Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu

Kora ariifachiisaa UN dursuun Neetaanyaahuun ibsi kennaniin Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha' jedhan.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?

    Kanaan dura Beenijaamin Netaaniyaahuun waa'ee karoora isaa Fox News waliin haasa'anii ture.

    "Nageenya keenya mirkaneessuuf jecha, Hamaas achii buqqisuu, ummanni Gaazaa irraa bilisa akka ta'u dandeessisuu fi bulchiinsa siiviiliitti dabarsuu yaadna - sun Hamaas ykn qaama Israa'el balleessuuf leellisu kamiyyuu miti", jedhan.

    Itti fufuun, "Of bilisoomsuu fi ummata Gaazaa shororkeessummaa hamaa Hamaas jalaa bilisa baasuu barbaanna," jedhan. Garuu Netaaniyaahuun Israa'el ''itti fuftee qabattee turuu hin barbaaddu'' jedhan.

    "Naannoo nageenyaa qabaachuu barbaanna. Bulchuu hin barbaannu. Akka qaama bulchuutti achitti argamuu hin barbaannu," jechuun ibsanii ture.

  2. 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'

    Gaazexaan BBC Afaan Arabaa Mohaammad Tahaan kanaan dura chaanaalii BBC News irratti haasawa taasiseen, Hamaas aangoo Gaazaa bulchaarraa kaasuun hojii baayyee ulfaataa ta'a jedheera.

    Hogganaan waraana Israa'el guutummaatti Hamaas buqqisuu akka danda'an waggaa lama akka fudhatu tilmaameera jedha.

  3. Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera

    Kaabineen nageenyaa Israa’el karoora magaalaa Gaazaa to’achuuf qophaa’e raggaasisuu isaa waajjirri muummicha ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu beeksise.

    Haata’u malee, tarsiimoon haaraan kun yaada jalqabaa muummichi ministeera Israa’el guutummaa Gaazaa dhuunfachuuf dhiyeessanirraa gadidha.

    Kanaan dura Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii(UN) Israa’el waraana babal’isuun ishee namoota nagaa Falasxiinotaafi Israa’eloota booji’amaniif “bu’aa hamaa” akka fidu akeekkachiisee ture.

    Tarkaanfiin falmisiisaa kun Israa’el keessatti - maatii namoota booji’amanii dabalatee - mormiin kan isa mudatu yoo ta’u, sadarkaa idil-addunyaatti biyyattii daran moggeessuu hin oolu jedha rippoortarri keenya Baha Giddu-galeessaa.

    Mootummaan Netaaniyaahuu waldhabdee kana dhaabuu fi gargaarsi dabalataa gara Gaazaatti akka seenu hayyamuuf dhiibbaan itti guddachaa jira.

    Israa’el waraana Gaazaatti kan jalqabde haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwate namoota gara 1,200 ajjeesee, 251 kan ta’an ammoo booji’een booda ture.

    Haaloo bahuuf haleellaa guddaa Israa’el ergasii as raawwachaa jirtuun yoo xiqqaate lammiilee Filisxeem 61,158 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

    Mootummaan Israa’el BBC dabalatee dhaabbileen oduu idil-addunyaa Gaazaa seenaniin bilisaan akka gabaasan hin hayyamu.

  4. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Oduu guutummmaa addunyaarraa isiniif dhiyeessinu kan tamsaasa kallattii jalqabneerra.

    Kaabineen Israa'el Magaalaa Gaazaa to'achuuf karoora dhiyaate raggaasisuufi yaada murtee kana hordofee dhiyaachaa jiru dabalatee odeefannoo biroo asiin argattu.

    • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.

    Bakka Nagaa Oolaa!

  5. Gaazaa ofitti dabaluu barbaannaan murtoon kan Israa'eli - Isaraa'elitti ambaasaaddara US

    Israa'elitti ambaasaaddarri Ameerikaa, Gaazaa ofitti dabaluu barbaannaan murtoo kan Israa'eli jechuun himan.

    Ambaasaaddar Maayiik Hakaabiin haasaa miidiyaa CBS News waliin taasisaniin Israa'el ''waan gochuu qabduufi hin qabne itti himuun hojii koo miti,'' jedhan.

