Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu

Kora ariifachiisaa UN dursuun Neetaanyaahuun ibsi kennaniin Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha' jedhan.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Hindiin boba'aa Raashiyaarraa waan bitteef taarifa %25 dabalataa irra kaa'an

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp ajaja Roobii har'aa baasaniin Hindiin Raashiyaarraa boba'aa waan bittuuf jecha taarifa dabalataa %25 irra kaa'an.

    Haala kanaan meeshaaleen Hindii irraa Ameerikaa galan taarifa harka 50 qabaatu, kunis biyyoota taarifni oolaanaa irra kaa'ame keessaa ishee taasisa.

    Gatiin amma bahe kuni ajaji kuni bahee guyyaa 21 booda hojiirra oola.

    Donaaldi Tiraamp taarifa kana akka kaa'an kan akeekkachiisan yoo tahu, ''Hindiin nama Yukireen keessatti ajjeefamuuf dhimma hin qabdu,'' jedhan.

    Waayit Haawus, ''Hindiin Raashiyaa irraa boba'aa galchuun isa Ameerikaan sochii Raashiyaa balaa qabu hambisuuf taasiftu gadi buuse,'' jedhan.

  2. Amma nu gahe, Ministiroonni Gaanaa lama namoota biraa jaha waliin balaa hilikoptaraatiin du'an

    Ministiroonni raayyaa ittisaa fi naannoo Gaanaa balaa hilikoptara waraanaa naannoo Ashaantiitti mudateen namoota biroo jaha waliin lubbuun isaanii darbuu dubbi himaan mootummaa himan.

    Kanaan dura ammoo Humni Waraanaa biyyattii xiyyaarri hojjettoota sadii fi imaltoota shan fe'ee ture tokko ''raadaraan ala'' ba'uu ibsee ture.

    Hilikoptarichi Magaalaa guddoo biyyattii Akraa irraa akka biyyaattii (fi GMT) sa'aatii 09:12tti ka'uun gara magaalaa warqeen keessaa qotamu, Obu'aasiitti qophii biyyaalessaaf imalaa turte.

    Aanga'oonni sababa balaa xiyyaara kanaa maal akka ta'e hin mirkaneessine.

    Hogganaan Raayyaa ittisaa, Juuliyaas Debraah, ummataaf haasaa kan taasisan yoo ta'u alaabaa biyyattii walakkaan gadii akka balali'u qajeelfama kennaniiru.

  3. Raashiyaan bakka guyyaan dhukaasa dhaabuuf qabame dhumaa jiruutti mariin US waliin taasifame 'ijaaraadha' jette

    Yeroo guyyaan Doonaald Tiraam Mooskoon Yukireen waliin dhukaasa dhaabuuf akka waliigalaniif guyyaan kaa'an dhumaa jiruutti, Kiremliin ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof fi dursaan Raashiyaa Vilaadimiir Puutin marii ''ijaaraa ta'e'' taasisaniiru jette.

    Gargaaraan imaammata alaa Yuurii Ushaakoov akka jedhanitti, walgahii isaanii sa'aatii sadiif ture irratti, Puutiin ''gaaffii Yukireen'' kanneen jedhan irratti ''mallattoo'' Wiitkoof kan dabarsan yoo ta'u, gama Ameerikaa irraas ''mallattoo walgitu'' argataniiru.

    Waa'ee marii kanaa dabalataan erga Wiitkoof Tiraamp waliin mari'ataniin booda kan qoodamu ta'uu Ushaakov dabaluun kaasaniiru.

    Raashiyaan Yukireen waliin ''waraana suukaneessaa'' kana xumuruuf tarkaanfii yoo kan hin fudhanne ta'e, qoqqobbii cimaan mudachuu ykn namootashee waliin daldalan hundarratti qoqqobbii sadarkaa lammaffaa kaa'amuu akka danda'u akeekkachiisanii ture..

    Marii kana hordofuun Ameerikaa ykn Yukireen irraa yaadni battalumaan kennameera.

    Isaan duras pirezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenisikiin, Raashiyaan maallaqni ishee yoo dhumuu jalqabde qofa gara nagaatti tarkaanfii dhugaa fudhachuu akka eegaltu akeekkachiisaniiru.

