Tiraamp ajandaawwan baqattoota seeraan alaafi kaanniin guyyaa jalqabaa guutuu waajjiratti dabarse

Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un kakuu raawwatan. Haasaa taasisaniinis waan hedduu waadaa seenan, bulchiinsa Baayidan qeeqan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Doonaald Tiraampii fi JD Vaansi suuraa ofiiseelaf ta'u ifa godhan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, TRUMP VANCE TRANSITION TEAM HANDOUT/EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraampi suuraa fula guranii mul'atan akka suuraa ofiisaalaa ta'uf filatan

    Pirezidaantii filatamaa Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi ittaanaa saanii JD Vaans, sirna aangoo fudhachuu Wiixata dhufuu gaggeeffamuun dura Suuraan ofiisaasaaniigadhiisan.

    Traamp fi Vaansi lamaan isaaniituu suufii bifa cuquliisaa, shamizii adii koolleetta qabuufi kaarabaata bifa cuquuliisaa uffachuun kan kan suuraa ka'an yoo ta'u, Tiraamp alaabaa Ameerikaa xiqqaa 'lapel' jedhamuun beekamtu lapheerratti kaawwateera.

    Haalli fuula Tiraamp kan Vaansii waliin faallaa yoo ta'u, mataan pirezidaantii filatame kanaa xiqqoo gara gadiitti jedhee yoo ta'u, ijasaa tokko ol kaasee hidhiisaa walitti butee jira.

    Vaans harka isaa wal qaxxaamursuun, haala miira gammachuutiin kaameeraatti seeqaa mul'ata.

    DJ Veensi

    Madda suuraa, TRUMP VANCE TRANSITION TEAM HANDOUT/EP

    Suuraan isaa amma fuula guuranii mul'atan kunis kan suuraa isaanii bara 2023n wal bira qabanii namoonni laalanis jiru.

    Suuraan baranaa kunis duula filannootiif kan ittiin deeggarsi walitti qabamaanii tureedha.

    Ibsa gaazexessitootaaf keenan irratti jijjiramna suuraa Tiraamp- Vaansi kanaan ''cimaa adeemuu'' jedhan.

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Fulton County Sheriff's Office

    Suuraan Tiraamp amma filate kunis suuraa bara 2017 yeroo jalqabaaf pirezidaantii ta'anii fayyadaman waliin garaagarummaa guddaa qaba.

    Karaabaata walfakkaatu kan hidhatan ta'ulleen, suuraa kanaan duraa irratti kaameraatti baayyee kolfaa turan.

    "Tarii suuraa haala amma Tiramp irratti argamu ibsu barbaadan ta'a. Suuraan agarsiiftuu mallattoo cimina himannaa jalaa bahuun filannoo injifatan akka ta'e barbaadaanii ta'uu hin oollee'' jedhu Yunivarsitii Joorji Waashingitaniitti Pirofeessarri Saayinsii Siyaasaa, Kuwaaririikoos Diriiskeel jechuun BBCtti himan.

    "Suuraan isaa duraanii, caalaa aadaa ta'usaatiin, kan yeroo lammataaf aangoo qabachuuf yeroo qophaa'u ejjennoo cimaa, dheekkamaa cimsee, jijjiirama nama ummataa isaa agarsiisuu danda'a."

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Library of Congress

    Suuraaleen kunneen garee ce'umsaa Tiraampiin kan gadhiisan yoo ta'u, Tiraamp fi Vaansi Amajjii 20 sirn kakuusaa raawwatamuuf guyyoota muraasaan duradha.

    Suuraan ofiisaa Tiraamp fi kan itti aanaa pirezidaantii duraanii isaa Maayik Peens, lamaan isaaniituu erga aangoo qabatanii ji'a sagal boodayyuu hin gadhiifamne ture.

  2. Amma nu gahe, Kaabineen Israa'el waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka mirkanaa'u jedhe

    Kaabinee nageenyaa Israa'el

    Madda suuraa, Kobi Gideon/GPO

    Kaabineen nageenyaa Israa'el waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka mirkanaa'u mootummaa Israa'eliif yaada kenne.

    Waajjirri Ministeera Muummee Israa'el akka beeksisetti, kaabineen nageenyaa har'a waaree booda wal-gahuun erga murteessee booda kaabineen mootummaa akka sagalee irratti kennu gaafate.

