Tiraamp Ministeera Ittisaa biyyattii Ministeera Waraanaa jechuun moggaasuuf

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu Ministeerri Ittisaa akka Ministeera Waraanaa jedhamuun akka waamamuuf Jimaata dhufu qajeelfama ni mallatteessa.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 6.0 Afgaanistaanitti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uun hin hafne
  • Dubbi himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaa keessatti ajjeefamuu Israa'el himte
  • Waraanni Gaazaa yeroo gabaabaa keessatti xumura argata- Tiraamp
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.
  • 'Wanti Netaaniyaahuun sodaatu tokko, innis dhiibbaa ummataati'-Haadha namni jalaa butame
  • Iraan jibba Yihudootaa babal'isaa jirti jechuun Awustiraaliyaan ambasaaddara Iraan ariite

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afgaanitti namoonni balaa kirkira lafaatiin du'an 800 ol gahuun ibsame

    Daa'ima miidhaan qaamaa irra gahuun wallaansamaa jirti

    Madda suuraa, EPA

    Baayyinni lakkoofsa namoota balaa kirkira lafaa Afgaaniistaanitti qaqqabeen lubbuu dhaban 800 ol darbuun ibsame

    Balaa kirkira lafaa cimaa halkan wallakkeessa Dilbataa baha Afgaanistaan ​​keessatti mudateen namoonni 800 ol du'uu fi kanneen gara 3,000 ta'an ammoo madaa'uu isaanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, dhaabbanni gargaarsa namoomaa beeksiseera.

    Kirkirri lafaa mudate kunis kan humna 6.0 qabu akka ture dhaabbatichi dabaluun ibseera.

    Balaan du'aa kun irra caalaan isaa bulchiinsa Kunaar keessatti akka mudate qondaaltonni himuudhaan, gandoonni guutuun waan barbadaa'aniif, lakkoofsi namoota du'anii kana caalaa haalaan dabaluu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

    Giddu-galli balaa kanaatiis naannoo gaarreen fagoo sababii ta;eefuu, hojiin lubbuu baraarsaa gaggeessuuf baayyee rakkiisaa taasisuu isaa himameera.

    Qondaalli Taalibaan tokko, ''Hanga gaaga'ama kanaa kan hin yaadamnedha,'' jechuun ibsaniiru.

    Balaan kunis kan mudate yeroo biyyattiin ​​gogiinsa hamaa, hir'achuu gargaarsa namoomaa kan Dhabbanni Sagantaan Nyaata Addunyaa rakkoo beela kanaan dura mudatee hin beekne jechuun ibseen wayita raafamaa jirtuuttiidha.

  2. Kiim Joong Uun imala baaburaa sa'aa 24 fudhatuun gara Chaayinaa qajeele

    Kiim Joong Uun

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun Beejiingitti agarsiisa waraanaa Chaayinaarratti argamuuf baabura eegumsaa cimaa qabu koruusaa miidiyaaleen gabaasan.

    Imalli Kiim yaadannoo guyyaa injifannoo Chaayinaa Roobii dhufu gaggeefamu irratti michootasaa dhiyoo Vilaadmiir Putiiniifi Shii Jiinpiing waliin mul'achuufi. Kunis michootasaa baayyee waliin bakka tokkotti yeroo mul'atu yeroo dheeraa booda kan jalqabaa ta'uusaati.

    Baaburri gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa kore kun egumsa waraanaa cimaa sababa qabuuf suuta imala. Baaburichi ristoraantii of keessaa qaba. Chaayinaa galuufis sa'aatii 24 itti fudhata. Piyoongiyaangirraa daangaan inni dhiyoon Chaayinaa gara km850 fagaata.

    Kiim erga bara 1959 as hoggana Kooriyaa Kaabaa guyyaa injifannoo Chaayinaarratti argamu ta'a.

    Guyyaa injifannoo kanarratti dureewwan biyyoota akka Miyaanmaar, Iraan fi Kuubaa dabalatee kan biyyoota 26 ni argamu jedhamee eegama.

  3. Gaggeessitoota Huutii haleellaa Israa'eliin ajjeefaman sirni awwaalchasaanii gaggeeffame

    Ahmed Ghaleb Nasser al-Rahawi

    Madda suuraa, Reuters

    Ministiira Muummee Huutii dabalatee sirni awwaalcha ministiirotaafi qondaalota olaanoo 12 haleellaa Israa'eliin ajjeefamanii har'a magaalaa guddoo Yaman Sana'aa keessatti gaggeeffame.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman masjiida guddaa magaalaa Sanaa'aatti argamuun sirna awwaalchaa qondaalota garichaa irratti hirmaachuu Rooyotarsi gabaase.