    Doorsiisa qoqqobbii cimaa fi qaraxa Ameerikaan biyyoota boba'aa Raashiyaa irraa bitatan irratti kaa'uuf dubbattee simatanii jiru.

    Suuraalee dhaabbilee miidiyaa Raashiyaatiin qoodan irratti yoo namoonni lamaan, kan kanaan dura yeroo hedduu wal arganii beekan, seeqaa harka harka wal fuudhuun mul'ataniiru.

    Hanga Jimaataatti qubsuma haleell cimaan mudataa kan ture yoo ta'u, Tiraamp qoqqobbii akka irra kaa'amu doorsisullee Raashiyaan haleellaa qilleensaa bal'aa Yukireen irratti raawwachuushee itti fuftee jirti.

    Tiraamp baatii Ammajjii keessa aangootti osoo hin deebii'iin dura, lola Raashiyaa fi Yukireen gidduu jiru guyyaa tokko keessatti xumuruu akka danda'u dubbatanii ture. Innis kan raawwachuu kan dadhabe yoo ta'u, isaan boodas hobsa dhabummaan dabalaa dhufuudhaan jechuu inni Raashiyaa ilaalchisee dubbatus jabaataa dhufeera.

  4. Aleeksaander Isaak qofaatti akka shaakala hojjetu itti himame

    Taphataan sarara duraa Niwkaastil Aleeksaander Isaak gara Niwkaastilitti deebi'us dhuunfaa isaan qofaatti akka shaakala hojjechuu qabu itti himame.

    Liiverpuuliin baay'ee barbaadamaa kan jiru Isaak kileba isaa duraanii Riyaal Sosedaad gaafachuun dirree isaaniitti shaakala dhuunfaa hojjechaa ture.

    Erga deebi'ee ammoo har'a qofaatti bahuun shaakala hojjechuu akak qabu Sky Sport gabaase.

    Liiverpuul taphataa kana mallatteessisuuf hanga paawondii miliyoona 120 dhiyeessus Niwkaastil osoo hin fudhatiin hafe.

    Nuunes kileba Sawud Arabiyaa Al-Hilaalitti gurguraa kan jiru Liiverpuul maallaqa isarraa argatu dabaluun Isaakiin mallatteessisuu akka hin hafne miidiyaaleen gabaasaniiru.

    Al-Hilaal taphatichaaf Yuuroo miliyoona 53 akka dhiyeessee fi Liiverpuul waliin akka waliigalame ibsameera.

    Odeessa dabalataaf asiin seenaa

  5. Namni achi buuteensaa waggaa 28f dhabame cabbi baqu jalatti reeffisaa argame

    Paakistaan lafa giddugalarraa fagaate jiruufi tulluun itti baay'atu Koohistaan jedhamutti reeffi nama ganna 28tiif achi buuteensaa dhabame argame.

    Reeffi nama kanaa otoo hin tortoriiniifi wayyaansaa akkuma yeroo badeetti otoo hin tarsa'iin tiksituun akka tasaa irra baanaan argame.

    Reeffi nama kanaa yeroo argamu waraqaan eenyummaa maqaa Nasraddiin jedhamus waliin argameera. Poolisiiin namni Waxabajjii 1997 yeroo cabbii roobaa ture tullaan cabbii jalatti kufuun achumaan du'uu akka hin oolle mirkaneessera.

    Naannoo kanatti yeroo dhihoo asitti cabbiin bu'uu kan hir'ise yoo tahu tuullaan cabbii ifatti aduutti waan saaxilamuuf dafee baqa.

    Ogeeyyiin reeffi nama kanaa argamuun jiijjiiramni haala qilleensaa tullaan cabbii saffisaan akka baqu taasisuu himu.

  6. WhatsApp akkaawuntii burjaajessaafi gowwomsaa miiliyoona 6.8 haqe - Meetaa

    WhatsApp akkaawwuntiiwwan miiliyoona 6.8 walakkaa waggaa bara kanaa namoota addunyaa gowwomsuufi burjaajessuuf xiyyeefatan haquu hime.

    Baayyeen isaanii wiirtuulee Kibba-baha Eeshiyaatti humna namaa fayyadamuun akka hojjetan dhaabbanni miidiyaa hawaasaa kuni beeksiseera.

