Afgaanitti namoonni balaa kirkira lafaatiin du'an 800 ol gahuun ibsame
Baayyinni lakkoofsa namoota balaa kirkira lafaa Afgaaniistaanitti qaqqabeen lubbuu dhaban 800 ol darbuun ibsame
Balaa kirkira lafaa cimaa halkan wallakkeessa Dilbataa baha Afgaanistaan keessatti mudateen namoonni 800 ol du'uu fi kanneen gara 3,000 ta'an ammoo madaa'uu isaanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, dhaabbanni gargaarsa namoomaa beeksiseera.
Kirkirri lafaa mudate kunis kan humna 6.0 qabu akka ture dhaabbatichi dabaluun ibseera.
Balaan du'aa kun irra caalaan isaa bulchiinsa Kunaar keessatti akka mudate qondaaltonni himuudhaan, gandoonni guutuun waan barbadaa'aniif, lakkoofsi namoota du'anii kana caalaa haalaan dabaluu akka danda'u akeekkachiisaniiru.
Giddu-galli balaa kanaatiis naannoo gaarreen fagoo sababii ta;eefuu, hojiin lubbuu baraarsaa gaggeessuuf baayyee rakkiisaa taasisuu isaa himameera.
Qondaalli Taalibaan tokko, ''Hanga gaaga'ama kanaa kan hin yaadamnedha,'' jechuun ibsaniiru.
Balaan kunis kan mudate yeroo biyyattiin gogiinsa hamaa, hir'achuu gargaarsa namoomaa kan Dhabbanni Sagantaan Nyaata Addunyaa rakkoo beela kanaan dura mudatee hin beekne jechuun ibseen wayita raafamaa jirtuuttiidha.