    Torbee darbe Ministiirri Muummee Huutifi ministiironni akkasumas namoonni heddu bakka tokkotti walitti qabamuun haasaa pirezidaantiin garichaa Abdul Malik al-Huutii taasisaa ture karaa TVn osoo hordofaa jiranii Israa'el haleellaa irratti gaggeessuun hedduusaanii ajjeeste.

    Huutinis haleellaa Israa'el gaggeessiteen Ministiirri Muummee Ahmad Ghaleb al-Rahwiifi ministiironni heddu jalaa ajjeefamuu Sambata darbe ifa gochuun gumaasaanii akka baasu dhaadatee ture.

    Har'a ammoo maagaalaa sanaa'aatti qondaalota jalaa ajjeefaman kanaaf sirna awwaalchaa taasisee jira Huutiin.

  4. Liiverpuul jijjiirraa Geeyirratti Paalaas waliin waliigalteerra gahe

    Maak Guuhi

    Madda suuraa, Getty Images

    Guyyaa dhumaa jijjiirra taphattootaarratti gatii riiikardii piuriimiyeer Liigii Ingiliz ta'e paawundii miliyona 125n jifataa Niiwkaasil Alexaander Isaakiin fudhachuun kan gabaafamee Liiverpuul, ittisa Kiristaal Paalaasiis mallatteessifachuuf waliigalteerra gahuun dhagaahameera.

    Dursaan taphatootaa Paalaas Maark Geeyi dursee Liiverpuuliif tole kan jedhe yoo ta'u, kilabnisaas imala isaaf mallaaqa Liiverpuul dhiyeesse fudhateera.

    Guyyaa dhumaa kanatti hanga ammaa eenyufatu garamitti godanuun mirkanaa'e?

    • Astoonviilaan Jeedan Saanchoo Yunaayitiid irraa, Haarvee Eeliyoot ammoo Liiverpuulirraa ergisaan argateera.
    • Baayer Muuniik jifataa Cheelsii Nikolaas Jaaksaniin ergisaan argateera. Bittaadhaaf ammoo hangi irraa eegamu ifa godhameera.
    • Totenhaam Hootispeer jifataa PSG Raandaal Kooloo Maawunii ergisaan fudhachunis mirkanaa'eera.
    • Inter Miilaan ittisa Maanchister Siitii Imaanu'eel Akaanjii ergisaan argachuuniis ifoomee jira.
    • Taphataan Arsenaal Rees Neelson ergisaan gara Bireentrifoord godaaneera.
  5. Raashiyaan sirna GPS xiyyaara pirezidantii Komishinii EU jaam gochuun shakkamte

    Ursaal voon der leyeen

    Madda suuraa, Getty Images

    Komishiniin Gamtaa Awurooppaa xiyyaarri pirezidantii gamtichaa Ursaal voon der leyeeniin baate sirni to'annoo imalaasaa warra Raashiyaatiin jaam godhameera jechuun shakkii qabu ibse.

    Dubbii himtuun komishinichaa pirezidantittiin Dilbata darbe Kibba Bugaariyaa wayita qubatan ''GPSn jaam godhamus nagaan qubataniiru jedhan.

    ''Aanga'oota Bulgaariyaarraa odeffannoo arganneen dhimma kana keessa Raashiyaan ta'e jettee harka galfachuu akka hin oolle shakkuusaanii dhageenyeerra.''

    Financial Times maddasaa tokko waabeffachuun akka gaabasetti balaliisaan xiyyaarichaa maappii waraqaarratti qophaaye fayyadamee qubate jedheera.

    Gamtichi ibsa baaseen ''doorsifniifi muddamni Raashiyaarraa dhufu barataamadha'' jedha.

    Ammoo humna ittisaa naannichaa jabeessuufi Yukireeniin hirphuu akka itti fufu dabalee ibseera.

    Mootummaan Bulgaariyaa ibsa baaseen wayita balaliirra jiru siignaaliin saatalaayitii GPS xiyyaaraaf odeeffannoo dabarsu guutummaatti dhabamsiifameera'' jedhe.

    Nageenya xiyyaarichaa mirkaneessuuf ogeeyyiin to'annoo mala biraa xiyyaarri rakkoo malee akka qubatu gargaaru qoodaniiru.