    Meetaan dhimma kana kan beeksise yeroo tarkaanfii farra burjaajii fudhachuun fayyadamtoota akeekkachiisetti dha.

    Kunis namni lakkoofsa kee hin qabne eeyyama malee garee WhatsApp'tti si dabaluu fa'i dabalata.

    Tarkaanfiin kuni akkaawuntii WahtsApp butuun sagantaa invastimantii sobaa beeksisuun gareetti dabaluu fa'iin raawwatama.

    Meetaan wiirtuleen burjaajii kuni otoo akkaawuntiiwwan kunneen fayyadaarra hin oolchin haquu fa'i hime.

  7. Gaazaatti namoonni 138 guyyaa tokkotti ajjeefaman- Ministeera Fayyaa Hamaas

    Ministeerri Fayyaa Hamaasiin durfamu haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwataa jirtuun sa'atii 24 keessatti namoonni 138 ta'an ajjeefamuu ibse.

    Kanaanis hanga ammaatti namoonni haleellaa Israa'eliin ajjeefaman 61,158 ga'aniiru.

    Haleellaa guyyaa tokkotti lubbuu namoota 138 galaafate kanaan namoonni 771 ta'an miidhamuun hospitaala galuu ministeerri fayyaa kun ibseera.

    Miidhamtoonni hedduun gamoo jijjige jalatti awwaalamanii jiraachuus ibseera. Ambuulaansii fi gareen eegumsa uummataa qaqqabuufii hin dandeenye.

    Haleellaa namoota gargaarsa eeggatan irratti raawwateenis namoonni du'uu fi hedduun miidhamuu ministeerri kun gabaaseera.

    Haala kanaan yoo xiqqaate namoonni 87 ajjeefamuu fi 57o kan caalan madaa'uu ibse.

  8. Maatiin booji'amtootaa karoorri Gaazaa deebi'anii qabachuu 'balaa' akka ta'u akeekkachiisan

    Gareen maatii namoota Israa'el booji'amanii hedduu bakka bu'an, mootummaan Israa'el murtee namoota ammallee harka Hamaas jiran irratti "balaa" fiduu danda'u murteessuuf qarqara irra jira jedhan.

    Waltajjiin Maatii Booji'amanii fi Bakka Buuteensaanii dhabamee, karoorri mootummaa Israa'el Gaazaa deebiisee qabachuu erga jalqaba torban kanaa gabaafamee kaasee cimsee mormaniiru. Waraana babal'isuun lubbuu namoota booji'amanii balaadhaaf saaxiluu fi kufaatiif "wabii" akka ta'u akeekkachiiseera.

    Gareen kun maxxansa miidiyaa hawaasaa irratti suuraa mormitoota, kumaatamaan lakkaa'aman walitti dhufanii mootummaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi jireenya booji'amtootaa gadhiisuu irratti dhiibbaa akka godhan gaafatan daandii Israa'el irratti argaman qooduun kaleessa galgala qoodaniin.

  9. Maan Yunaayitid Jaaksan dabalatee jifataa barbaacha gabaa jiraachuufi oduu jijjiirraa biroo

    Jifataan Chelsii Nikoolaas Jaaksan Maanhechester Yunaayitid fi Niiwukasil Yunaayitidiif akka filannootti ilaalamaa jira.

    Kilaboota lamaan keessaa abbaan jifataa RB Leepizhiing Beenjaamiin Sheeskoo dhaban taphataa lammii Senegaal kana fudhachuuf karoorfataniiru.

    Kilabni bara kana gara Piriimer Liigiiitti o guddate Senderlaand ammoo Doominiik Kaalvert-Leewin fudhachuuf yaadaa jira.

    Gama biraan West Haam taphataa Aston Viilaa Jaakob Raamsee fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.

  10. Netaaniyaahuun qoqqoodinsa qondaalota mootummaa fi waraanaa olaanoo keessati uumameen rakkachaa jira

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu kaleessa qondaalota nageenyaa olaanoo waliin walgahii gaggeessanii turan.

