Tiraamp ajandaawwan baqattoota seeraan alaafi kaanniin guyyaa jalqabaa guutuu waajjiratti dabarse

Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un kakuu raawwatan. Haasaa taasisaniinis waan hedduu waadaa seenan, bulchiinsa Baayidan qeeqan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. NATOn keebilii galaana jalaa murteessaa ta'e eeguuf ergama haaraa eegale

    Miidhaa keebilii mudateef deebii kennuuf patrooliin Galaana Baaltik keessatti cimee jira (fakkii faayilii)

    Madda suuraa, Getty Images

    Naton bara darbe keebiliin galaana jalaa murteessaa ta'e erga miidhame ykn addaan citee booda, dooniiwwan Galaana Baaltik keessatti argaman irratti hordoffii cimsuuf ergama haaraa jalqabeera.

    Hogganaa Nato kan ta'an Maark Ruuteen, ergamni maqaa "Baltic Sentry" jedhamuun moggaafame kunis xiyyaarota hordofii, dooniiwwan waraanaa fi diroonii kan hirmaachisu ta'uu dubbatan.

    Dubbiin aanga'aa kunis kan dubbatame walgahii Heelsinkii kan biyyoonni Nato Galaana Baaltik irra taa’an hundi; Finlaand, Istooniyaa, Deenmaark, Jarman, Laatviyaa, Lituweeniyaa, Poolaandi fi Siwiidin irratti hirmaatan irratti ture.

    Miidhaa keebilii kanaan walqabatee Raashiyaan kallattiin akka yakkamtuutti ibsamuu baattuuleen, Ruuteen akka jedhanitti, Naton hordoffii ''dooniiwwan dhoksaa'' Moskoo; dooniiwwan abbummaasaanii hin beekamnee kanneen oomishaalee boba'aa ugguraman fe'uuf itti fayyadaman irratti qabu akka cimsu dubbatan.

    Erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen guutummaatti weerartee booda waldhabdeen biyyoota Nato fi Raashiyaa gidduu jiru osoo adda hin cinne dabalaa dhufeera.

    ''Miidhaa bu'uuraalee misoomaa irratti gahuun"sababni yaaddoo guddaatu jira" jedhan Ruuteen. Itti dabaluudhaanis, Naatoon balaa akkasii kanaaf deebii cimaa akka kennu, yoo barbaachisaa ta'es dooniiwwan shakkaman baay’ee to'achu akka danda'an dubbatan.

    Kun yeroo hunda jijjiiramuu akka danda'uu kaadhuusaan, "diini kan ammaan dura jiru caalaa haxxee" gochuu akka hin barbaanne dubbatan. Haata'u malee, baay'ina qabeenya jalqabbii Baaltik Sentry keessatti hirmaatu irratti bal'inaan qooduu hin barbaadne.

    Bu’uuraaleen misoomaa galaana jalaa dhiyeessii humna ibsaa qofaaf osoo hin taane, tiraafikoonni intarneetii harki 95 ol karaa keebilii galaana jalaatiin waan mirkanaa’uudhaaf jechuun, itti dabaluun, “keebiliin kiiloo meetira miiliyoona 1.3 (maayilii kuma 800) guyyaa guyyaan daldala faayinaansii tilmaama doolaara tiriliyoona 10tiif wabii ta’a” jedhan.

    Maxxansa X irratti barreesseen, Naton "nageenyaa fi tasgabbii bu'uuraalee misoomaa keenya murteessoo ta'anii fi waan nuti jaallannu hunda mirkaneessuuf waan barbaachisu kunda" akka hojjetan himan.

    Ji'oota darban keessa bu'uuraalee misoomaa galaana jalaa Baaltik keessatti miidhaan hin ibsamne dabalaa dhufeera.

  2. Hanga Tiraamp barcuma pirezidaantummaa qabatutti Netaaniyaahun waliigaltee waraana Gaazaa dhaabuu hin mallatteessu

    Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

    Waraana Gaazaa dhaabuuf mariin Kaataar, Dohaatti gaggeeffamaa jiru sadarkaa dhumaarra gahaa akka jirutu ibsame.

    Yaadota waliigaltee marichaarratti dhiyaatan Hamaas fudhachuun deebii Israa'eltu eegamaa jira.