    Kaabinee mootummaa Israa'el keessaa paartin minitiira nageenyaa kan ta'e Itaamir Beengaviirin durfamu waliigalticha akka hin deeggarre duraanuu ibsee ture.

    Itaamir Beengaavir bulchiinsa mootummaa Netaaniyaahuu keessatti nama iddoo ijoo qabuudha.

    Miidiyaalen Israa'el akka gabaasanitti, kaabineen mootummaa sa'aatii muraasa keessatti wal-gahuun yaada kaabineen nageenyaa dhiyeesse irratti sagalee kenna.

  3. Hamaas gufuuwwan dhukaasa dhaabuu furmaata argataniiru jedhe

    Kaliil al-Hayyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas gufuuwwan dhukaasa dhaabuu waliin walqabatee ka'an Jimaata har'aa furmaata argataniiru jedha.

    Ibsa gareen kun baasee akkas jedha: "Tattaaffii arjummaa biyyoota jaarsummaa ta'aanitiin, sababa dhuunfataan to'attoonni haala waliigaltee dhukaasa dhaabuu eeguu dhabuusaatiin gufuuwwan turan har'a barii furmaata argataniiru."

    Kaleessa Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Hamaas “dadhabii daqiiqaa dhumaatti fayydamuuf” yaalaa jira jechuun himachuun, walgahii kaabinee nageenyaa waliigaltee kana mallatteessuuf taasifamuakka harkifatuu taasisanii ture.

    Haamaas garuu himannaa kana ni haala. Haata'u malee BBCn akka hubatetti, Hamaas miseensota isaa tokko tokko tarree hidhamtoota Filisxeem waliigaltee kanaan gadhiifaman irratti dabaluu yaalaa ture.

    Walgahiin kaabinee nageenya Israa’el ammaan tana itti fufee jira.

  4. 'Waliigalteen ilma kootiif baayyee turuulleen garuu onneekootti gammachuu fideera'

    Abbaa mucaansaa butamee Gaazaatti jalaa ajjeeffame

    Madda suuraa, The Hostages and Missing Families Forum Headquarters

    Walgahiin kaabinee nageenyaa Israa'el amma yeroo gaggeeffamaa jirutti maatiin namoota butamanii sagantaa Teel Aviiv keessatti ganama kanaa waliitti qabamuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka xumuramu gaafachaa turaniiru.

    Abbaan dargaggeessa ganna 26, Gaay Illouz kan qophii muuziqaa Noovaa irraa Hamaasiin butamee fi Gaazaatti du'e jedhamee amanamu, Misheel Illouz, ''waliigaltee kana onneekoo keessatti gammachuudhaanan simadha,'' jedha.

    "Waliigalteen kun ilma koo Gaay kan lubbuunsaa hin baraaramneef barfatee dhufe, garuu awwaaluuf gara manaatti deebi'uu danda'a," jechuun daawwattootatti hima.

    ''Hojiin keenya hin hojjatamne, hanga kanneen butaman hundi, kan lubbuun jiraniifi kanneen ajjeeffaman hundi, manatti deebii'aniitti hin boqannu. Hundiisaanii nuuf, maatiidhaaf deebii'uu qabaatu.''

  5. Amma nu gahe, Yoo waliigaltichi mirkannaa'e namoonni butaman Dilabata gadhiifamu- Israa'el

    Namoota miseensonni maatii jalaa buataman keessaa

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kaabinee nageenyaa fi mootummaa Israa’eliin yoo raggaasiifame, namoonni gaafa Onkololeessa 7, 2023 Hamaasiin Israa'el keessaa butamuun gara Gaazaatti geeffaman kan jalqabaa Dilbata gadhiifamuu danda’u jedha waajjirri Beenjaamin Netaaniyaahuu.

    Ibsa waajjirri ministira mummee Israa’el kenne akkas jedha: “Waliigaltichi kaabineefi mootummaadhaan raggaasifamuun, hojiirra oolfamuusaarratti hundaa'ee, namoota butaman hiikuun akkaataa karoora qabameetti, Dilabatarraa eegalee gadhiifamuu eegalu'' jedhe.

    Gabaasa oduu AFP fi miidiyaalee Israa'elirraa argaa akka jiruutti, walgahiin kaabinee nageenyaa waliigalticha mirkanneessuun eegalameera.