    Kun ammoo erga miidiyaaleen aanga'aa Israa'el maqaan ni eeramne garuu Netaniyaahuu mataasaa ta'a jedhamee bal'inaan amanamu waabeffachuun ministirri muummichaa bakka Filisxeemonni miliyoona lamaa ol jiraatan Gaazaa keessatti oppereeshinii waraanaa babal'isuun guutummaatti qabachuuf murteessuu gaabaasanii guyyaa tokkoon boodaa.

    Akka miidiyaaleenIsraa'el gabaasanitti, Netaniyaahuufi yaada guutummaatti Gaazaa qabachuu jedhu kan mormu ajaja olaanaa Lt. Jeneraal Eyaal Zamiir gidduutti jechoota jajjaboo walitti deebisuun tureera.

    Raadiyoon Kaan akka gabaasetti, "Gaazaa Istiriip guutummaatti weeraruun kiyyoo keessa galuufi lobbuu namoota butamaniifi loltootaa balaaf kan saaxiludha" jechuun walga'icharratti dubbate.

    Taateen kun ammoo qoqqoodama hoggantoota siyaasaafi waraanaa gidduutti dhalateera jedhamaa jirudha.

    Kanaan dura, hoggantoonni waraanaa Hamaas kanaan booda akka humna waraanaa gurmaa'eetti yaaddoon uumuu danda'u hin jiraatu jechuun hojii isan Gaazaa keessatti hojjetan dhumachuu dubbataniiru.

    Maatiin namoota booji’amanii sochiin waraanaa babal’achuu akka danda’u gabaafamuun booda aariidhaan deebii kennaniiru. Waraanni kun kutaalee Gaazaa bakka namoonni booji’aman itti qabaman jedhamee amanamu seenuunisaa hin oolu.

    Tarsiimoon mootummaan dhiibbaa waraanaa Hamaas irratti godhuun gadhiifamuusaaniif wabii ta’uu waan dadhabeef, booji’amtoota 20 lubbuun jiru jedhamee yaadamu baraaruuf yeroon dhumaa jira jedhu.

    Yaadni sassaabame akka agarsiisutti, ummanni Israa’el harki guddaan waliigaltee Hamas waliin taasifamuun waraanni akka xumuramu ni deggeru.

    Namoonni as jiran hedduun Netaaniyaahuun Gamtaa, kan deeggarsa ministeerota leellistoota ta'an yoo waliigalteen Hamas waliin jiraateef mootummaa isaa gadhiisuuf doorsisan irratti hirkatee jiraachuu mirkaneeffachuuf waldhabdee dheeressaa jira jedhanii amanu.

    Guutummaatti qabachuu jechuun hojii yeroo gabaabaa ykn yeroo dheeraa fudhatu ta'uusaa ifa miti.

    Tilmaamni kun qaama tooftaa Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi booji’amtoota gadhiisuuf marii dhaabbaterratti laafinaa akka kennu dhiibbaa gochuuf taasifamuu ta’uu danda’a.

    Garuu ministiroonni Itamaar Been-Gaviir fi Bezaleel Ismootich Filisxemota Gaazaa keessaa ari’uu - kunis lammiilee nagaa dirqiin buqqisuu, yakka waraanaa ta’uu danda’a - fi Yihudoota waliin qubachiisuun ifatti falmaniiru.

  11. Ministirri Israa'el akka addunyaatti qoqqobbiin irra kaa'ame eenyu?

    Minsitarri Nageenya Biyyaaleessaa Israa'el dubbii beekaniifi siyaasa duriitti cichan Itaamaar Been Gaviir aangoo mootummaa yeroo gabaabaafi isa dura waggotaaf jireenya isaanii keessatti atakaaro dhabanii hin beekan.

    Dhihoo ammoo Baha Yeruusaaleem iddoo qulqullaa'aa akkasumas falmisiisaa tahetti kadhannaa raawwachuun isaanii dheekkamsa kaaseera. Kana kan raawwatan waliigaltee waggoota dheeraa Baha Gidduugalaa sarbuuni.

    Been Gaavir iddoo Musliimota biratti Haraam al-Shariif(iddoo qulqulluu) jedhamuun beekamu, Yuhudoota biratti ammoo Teempil Maawunteen jedhamu keessatti yeroo isaan kadhannaa Yuhudotaa geggeessan suuraafi viidiyoon agarsiisu mul'ataa ture. Iddoon kuni mooraa Masjiida al-Aqsaa jedhamuunis beekama.