    ''Gorsaafi oguma yoo fedhan pireezidantichi kennuufi danda'a garuu dhumarrtti Israa'eliifi Israa'el qofatu murteessa,'' jedhan.

    Dabaluunis lammiileen Gaazaa ''achii akka bahan dirqisifamuu hin qaban,'' jedhan.

    Tiraamp gorsa akkamii kennuu malu jedhamuun yeroo gaafataman,''Yeroo inni 'maal akkan godhu beeka,namni kaan waan godhu miti jedhu dhagaheera jedhan. Ergaasaa hinuma hubanna. Kunis Hamaasiif gaarii miti.''

    Marii dhukaasa dhaabuu irrattis, Hakaabiin ''Hamaas dhimmicha qixaan fudhachaa waan hin jirreef milkaa'aa hin jiru,'' jedhan.

  6. Kaabineen nageenyaa Israa'el Gaazaa guutummaatti to'achuurratti marii'achuuf walgahe

    Miidiyaaleen Israa'el kaabineen nageenyaa Israa'el Gaazaa guutummaatti to'achuurratti marii'achuuf walgahe jechuun gabaasan

    Hogganaan paartii mormituu Yaa'iir Laappiid Netaaniyaahuun Gaazaa guutummaatti toa'chuuf yaada dhiyeessuun ''waraana biraafi namoonni butaman dabalataa akka du'an,'' yaada dhiyeessuu dha jedhan.

    Yaada X irratti kennaniin ''qarshii kaffaltoota gibiraa biiliyoona kurnaan lakkaa'amanii,'' qisaasuu dha.

    Israa'el yeroo ammaa kana daangaa Gaazaa harka %75 to'atti.

    Hamma ammaa magaalaa Gaazaafi kaampiiwwan gidduugala keessa jiraniifi lammiileen Filisxeem miiliyoona tokko tahan keessa jiran keesstti oppireeshinii hin geggeessine.

  7. Netaaniyaahuun Israa'el Gaazaa guutummaatti to'achuu akka barbaaddu himan

    Ministarri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu Israa'el Gaazaa guutummaatti to'achuuf kaayyoo qabdi jedhan. Kanas kan dubbatan kaabineen isaanii murtoo kana deeggaruufi dhiisuu irratti marii'achuuf walgahuun dura dha.

    Netaaniyaahuun kaayyoosaanii kana haasaa Fox News waliin taasisaniin ibsan.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Gaazaa keessatti to'annoo waraanaa guutummaa gochuun lammiilee siviilii Filisxeemiifis tahe namoota Israa'el Hamaasiin butamanii achi jiraniif ''balaa hamaa qaba,'' jedhe.

    Israa'elitti ambaasaaddarri UK tarkaanfiin kuni ''dogoggora guddaa taha'' jedhan.

    Miidiyaan Israa'el akka himetti Netaaniyaahuun karaan tokkichi ittii Hamaas dhabamsiisaniifi namoota butaman baasan kana jedhanii amanu.

    Gabaasaaleen garuu hogganaa waraanaa fi ministaroonni muraasni kaan kana ni mormu

  8. Jaappaanitti namni miiliyoonatti siqu du'uun isa dhalaturra caaluun yaaddoo tahe

    Jaappaanitti bara 2024 namni 900,000 du'uun biyyattiin bara 1968 uummata lakkaa'uu erga jalqabdee lakkoofsi kuni isa akkaan hir'isuu lakkoofsa uummataa agarsiise dha.

    Ministarri Mummee Jaappaan Shingeeruu Ishibaa rakkoo lakkoofsi uummataa namoota dulloomanii ''dhimma hatattamaa'' jechuun imaammata maatiif tahu, kan akka kunuunsa daa'immanii bilisaa fi yeroo hojii mijataa tahe kennuu fa'i diriirsuuf waadaa seenan.

    Haa tahu malee hamma ijoollee dhalatanii yeroo dheeraaf hir'isaa ture iddootti deebisuuf yaaluun dhiibbaa guddaa fidaa hin jiru.

    Odeeffannoon Roobii bahe akka agarsiisutti lakkoofsi lammiilee Jaappaan bara 2024 keessa 908,574'n hir'iseera.

