Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu

Kora ariifachiisaa UN dursuun Neetaanyaahuun ibsi kennaniin Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha' jedhan.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaa keessatti hidhaafi ajjeechaan itti fufeera - Gabaasa

    Walitti bu'iinsawwan humnootii mootummaafi qaamolee hidhatan gidduutti naannolee garagaraa keessatti itti fufaniin waggaa darbe keessa lammiileen nagaa ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

    Komishinichi haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessaa ilaalchisee gabaasa waggaa Waxabajjii ALI 2016 hanga Waxabajjii 2017 kan baase yemmuu ta'u, gabaasicha keessattis mirgi lubbuun jiraachuu, mirgi bilisummaa, qabiinsi mirgoota namoomaa namoota hidhaarra jiranii dabalatee haalli mirgoonni siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa irratti argaman hammatamaniiru.

    Gabaasicha miidiyaaleef kan dhiyeessan Daayrektarri Olaanaa Komishinichaa Birhaanuu Addeelloo, "walitti bu'iinsawwan naannolee garagaraa keessatti itti fufan fi rakkooleen nageenyaa irra deddeebiin hammaatan yeroo gabaasichaa keessatti mirga lubbuun jiraachuu, nageenya qaamaa fi mirgoota bu'uraa irratti miidhaa qaqqabsiisaniiru" jedhan.

    Akka fakkeenyaattis naannoo Amaaraa keessatti walitti hu'iinsa humnootii mootummaafii hidhattoota Faannoo akkasumas naannoo Oromiyaa keessatti walitti bu'iinsa humnootii mootummaafii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jedhuun gidduutti taasifamaniin lubbuun lammiilee nagaa darbuu Komishinichi himeera.

  2. Dursaa Mosaad dabalatee qondaltonni tikaa duraanii Israa'el Tiraamp waraana Gaazaa akka dhaabsisuuf iyyatan

    Dursitoota dhaabbata nageenyaa Israa'el Shiin Beet fi intelejensii Mosaad kan ture dabalatee qondaaltonni tikaa Israa'el soorama bahan 660 ta'an Israa'el waraana Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu akka dhaabduuf Pirezidant Tiraamp dhiibbaa akka taasisuuf xalayaa barressuun gaafatan.

    "Ija ogummaan qabnuun yeroo ilaallu Hamaas kanaan booda yaaddoo tarsiimawaa Israa'el ta'uu hin danda'u," jedhan qodaaltonni xalayaa irratti mallatteessan kanarratti.

    Israa'eloota gara caalan biratti fudhatamni qabdu Ministira Muummee [Beenjaamiin] Netaaniyaahuu fi mootummaa isaa kallattii sirrii qabsiisuu keessatti: Waraana dhaabsisuu, warra butaman deebisiisuu, gidiraa dhabsisuu," keessatti dandeettii akka qabdu agarsiisa jedhan.

    Iyyanni kun yeroo gabaasni mariin al-kallattiin Hamaas waliin taasifamu danqamuu hordofee Netaaniyaahuun Gaazaa keessatti oppereeshinii waraanaa babal'isuuf deemaa jiruttidha.

  3. Marxoo fuulaa Kardaashiyaan: Ganama bareeduuf galgala fokkisanii buluu

    Bareedinaaf gatiin bahu eessa gahaa jira? Boca fuula ofii surreessuuf jecha biyyoota addunyaa adda addaa keessatti wallaansi baqaqsanii hodhuu godhamuu balaa bayyee fidaa akka jiru gabasneerra.

    Dubartootni ganama bareedanii mul'achuuf galgala dibatoota adda addaa fayyadamu. Kaan rifeensa xaxatu. Wanti fuulatti godhatanis baayyeedha.

    Bocaa fi fuula ofii eeguuf wantootni godhaman garam deemaa jiru kan nama jechiisiisu tokko omisha Kiim Kardaashiyaan dhiyoo kanaati.

    Dubartiin beekamtuun US Kiim Kardaashiyaan shaakala TikTok gubbaatti dubartootni hedduun maasikii silikoonii xaxatanii, afaanittis haguggatanii buluun ganama isa galgala gogaa ofii eeguuf dibatan yeroo kaasan isa viidiyoon waraabanii qoodan bizinasatti jijjiirteetti.