  6. Naayijeeriyaatti dubartiin "Nabiyyuu Mohaammad arrabiste" jedhamte abiddaan gubamtee ajjeefamte

    Asxaa poolisii Naayijeeriyaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Dubartiin "Nabiyyuu Mohaammada aribsite" jedhamte Nayijeeriyaatti namoonni hooman itti yaa'anii abiddaan gubuun ajjeefamte.

    Poolisiin biyyattii ajjeechaa kana balaaleffachuun namoonni jumlaan itti yaa'anii abiddaan gubuu mirkaneesse.

    Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti, dubartiin ajjeefamte kun karaarratti wantoota garaa gurguruun kan of jiraachistudha.

    Ajjeechaasheef ammoo sababa kan ta'e ammoo namichi wayii qoosadhaaf "sin fuudha" jedhee gaaffii dhiyyissinaafin deebin isheen deebiste dheekkamsa kaasuutu himame.

    Namoota ijaan argan waabeffachuun miidiyaaleen akka gabaasanitti, deebi isheen namicha sin fuudha jedhee gaafateef deebiste namoonni tokko tokko "akka arrabsoo amantaatti" fudhachuun tarkaanfii irratti fudhatan.

    "Akka carraa ta'ee, [dubbiinshee] gara hokkaraatti jijjiiramee osoo poolisiin humna dabalataa hin qaqqabin namoonni hokkara kaasuun hoomadhaan itti yaa'anii abidda itti qabsiisun ajjeesan," jedhe poolisiin ibsa kenneen.

    Kanneen ajjeechaa kana raawwatan seeratti dhiyeessuf akka hojjatu akkasuma ajjeechaa kana ilaachisee qorannoo gaggeessuu eegaluus ibse poolisiin.

    Naayijeeriyaa keessatti sababa arrabsoo amantaa jedhuun tarkaanfii jumlaa namarratti fudhachuun kun kan jalqabaa miti.

    Waggoota sadan darban keessa namoonni lama himannaa wal-fakkaatadhaan ajjeefamaniiru.

    Bara 2022 keessa barattuun Dibooraa Saamu'eel jedhamtu amantaa arrabiste jedhamuun bulchiinsa Sokooto keessatti erga reebamtee booda jiraatti abiddaan gubamtee ajjeefamte.

    Heerri Naayijeeriyaa namni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kan hayyamu ta'us, biyyattii keessatti ammayyuu dhimma amantaafi haqaarratti hawaasa gidduutti ilaalcha garaa garaatu jira.

    Namni arrabsoon shakkame kamiyyuu haqa jumlaan osoo hin taane, dhimmichi mana murtii qofaan akka ilaalamu Manni Murtii Olaanaa Naayijeeriyaa bara darbe ajaja kennee ture.

  7. Godina Geediyootti balaa sigiga lafaa lamaan namootni hedduun lubbuu dhaban

    Maatii miidhamtootaa

    Madda suuraa, Gedeo Zone Government Communication

    Balaa sigiga lafaa lama Godiina Geediyootti mudateen namoonni 26 du'uu bulchaan godiinichaa Obbo Zinaabuu Waldee BBCtti himan.

    Hanga ammaa reeffi namoota 15 kan hin argamne ta'uuufi sodaa sigigni lafaa kan biraan mudachuu mala jedhuun barbaachi reeffa namootaa adda cituu himaniiru.

    Balaan kun torban darbe guyyaa Roobii ganama aanaalee adda addaa lama Roophee fi Bulee keessatti mudate.

    Akka bulchaan godinichaa jedhanitti aanaa Roophee keessatti Kibxata darbe halkan sa'aa torbatti balaan kun qaqqabe.

    Balaa kanaan miseensa maatii tokkoo kan ta'an namoota torba dabalatee lubbuun namoota sagalii darbeera.

    Balaan kun qaqqabuu dura guyyoota lamaaf bokkaa jabaan roobaa akka turellee himaniiru.

    Roobii ammoo aanaa ollaa Bulee jedhamu keessatti sigigni biraan mudachuu Dr Zinaabuun dubbataniiru.

    Balaa isa lammataa kanaan namootni du'an 17 haata'aniyyyuu malee kan reeffi isaanii argame namoota lama qofa ta'uu ibsaniiru.