    Bara darbe Jaappaanitti daa'imman 686,061 kan dhalatan yoo tahu, lakkoofsi kuni bara 1899 yeroo namoonni miiliyoona 1.6 du'uun booda isa xiqqaa dha. Kana jechuun daa'ima tokko dhalattuuf namoota lama caalantu du'a.

  9. Humni waraanaa Sudaan xiyyaara UAE meeshaa waraanaa feete barbadeessuu hime

    Humni waraanaa Sudaan xiyyaara UAE meeshaa waraanaa fe'uun Kolombiyaa irraa Kibba Lixa Daarfur buute barbadeessuu hime.

    Miidiyaan mootummaa Sudaan gabaasa kana yeroo baasu xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Nyaalaa jedhamutti barbadaa'e.

    BBC'n garuu gabaasa kana mirkaneessuuf jecha ragaalee barbaadus argachuu hin dandeenye.

    Suuraalee viiidyoo gabaasicha irratti bahan BBC'n xiinxaluuf hojjechaa ture.

    Nyaalaan magaalaa guddoo Kibba Daarfuridha. Magaala kana ammoo kan qabatee jiru humna dafee dhaqabaa Sudaan RFS jedhamanidha.

    Humni kun buufata xiyyaarichaa meeshaalee waraanaa ittiin galaafachuuf itti fayyadama jechuun himatama.

    Loltoota biyyoota biraa qacaree lolchiisaa jira himatni jedhu irratti ka'us ni haala RSF.

    UAE humnoota RSF gargaarti jedhamuun humni waraanaa Sudaan himachaa ture.

  10. Israa'el Libaanosiin dhuguma haleeltee?

    Humni Ittisaa Israa'el [IDF] ''Bu'uuraalee misoomaa Hezboollaa'' rukute jechuun BBC'f mirkaneesseera.

    Miidiyaaleen Israa'elii fi Libaanos akka gabaasaa turanitti, Israa'el Kibba Libaanos naannoo Ansaar, Nabaatii fi Maamudiyaa jedhaman haleelte.

    Viiidyoo naannoo haleellichaa irraa bahe adda baasuun ulfaataa ture. Viiidyoon sun qulqullina kan hin qabnee fi fageenya irraa kaafame waan taheef adda baasuun ulfaataa ture.

    Suuraaleen satalaayitii kaafaman ammoo naannoo ganda xiqqoo Deer Seriyaan jedhaman haleelamuu agarsiisa.

    Amma Humni Ittisaa Israa'el bu'uuraalee misoomaa Hezboollaa rukutuu hime.

  11. Narsiin 'sobaa' dhukkubsattoota 4000 yaaluun booda to'atamte

    Dubartiin Ameerikaa bulchiinsa Filooriidaa keessatti narsii galmooftee of fakkeessuun hojjechuusheen to'annoo jala oolte.

    Qondaaloti hospitaala AdventHealth waliigaltee Ootam Baardisaa sababa gahumsasheen addaan kutuu booda poolisiin qorannoo jalqabe.

    Dubartiin ganna 29 tajaajila fayyaa dhukkubsattoota 4,486 tahaniif bara Amajji 2024-2025 kenniteetti.

    Poolisiin kaawuntii Filaagleer Riikii Istaalii, ''waliin dhahuu hamaa qoranne keessaa isa nama jeequ dha,'' jedhan.

    Namni kuni ragaa hojiif barumsaa sobaa narsii biroo maqaa wal-fakkataa qabdu galfachuun qacaramuunshees himameera.

  12. MM Ce'umsaa Sudaani fi Pirezidaantiin Masirii Al-Siisiin nageenya irratti mari'atan

    Pirezidaantiin Masirii Abdel Fattaa al-Siisii fi MM Yeroo Ce'umsaa Sudaan Kamiil Idiriis yeroo jalqabaaf wal arguun mari'achuu miiidyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Masiriin walabummaa, tokkummaa fi nageenya Sudaan akka deeggartu ibsite.

    Sudaaniin deebisanii ijaaruu irrattis akkamiin akka wal tumsan mari'ataniiru.

