa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Joomoo Keeniyaataa seenu

    Madda suuraa, NMG

    Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo reefi MM duraanii Rayilaa Odingaa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Joomoo Keeniyaataa seenu

    Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Keeniyaa (KCAA) reenfi MM duraanii Rayilaa Odingaa Indiyaa irraa gara biyyaa wayita deebi'u yaaddoo mudaterraa kan ka'e yeroof tajaajila buufata xyyaaraa idiladdunyaa Joomoo Keeniyaataa dhaabuu ibseera.

    KCAA ibsa kenneen namoonni gadda Rayilaa Odingaaf ba'an kumaan lakkaa'aman naannawa istaadiyeemii keessa socho'uun dhorkame cabsanii seenuu eere.

    Kanaanis istaadiyeemiin humnoota nageenyaan cufameera. Dirreen kubbaa miillaa fi buufati xiyyaaraa nageenya hojjettootaa fi imaltootaa eeguuf yeroof cufamuu ibse.

    Lammiileen biyyattii fi imaltoonni hanga beeksisi ba'utti gara buufata xiyyaaraa kana imaluu akka dhaaban akeekkachiisi darbeera.

    KCAA akka jedhutti nageenyummaan istaadiyeemii erga mirkanaa'ee booda tajaajilli buufata xiyyaaraa bakkatti ni deebi'a.

    Daandiiwwan qilleensaa kaanis yeroof gara buufata kanaatti imaluu akka dhaaban akeekkachiifamaniiru.

  10. Waancaa Addunyaa 2026 waan beekuu qabdan

    Waancaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Gareen biyyaalessaa Ingilaand goolii 5 fi 0n Latiiviyaa mo'achuu hordofee taphni lama osoo hafuu Waancaa Addunyaa 2026f darbuu isaa mirkaneeffateera.

    Kana jechuun ammoo deeggartoonni garee biyyaalessaa Ingilaand maqaa 'Leencota Sadan' jedhamuun beekamuu dorgommii guddicha addunyaa ganna dhufu gaggeeffamu qaamaan deemanii daawwatuufi manuma taa'anii karaa televizhinii daawwatuu isaanii gamanumaan murteeffachuuf yeroo argataniiru.

    Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti isa baayyee guddaadha jedhamee eegamu kana ilaalchisee taphoonni kunneen eessatti gaggeeffamu, tikkeettii akkamiin argachuun danda'ama, kanneen jedhaniifi odeeffannoo biroo baruu qabdan akka itti aanutti isiniif dhiyaateera.

    Waancaan Addunyaa 2026 yoom, eessatti gaggeeffama?

  11. Rakkoo reeffa booji'amtoota hafan deebisuufi yaaddoo waliigalteen cabuu malaa

    Meejata Saajin Muhammad al-Atarash fi  Inbaar Haymaan

    Madda suuraa, The Hostages and Missing Families Forum / Portfolio Magazine

    Erga Hamaas reeffa namoota Israa’el booji’amanii hafan argachuuf yeroo dabalataa barbaada jedhee booda gareen kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsa jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru. Haata’u malee, Ameerikaan garuu yaaddoo dhaga’amaa jiru kana salphistee ilaaluun Hamaas waliigaltee kana akka kabaju abdiin qaba jechaa jirti.

    Akkuma Hamaas jedhe, reeffa booji’amtoota hafanii caccabaa gamoo jalaa barbaadanii baasuun yeroo akka fudhatu dubbatteetti Ameerikaan.

    Akka qaama karoora nagaa Gaazaa marsaa jalqabaatti, Hamaas namoota lubbuun jiran 20 fi reeffa namoota booji’aman 28 biroo deebisuu qaba ture.

    Namoonni booji'amanii lubbuun jiran deebifamaniiru, akkasumas reeffi namoota sagaliis deebifamaniiru, garuu Hamaas warra kaan argachuuf meeshaalee addaa akka isa barbaachisu dubbata.

    Roobii galgala gorsitoonni olaanoo Ameerikaa mariin biyyoota jaarsummaa taa’an waliin taasifamu ''gaarii'' ta'ee akka jiru, akkasumas Hamaas waliigaltee kana akka kabaju abdii qabaachuu himaniiru.