    Warri Yuhudotaa iddoo kana daawwachuu malee keessatti sagaduun hin eeyyamamuuf ture.

    Been Gaaviir iddoo kana irra deddeebiin kan daawwatan yoo tahu ifatti kadhannaa geggeessani hin beekan jechuun miidiyaan Taayims oof Israa'el beeksiseera.

  12. Balaa konkolaataa nyaata fe'eetiin Filisxeemoonni 20 du'uu miidiyaan Hamaasiin geggeeffamu beeksise

    Waajjirri miidiyaa mootummaa Gaazaa Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, konkolaataan gargaarsa fe'e tokko namoota walitti qabaman irratti "garagaluun" Filisxeemoonni 20 du'uu fi hedduun madaa'uusaanii ibseera.

    Waajjirichi ibsa baaseen Israa'el konkolaataa fe'umsaa kkunneen ''karaa nageenya hin qabnee'' fi boombiidhaan miidhame irraan akka seenuuf ''dirqisiiste'' jechuun himateera.

    Balaan kun naannoo halkan walakkaa naannoo kaampii baqattootaa Nuseeyiraat, kan giddugala Gaazaatti argamuutti mudachuu dubbi himaan dhaabbata ittisa siiviilii Hamaasiin geggeeffamu Mahmuud Baasaal dhaabbata oduu AFP'tti himan.

    Waraanni Israa'el gabaasawwan kanneen ilaalaa jiraachu AFPtti kan hime yoo ta'u, BBCn qaama waraana Israa'el, Cogat, gargaarsa gara Gaazaatti seenu to'atu irraa yaada argachuuf gaafateera.

    Lakkoofsi dhiheenya Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa argame akka agarsiisutti, dhuma Caamsaa irraa eegalee lammiileen Filisxeem 1,300 ol nyaata barbaadaa turan ajjeefamaniiru.

    Mootummaan Israa'el BBC dabalatee dhaabbileen oduu idil-addunyaa haala Gaazaa keessa jiru bilisaan akka gabaasaniif hin hayyamu.

  13. Naayiroobii- Finfinnee kallattiin tajaajilli geejjibaa atoobisiin eegale

    Dhaabbanni tajaajila geejibaa 'Abisiniyaa Leegzharii Kooch' jedhamu magaala guddoo Keeniyaa-Naayiroobiidhaa gara Finfinneetti atoobisiin ummata deeddebiisuu eegaluu beeksiise.

    Dhaabbatichi Dilbata darbe tajaajila kana ifatti eegaluu daarektarri dhaabbatichaa Mikaa'el Jeems Maachiiyoo BBCtti hime.

    Imala tokkof Shilingii Keeniyaa 7,500 yookan ammoo dhaqaafi galaaf Shilingii Keeniyaa 15,000 (gara birrii Itoophoyaa kuma 16) akka kaffalchiisu ibseera.

    Obbo Mikaa'el Abiisiniyaa Leegzhariin dura tajaajila geejiba deddebiisa ummataa 'Royaal Allaayiid' jedhameen Keeniyaa Moyaalee fi Mombaasaatti tajaajila ummata deddebiisuurratti bobba'ee akka ture kaaseera.

    Waggaa afuriin dura kan hundeefame 'Royaal Allaayid' daandii Itoophiyaa dhaquun hanga Moyaalee qofaatti hojjataa akka ture kan kaase daareektarri dhaabatichaa, amma gatiin tikeettii xiyyaaraa waan qaala'eef fedhiin atoobisiin imaluu jiraachuu fi fedhii kana guutuudhaaf tajaajilli gara biraa waan hin jiraanneef ''yeroodhaaf qaawwi akka ture'' dubbate. Guutummaa odeessa kanaa argachuudhaaf asiin seenaa.

  14. "[Nuti] nyaata rabsuurratti xiyyeeffanna, gaaffiin Gaazaa qabachuu Israa'eel' ilaallata -Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Gaazaa keessatti raabsa nyaataa irratti akka ''xiyyeeffatan'' kan dubbatan yoo ta'u, dhimmi bakka sana qabachuu ''baay'inaan dhimma Israa'el irratti hundaa'udha'' jedhan.