  6. Osoo mirkannaa'uu waliigaltee dhukaasa dhaabuu eegaamaa jiruu suuraalee Israa'eliifi Gaazaarraa argaman kunoo:

    Mormiitoota

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni booji’amtoonninamoonni butamaniiGaazaa keessatti qabaman akka deebi’an gaafatan halkan edaa Teel Aviiv keessatti walitti qabamanii ture

    Waliigalteen dhukaasaa dhaabuu Hamaasiifi Israa'el jirruu akkasumas namoota butamanii gara Gaazaatti fudhataman akkasumas lammiilee Filisxeem Israa'el hiitee jirtu deebii irratti waliigalamuun ibsameera.

    Haata'u malee waliigalteen kun hojiirra ooluudhaaf kaabinee nageenyaa Israa'eliin mirkanaa'u qabaata.

    Haaluma kanaanis har'a waaree booda walgahuudhaan ni mirkanneessu jedhamee eegama.

    Akkuma kan waliigalte deeggaran jiran kaan ammoo mormiif bahaa turan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Garuu halkanuma sana bakka biraa Yerusaalemitti waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana mormuun mormiin bahameera
    Ammalleen Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa raawwataa jirti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kun waan Jimaata har'aa ganama kibba Gaazaa Kaan Yuunis keessatti mul'atuudha. Dhaabbanni oduu Filisxeem Wafa Jimaata ganama magaalattii irraa gara bahaatti haleellaan qilleensaa raawwatamuu gabaaseera
  7. Kaabinoonni nageenyaa Israa'el eenyuudha?

    Kaabiineetiin nageenyaa Israa'el eenyuudha?

    Madda suuraa, Reuters

    Kaabineen nageenyaa Israa’el, kan koree Ministirota Dhimma Nageenya Biyyaalessaa jedhamuun beekamu, har’a gara boodaatti walga’uun waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti sagalee kennuuf jira.

    Kaabineen nageenyaa imaammata nageenya biyyaalessaafi alaa Israa’el qajeelchuuf itti gaafatamummaa qaba.

    Qaama kaabinee guutuu caalaa xiqqaa ta'e garuu, ministira mummichaatiin alatti ministeerota ittisaa, dhimma alaa, haqaa, faayinaansiifi nageenya biyyaa kan hammatudha.

    Ministirri mummichaa, baayyina waliigalaa ministeerota kaabinee guutuu keessa jiran keessaa walakkaa yoo hin caalle, qaama kanaaf miseensotaa gara biraa muuduu ni danda’a.

    Hoggantoonni paartilee adda addaa gamtaa bulchitootaafi miseensonni mana maree olaanoo biroo kaabinee nageenyaa amma jiru keessatti argamu.

    Yeroo ammaa kana hoggantoota warra bulchiinsa durii lelliisan (far-right) lama, ministira nageenya biyyaalessaa Itaamaar Been-Giviir fi ministira maallaqaa Bezaalel Ismotrich, kan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa kana mormuudhaan waliigaltee kanaan walqabatee aangoo gadhiisuuf doorsisan hammata.

  8. 'Erga dhukaasa dhaabuun labsamee as Gaazaatti namoonni 100 ol ajjeefaman'

    Namoota gaddaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Erga dhukaasa dhaabuun Gaazaa Istiriipp keessa gaafa Roobii labsamee as haleellaa Israa'eliin raawwatteen namoonni 100 ol ajjeeffamu ejjansiin ittisa Siiviil Hamaasiin durfamu ibsa baayyina namoota du'anii ilaalchisuun har'a baaseen beeksiise.

    Dubbii Himaan Ejansichaa Maahmuud Baasaal, daa'imman 27 fi dubartoota 31 dabalatee namoota 101 yoo ajjeeffaman kanneen 264 ta'an ammoo madaa'u himan.

    Itti dabalunis, haleellaa halkan darbe keessa Israa'el mana naannoo al-Juurn kan kaaba Gaazaa keessatti raawwatteen namoonni sagal ajjeeffamusaanii akkasumas namoonni shan kan biraa ammoo kaleessa jiddugala Gaazaa keessatti wayita manni jireenya haaleellameetti ajjeeffamu beeksiisan.

    Akka ejansii oduu Filisxeemootaa Wafa'tti Jimaata ganamas Istirippicha keessatti eddoowwan garaa garaatti haleellaan itti fufee jira.