    Hamas kaleessa galgala reeffa lama dabarsee kan kenne yoo ta’u, ganama har'aa Israa'el eenyummaa reeffa deebifamanii kanaa adda baasteetti. Tokko Meejata Saajin Muhammad al-Atarash kan umuriin isaa waggaa 39 ta’eefi Inbaar Haymaan dubartii umuriinshee waggaa 27 taate gaafa Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa Israa’elitta gaggeessa warra konsartii Nov irra turan keessaa tokko ta’uushee adda baasteetti.

    Bakka biraattis Israa'el qaxxaamuraa Raafaa (ula agama daangaa masiriin Gaazaa seensu) namoota Gaazaa keessa jiraniif banuuf ''qophiin itti fufee jira'' jetti, garuu gargaarsi gara naannoo sanaa kan seenu karaa buufataalee sakatta'iinsaa biroo qofa.

    Israa’el BBC dabalatee miidiyaaleen idil-addunyaa Gaazaa seenanii bilisaan akka gabaasa dhiyeessan hin hayyamtu.

  12. Gaazaa: Lafa xiqqoo km 40 dheerattu, ijoo dubbii addunyaa taate

    Loltoota Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaazaan sulula xiqqoo dheerina km 40 fi bal'ina km 10 hin caalle qabdu taatee qarqara Galaana Medetiraaniyaaniitti argamtuudha. Bahaan Israa'el, kibba bahaan Masiriitu daangessa.

    Waggoota digdama darbaniif Hamaastu Gaazaa bulchaa ture, bahaa galashee kan to'atu garuu Israa'eli: lafoo, qilleensafi galaanarraan.

    Masiriinis daangaasheerratti to'annaa cimaa taasifti. Gaazaan, lafa xiqqoo Filisxeemonni miliyeena 2.5 ol keessa jiraatan ta'uusheerraa kan ka'e "mana hidhaa gubbaan banaa (open air prison) jedhamuun beekamti.

    Gaazaan bakkeewwan gurguddoo saditti qoodamti: Kaaba Gaazaa, Giddu-galeessafi Kibba Gaazaati. Kaabatti kan argamtu Magaalli Gaazaa bakka Filisxeemonni hedduumminaan keessa jiraataniidha. Giddu-galeessi ammoo kaampiin qubsumaa guddaan Kaan Yuunis bakka itti argamuudha.

    Filisxeemonni Gaazaa keessa jiraatan kan Weest Baank jiran waliin

    Gaazaan qarqara Galaana Medetiraaniyaanitti yoo argamtu Weest Baank ammoo Israa'elifi Yordaanos gidduu jirti.

    Ofii waggaa lamaaf Israa'el wajjin lola keessa kan turte Gaazaan achi dhufteen seenaanshee maal fakkaata? Gaazaa Weest Baank irraa maaltu adda godha gaaffilee jedhan mee haa ilaallu. bulchiinsa qofaan osoo hin taane daangaanillee walirraa fagoo jiru. Jidduusaanii Israa'eltu jira.

  13. Hamaas reeffa booji'amootaa adda baasuuf yeroo dabalataa barbaachisa jedhe

    Ambulaansii

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas Roobii reeffa namoota butamanii lama dabalataa deebisuu ibsee, reeffa hafan garuu gamoo caccabaa Gaazaa jalaa baasuuf yeroo dabalataafi meeshaa ammayyaa ittiin baasuun danda’amu akka barbaachisu hime.

    Dameen waraanaa garee kana ibsa baaseen, waliigaltee nagaatiif murannoo akka qabu beeksisuun hanga ammaa reeffi deebisuu danda'e kan argatee baasuu danda'e qofaa ta'uu ibseera.

    Pirezidantiin Ameerikaa Hamaas waliigaltee irra ga'ameef kan hin bitamne yoo ta'e Israa'el duula waraanaa Gaazaa keessatti gaggeessitu itti fufuu dandeessi jedheera.

    Wajirri ministira muummee Israa'el gamasaatii, reeffa namoota butamanii fudhachuu ibsee, eenyummaa isaanii adda baasuunni hafa jedheera.

  14. US Hamaas 'osoo hin barfatiin' hidhannoo akka hiikkatu waamicha goote

    Hogganaa olaanaan waraanaa US kan duula Baha Giddugaleessaa, Hamaas ''Gaazaa keessatti namoota nagaarratti dhukaasuun jeequmsa akka dhaabu'' waamicha godhe.