    Biyyoon sigigaatee dhufe amallee naannichatti sochii uumaa waan jiruuf, sochiin uummata yoo baayyate ammallee deebi'ee mudachuuf hireen jira'' jehcuun barbaach akka dhaabatu godhamuu ibsaniiru.

  8. Waraana Yukireenitti xumura gochuuf Tiraamp wajjin wal-hubannoorra geenyerra'- Tiraamp

    Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waraana Yukireenitti xumura gochuuf Tiraamp wajjin "wal-hubannoorra geenyerra" jedhe.

    Haa ta'u garuu pirezidaantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii wajjin qaamaan wal-arganii mariyachuuf qophii ta'uufi dhiisuu ilaalchisee homaa hin dubbanne.

    Marii torbanootan dura Alaaskaatti Tiraamp waliin gaggeessan ilaalchisee akka dubbatetti, waraanicha dhaabuuf Tiraamp waliin wal-hubannoorra gahuu ibsuus, Yukireen weeraruunsaa sirrii akka ture dubbate.

    Waraanichi akka eegaluuf sababni biyyoota Lixaa ta'uus isbe.

    Marii Tiraamp fi Puutin booda Yukireenif wabiin nageenyaa jiraachuu akka qabu yaada dhiyaaterrattis Puutiin waliifgaluu ergamaan addaa US Istiiv Wiitkoof dubbatan.

    Puutiin waa'ee waraana Yukireen dhaabuu ilaalchisee yaada kenneen, marii Tiraamp waliin taasise booda Yukireen keessatti nagaan akka bu'u abdiin jiraachuu isbe.

  9. Dubbii himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaatti ajjeefame - Israa'el

    Dubbii himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaatti ajjeefame - Israa'el

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Dubbi himaa waraana Hamaas Abuu Obeeyidaa haleellaa qilleensaa raawwatteen Gaazaa keessatti ajjeesuu Israa'el ibsite.

    Ministarri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatiz ''tarkaanfii mudaa hin qabne'' geggeessaniif ministeera ittisaafi bakka bu'aa nageenyaa Shiin Beet galateeffataniiru.

    Hamaas du'a dubbiihimaa kanaa hin mirkaneessine. Gareen hidhataa Filisxeem haleellaa qilleensaa naannoo manneen jireenyaatti raawwatteen namooti nagaa ajjeefamuufi madaa'uu hime.

    Gaazexeessitoonni Gaazaa irraa gabaasan akka jedhanitti haleellaa ollaa namni itti baay'atu al-Rimaal keessatti raawwate kanaan yoo xiqqaate namoonni saddeet yoo ajjeefaman kanneen 20 tahan ammoo madaa'aniiru.

    Haleellaan Sambata raawwate otooma haleellaan qilleensaa magaala Gaazaa adeemsifamuuti. Dabalata odeessa kanaa dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  10. Bulchiinsi Tiraamp gaazexeessitoota VOA 500 ta'an ari'uu eegale

    Asxaa VOA

    Madda suuraa, Getty Images

    Tarkaanfiin jaarmiyaa baajata mootummaatiin socho'u irratti eegalame kun karoora Prezidant Tiraamp deeggarsa adda kutuuf qabatan keessatti argama. Miidiyicha Waayit Haawus ''kan fiixeetti ba'e'' jechuun himateera.

    Miidiyaan kun jaarmiyaa Agency for Global Media (USAGM) jedhamu jalatti bula. Hojjettoota Ejensiin kun qabu keessaa garri caalu kan VOAti.

    Hooggantuun ejensichaa Kari Lake murteen kun ''hojimaata federaalaa salphaa taasisa, hojii ejensichaa fooyyessa, akkasumas lammiileen Ameerikaa maallaqa ifaajanii argatan akka qusatan taassisa,'' jechuun akka deeggaran ibsan.

    Yuuniyeniin hojjettoota bakka bu'e ammoo ibsa New York Times'f ergeen tarkaanfiin bulchiinsi Tiraamp fudhate kun seeraan ala jedhe.

    VOAn bara Waraana Addunyaa Lammaffaa holola Naazii dura dhaabbachuuf kan hundaa'e yoo ta'u, ergasii sadarkaa idiladdunyaatti babal'achuun miidiyaa beekamaa ta'e.

    Kari Lake Waxabajjii darbe hojjettoonni 639 ta'an akka ari'aman beeksisanii turan.

    Garuu takaanfiin sun dogoggora waan qabaatee argameef haqameera. Hojjettoonni gariin seeratti himachuun falmachaa turan.