    Dubartiin miidiyaa hawaasaa gubbaa dhiibbaa uumuun beekamtu kun karaa maqaa omishashee beekamaa ta'e (brand) Skims jedhamun haguuggii fuulaa halkanii tolchitee gabaatti baafteetti.

  4. Viidiyoon Israa'eloonni butaman baayyee huqqatanii agarsiisu gadhiifamuun hoggantoota Lixaa dheekkamsiise

    Waraabbiin viidiyoo Israa'eloota butamanii lama amma beelaan qaamnisaanii miidhamee Gaazaa keessatti argaman gadhiifamuun hoggantoota biyyoota lixaa dheekkamsiise.

    Fannoo Diimaan gamasaatiin namoota butamaniif gargaarsa akka geessuuuf karaan akka mijaa'uuf waamicha dhiyeesseera.

    Ministirri Dhiimma Alaa Yunaayitid Kiingdam Deeviid Laamii, ''suuraawwan namoota butamanii gochaa ololaatiif gadhiifaman sukkanneessaadha'' jechuun, lammiileen Israa'el kunneen haal-dure tokko malee gadhiifamuu akka qaban dubbatan.

    Waamichi kun kan dhiyaate erga gareen Jihaad Islaamummaa Filisxeem, viidiyoo Room Biraslavski, kan baayyee huqateefi boo'aa jiru agarsiisu guyyaa Kamisa darbe maxxansee booda yoo ta'u, Hamaas ammoo Dilbata darbe suuraa Evyaataar Deevid kan qaamni huqqatee gadhiiseen boodaha.

    Hoggantoonni Israa'el Hamaas namoota butaman beeleessaa jira jechuun himataniiru.

    Dameen hidhataa Hamaas itti yaadee namoota butaman beelessuu kan waakkate yoo ta'u, sababiii Gaazaa keessa rakkoo beelaa jiruutiif namoonni butamanis waanuma loltoonni isaanii fi ummanni nyaatan nyaatu jedheera.

    Gabaasni Gaazaarraa ba'an akka jedhanitti, Filisxeemonni naannoo bakka raabsaatti gargaarsa barbaadaa turan Wiixata darbe bakkeewwan adda addaa lamatti loltoota Israa'eliin itti dhukaafamuu himan.

    Kanaanis yoo xiqqaate Filisxeemoonni 27 ajjeefamuusaanii hospitaalonni Gaazaa himaniiru.

    Booji'amtoonni Israa'el Biraaslaavski, kan umuriin waggaa 21, fi Deevid, kan umuriin waggaa 24, Onkoloolessa 7 bara 2023 haleellaa Hamaasiin kibba Israa'el irratti raawwateen qophii muuziqaa Noovaa irraa butamanii fudhataman.

    Namoota 251 jalqaba fudhataman keessaa namoota 49 kanneen hanga ammaatti Gaazaa keessa jiran tokkodha. Isaan keessaayis namoota 27 butamanii fudhatamn du'aniiru jedhamee amanamu.

  5. Ameerikaan yeroo hedduu maaliif Itoophiyaa caalaa Masriif loogdi, icciitiin duuba jiru maali?

    Ameerikaan Itoophiyaa waliin hariiroo dippilomaasii waggoota 100 olii bareedaa qabdi. Garuu michuushee Masriin ofitti aansiti.

    Humna waraanaa Masrii maallaqaafi meeshaa waraanaa ammayyaa'oo biyyoonni Afrikaa kaan hin qabneen gargaarti.

    Kun imaammata alaa Ameerikaan dhimma Masrii irratti hordoftudha. Garuu Tiraampi ammoo addatti Masriif dubbataa jira.

    Pirezidaantii Masrii fonqolcha mootummaan aangoo qabatan Abdel Fattaa al-Siisi yeroo gara Waayit Haawusitti afeeran ''mootummaa abbaa irree ani jaaladhu'' jedhaniiyyuu ibsaniiru.