    Kanneen maricharratti hirmaatanirraa BBCn akka odeeffatetti, Tiraamp Waayit Haawus hanga seenutti Netaaniyaahun waliigaltee kana hin mallatteessu.

    Tiraamp gaafa Amajjii 20, pirezidaantii US ta'uun ifatti kakuu raawwata.

    "Kuni kennaa Netaaniyaahun pirezidaantii haaraadhaaf kennu ta'a," jedha dhaabbata Forward Thinking jedhamutti daayirektara waraana furuu kan ta'e Oliivar McTernan.

    Netaaniyaahun hanga Amajjii 19 ykn 20tti waliigalticha tursiisuu akka danda'u kan himu Oliivar, kanaan duras waraanni Gaazaa akka hin dhaabbanneef Netaaniyaahun marii gaggeeffamaa ture danqaa akka ture hima.

    "Fedhiinsaa waraanicha dheeressuu ture," jechuun Baayidan dhiibbaa qabatamaa akka irratti hin godhiiniifi Tiraamp gaafa aangoo qabatu fedhii Ameerikaa irraa ka'uun akka ilaaluufi dhiibbaa gochuun waliigalteen akka jiraatu akka taasisu hima Oliivar.

  3. Waliigaltee waraana Gaazaa dhaabuu Hamaas fudhate- qondaalota Filisxeem

    Dubartii dunkaana fuldura dhaabbattu

    Madda suuraa, Reuters

    Gaggeessaan paartii Inisheetiivii Biyyaalessaa Filsixeem kan ta'an Mustafa Barguutii Hamaas waliigaltee waraana Gaazaa dhaabuu fudhachuu BBC'tti himan.

    "Waliigaltichi amma qophii ta'eera jechuun ni danda'ama. Gamni Filisxem waliigalticha fudhataniiru jedheen yaada. Deebii dhumaa Israa'el kennitu eegaa jiru, jechuun BBC Radio 4'tti himan Musxafaan.

    "Kan yeroo kamiyyuu caalaa waliigalteetti dhiyaannera," jechuun "Netaaniyaahun kana caalaa dhiibbaa keessofi alaa, addumatti Tiraampirraa itti dhufu waan hin dandamanneefi" jedhe.

    Hamaas qabxiilee sanada waliigaltichaa irratti dhiyaatan hunda fudhachuuf Hamaas waliigaluu kan himan qondaalli siyaasaa Weest Baank kun, "Hamaas haalota hunda fudhateera, kuni kan jalqabaa miti.

    ''Kun ji'a Adoolessaa keessa kan ibsameen tokkuma, sana didee kan ture Netaaniyaahudha," jechuun ergasii asii lammiilen Filisxeem 10,000 ta'an du'uu himan.

  4. Los Anjalasitti haalli qilleensaa bubbee hamaa makate mudachuuf

    Los Anjalasitti bubbee hamaan mudachuu mala jedhame

    Madda suuraa, Getty Images

    Los Anjalas haalli qilleensaa hamaa bubbeetti dhiyaatu mudachuu mala jedhamaa jira.

    Los Anjalas har'a haala qilleensa cimaan irra deebi’ee abidda bosonaa kaasuun badii biraa qaqabsiisuu akka danda'u raagni jiru ni agariisa.

    Abiddi guddaan lama ammalleen guutuu magaalattii keessatti boba'uu itti fufeera. Abiddi Paalisaades inni guddaan lafa heekkara kuma 23 ol kan gube yoo ta’u, hanga halkan edaatti %14 qofaatu to’atame.

    Balaa abidda kanaanis yoo xiqqaate namoonni 24 kan du’an yoo ta’u, naannoo abiddaa Eaaton fi Paalisaades keessatti ammoo namoonni 23 achi buuteen isaanii dhabameera.

    Kantiibaan magaalattii Kaareen Baas, qilleensa hamaa bubbeetti dhiyaatu har’a ni dhufa jedhamee eegamu kanaaf “qophiin hatattamaa” dursaan taasifamaa jira jedhu.