    Tarkaanfiin kun erga manni murtii biyyattii bulchiinsi Tiraamp daarektara VOA Mikeel Abraamoowiz ari'uuf tarkaanfiin fudhate bu'uura seeraa akka hin qabne ibsee booda fudhatame.

    Abbaan seeraa akka ibsetti hooggantuun ejensichaa Kari Lake seeratti duratti dhihaachuun gaafatamuuf jiru.

    Erga Bitootessa darbe mootummaan VOA cufuu labdee as gaazexeessitoonni hedduun hojiirra hin jiran. Garii maqaa boqonnaa jedhuun hojiirraa gaggeeffamaniiru.

    Garuu gaazexeessitoonni Afaan Farsi wayita waraanni Israa'el fi Iraan gidduutti eegaletti waamamuun akka gabaasan ajajamaniiru.

    VOAn afaanota 50 ta'aniin karaa TV, raadiyoo fi dijitaalaa qabiyyee isaa tammsaasa ture.

  11. Helikoptaroonni namoota kirkira lafaatiin adda bahan baraaraa jiru

    Mootummaan Taalibaan hawaasawwan kirkira lafaatiin miidhaman bira qaqabuuf helikoptarootaan fayyadamaa jira.

    Eddoowwan balaan kirkira lafaa itti mudate kan haala salphaatti qaqabuuf baayyee rakkiisaa ta'aniif gaarreeniin kan guutamaniidha.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Namoota balaa kirkira lafaan miidhaman
  12. UKn maaliif imbaasii ishee Kaayiroo jiru cufte?

    Imbaasii UK Kaayiroo keessaa

    Madda suuraa, UK embassy

    Mootummaan UK imbasii Masirii, magaalaa Kaayiroo jiru yeroof akka cufe beeksiseera. Kunis taatee imbasii Masirii magaalaa Landan fuulduratti mudate hordofeeti.

    Hiriira magaalaa Landan, imbasii Masirii ture irratti namni deeggaraa mootummaa Masirii ta'e erga hidhamee booda muddamni dippiloomaasii biyyoota lameen gidduutti uumameera.

    Ukn kanaaf deebii kennuuf jecha imbasii ishee Kaayiroo jiru cufuu beeksiste.

    Imbasii Masirii magaalaa Landanitti argamutti hirirrtota dura goruun danqeera jedhamuun rogeessi mootummaa Masirii cimsee deeggaru Abdelqaadir yeroof hidhamee ture.

    Burjaajii dippiloomaasii uumame kanaan walqabatee aanga'oonni Masirii gamoo imabsii UK magaalaa Kaayirootti argamu fuuldura kellaa eegumsaaf kaa'ame diiganiiru.

    Guutummaa odeessa kanaa karaa kanaatiin seentanii argachuu dandeessu.

  13. Shakkamaan nama siyaasaa Yukireen Andrii Paarubii rasaasaan ajjeesee to'atamuu Yukireen ibsite

    Shakkamaan nama siyaasaa beekamaa Yukireen Andrii Parubii ajjeessee to'atame

    Madda suuraa, Getty Images

    Shakkamaan nama siyaasaa beekamaa Yukireen Andrii Parubii irratti dhukaasuun ajjeechaa raawwate to'annoo jala ooluu pirezdantiin biyyattii Volodymiir Zeleniskiin beeksiisan.

    Miseensi paarlaamaa kan umuriinsaanii ganna 54 ture guyyaa Sambataa darbe ture kan magaalaa lixa Lviv keessatti nama ergamaa of fakkeessuun haleellaa raawwateen ajjeefamee, adamsi nama ajjeechaa raawwatee akka cimu taasifame.

    Ministirri biyya keessaa Yukireen Igoor Kilimeenko ibsa Wiixata ganama keessa baaseen, shakkamaan kun naannoo lixa Khmelnytskyi keessatti to'annoo jala ooleera jedhan.

    Paarubii mormii ummataa Yukireen 'Euromaidan' jedhamu irratti beekkamtii olaanaa kan argate yoo ta'u, sochiichis Yukireen duula Gamtaa Awurooppaa waliin hariiroo cimaa akka qabaatu kan deegaruufi bara 2014tti pirezidantii Yukireen duraanii Raashiyaa deggeru Viktor Yanukovych aangoorraa kaaseera.

