UKn maaliif imbaasii ishee Kaayiroo jiru cufte?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Mootummaan UK imbasii Masirii, magaalaa Kaayiroo jiru yeroof akka cufe beeksiseera. Kunis taatee imbasii Masirii magaalaa Landan fuulduratti mudate hordofeeti.

Hiriira magaalaa Landan, imbasii Masirii ture irratti namni deeggaraa mootummaa Masirii ta'e erga hidhamee booda muddamni dippiloomaasii biyyoota lameen gidduutti uumameera.

Ukn kanaaf deebii kennuuf jecha imbasii ishee Kaayiroo jiru cufuu beeksiste.

Imbasii Masirii magaalaa Landanitti argamutti hirirrtota dura goruun danqeera jedhamuun rogeessi mootummaa Masirii cimsee deeggaru Abdelqaadir yeroof hidhamee ture.

Burjaajii dippiloomaasii uumame kanaan walqabatee aanga'oonni Masirii gamoo imabsii UK magaalaa Kaayirootti argamu fuuldura kellaa eegumsaaf kaa'ame diiganiiru.

Kun ammoo akka mootummaan UK hatattamaan imbaasicha cufu taasise.

Ministirri dhimma alaa UK ''hanga jijjiiramoota haaraa uumaman kunneen irratti qorannoon taasifamee gar tokkotti ba'utti'' imbasiin isaanii magaalaa Kaayiroo bakka Gaardan Siitii jedhamutti argamu cufamee akka turu ibseera.

Garuu hojiin imbaasichaa akka itti fufu ibse.

Gaazaan weeraramuu ilaalchisee hiriira imbasii Masirii magaalaa Landanitti argamutti gaggeeffamerratti deebii mootummaan UK kenneen walqabatee Masiriin balaaleffachuun deebii akka kennitu waamichi heddummaatee ture.

Ministirri dhimma alaa Masirii Badir Abdellaaxii torbee darbe keessa gorsaa nageenyaa biyyaalessaa UK Joonaataan Powel akka hidhaa mudaterratti ibsa ga'aa kennaniif gaafataa turuun gabaafameera.

Aanga'aan Masirii kun duraan biyyisaanii, Masiriin, ''biyya akkaataa waliigaltee Viyeenaatiin Imbasiiwwan Masiriif eegumsa barbaachisu gochuu hin dandeenyeef deebii madaalawaa kennuuf mirga qabdi,'' jedhanii turan.

Hidhamuun rogeessa deeggaraa Masirii ta'e kanaa Msirii keessattis dheekkamsa guddaa kaaseera.

Kana hordofee dureewwan siyaasaa Masirii mootummaan biyyasaanii kellaa eegumsaa imbasii UK magaalaa Kaayirootti argamu fuuldura jiru akka kaasu dhiibbaa uumaa turan.

BBCn akka hubatetti mootummaan UK akkaataa nageenya imabsii Kaayirootti argamuu fi hojjettoota isaa mirkaneessuun danda'amurratti mootummaa Masirii waliin dubbataa jira.

Waajjirri ministeera dhimma alaa UK namoota gara Masirii imalan gargaarsa akka argataniif lakkoofsa bilbilaa marsariitii irra kaa'eera.

Marsariitii imala gara Masirii irratti gorsa kennu irratti gara Kaayiroo imaluu kan akeekkachiise hin jiru, garuu kutaalee Masirii muraasatti imaluu ilaalchisee gorsa kenneera.

Kellaawwan nageenyaa akkaan jajjaboo ta'an imbaasiiwwan UK fi US Kaayirootti argaman marsanii waggootaaf turaniiru.

Namoonni gariin kun daandii naannawa sana jiru cufuun imala konkolaataa irratti dhiibbaa uumeera jechuun qeequ.

Imbasiin UK magaalaa Kaayirootti argamu kanaan duras bara 2013 fi 2014 sababa yaaddoo nageenyaaf cufamee ture.