  9. US ajjeechaa namoota nagaatiin walqabatee dursaa waraana Sudaan Al-Burhaan irra qoqqobbii keesse

    Janaraal Al- Burhaan

    Madda suuraa, Reuters

    Mootummaan Ameerikaa dursaa waraanaa Sudaaniifi akka pirezidantii biyyaatti kan ilaalamn Janaraal Abdallaa Al-Burhaan irra qoqqobbii kaa'uu ministirri maallaqaa biyyattii beeksiise.

    Wal waraansa cimaa namoota hedduu galaafateefi Sudaan keessatti baatiiwwan 21f gaggeefame keessatti dursaawwan waraanaa garee lamatti qabachuun wallolaa jiran keessaa tokko Janaraal Al Burhaan tokko.

    Waraanni kunis lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa'amanii kan galaafate yoo ta'u, Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii rakkoo buqqaatii addunyaarratti sukkanneessaa jetteetiin namoonni miiliyoona 12 ol qe'eesaaniirraa buqqa'uun balaa beelaa hamaaf saaxilamaniiru.

    Janaraal Al Burhaan ''Sudaan tasgabbii dhabiinsa keessa galchuufi ce'umsa dimokiraasii danqaniiru'' jechuun Ameerikaan ibsa gabaabaa kenniteen himattee jirti.

    Qoqqobbiin Ameerikaa kun kan dhagahame, dhiheenya ajjeechaa lammiilee nagaa irratti Waad Maadaaniitti mudate hordofee yoo ta'u, ibsichi garuu jjeechaa kana hin eerre.

    Torban darbe waraana biyyattii waliin wal waraanaa kan jiru dursaan humna addaa Sudaa (RFS), Mahaammad Daagaaloo ykn Heemtiinis Ameerikaadhaan qoqqobbaan wal fakakatu irra kaa'amee ture.

    Ameerikaan humni addaa Sudaan biyyattii keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwateera jechuun himateera.

    Qoqqobbaan Kamisa kaleessaa Al Burhaan irra kaa'ame kan ilaalchisee wayita ifa taasifameetti, waraanni Janaraalli kun ajajan ''manneen barnootaa, bakkeewwan gabaa fi hospitaaloota'' irratti qiiyyeefateera akkasumas ''namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwateera'' jedhameera.

    Waggaa jalqaba waraanichaatti waraanichi yakka waraanaa akka raawwate Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinka dubbataniiru.

    Isaan dura ammoo Janaraal Al-Burhaan loltoonni isaa magaalaa guddoo bulchiinsa Geeziiraa, waad Maadaanii erga deebisanii to'ataniin booda, sarbamoota bal'aa raawwataniiru jechuun himannaa irratti dhiyaatee qorannoon akka gaggeeffamuuf ajaja dabaree ture.

    Waraanichi erga Waad Maadaanii to'ateen booda lammiilee biyya biraa dabalatee, namoota nagaa ajjeesuun bal'inaan gabaasa erga taasifameen booda ture Al Burhaan qorannoon akka gaggeefamuuf ajaja kan kennan.

  10. Daandiin qilleensa Paakistaan beeksiisa xiyyaara gara gamoo Ayifiliitti imaluutti fayyadamuun komii kaase

    Daandiin qileesa Paakistaan mormiin yoo irratti ka'u kun kan jalqabaa miti

    Madda suuraa, PIA

    Dhaabbanni alaabaa Paakistaaniin socha'u erga ​​beeksisa xiyyaara gara Gamoo Ayiifiil (Eiffel Tower)tti balalii'u agarsiisu gadhiisuun isaa hordofee qeequmsi bal'aa irratti ka'eera.

    Beeksisni silaa Daandii Xiyyaaraa Idil-addunyaa Paakistaan ​​balaliinsa isaa gara magaalaa guddoo Faransaayitti deebi'ee jalqabu beeksisuuf kan yaadamuun, mata duree "Paaris, har'a dhufaa jirra" jedhu qaba ture.

    Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokko beeksisni kun haleellaa shororkeessummaa US keessatti Fulbaana 11 bara 2001 raawwatame sanaan wal fakkaachuu isaa hubatan.

    Kanaafuu, "Kun beeksisa moo dorsiisuudha?" jechuun ture fayyadamaan tokko toora X irratti kan barreesse.

    Fayyadamaan miidiyaa hawaasaa gara biraa ammoo, dhaabbatichi akka "hogganaa gabaasaa hojiirraa aritu" jechuun gaafate.

    Beeksiifni kun torban darbe erga tora X gubbaatti maxanfameen booda yeroo miiliyoona 21 ol kan ilaalame yoo ta'u, qeequumsi olaanaan mudateera.