    Ministirri muummee Masirii Musxafaa Maadboolii fi Kamiil Idiris dhimmoota faayidaa biyyaalessaa biyyoota lameenii irratti wal tumsuuf waliigalaniiru.

    Ebla 2023 irraa eegaluun Sudaan waraana walii waliinii humna waraanaa biyyattii fi Humnoota Dafee Dhaqabaa biyyattii gidduutti ka'een raafamaa turte.

    Caamsaa darbe humni waraanaa Sudaan magaalaa guddoo biyyattii to'annaa isaan ala ture deebisee qabateera.

    Waraanichi lubbuu namoota kumaatamaan galaafachuun miliyoonota qe'ee isaanii irraa buqqiseera.

    Sababa waraana kanaan biyya keessatti namoonni miliyoona 10 qe'ee isaanii irraa buqqa'uun yoo xiqqaate namoonni miliyoona 25 tahan ammoo hanqina midhaan nyaataa guddaaf saaxilamaniiru jedhe UN.

  13. Tiraampiifi Putiin guyyoota dhufanitti wal-arguuf

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp fi Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin guyyoota dhufanitti wal-arguuf tahuu waajirri mootummaa Raashiyaa Kireemliin beeksiseera.

    Tiraampis Raashiyaan kana beeksisuu dura gita isaanii Yukireeniifi Raashiyaa wajjin carraan itti wal-argan ''guddaan'' akka jiruufi waraana Yukireen dhaabuuf qaamaan mariin ademsifamu dhihootti akka jiru himanii ture.

    Tiraamp Raashiyaan Yukireen keessatti dhukaasa yoo dhaabuu didde qoqqobbiin jabaa irra kaa'uuf guyyaan kennaniifi Jimaata borii raawwata.

    Wal-argaan Tiraampiifi Putiin ergamaan addaa US Istiiv Wiitkoof Roobii darbe Pireezidantii Raashiyaa wal-arguun booda dhagahame.

    Wiitkoof kanaan dura al-afur Moskoo daawwataniiru. Daawwannaan isaanii jijjiirama guddaa fiduu baatus waan gaariin irraa argameera jedhama.

  14. Dhaabbanni Apple dhiibbaa Tiraamp booda doolaara biiliyoona 100 invast gochuuf

    Dhaabbanni teeknooloojii guddichi, dhiibbaa pirezidant Doonaald Tiraamp jala kan jiru Apple, US keessatti dbalataan invastimantii doolaara biiliyoona 100 (£75bn) guddisuuf karoorfateera.

    Waayit Haawus, maallaqni kun dhaabbileen US keessatti dabalataan kutaalee Apple akka hojjetan jajjabeessuuf kan oolu akka ta'eefi waadaa dhaabbatichi kanaan dura waggoota afur dhufan keessatti US keessatti doolaara biiliyoona 500 baasuuf gale irratti akka dabalu ibseera.

    Kunis kan ta'e erga Tiraamp jalqaba bara kanaarratti Apple maqaadhaan adda baasanii, yoo oomisha iPhone gara UStti kan hin ceesifne ta'e gibira oomisha isaaniirratti akka dabalu doorsisanii boodadha.

    Hojii Gaggeessaan Olaanaan Apple, Tiim kuuk torban darbe waadaa dhaabbatichi kanaan dura gale kaasuudhaan, dambalii gibira oomisha isaa rukutuuf qophaa'e hambisuudhaaf yaaluun ''caalaatti hojjechuuf'' akka jiran dubbataniiru.

    Sirna beeksisa Roobii darbe Waayit Haawusitti ifatti taasifame irratti, pirezidantichi akka qaama invastimantii kanaatti, wiirtuuwwan daataa haaraa guutuu biyyattii keessatti uumuu fi sarara oomishaa gilaasii ismaartii Harrisburg, Kentucky keessatti ijaaruun kan iPhone fi sa'aatii ismaartii keessatti fayyadamu dabalatee, Apple baasii dhiyeessii biyya keessaa isaa ''garmalee'' akka dabalu ibsaniiru.

    Tiraamp dhaabbatichi oomishasaa gara Ameerikaatti jijjiiruu isaatiif kan jajatan yoo ta'u, gibira %100 kan chippii fi semikondaaktaroota irra kaa'uuf karoorfate irraa akka dhiisu himaniiru.