    Gidduu kana humnoonni poolisii Los Anjalas dhimmoota saamichaa fi abidda qabsiisuu to'achuuf yaalaa jiru. Aanga'oonni kaleessa qabeenyi namoonni keessaa baqatan fi miidhaa abiddaatiif saaxilamoo ta'eef kan kana duraatiif namoonni sagal to'annoo jala ooluu beeksisan.

  5. Biyyoonseen beeksisa addaa har’a beeksisuuf karoorfatte haqxe, $2.5m arjoomte

    Weellistuun beekamtuu US Biyoonsee

    Madda suuraa, Getty Images

    Weellistuun beekamtuu US Biyoonseen dhimma ‘qalbii namaa hawwatu’ har’an beeksisa jettee iccitiin qabattee turte “sababa mancaatii” abidda Los Anjalas mudateen guyyaa biratti dabarsuu himte.

    Kana malees, faawondeeshiniin ishee namoota balaa abiddaatiin mana isaan dhabaniif gargaarsa oolu dolaara miliyoona 2.5 arjoomuu ibsiteetti.

    Weellistuun kun ergaa fuula Instagram isheerratti baasteen, “maatii balaa kanaan miidhamaniifi namni jalaa du’ee qalbiin cabe akka fayyaniifi deebiyanii dandamata” nan kadhadhaaf jette.

    Namoonni bebbeekamoon biroos Paaris Hiltan, Ilmi Mootii UK fi haati warraa isaa, akkasumas taatoon beekamtuu Hallee Berii gargaarsa rabsuufi maallaqa gumachaa jiru.

  6. Yeroo hattoonni mana seenaniifi polisiin nama abidda qabsiisuun shakke to'atu daawwadhaa

    Los Anjalasitti poolisiin eeruu hannaafi abida qabsiisuu isa gahaa jiraniif deebii kennuu itti fufeera. Wixata namoonni hannaan shakkaman sagaliifi namni abidda qabsiisuun shakkame tokko to'atamaniiru.

    Qajeelchi Poolisii Los Anjalas viidiyoo yeroo namoonni mana tokko seenaniin hatan agarsiisuufi shakkamaan tokko ammoo abidda qabsiisu agarsiisu qoodeera.

    Nama gocha kanaan shakkamaa ta'ee argame adabbiin cimaan akka eeggatu akeekkachiiseeras.

    Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: LA County District Attorney releases footage of LA looters and arson suspect arrest
  7. Ispeen jiraattoota miseensa EU hin taanerra gibira parsantaa 100 kaa'uuf

    Ispeen gibira manaa %100 dabaluuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Ispeen manneen jiraattoota lammiilee biyyattiifi miseensa biyyoota Gamtaa Awurooppaatiin ala jiran kan akka UK irraa gibira hanga %100 kaa'uudhaaf karoorfattee jirti.

    Tarkaanfii kana kan labsan ministirri muummee biyyattii, Peedroo Saancheez tarkaanfiin ''haaraan'' kun rakkoo ariifachiisaa mana jireenyaa biyyattii guutuuf barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

    "Warri lixaa qormaata cimaatu mudata: Hawaasa bakka lamatti qoodame, abbootii qabeenyaa dureeyyiifi kireeffattoota hiyyeeyyii ta'uu hin qabnu," jedhan.

    Waltajjii dinagdee Maadriiditti gaggeeffamerratti akka himanitti, jiraattonni Gamtaa Awurooppaa hin taane bara 2023tti Ispeen keessatti qabeenya kuma 27 bitachuusaanii, isaanis ''keessa jiraachuuf osoo hin taane bu'aa irraa argachuufiidha'' jedhan.

  8. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Akkam jirtu? Odeeffannoo kallattiin isiniiif tamsaasnu amma jalqabneerra.

    Balaa abiddaa Los Anjalasitti qabate dabalatee odeeffannoo waliigaltee Israa'el fi Hamaas kallattiin asiin argattu.

    Dhiyaadhaa!

  9. "Sababa Kaayi carraa galchii Arsenaal heddu dogoggoreef miidiyaa hawaasarratti na dorsisaajiru" - Haadha warraa

    Kaayi Havertz fi haadha warraasaa soofiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaayi Havert eda galgala carraa galchii Arsenaal heddu dogoggoruusaaf doorsisi cimaan akka isheerra gahaa jiru haati warraasaa himte.