    Biraad Kuupper kan ajaja giddugaleessaa hoogganu ''hiree seena qabeessa nagaa buusu'' akka itti fayyadamu, waliigaltee abbaa qabxii 20 Pirezidant Tiraamp kabajuun osoo hin barfatiin akka waraana hiikkatn jechuun ibsa baaseera.

    Ibsi kun kan bahe hidhattootni Hamaas fuulasaaniitti haguuggii godhatan addabaabayiitti namoota nagaa ajjeesuun isaanii gabaafamuu booda.

    Kuupper US dhimma kana ilaalchisee biyyoota jaarsummaa Gaazaa keessa jiraniif yaaddoo qabdu ibsiteetti jedheera.

    ''Naannichatti abdii guddaan hegereef nageenyi ni dhufa jedhu'' qabachuus barreesse.

    Hidhattoota Hamaas
  15. Hamaas reeffa sirrii hin taane Israa'eliif deebisuu booda Tel Avivitti komiin ka'e

    Namoota reeffisaanii Israa'eliif kennamee

    Madda suuraa, Hostages and Missing Families Forum

    Israa'el qorannoo forensikii erga gaggeessitee booda reeffa namoota Hamaas erga butee ajjeefaman afur deebise keessaa tokko sirree akka hin taane beeksise.

    Hamaas reeffa Israa'eloota afurii Kibxata galgala deebise keessaa tokko kan nama Israa'eli miti jette Israa'el.

    Wanti akkasii amma duras dhalatee beeka.

    Guraandhala darbe Hamaas reeffa Israa'elotatti jechuun dabarsee kenne kan dubartii Shirii Biibas jehdamtuufi ijoolleeshee lamaa ni argama. Qorannoon forensikii gaggeeffame garuu reeffi Shirii dhugumatti kan ishee akka hin taane ifa godhe. Kunis dheekkamsa kaase. Booda Hamaas reeffa isa sirrii kenne.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa mallatteeeffame keessatti Hamaas reeffa namoota Israa'elii butee mara argachuu dhabuu akka dand'au ibsameera. Reeffa namoota argachuu hin dandeenyee jaarslii araaraaf akka beeksisuyyuu waliigalticha keessatti barreeffameera.

    Reeffa namoota butamanii saffisaan deebisuu dhabuu wajjin walqabatee Israa'el keessatti dheekkamsi ka'aa jira.

    Israa'el harkifannaan kun hin sirreeffamu yoo ta'e ulaa daangaa Raafaa cufuuf dhaadatetti.

  16. 'Gorsaaf bira deemee na leyyaasisee hin beeku' jechuun Ruutoon Rayilaa yaadatan

    Pirezidant Wiliyaam Ruutoo

    Madda suuraa, William Samoei Ruto

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo du'aan boqochuu hogganaa dhaaba mormituu Raayilaa Odiingaa ilaalchise ibsa miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa maxxansaniin 'Gorsaaf itti deemee na leyyaasisee hin beeku' jedhan.

    ''Qabsaa'aa mirga namoomaa, Dimookrasii, olaantummaa seeraa fi hammattummaa akkasumas hireewalqixaa diingadee'' ture jechuun kan ibsan Ruutoon handha afurriisaa dhumaatti kanaaf qabsaaaa ture jdhan.

    Dhuunfaatti ammoo ''obboleessa hangafaa, gorsaa'' dhabuu barreessan.

    ''Yeroo hedduu gorsa gaariif itti deddeebi'eera. Takkaahuu na leyyaasisee hin beeku, yeroomara dhugaa jiru natti hima. Yeroo dhugaa himuun ulfaataa ta'ettille.''

    Nama nagaafi araara buusudha kan jedhan Ruutoon hunda dura biyya dursa jedhean.

    Shaakala dimookrasii Keeniyaa keesatti nama gumaata olaanaa gumaache, bulchiinsa heeraas kan daandii qaqbsiisedha jechuun gumaatasaanii ibsan.

  17. Hamaas hidhannoo hin hiikkatu taanaan, nuti ni hiikkachiifna -Tiraamp

    Doonald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Hamaas “hidhannoo nan hiikkadha waan jedheef ni hiikkata” jechuun kaleessa galgala dubbate.

    “Hin hiikkatu taanaan, nuti ni hiikkachiifna,” jedhe.