    Kibxata darbe rippoortaraan Israa'el irra deebiin guutuu Gaazaa qabachuushee ni deeggartuu jedhamuun kan gaafataman Tiraamp, "Egaan, yaadni dhihaate maal akka ta'e hin beeku. Nuti ammatti kan achi jirruu namoonni nyaata akka argataniif yaalaa akka jirrun beeka" jedhan.

    Itti dabaluun, namoonni Gaazaa keessatti "nyaata baay'ee argataa akka hin jirree ifaadha", akkasumas "Israa'el sanaan gama raabsuu fi maallaqaan nu gargaaruutti jirti" jedheera.

    "Kanaaf, waanan ani irratti xiyyeeffadhe kana. Kaan hafe irratti baayyee jechuu hin danda'u, sun baay'een isaa Israa'el irratti hundaa'a," jedhan.

  15. Itoophiyaan waggaa booda Somaaliyaatti ambaasaaddara haaraa muudde

    Itoophiyaan waggaafi ji'a afur booda ambaasaaddara haaraa gara Somaaliyaa ergite.

    Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoo xalayaa muudama isaanii Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Maahimuditti dhiheessaniiru.

    Adeemsi kuni biyyoonni lamaan muddama dippilomasii gidduu isaanii ture furuuf waliigaltee Ankaaraatti raawwatan hojiitti hiikuuf tarkaanfii fudhatame akka ta'etti ilaalame.

    Itoophiyaan ulaa galaana barbaacha bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin waliigaltee raawwatte Somaaliyaa akkaan mufachiise.

    Akka labsii waraanaattis nan ilaala jechuun tarkaanfii dippilomasii, siyaasaafi waraana Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaan ala akka ta'u sosso'aas turte. Odeessa kana bal'insaa dubbiifachuuf asiin seenaa.

  16. 'Dhimma Gaazaaarratti waraanni ajaja mootummaan kenne hordofa' - Ministirri ittisaa Israa'el

    Ministirri Raayyaa Ittisa Israa'el, Israa'el Kaatz, karoora oppareeshinii Gaazaa keessatti babal'isuuf qabu irratti yaada qondaalli olaanaaan qabu maaliyyuu yoo ta'e, Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) ajaja mootummaan kenne hordofa jedhan.

    Hogganaan olaanaa IDF Eyaal Zaamiriin, karoora Gaazaa guutummaatti to'achuuf qaban irratti namoota siyaasaatiin mormuu isaanii erga himamee booda kan dhufeedha.

    Innis qabatamaan waraanni Israa'el Gaazaa keessatti babal'isuun booji'amtoota Israa'el hafan balaadhaaf saaxilee waraanas kan dhamaasuudha jechuun ministira mummee akeekkachiiseera jedhameera.

    Kaatz barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti barreessaniin, Zaamiir ''waltajjiiwwan barbaachisoo ta'an irratti ejjennoo isaa ibsuun mirgaa fi dirqama isaati'' jedhan.

    Haata'u malee, hoggantoonni siyaasaa Israa'el murtee erga dabarsanii booda waraanni biyyattii ''kutannoo fi ogummaadhaan'' hojiisaa ni raawwata jedhan.

  17. Itoophiyaa dabalatee biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne hundi boodatti hafuu hin qaban - UN

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN) waggaa saditti yeroo tokko Kora Biyyoota Ulaa Galaanaa hin qabnee ni gaggeessa.

    Akkasumas waggaa waggaan Hagayya 6 sadarkaa addunyaatti guyyaa fedhiin guddina addaa fi qormaataawwan biyyoonni guddataa jiran, kanneen ulaa galaanaa hin qabne, keessa jiran irratti hubannoo uumamu akka ta'u UN murteesseera.

    Guyyaan kun yeroo jalqabaaf kora kanarratti kabajameera.

    Korri sadaffaan kan baranaa Turkimenistan magaalaa Awaazaatti gaggeeffamuu eegaleera.