    Halkan edaa Arsenaal dirreesaarratti Maan Yunaayitid keessummeessee injifatame. Injifatamuu Arsenaalif ammoo carraa galchii heddu dogoggoruusaaf komiin cimaan irratti dhiyaatera.

    Komiin isarra gahaa ture isa bira darbee haadha warraasaafuu yaaddoo ta'aa jira. Haati warraasaa miidiyaa hawaasaa irratti akka ibsitetti, doorsisni garaa garaa irra gahaa jira.

    Haati warraa Kaayi Havertz ulfa yoo taatu, ishee qofa osoo hin taane ulfa garaa qabdurrattillee roorrifamaa akka jiru ibsite.

    Soofiyaan fuula Inistaagiraamiisheerratti ergawwan sodaachisaa heddu ishee gahaa jiraachuu kan ibsite yoo ta'u, arrabsoofi sodaachisa itti ergame keessaa muraasa maxxansitee jirti.

    Arseenaal sodaachisa maatii taphataa isaarra gahu kana poolisiitti gabaasuu beeksiseera.

    "Waan fokkisaa akkasii barreessun sirriidha jettanii yaaddan yoo baay'ee na rifaasisa. Isinumtii itti qaanoftu jedheen yaada.

    "Dhuguma dubbachuuf waanan jedhun wallaale. Maaloo, kabajaa namaaf qabaadhaa," jechuun fuula Inistaagiraamii isheerratti barreessite.

    Kaayi Haverts haadha warraasaa Soofiya wajjin bara darbe gaa'ela kan godhatan yoo ta'u, ji'a Sadaasaa keessa ulfa akka taate Soofiyaan ifa gootee turte.

  10. Hojiin suuraalee Nasa'n saatalaayitiirratti hojjetu sabab balaa ibiddaan jeeqame

    Nasa'n hojiinsaa muraasni rakkoon mudatachu beeksiise

    Madda suuraa, NASA

    Gabaaftuun haala qilleensaa fi Saayinsii BBC, Joorjinaa Raanard, ganama har'aa osoo oduu hojjataa jirtuu ergaan tokko akka galeef himti.

    Innis osoo ishee marsariitii Nasa irratti suuraalee Antaartikaa ilaalaa jirtuu ergaa ishee qaqabeedha.

    Guyyaa Sambataa ibiddi tulluuwwan kallatti xiyyaarri laaboraatorii Nasa (Nasa's Jet Propulsion Laboratory fi Mount Wilson observatory Pasadena) jedhaum jala garmalee boba'aa oolte.

    Amma to’annaa jala oolfamulleen, garuu balaa ibidda hamaa kanaatiin hojjettoonni gara 150 ta’an mana isaanii akka dhaban daayreektarri giddugalichaa himaniiru.

    Laaboraatooriin 'Nasa's Jeet Propulsion' mana saayinsii hawaa roobootii Nasa yoo ta’u, bakka Maarsii irra naannooftuu kanneen Maarsii qorachuudhaan kan itti hojjetamanidha.

    Innis ergama yeroo ammaa kana xiyyaara gara ji'a Juupitaar Awurooppaatti erguun lubbuu barbaaduuf itti hoogganamuudha.

    Akkasumas ''Nasa suuraalee saatalaayitii lafaa baayyee faayidaa qaban kan kaasu yoo ta'u, hojiikoo akka rippoortara haala qilleensaa fi saayinsiitti, urkaa duumessaatii kaasee hanga obomboleettii Sahaaraa irraa hanga dhangala'aa boba'aatti waanan fedhe ilaaluuf isarratti hundaa'a'' jetti.

    Saatalaayitoonni kennenis ho’a qilleensaa fi irra galaanaa safaruuf ni gargaaru, kunis haala jijjiirama qilleensaa ho’a wajjin umamu hubachuuf murteessaadha.

  11. Taatonni Hooliwuud balaa abiddaa Loos Anjalasitti mudateef maallaqa kennuu itti fufan

    Biyoonsee

    Madda suuraa, EPA

    Hooliwuud balaa abiddaa Los Anjalasitti qaqqabeef gargaarsa maallaqaa kennuu itti fufeera.