    Karoora gibira haaraa kana ilaalchisee bal'inaan kan hin ibsine yoo ta'u, dhaabbileen biroos US keessatti invast yoo godhan haaluma walfakkaatuun gibira kana dhiisuu akka danda'an dubbataniiru.

    Tiraamp cinaa dhaabbachuun Obbo Kuuk, kan dhuunfaan koree eebba Tiraampiif doolaara miiliyoona tokko arjooman yoo ta'u, invastimantii biyya keessaa dhaabbatichi jalqaba doolaara biiliyoona 500n hojjete ''dursee bu'aa argamsiiseera'' jedhan.

    Maallaqni haaraan kun "Ameerikaa keessatti dhiibbilee murteessoo qaamolee oomishaalee Apple addunyaa guutuutti fayyadamaniif daran ni kakaasa" jedhan hoji gaggeessaan olaanaa kun.

  15. Gosoota nyaataa saddeet dhuufuu namatti baay'isan kana beektuu?

    Dhuufuun waanuma baramedha. Namni fayyaalessi tokko guyyaatti si'a 5 hanga 15 dhuufa.

    Guyyaa tokko tokko gaaziin garaa nama guutuunis mallattoo fayyaati. Garuu isa si qaanessuu fi miira gaarii hin taane sitti dhagahamu yoo dagatta taheef.

    Sababni isaa gosoonni nyaataa akka dhuufuun nama qabu godhan fayyaa onneef gaarii kan tahanii fi nyaata faayiberii of keessaa qabanidha. Gosoota nyaataa faayiberii kanneen garaachi keneya daakuu hin danda'u.

    Garuu baakteeriyaan qooqnqoo keenya keessaa isaan daakuu danda'a.

    Gosoota nyaataa kam fa'itu akka dhuufuun nama qabu godha? Nyaatonni dhuufuu namaa akka malee ajjeessani hoo isaan kam fa'aadha? Dabalataan karaa kanaan seenuu dandeessu.

  16. Daandiin Xiyyaaraa Yunaayitid 'dhimma teeknooloojiitiin' balalii guutuu US dhaabe

    Daandiin Xiyyaaraa Yunaayitid ''dhimma teeknooloojiitiin'' wal qabatee buufataalee xiyyaaraa gurguddoo guutuu Ameerikaa keessatti balaliinsa dhaabe jedha dhaabbatichi.

    Balaliisiiwwan sarara guddaa dhaabbatichaa buufata xiyyaaraa irraa ka'aniitti akka dhaabbatan kan murtaa'e yoo ta'u, kunis Chikaagoo, Deenver, Hiyustaan, Saan Firaansiiskoo fi Niiw Jeersii dabalatee buufataalee xiyyaaraa irratti rakkoo uumuun isaa marsariitiin Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa ni mul'isa.

    ''Dhimma kana keessa waan hojjennuuf galgala kana harkifannaa balalii dabalataa ni eeganna,'' jechuun Yunaayitid michuu BBC Ameerikaa Ameerikaa CBS News'tti himeera.

    "Nageenyi hojii keenya dhimma olaanaa yoo ta'u, maamiltoota keenya waliin ta'uun bakka itti imalan isaan geessuuf ni hojjenna," jedha dhaabbatichi.

    BBC'n Daandii Qilleensaa Yunaayitid irraa yaada argachuuf qunnamee jira.

    Xiyyaarroonni ammaan tatan balaliinsa isaanii eegaluun qilleensarra jiru gara bakka itti imlaniitti akka itti fufan dhaabbatichi CBS News'tti himeera.

    Itti dabaluudhaanis, balaliin naannoo tarkaanfii kanaan dhiibbaan irra kan hingeenye yoo ta'u, garuu sababa baayyiina tiraafika buufataalee lafa irra qubatanitiin harkifannaan jiraachu akka danda'u ibseera.

    Balaliinsiiwwan Yunaayitid 700 ol hanga sa'aatii 21:00 EDT (2:00 BST)tti harkifachuu isaa marsariitiin hordoffiin balaliinsa FlightAware ibseera.