    Tibbanuma Ameerikaan meeshaa waraanaa ammayyaa doolaara biliyoona afurii ol baasu Masriif kenniteefi. Guutummaa odeessa kanaa karaa kanaan argadhaa.

  6. Masjiida al-Aqsaa: Hambaa seena qabeessaafi falmisiisaa ta’e

    Bakki Masjiidi al-Aqsaa itti argamu bakka sagadaa hawaasi Musliimaa, keessumaa Filisxeemonnii fi hordoftoonni amantaa Judaayizimii abbummaaf irratti wal-falmaniidha.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti bakki hambaa seenaa ta'e kun maqaalee garaa garaan beekama. Hawaasa Musliimaa biratti al-Haraam al-Shariif, Haraam al-Shariif, al-Aqsaa jedhamuun beekama.

    Yihudoonni ammoo Har ha- Baayit, Beta Mekdesh jechuun waamu. Akkasumas Dom of the Rock jedhamuunis ni waamama.

    Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt Yerusaalem keessatti argama.

    Hordoftoota amantaa Islaamaa biratti Nabiyyuu Mohaammad (SAW) bakka kanaa gara samiitti ol-fudhatame ilaalchi jedhu baramaadha.

    Yihudoonni ammoo bakka manni qulqullummaa Salamoon tokkoffaafi lammaffaan tureedha jedhanii waan amananiif iddoo guddaa itti kennu.

    Waggoota hedduuf Israa’elifi Filisxeemota gidduutti iddoo wal-falmii, yeroo kaan ammoo walitti bu’iinsaa ta’aa tureera.

    Hubachiisa: Barreeffama kana keessatti Haraam al-Shariif, Masjiida al-Aqsaa, Tempil Maawunt, Dom of the Rock jechoonni jedhan ilaalcha hawaasa Musliimaafi Yihudootaa irratti hundaa'un fayidaarra oolaniiru. Al-Aqsaafi Dom of the Rock waanuma tokko ibsu. Haraam al-Shariifi Tempil Maaawunt guutummaa mooraa masjiidichi keessatti argamu ibsu.

    Masjiidi al-Asqaa maalif falmisiisaa ta’e?

    Masjiidi al-Aqsaa yoom ijaarame?

    Waraanni Guyyaa Jahaa (The Six Day War) waa’ee Majiida al-Aqsaa akkamitti jijjiire?

    Yihudoonni leellistoota ta'an (Ultra Orthodox Jews) siyaasatti seenuun Masjiida al-Aqsaarratti dhiibbaa maal fiduu mala?

  7. Barattoonni yunivarsiitii Chaayinaa warra waliin baratan akka basaasan itti himame jedha gabaasni

    Barattoonni Chaayinaa yunivarsiitiiwwan UK keessa jiran hundatti marii dhimmoota mootummaa Chaayinaa ilaallatan akka ukkaamsaniif jecha hiriyyoota daree isaanii akka basaasan dhiibbaan irratti godhamaa akka jiru gabaasni haaraan tokko mul'ise.

    Dhaabbanni 'UK-China Transparency (UKCT)' jedhamu qorannoon barsiisota Chaayinaa irratti gaggeesseen, qondaaltonni mootummaa Chaayinaa barsiisonni daree keessatti mata dureewwan murtaa'an irratti akka hin mari'anne akka akeekkachiisan calaqqisiiseera jedha.

    Labsiin haaraan erga hojiirra oole guyyoota muraasa booda yunivarsiitiiwwan akka bilisummaa barnootaa fi bilisummaan yaada ibsachuu kabachiisuuf itti gaafatamummaa dabalataa irratti kaa'ameera.

    Imbaasiin Chaayinaa Landanitti argamu gabaasa kanaan ''bu'uura kan hin qabnee fi kan fudhatama hin qabne'' jechuun, Chaayinaan bilisummaa dubbii UK keessaa fi bakka biraatti ni kabajji jedheera.

    To'attoonni, Waajjirri Barattootaa (OfS), bilisummaan dubbii fi bilisummaan barnootaa barnoota olaanoodhaaf ''bu'uuraa'' ta'uu dubbata.