    Weellistuun beekamtuu Biyoonsen dolaara miliyeena 2.5 arjoomte. Biyoonsen maallaqicha kan arjoomte karaa dhaabbatashee "BeyGOOD Foundation" jedhamuuni akka tahe beeksifte.

    Dhaabbanni Biyoonsee kun kaleessa akka beeksisetti, namoota manaafi qabeenyisaanii abiddaan jalaa manca'eef akka oolu beeksise.

    Jamii Lii Kartis ammoo dolaara miliyeena 1 deeggarsa akka taasisu beeksise.

    TV irratti beekamtuu kan taate Paaris Hiiltan balaa abiddaa Loos Anjalas mudateen manashee kan dhabde yoo ta'u, deeggarsa dolaara 100,000 taasisfteetti.

  12. Waraanni Naayijeeriyaa haleellaa qilleensaan dogoggoraan namoota nagaa ajjeese

    Xayyaara waraanaa

    Madda suuraa, Nigeria Air Force HQ/Facebook

    Humni waraanaa Naayijeeriyaa wanbadee rukutuuf haleellaa qilleensaa gaggeesseen dogoggoraan lammiilee nagaa 15 ajjeese.

    Halellaan kun kan gaggeeffame Bulchiinsa Lixa Zamfaaraa keessatti yoo ta'u, namoonni nagaan kan ajjeefaman waanbadeewwan saamicha gaggeessan osoo ofirraa ittisaniiti.

    Jiraattonni bakka haleellaan itti gaggeeffamee miidiyaa biyyattiitti akka himanitti waanbadoonni hidhatan namoota butuun maallaqa gaafachuuf yeroo jedhanitti haleellaa humni qilleensaa Naayijeeriyaa raawwateeni namoonni nagaan kan du'an.

    Humni Qilleensaa Naayijeeriyaa (NAF) ibsa baasen "waanbadeewwan uummata hiraarsan irratti haleellaa laalessaa fudhadheera" jechuun gabaasa namoonni nagaan du'aniiru jedhu qorataa akka jiru beeksise.

    "Oppireeshiniin gaggeeffame waanbadeewwan hedduu kan ajjeesse yoo ta'u, namoonni butaman muraasnis akka gadi lakkifaman taasiseera; yeroo oppireeshiniin gaggeeffamu namoonni nagaan ajjeefamaniiru gabaasa jedhu Humni Qilleensaa Naayijeeriyaa xiyyeeffannoo guddaan ilaala," jechuun qorannoo qindaa'aa akka gaggeessu beeksise.

    Naayijeeriyaatti humni waraanaa biyyattii dogoggoraan namoota hedduu ajjeesuun kun kan jalqabaa miti.

    Gaafa Mudde 25, 2024 haleellaa qilleensarraa humni waraanaa biyyattii fudhateen namoonni 10 ajjeefamanii ture.

    Bara 2023 ammoo haleellaa qilleensarraa gaggeeffameen namoonni nagaan 85 ajjeefamanii ture.

    Bara 2017 haleellaa bakka namoonni heddu itti walitti qabamanitti gaggeeffameen namoonni nagaan 112 ajjeefamuun ni yaadatama.

  13. Kanaadaan bulchiinsa Ameerikaa 51ffaa hin taatu - MM Jastiin Tiruudoo

    Jastiin Tiruudoo

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Mummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoo irra deebiin Kanaadaan bulchiinsa Ameerikaa 51ffaa tahuuf kaayyoo hin qabdu jedhan.

    ''Waan tahu miti,'' jedhan

    Pirees Sekreetarii duraanii Waayit Haawusitti Jeen Saakii waliin yoo wal-argan, Tiruudoon dhimma Pireezidantii Ameerikaa ta'uun kan filaman Donaald Tiraamp Kanaadaan qaama Ameerikaa tahuu dandeessi isa jedhan irratti haasa'aniiru.

    ''Haasaan Tiraamp namoota karaa irraa maqsuu mala. Bulchiinsi 51ffaa dhimmi jedhu garuu waan hin taane dha,'' jedhan.