    Karoorri Gaazaatti nagaa buusuu qabxii 20 Tiraamp dhiyeesse,” waraanni hunduu, shororkeessuun, akkasumas ulaawwan lafa jalaafi buufataaleen meeshaan itti omishaman dabalatee bu’uuraaleen waraanaaf oolan ni mancaafamu, deebiyanii hin ijaaraman. Qaama walabaa to’atu jalatti adeemsi Gaazaa waraanaafi hidhannoo waraanaarraa bilisa itti taasisan kan jiru yoo ta’u, kunis adeemsa waliigalteen meeshaa waraanaa lamuu akka hin fayyadamnetti lafa kaa’uu dabalata.

    Kun akkamiin raawwatama jedhamee rippoortarootaan kan gaafatame Tiraamp akkas jedhe: “Ani kana siif ibsuun narra hin jiru. Haata’u malee, yoo hin hiikkatan ta’e, nuti isaan ni hiikkachiifna.”

    “Akka ani tapha taphachaa hin jirre isaan ni beeku,” jedhe Tiraamp itti dabaluun.

  18. Amma nu gahe, Hogganaan paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa du'aan boqatan

    MM duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa umurii waggaa 80'n boqatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, MM duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa umurii waggaa 80'n boqatan

    Hogganaan paartii mormituu beekamaa fi Ministirri Muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa umurii isaanii waggaa 80'n boqachuu ibsame.

    Odiingaan dhiyeenya Komishinara Gamtaa Afrikaa tahuuf dorgomaa turan. Ergasii dhibamanii yaalarra akka turan himame.

    Odiingaan yaalii irra osoo jiranii boqachuu isaanii ibsameera. Filannoo pirezidaantummaa Keeniyaa darbe irratti Wiiliyaam Ruutoo waliin morkatanii sagalee xiqqoon mo'aman.

  19. Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti yoo seenan balaan qaqqabsiisu maali?

    Pirezidant Isaayaas fi MM Abiy
    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Isaayaas fi MM Abiy

    Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti seenuu malu sodaan jedhu dabalaa dhufeera. Gaggeessitoonni olaanon biyyoota lamaanii wal-himachuufi quba walitti qabuu erga eegalanii bubbulaniiru.

    Dhiyeenya kanammoo mootummaan Itoophiyaa xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif (UN) barreesseen, Ertiraan TPLF waliin ta'uun Itoophiyaarratti waraana banuuf jiru jechuun iyyate.

    Inumaayyuu Ertiraan TPLF waliin humna "Tsimdo" jedhamu tolfachuun Itoophiyaarratti shira waraanaa hojjachaa akka jiran Itoophiyaan himatte.

    Keessumaa Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa argachuun akka isheef malu ifatti kaasuu hordofee muddamni biyyoota lamaanii akkaan jabaatera.

    MM Abiy Ahmad dabalatee qondaalonni Itoophiyaa dubbii Itoophiyaan ulaa Galaana Diimatti baasu dhabuunshee dogoggora waggoota 30 dura uumame ta'uu ibsuun, Itoophiyaan ulaa galanaa kana deebitee argachuu akka qabdu kaasu.

  20. Hamaas reeffa namoota butee dabalataa afur deebise-IDF

    Ambulaansii Fannoo Diimaa reeffa deebisaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas reeffa namoota butee dabalataa afur deebisuu Humni Waraanaa Israa’el (IDF) ibseera; eenyummaa reeffa kanaa adda baasuufis hojiin hojjetamaa jira jedheera.

    Fannoo Diimaa reeffa namoota kanneenii saanduuqa reeffaan Kibxata galgala ture kan Humna Waraanaa Israa’eliti dabarsee kenne.

    Reeffa kana dabarsanii kennuun akeekkachiisa Israa’el hanga Hamaas reeffa namoota butamanii 28 hunda deebisutti gargarsi Gaazaa akka hin seenne akka dhorkitu dabarsiteen boodadha.

    Gareen hidhataa Filisxeem kun booji’amtoota lubbuun jiran 20 fi kan du’an afur gaafa Wixataa deebiseera.

    Reeffi Filisxeemota 45 Israa’el keessa tursiifamee ammoo Kibxata Gaazaatti deebifamuu Fannoon Diimaan ibsa baaseen beeksiseera.