  17. Tooftaa icciitii Hamaas miindaa kaffaluuf fayyadamuufi balaa hamaa qabu

    Waraana waggaa lamatti siqu booda humni waraanaa Hamaas laafeera, bulchiinsi siyaasaa isaas dhiibbaa guddaa jala galeera.

    Kanas ta'ee Hamaas waggoota waraanni gaggeeffamaa jiru kana keessa tooftaa dhoksaa ittiin maallaqa hojjettoota mootummaaf kaffalu qaba.

    Hojjettoota mootummaa (siivil sarvaantota) kuma 30 ta'aniif walumaagalatti mindaa doolaara miiliyoona 7 ta'u harkatti kaffaleeraaf.

    BBCn siivil sarvaantota sadi kanneen torbee darbe keessa iccitiidhaan tokkoon tokkoon isaanii mindaa isaanii doolaara 300 fudhatan dubbiseera.

    Hojjettoonni kunneen hojjettoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen mindaa waraana dura argataa turan irraa dhibbeentaa 20 qofa argataa jiran keessaati. Guutummaa odeessa kanaa karaa kanaan ni argattu.

  18. Namichi lammii Biriteen haadha manaa ilmasaa bishaaniin ukkaamsee ajjeesuuf yaaluun himatame

    Namichi lammii Biriteen tokko haadha manaa ilmasaa poolii bishaan daakuu Filooriidaa keessatti bishaaniin ukkaamsuun ajjeessuuf yaale jedhamuun yaalii ajjeechaatiin himatame.

    Shakkamaan maqaansaa Maark Giboon jedhamuuf kan umuriinsaa waggaa 62, maatiisaa waliin Riizoortii Solteraa Daavenpoort, kan naannoo 'Walt Disney World Resort' maatii waliin bashannanna irra osoo jiruu, waldhabdee ilmaan ilmaansaa ykn mucaa akkoo isaaf ta'u irratti uumame jedha kutaan Poolisii Kaawuntii Polk.

    Obbo Giboon, dubartii haadha manaa ilmasaa kan ganna 33 yeroo baayyee mataa ishee bishaan jalatti gadi dhiibuudhaan akka isheen hafuura hin baafanne dhorkuudhaan himatamu.

    Kanaanis yaaliin ajjeechaa sadarkaa lammaffaa fi yakka seeraan ala yeroo lama qabee reebuutiin himatame.

    Qondaalli Giraadii Juud ibsa kennaniin akka jedhanitti: "Kaawuntiin Polk daawwattoota addunyaa mara irraa hawwachuunsaa waan guddaadha, garuu ammoo namoonni boqonnaaf dhufan yeroo nu waliin daawwatan amala gaarii akka qabaatan ni eeganna. Akkuma jiraattonni keenya umurii guutuutti akkasuma akka godhan eegnu."

    "Sababii Obbo Giboon aarii isaanii to'achuu hin dandeenyeef, kan tilmaame caalaa yeroo baay'ee Filooriidaatti dabarsuu danda'a."

  19. Hundeeffama Israa'el dura Yihuudonni eessa turan?

    Guyyaa dhaloota biyya Israa'el ture. Filisxeemonni garuu jalqabbiin waraanaa labsamedha jedhanii amanu.

    Ergasii waraanni fi hookkarri naannawa kanarraa fagaatee hin beeku. Israa'el biyyoota ollaa waliin nagaadhaan jiraattee hin beektu.

    Waggoota kurna saddeetitti siqu booda har'a warri Yihuudotaa biyya jabduu addunyaarratti humna qabdu ijaarratanii jiru. Filisxeem garuu ammallee biyya hin taane.

    Garuu Israa'el akkamiin hundoofte? Sanaan dura Yihuudonni eessa turan?

    Barreeffama kana keessatti gaaffii kanaaf deebii ni argattu. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenaa.

  20. Tamsaasa har'aatiin deebiineera!

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan guyyaa Kamisaa kan odeessaalee ijoo addunyaa fi biyya keessaa gagabaabsiinee ittiin isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo Facebook keenya, marsariitii keenya, ykn WhatsApp keenya akkasumas YouTube keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Lafa nagaa oolaa!