    MM Jastiin fudhatamummaa dhaabuurraafi paartiin isaanii hogganaa haaraa waan filateef Bitootessa keessa aangoo akka gadhiisu himeera.

  14. Baayidaniifi Netaaniyaahun waraana Gaazaa dhaaburratti mariiyatan

    Beeniyaamin Netaaniyaahufi Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

    Pireziidantiin US Joo Baayidan bara aangoosaanii fixuuf torbeen tokko yeroo hafutti MM Israa'el Netaaniyaahuu wajjin waraana Gaazaa dhaabuu irratti mariiyatan.

    Israa'elifi Hamaas waraana Gaazaatti gaggeeffamu dhaabuuf abdiin akka jiru himamus dhimmoota ijoorratti ammayyuu waliigalteerra hin gahamne jedhama.

    Waayit Haawus akka gabaasetti, Baayidan "haalonni Baha Giddu Galeessatti jijiiramuu" ilaalchisee ministeera mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin mariyataniiru.

    Israa'elifi Hamaas waraana dhaabuufi lammiilee butaman gadi lakkisuu ilaalchisee Kaaatar, Dohaatti mariyataa jiru.

    Waajjirri MM Netaaniyaahuu akka jedhetti, jila mariif gara Kaataar deeme "namoota butaman gadi lakkisiisuu irratti cimsanii akka mariyatan ajaja kennuu" Baayidaniif ibsaniiru.

    Baayidaniifi Netaaniyaahun bilbilaan waliin dubbachuunsaanii kan dhagahame Netaaniyaahun qondaalota nageenyaa olaanoo marii waraana Gaazaa dhaabuuf Kaataaritti taasifamu irratti akka hirmaatan erga erganii guyyaa tokko booda.

    Marii waraana Gaazaa dhaabuu Kaataritti taasifamaa jiru jaarsummaa kan taa'e US, Masiriifi Kaataridha.

  15. Hidhamtoonni Kaaliforniyaa dhibbaan lakkaa'aman ibidda dhaamsaa, loogiis lolaa jiru

    Nama ibidda dhaamsu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibidda Loos Anjalas dhaamsuuf hidhamtoonni 1,000 tahan fuulduratti hiriiranii jiru.

    Waajirri Bayyaannannaafi Sirreeffamaa Kaalifoorniyaa hamma gaafa Amajjii 11tti, hidhamtoonni 939 sagantaa tola ooltummaa jalatti bobbaaseera.

    Bobbaafamuun hidhamtootaa kuni dhimma falmii kaasee yoo tahu, gariin ''itti fayyadamaa'' jiru yoo jedhan kaan ammoo bayyanachuuf gochaa gargaaru dha jedhan.

    Bulchiinsi Kaalifoorniyaa guyyaatti doolaara 5-10 kaffalaafi yeroo isaan iddoo deeggarsi hatattamaa barbaachisutti ramadaman ammoo doolaara tokko dabalaafi.

    Kaffaltiin kuni mindaa hojjettoonni balaa ibiddaa Kaalifoorniyaa waggaatti argataniin(doolaara 100,000) wal-biratti yoo ilaalamu baayyee xiqqoo dha.

    ''Warra kaan biratti yoo ilaalamu waan argattu bessee dha, humna rakkasaa dha'' jedhe hundeessaafi hidhamaan duraaniifi dhaabbata balaa ibiddaa FFRP irratti hojjetuu Rooyaal Raameey.

    Hidhamtoonni kunneen leenjii erga fudhatanii booda akka lammii balaa ibiddaa dhaamsutti qacaramuu garuu hin dandeenye jedhe Rooyaal Raameey.

    ''Loogiin jira. Namoonni hojjettoota balaa ibiddaa akka nama goota tahetti ilaalu malee nama hidhame hin yaadani,'' jedhe.

  16. Magaalaan Los Anjalas 'dirree waraanaa' fakkaatteetti

    Kutaa magaalaa Los Anjalas balaa abiddaan manca'e

    Madda suuraa, Reuters

    Abiddi kutaa kibba Kaalifoorniyaa barbadeesse magaalaa Los Anjalas 'dirree waraanaa' fakkeesseera jedhan bulchaa itti aanaan Los Anjalas Robart Luna.