    Jila Itoophiyaa kora kanarratti argaman keessaa tokko kan ta'an Mana Maree Bakka bu'oota Uummataatti Walitti qabaa Itti Aanaan Koree Dhaabbii Dhimma Nageenyaa fi Hariiroo Dhimma Alaa Fitiih Maahdii (PhD) Itoophiyaan ''karaa hin malleen'' ulaa galaanaa dhabde jedhan.

  18. 'UKn dhiigni dhangala'un akka dhaabatu, warri butaman akka deebii'aniifi biyyummaa Filisxeemiif bu'uura kaa'uu barbaaddi'

    Aanga'aan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Israa'el akkuma karoofatte Gaazaa keessatti oppereeshinii waraanaan kan babal'istu yoo ta'e "rakkoo daran hamaa hordofsiisa" jechuun akeekkachiiseera.

    Kun kan jedhame, kora Mana-maree Nageenyaa UN kaleessa galgala taa'amerrattidha.

    Kora kanarratti kan dubbatte, UN irratti bakka-buutuun UK Barbaraa Wuudwaard, jalqaba waggaa kanarratti dhukaasa dhaabuurratti waliigalteen ni jiraata jedhamee abdiin xiqqoon mul'atee ture", haata'u malee, erga inni [yaaliin waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuu] addaan citee "gidiraan namoota butamaniifi namoota nagaa Filsxeem akka haaraatti hammateera".

    Barbaraa Wuudwaard suura "hubamaa" Eviitaar Daavid fi kan biroo "namoota butaman huqqatoo ta'an kaameraa duratti dhiyeessanii ololaaf gargaaramuu" mana-marichaa duratti balaaleffachuun, Hamaas fi "ayidooloojiin shororeessummaa 'inni] hordofu gara fuula duraatti Gaazaa bulchuu keessatti bakka hin qabu" jette.

    "Beelli Gaazaa keessatti daran hammaachuu" gabaasa qaamni UNniin deeggaramu IPCn baase xiyyeeffannaa argachuu akka qabu gaafachuun, oduu "madaa kulkule" daa'immanii sababa hanqina nyaataan fayyuu akka hin dandeenye doktoroonni himaa jiran kaasuun, Israa'el "gidiraa hamaa" lammileen nagaa Filisxeemotaa keessa jiran dhaabsisuudhaaf tarkaanfii akka fudhattuufis waamicha taasifteetti Barbaraan.

    "UKn dhiigni dhangala'uu akka dhaabbatu, namoonni butamanii jiran qe'eetti akka deebiyaniifi biyyummaa Filisxeemiif bu'uura kaa'uu keessatti gahee guutuufi seena-qabeessa ta'e bahachuuf qophiidha," jette Barbaraa Wuudwaard.

  19. Baaletti daa'imni ilkaan waliin dhalate: Sababiin maali, maal taasifamuu qaba?

    Tibbana hospitaala Godina Baalee keessatti argamu keessa daa'imni ilkaan biqilche dhalachuun namoota hedduuf taatee haaraa ture.

    Dhimmicharratti BBC'f yaada kan kennan Ispeeshaalistiin daa'immanii Dr. Taaddalaa Tashoomaa, "daa'imichi ilkaan lama waliin dhalate. Wanti kun darbee darbee ni uumama. Ilkaan uumamaa (Natal teeth) jedhama" jedhan.

    Ilkaan lamaan daa'ima kanaa ilkaan daa'imman jalqabarratti biqilchan yemmuu ta'an, irga jalaa irratti biqiluus himan.

    Carraan daa'imman bifa kanaan ilkaan biqilchanii dhalachuu baay'inaan kan hin mul'annefi daa'imman 2000 hanga 3000 keessaa tokkorratti kan uumamu akka ta'es ogeessichi himaniiru.

    Itoophiyaa keessa kutaaleen hawaasaa dhimma kana akka abaarsaatti ilaalan jiraachuu kan himan ogeessichi, dhimmichi wanta hin baratamne ta'us waan akka badaatti ilaalamuu qabu akka hin taane dubbatan. Guutuummaa odeessa kanaa karaa kanatiin argadhaa.

  20. Tamsaasa kallattiin deebiineera!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo harka fuunee bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan guyyaa Roobii har'aa ittiin odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa gagabaabsiinee isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo Facebook keenya, marsariitii keenya, ykn WhatsApp keenya akkasumas YouTube keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!