    Ministirri Mummee biyyatti Sheehibaz Shaariif dhimmicharratti qorannoon akka eegalamuuf ajaja dabarsaniiru. Ittaaanaan ministira mummee Ishaaq Daar beeksiisicha qeequusaanii sabaa himaan Paakistaan Ji'oo News jedhame gabaaseera.

  11. MM Israa'el namoota butaman gadhiisuuf waliigalteerra ga'amuu mirkaneessan

    Waliigalteen taasifamuun labsamuu hordofee namoonni gammachu ibsaraa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Daqiiqaa dhumaarratti harkifannaa taasifameetiin booda, waajjirri MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, gareen marii'attoota Israa’el waliigalteen xumuramuu isaa mirkaneessan jedhe.

    Kaabineen nageenyaa biyyattiifi sana booda mootummaan amma waliigaltee kana raggaasisuuf walgahuu ni barbaachisa.

    Ministiroonni ilaalcha sirna ganamaatti cicha lama, Itaamaar Been Givir fi Bezaalel Simotrich, waliigaltee kana mormuudhaan aangoo keenya gadhiifna jechuun akeekkachiisan.

    Haata'u malee, mootummaa kuffiisuudhaaf mormitootatti akka hin makamne mallattoo agarsiisaniiru. Garuu ammoo, yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuufi namoonni butaman itti gadhiifaman marsaa tokkoffaa xumuramutti waraanni torban jaha booda deebi'ee waan jalqabuuf mormiitootatti akka hin makamne mallattoo agarsiisan.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinka, dhukaasa dhaabuun haaluma karoorfametti gadhiifamu lammiilee ISraa'el sadii waliin Dilbata akka eegaluu abdatan.

    Ejjansiin ittisa Siiviilii Gaazaa keessaa, erga waliigaltichi yeroo jalqabaatiif labsamee kaasee haleellaa Israa'eliin yoo xinnaate Filisxeemoonni 80 ajjeeffamuu yoo himu, waraanni Israa'el ammoo daangicha keessatti eddoowwan qiyyeeffannaa 50 haleeluu beeksiiseera.

  12. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti!

    Odeessaalee karaa tamsaasa kallattiin gagabaabsiine addunyaa mara irraa Jimaata har'aa isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Isinis odeessa dabalataatiif marsariitii keenya, fi Facebook keenya akkasumas WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  13. Hamaas hanga waliigalticha fudhatutti kaabineen Israa'el sagalee kennuuf wal-hingahu- Israa'el

    Deevid Meensar

    Madda suuraa, National Public Diplomacy Directorate

    Hamaas sa'aatii dhumaatti yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu faallessu kaase jechuun kaabineen Israa'el waliigalticha raggaasisuuf akka wal-hin geenye mootummaan Israa'el beeksise.

    Dubbi himaa mootummaa Israa'el kan ta'an Deevid Meensar ibsa miidiyaaf kennaniin Hamaas akka waliigalticha fudhatutti kaabineen wal-gahee sagalee akka hin laanne ibsan.

    Hamaas daqiiqaa dhumaatti ulaa Filaadaalfiyaa, ulaa Masiriitti baasu, keessaa loltoonni Israa'el bahuu akka qaban kaase jechuun himatte Israa'el.

    MM Netaaniyaahun ammoo, Hamaas meeshaa waraanaa akka hin galchine dhorkuuf ulaa Filaadalfiyaa keessa turuun murteessaa akka ta'e kaasan jechuun ibsan dubbi himaan mootummaa Israa'el.

    Israa'el bakka bu'uun marii waraana dhaabuu irratti namoonni hirmaataa turan ammayyuu Kaataar akka jiran kan hima Deevid Meensar, Hamaas dubbii lafarra harkisaa jira jedhan.

    Kaabineen Israa'el har'a wal-gahuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti sagalee kenna jedhamee eegamaa turus, wal-gahichi yeroof akka hin taa'amne ibsame.

  14. Gaazaatti sa'aatii 24 keessatti lakkoofsi namoota du'anii 81 gahe

    Bakka haleellan itti gaggeeffame

    Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen sa'aatii 24 keessatti namoonni 81 du'an.

    Ministiirri Fayyaa Gaazaa akka beeksisetti kanneen du'aniin alatti namoonni 188 miidhaan qaamaa irra gaheera.

    Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuuf walii galanis Israa'el ammayyuu haleellaa gaggeessaa jirti.

    Erga qaamoleen lamaan waliigaluun ibsamee as Israa'el haleellaa qilleensarraa si'a saddeet Gaazaa keessatti raawwattetti.

    Namoota 81 sa'aatii 24 darbe keessatti ajjeefaman dabalatee, Israa'elifi Hamaas gidduutti waraanni erga eegalee lammiilen Filisxeem 46,788 du'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise.

    Waa'ee haleellaa namoota 81 galaafate jedhamee ilaalchisee Israa'el homaa hin dubbanne.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kaleessa galgala ifa ta'e Dilbata irraa kaasee hojiirra oola.

  15. Konkolaattoonni gargaarsa fe'an labsii waliigaltee dhukaasa dhaabuu eeggachuuf daangaa Gaazatti gajeelaa jiru

    Konkolaattoota gargaarsa fe'anii hiriiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaattonni fe’umsaa gargaarsa murteessaa qabatanii gara Gaazaatti geessan, waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolfamuun dura, kibba daangichaa ulaa Raafaa irratti tarree galuu jalqabaniiru.

    Akka qaama waliigaltee kanaatti, dhaabbati baqattoota Filisxeem Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka jedhutti, kun hundi gargaarsa namoomaa ta’uu baatus, guyyaatti konkolaattonni fe’umsaa 600 Gaazaa akka seenan ni hayyamama.

    Joordaan erga waraanni naannoo marfame kanaa jalqabee kaasee konkolaataa gargaarsaa hedduu gara Gaazaatti erguu kan jalqabde yoo ta’u, walumaa galatti konkolaattonni fe’umsaa 120 nyaata, gargaarsa yaalaa fi boba’aa jenereetarootaaf oolan fe’an oppareshinii kana irratti hirmaachaa jiru.

    Rippoortarri BBC Fergaal Ke'aan konkolaataa waliin gara daangaa Israa’el qaxxaamuruun gara riqicha King Huseen'tti imale. Konkolaachiftoonni imala kana hunda keessatti xurumbaa konkolaataa fe'umsaa isaanii akka dhageessisan dubbata. Konkolaattonni fe’umsaa 60 jalqabaa kanumaan dura Israa’el ga’an.

    Konkotaattoota gargaarsaa

    Madda suuraa, Getty Images

  16. BBCn konkolaataa gargaarsaa waliin Joordaan irraa gara Gaazaatti qajeele

    Gabaasaan BBC Fergaal Ke'aan konkolaataa gargaarsaa Joordaan irraa gara Gaazaa imalaa jiru waliin dabaalamuun gara Gaazaa imalaa jira.

    Akkuma qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasifameetti, gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti geessuun dabalaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa guyyaan konkolaattonni fe’umsaa dhibbaan lakkaa’aman akka seenan ni hayyamama.

    Waliigalteen kun Dilbata hojiirra ooluu isaatiin dura hedduunsaanii gara daangaatti qajeelaa jiru. Viidiyoo armaan gadii kana daawwadhaa:

    Ibsa waa'ee viidiyoo, BBC travels with aid convoys in Jordan heading towards Gaza
  17. Amma nu gahe, Haleellaa Israa'el erga dhukaasa dhaabuun labsameen booda raawwatteen 71 ajjeeffama- Hamaas

    Bakka haleellaan manca'e

    Dhaabbanni Ittisa Siiviilii Hamaasiin durfamu akka jedheetti, haleellaa erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsameen booda Israa'el raawwatteen yoo xinnaate namoonni 71 ajjeeffaman.

    Ejjansiin Ittisa Siiviilii Hamaasiin durfamu akka jedheetti namoonni kunneen kan ajjeeffaman halelelaa Israa'el erga kaleessa waliigaltichi labsameen booda Gaazaa keessatti raawwatteen.

    Namoota ajjeeffaman jedhaman kanneen keessaa 19 daa'immaniifi 24 ammoo dubartoota akka ta'e hime eejjansichi.

    Haata'u malee, himannaa kanarratti raayyaan ittisa Israa'el hanga ammaatti deebiin kenne hin jiru.

  18. Israa'el Hamaas qaama waliigaltee garii cabsuu yoo himatu, Hamas garuu haale

    MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuun Hamaas qamolee waliigaltee keessaa tokko tokko cabasaa jira jechuun himatan.