    Robart Luna namoota qe'eesaanii barbadaa'ee fi ammallee abiddi irraa hin dhaamin jirutti deebi'uuf toora galanii eegan akka hojiisaanii kanarraa duubatti deebi'an akeekkachiisaniiru.

    Ammallee laboobi abiddaa akka jiruu fi shiboowwan elektirikii lafatti kukkufanii akka jiran hubachiisan.

    ''Ammallee naga qabeessa miti,'' jedhan.

    Bubbee gogaan humna cimaa qabu hammaataa waan jiruuf abidda kana to'achuun yaaddoo guddaa ta'eera.

    Bubbeen Santa Ana jedhamu kun sa'atii tokkotti kiilomeetira 112 bubbisa, guyyoota dhufan akkaan dabala jedhamee sodaatama.

    Miidhaa balaan abiddaa qaqqabsiise

    Madda suuraa, Reuters

  17. Magaalaa balaa abiddaa keessa jirtu Los Anjalas keessatti kiraan manaa akkaan dabale

    Balaa abiddaa booda Los Anjalas kiraan manaa akkaan dabale

    Madda suuraa, Getty Images

    Abbootiin qabeenyaa balaa abiddaa kana qabata godhachuun gatii kanaan dura manni ittiin kireeffamaa ture irratti maallaqa guddaa dabalaniiru.

    Balaan abiddaa kun ka'uu dura gatii turerratti amma maallaqa kumaatamaan lakkaa'amu mana kiraaf gaafatamaa jiraachuu Joosen Oppenhaayim dubbata.

    Namni kun manneen qananii ta'an gurguruun beekama, akkasumas Netflix irratti diraamaa walitti fufee darbu tokko qaba.

    Abbootiin qabeenyaa gariin kiraa manaa balaa kana dura ture irratti hanga dhibbeentaa 10 dabaluu kan hime namni Rii Esteet gurguruun beekamu kun, haalli kun faallaa seera biyyattii akka ta'e dubbate.

    ''Abbootiin qabeenyaa [manneen] haala uumame kana akka carraatti fayyadamaa jiru,'' jedhe Oppenhaayim.

    Netflix irratti qabiyyeen ittiin beekamu tokko gabaa manneen qananii Los Anjalas keessa jiran irratti hojjechuudhaani.

    ''Namoonni qe'eesaanii gadhiisanii ba'an kumaatama, hoteelonni dhiphataniiru,'' jedhe.

    Balaan abiddaa kun mudachuu dura maamilli isaa tokko mana kireeffachuuf ji'atti doolaara kuma 13 gaafatamee ture, garuu balaa kana booda gatiin akkaan dabaleera jedhe.

    ''Maamilli koo kun ji'aan doolaara kuma 20 kan ji'a ja'aa wlaitti qabee kaffaluuf wayita gaafatu abbaan manaa ji'aan kuma 23 kaffaltu malee jedheen,'' jedha.

    Ga'eessi umrii waggaa 47 abbaa qabeenyaa manneen Riil Esteet ta'e kun balaan abidaa hundarratti dhiibbaa uumuu eegaleera jedhe.

    Aanga'oonni Kaalifoorniyaa dhaabbati kamuu gatii kiraa manaa balaa abiddaa dura ture irratti dhibbeentaa 10 caalaa dabaluu akka hin qabne akeekkachiisaniiru.

  18. 'Abiddi Los Anjalas deebiyee hammaachuu danda'a'- Hogganaa ittisa balaa abiddaa

    Helekooptarri yero abidda dhaabsuuf yaalutti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Helekooptarri yero abidda dhaabsuuf yaalutti

    Los Anjalas keessatti wallaansoon abidda dhaamsuu ammallee "garamitti akka bahu kan hin beekamnedha" jechuun BBCtti himan dursaan ittisa balaa abiddaa Pasadeenaa.

    Balaan abiddaa kun sababa qilleensi haaraa dhufuu danda'a jedhamee yaadamuuf ammatti to'annoo jala oolchuun ni danda'ama jedhamee hin dubbatamu.

    Haala qilleensaa amma raagameen tarii deebiyee hammachuu danda'a sodaan jedhu jira.