    Seerri haaraan torban darbe hojiirra oole kun, yunivarsitiiwwan yeroo biyyoota biroo waliin waliigaltee taasisan dabalatee, bilisummaa barnootaa fi bilisummaa dubbii dammaqinaan guddisuuf caalaatti hojjechuu qabu jedha.

    Yuunivarsiitiiwwan yoo kana gochuu dadhaban miliyoonaan adabamuu akka danda'an qaamni to'ataa (OfS)n beeksise.

    Haata'u malee, gabaasni UKCT akka jedhutti, yunivarsiitiiwwan muraasni waan kaffaltii barattoota Chaayinaa waan hirkifatuuf dhimma gidduu seenummaa Chaayinaa furuuf fedhii hin qaban.

  8. Bidiruun qarqara Yamanitti dhidhimtee godaantonni 60 ol harki caalaan Itoophiyaanota ta'an du'an

    Bidiruun godaantota 150 ta'an feetee imalaa turte keessaa sababa qilleensa hamaan qarqara Yamanitti dhidhimtee godaantonni 60 ol lubbuu dhaban.

    Kanneen lubbuu dhaban gara caalu lammiilee Itoophiyaa akka ta'an akka amanamu Hogganaan Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) himaniiru.

    Bidiruun kun bulchiinsa kibba Yaman Abiyaanitti erga dhidhimtee booda reeffi godaantota 68 argamuu dhaabbata IOM'tti hogganaan damee Yaman BBC'tti himaniiru.

    Akka isaan jedhanitti, godaantonni 12 baraaramaniiru, kaan hedduu ammallee achi buuteen isaanii hin baramne.

    Taatee mudate kana kan ''laphee cabsu'' jechuun ibsani. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenaa.

  9. Ministirri Israa'el masgiida qulqulluu al-Aqsaa Yerusaalem seene sagaduun dheekkamsa kaase

    Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa’el leellisummaan beekamu (far-right) Itamaar Been-Gaviir mooraa masgiida al-Aqsaa kan Yerusaalem keessatti argamu daawwachuun seera waggoota dheeraaf ture cabsuun achi keessatti sagade.

    Bakki kun Baha Giddu-galeessaa keessatti baayyee falmisiisaadha.

    Suuronniifi viidiyowwaan aanga’aan Israa’el kanaa yeroo Itamaar Been-Gaviir mooraa sana keessatti sirna sagadaa Yihudootaa dura bu’ee gaggeesu agarsiisu.

    Bakki kun Yihudoota biratti Yerusaalem Bahaa keessa iddoo humnaan qabataman keessatti Gaara Mana Sagadaa jedhamee beekama.

    Waajjirri ministira muummee Israa’el dhimma kana ilaalchisuun ibsa baaseen, waliigaltee kanaan dura ture kan bakki sun Musliimonni kan itti waaqeffatan ta’uu ilaalchisee imaammanni Israa’el hin jijjiiramne jedhe.

    Bakka kana akka bulchituuf/eegduuf amaanaan kan itti enname Yordaanos, daawwannaa yeroo Itamaar Been-Gaviir mooraa maagiidaa kanatti taasise “dubbii barbaacha fudhatama hin qabnedha” jette.

    Hamaas ammoo “waraana ummata Filisxeemirratti gaggeeffamaa jiru daran hammeessuudha” jedhe.

    Dubbi-himaan Pirezidantii Abbaa Taayitaa Filisxeem Mahaammud Abbaas gama isaatiin daawwannaa kana” sarara diimaa hunda kan ce’edha” jedhe.

    Bakki kun Yihudoota biratti bakka qulqullummaa ganamaati. Warra Muslimotaaf ammoo bakka qulqulluu sadaffaa Nabiyyuu Mohaammad irraa samiitti ol bahedha jedhamanii amananidha.

    Bakki kun bara 1967 yeroo waraana Baha Giddu-galeessaa Israa’eliin qabame.

  10. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora ittiin oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Taatee biyya keessaa, Afrikaa, Baha Giddu-galeessaafi guutummaa addunyaarraa kallattiin argachuuf nu hordofaa.

    Akka filannoo keessaniitti karaa marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube nu hordofuu dandeessu.

    Ulfaadhaa!