    Klymenko akka jedhanitti, qorannoon dursaa ajjeechaan kun sagantaa imala fi daandii Paarubii kaartaan kaa'amuun, akkasumas karoora miliquu ''of eeggannoodhaan qophaa'ee'' kan raawwatme akka ture adda baaseera.

    Itti dabaluunis, humni poolisii biyyoolessaa Yukireen boodarra ibsa dabalataa akka kennu dubbataniiru.

    Zeleniskiin barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodaniin, abbaa alangaa olaanaa Ruslaan Kravchenko waliin haasa'uu isaanii ibsuun, shakkamaan kunis ragaa jalqabaa akka kenne himan.

    Itti dabaluudhaanis, ''yeroo ammaa haala ajjeechaa kanaa hunda mirkaneessuuf tarkaanfiin qorannoo hatattamaa fudhatamaa jira,'' jechuun, qaamolee seera kabachiisan fi abbootiin alangaa ''sa'aatii guutuu hojjechuu'' isaaniif galateeffataniiru.

  14. 'Ammalleen qaamni Hidha Abbayyaa irratti mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate Itoophiyaan karrishee banaadha': Dr Haabtaamu Ittafaa

    Dr Haabtaamuu Ittafaa

    Madda suuraa, AMENSISA IFA/BBC

    Itoophiyaan ijaarsa Hidha Guddicha Haaroomsaa xumuriidhaan Fulbaana 9, 2025 eebbisiisuuf qophiitti jiraachuu beeksiisuun ishee ni yaadatama.

    Ijaarsa hidha kanaatiifi haala bishaan itti guutamun wal qabates keessattuu bishaan Abbayyaa qofaatti fayydamaa kan turte Masriin Itoophiyaa waliin falmii keessa galtee turuun ni yaadatama.

    Waggoota darban keessa Sudaan dabalatee Itoophiyaafi Masriin dhimma kanarratti marii taasisaa turan illeen osoo waliigalte irra hin gahiin hidhichi marsaa shan bishaan guutamuun ijaarsi isaa xumuramee ebbaaf qophiitti jira.

    Masriin Itoophiyaan dhimma hidha kanaarratti akka waliigaltee ittigaafatamummaa qabu (binding) mallatteessitu irra deddebiin gaafattulleen, Itoophiyaan kana hin fudhanne.

    Itoophiyaan ijaarsa hidha kanaa xumurtulleen ammalleen mariidhaaf karrishee banaa ta'u Ministirri Bishaaniifi Inarjii, Dr Haabtaamu Ittafaa BBCtti himaniiru. Guutummaa odeessa kanaa asiin seenuun dubbiifachuu dandeessu.

  15. Balaa kirkira lafaa Afgaanistaan mudateen namoota 600 kan lakkaa'aman du'uu qondaalonni himan

    Lubbuu baraartonni namoota miidhaman gara hospitaalaatti wayita geessan

    Madda suuraa, Taliban Government

    Kirikirri lafaa kun magniitiyuudii 6.0 yoo ta'u, lafa jala kiilomeetira 10 irraa eegale. Kanaanis magaalaa Kaabul irraa hanga Islaamaabaaditti lafti socho'uun balaa guddaa qaqqabsiiseen namoonni 600 ta'an lubbuu dhabuun ibsame.

    Bakki balaan kun itti mudatee fi miidhaa guddaa qaqqabsiise gaarreeniin kan marfame waan ta'eef kominikeeshiniin baayyee rakkaisaadha. Kanaaf miidhaa qaqqabee fi lakkoofsa namoota du'anii sirriitti adda baasuun ulfaataa ta'ulleen ammatti 600 gahuun himame.

    Qondaalonni garuu namoonni lubbuu dhabanii kana caaluu akka hin oolle ibsan.

    Balaan kirkira lafaa kun magaalaa Kaabul irraa kiilomeetira 140 irratti mudate. Bakka balaan kun itti mudatetti manneen hedduun barbadaa'aniiru jedhan qondaalonni.

    Qondaalonni mootummaa Taalibaaniin durfamuu gargaarsa idiladdunyaa gaafataa jiru.

  16. Tamsaasa kallattii torban kanaa eegalle!

    Ashamaa horodtoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Gabaasa keenya tamsaasa kallattii guyyaa Wiixataa kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf karaa marsariitii, WhatsApp, Facebook keenya fi YouTube keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Odeessaalee tamsaasa kallattii keenya duraanii keessatti dabarsaa turre asii argattu.

    Nu faana turaa