    Dubbi himaan Ministira Muummee Israa'el ibsa kennaniin, gareen Hamaas ''waliigaltee daqiiqaa dhumaarratti fayyadamuuf'' yaalaa akka jiru dubbataniiru.

    Itti dabaluudhaanis, “Kaabineen Israa’el hanga jiddu-galeessitoonni Hamaas qaamolee waliigaltee kanaa hunda fudhachuusaanii Israa’el beeksisanitti wal hin ga'an" jedhan

    Hamaas gama isaan 'haala waliigaltee irratti waadaa galee hojiirra oolchuuf kutannoon akka qabu ibseera.

    Hamaas yaada Ministirri Muummiee Israa’el kan Hamaas qaamota waliigaltee sana keessaa tokko tokko kuffisuun himatan haaluun waliigaltee dhukaasa dhaabuu giddu seentotaan labsaniif kutannoo qabaachuu isaa ibsa biiroo siyaasaa dhaabbaticha irra kennameen beeksiseera.

  19. Kutannoon Itoophiyaafi Somaliyaan waligaltee araaraa hojiitti hiikuuf qaban kan dinqisiifatamudha- Gamtaan Afrikaa

    loogoo Gamtaa Afrikaa

    Madda suuraa, African Union

    Gamtaan Afrikaa marii xumura torbee darbee hoggantoota Itiyoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti taasifame booda kutannoo biyyootni lamaan waliigaltee araaraa Ankaratti taasifatan dhugoomsaa kan jiru ta'uu ibseera.

    Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti muddamni erga dhalatee waggaa tokko booda pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud Finfinneetti imaluun MM Abiy Ahmad wajjin mari'atachuun “milkii guddaadha” jedhe Gamtichi.

    Hogganaan Deeggarsa Gamtaa Afrikaafi Ergama Tasgabbii Somaaliyaa (AUSSOM) Mohamed El-Amine walitti dhufeenyi fi mariin amma biyyootni lamaan itti jiran waligaltee raawwatan hojitti hiikuuf kutannoo qaban kan mul'isuudha jedhan.

    Waliigalteen Ankaaraa Muddee darbe jaarsummaa Pirezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogaan MM Itoophiyaa Abiy Ahmad fi Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad giddutti mallatteefamee ture.

    Waliigalticha irratti hundaa'un walitti dhufeenyasaanii haaressuufi dhimmoota adda adda irratti hoggantootni biyyota lamaanii mari'achuu marii sana booda ibsa kennaniin beeksaaniiru.

    Wal-ta'iinsi biyyoota lamaanii haareffame jalqabbii boqonnaa haaratti ce'uun isaanii, xiyyeeffannoo nageenyaaf kenname, hariiroo dippilomaasii, tumsa nageenyaa cimsuu fi tumsa dinagdee guddisuu keessatti shoola olaanaa akka qabu qondalli Gamtaa Afrikaa kun kan eeran.

    Itti dabaluunis "tarkaanfiin kun nagaa fi tasgabbii naannawaa cimsuu fi guddina waliinii tarkaanfachiisuuf murteessaadha” jedhan.

  20. Iraan waliigalteen dhukaasa dhaabuu ‘injifannoo Hamaas’ jechuun jajatte

    Eegdota Warraaqsa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Eegdonni Warraaqsa Iraan (Iran’s powerful Revolutionary Guards) ibsa baaseen, waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 waldhabdee amma jiru keessa galche waliin wal bira qabuun Hamaasiif “injifannoo guddaadha” jechuun jajeera.

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollah Ali Khamaanii Kamisa darbe miidiyaa hawaasaa X irratti ergaa maxxansuudhaan, "Addi Diddaa [Resistance Front]" Iraaniin deeggaramuun ''sirni warra Tsiyoonotaa akka duubatti deebi'u dirqisiiseera'' jedhan.

    Iraan yeroo dheeraaf Hamaas kan deeggartu yoo ta’u, haleellaa Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwatame deeggaruuf gareen gaafatee akka ture sanadoonni bara darbe New York Times maxxanse mul’iseera.

    Akka sanadoota kanaatti, ajajaan olaanaa Iraan tokko Hamaasitti akka himanitti Iraan fi gareen hidhattootaafi siyaasaa Libaanos Hezboollaa kan deeggaran ta’us, qophaa’uuf yeroo dabalataa akka isaan barbaachisu ibsaniiru. Lamaanuu dhuma irratti haleellaa kana irratti hin hirmaatan turan.