    Sababa kanaan labsiin yeroo muddamaafi ajajni namoonni akka baqatan darbes kan turu ta'a jedhameera.

    Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa (NWS) Los Anjalas keessatti ammallee balaan abiddaa kun daran hammachuu mala jechuun akeekkachiiseera.

    Dhaabbati kun "bakka addatti balaan yaaddessaan mudachuu mala" jedhe sadii Venturaa fi Kaawontii Los Anjalas Lixaatti akeekkachiisa cimaa dabarseera.

    Qilleensi cimaan abidda hammeessu dhufuu danda'a jedhamee waan eegamuuf jiraattonni kana quba qabaatanii bala aabiddaa haaraa mudachuu danda'urraa akka of eeggataniif gorseera.

  19. Los Anjalasitti daarektarri mana-barumsaa abiddaan manca'e yeroo ilaalu-Daawwadhaa

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Los Anjalasitti daarektarri mana-barumsaa abiddaan manca'e yeroo ilaalu-Daawwadhaa
  20. Balaa abiddaa Los Anjalasiin lakkoofsi namoota du'anii 24 ga'e

    Balaa abiddaa Los Anjalas bubbeen gogaan hammeessaa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa abiddaa Los Anjalasiin hanga ammaa namoonni 24 du'aniiru, 16 achi buuteensaa dhabameera

    Bubbee gogaan Santa Ana jedhamu balaa abiddaa kana hammeessaa jira. Bubbeen kun hanga Roobii itti fufa jedhameera.

    Bubbeen akkaan yaaddessaa ta'e kun sa'atii tokkotti kiilomeetira 96 bubbisa

    Hojjettoonni balaa abiddaa balaa kana to'achuuf bubbee hamaa waliin wal'aansoo qabaa jiru.

    Balaa abiddaa kana to'achuuf hojjettoonni kuma 14 ramadamaniiru. Xiyyaaronni 84 fi meeshaaleen abidda dhaamsan 1,354 ramadamaniiru.

    Namoonni 105,000 qe'eesaanii akka gadhiisan akeekkachiisi darbeera, namoonni kuma 87 biroon ammoo saaxilamoodha.

    Sababa balaa kanaatiin manneen 35,000 caalan ibsaa hin qaban. Kana gidduutti ammoo manneen namoonni keessaa baqatanitti saamichi hammaateera.

    Namoonni saamicha raawwatan uffata hojjettoota balaa abiddaa uffataniiti.

    Poolisiin namoota 20 caalan to'achuu himeera.

    Iddoowwan namoonni akka keessaa baqatan akeekkachiifaman keessaa tokko bakka qabeenyi Pirezidantii Itti Aantuu US Kaamaalaa Haariis keessatti argamudha.

    Balaa abiddaa Los Anjalasiin hanga ammaa namoonni 24 du'aniiru, 16 achi buuteensaa dhabameera

    Bubbee gogaan Santa Ana jedhamu balaa abiddaa kana hammeessaa jira. Bubbeen kun hanga Roobii itti fufa jedhameera.

    Bubbeen akkaan yaaddessaa ta'e kun sa'atii tokkotti kiilomeetira 96 bubbisa

    Hojjettoonni balaa abiddaa balaa kana to'achuuf bubbee hamaa waliin wal'aansoo qabaa jiru.

    Balaa abiddaa kana to'achuuf hojjettoonni kuma 14 ramadamaniiru. Xiyyaaronni 84 fi meeshaaleen abidda dhaamsan 1,354 ramadamaniiru.

    Namoonni 105,000 qe'eesaanii akka gadhiisan akeekkachiisi darbeera, namoonni kuma 87 biroon ammoo saaxilamoodha.

    Sababa balaa kanaatiin manneen 35,000 caalan ibsaa hin qaban. Kana gidduutti ammoo manneen namoonni keessaa baqatanitti saamichi hammaateera.

    Namoonni saamicha raawwatan uffata hojjettoota balaa abiddaa uffataniiti.

    Poolisiin namoota 20 caalan to'achuu himeera.

    Iddoowwan namoonni akka keessaa baqatan akeekkachiifaman keessaa tokko bakka qabeenyi Pirezidantii Itti Aantuu US Kaamaalaa Haariis keessatti argamudha.