Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp Ministeera Ittisaa biyyattii Ministeera Waraanaa jechuun moggaasuuf

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu Ministeerri Ittisaa akka Ministeera Waraanaa jedhamuun akka waamamuuf Jimaata dhufu qajeelfama ni mallatteessa.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 6.0 Afgaanistaanitti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uun hin hafne
  • Dubbi himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaa keessatti ajjeefamuu Israa'el himte
  • Waraanni Gaazaa yeroo gabaabaa keessatti xumura argata- Tiraamp
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.
  • 'Wanti Netaaniyaahuun sodaatu tokko, innis dhiibbaa ummataati'-Haadha namni jalaa butame
  • Iraan jibba Yihudootaa babal'isaa jirti jechuun Awustiraaliyaan ambasaaddara Iraan ariite

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa doonii qoricha sammuu hadoochu feetee Venezuweelaa irraa gara US yabalaa turte irratti raawwateen 11 ajjeefamuu Tiraamp himan

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp namoota 11 ajjeefaman kunneen ''narcoterrorist'' jechuun ibsan.

    Oppireeshiniin waraanaa US wambeedaawwan Venezuweelaa Tren de Aragua jedhaman irratti xiyyeeffatan jechuun miidiyaa hawwasummaasaaniirratti maxxansan Tiraamp.

    Akka Tiraamp jedhanitti dooniin kun baala sammuu hadoochu- narcotics fe'uun lageen idiladdunyaarra yabaluun gara US qajeeltee turte.

    Dhiheenya kana bulchiinsi Tiraamp Pirezidantii Venezuweelaa Nikolaas Maduuroo irratti dhiibbaa waraanaa fi siyaasaa cimseera.

    US qondaala Venezuweelaa kana daldala qoricha sammuu hadoochuun himachuun nama qabee dabarsee kenneef ammoo badhaasa doolaara miiliyoona 50 akka kennu ibseera.

    Pirezidant Nikolaas Maduuroo giddu- seentummaa humna waraanaa US kamiyyuu dura dhaabbachuun akka ofirraa qolatan waadaa seenaniiru.

    Tiraamp erga gara Waayit Haawus deebi'anii jaarmiyaalee qoricha sammuu hadoochu daddabarsan fi garee yakkamtootaa Meeksikoo akkasumas biyyoota Ameerikaa Kibbaa kaan keessa maandheffatan shororkeessitoota jechuun farrajaniiru.

    Yakkoota kunneen akka sababaatti eeruun lammiilee Venezuweelaa US keessaa hari'aniiru.

    Tiraamp akkuma garee Tren de Aragua jedhamurratti halleellaa raawwatan garee Cartel of the Suns jedhamu, kan Ameerikaan Pirezidant Nikolaas Maduuroodhaan durfamuu himattu, irratti akka qiyyaafatanis ibsaniiru.

  2. Pirezidanti Tiraamp gabaasa 'duutee jirta' jedhameef deebii kennan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waa'ee fayyaa isaanii fi gabasa pirezidaantichi ''du'aniiru'' jechuun bahe irratti deebii kennan.

    Ibsa kaleessa galgala waajjira isaaniitti argamuun kennan irratti Tiraampi fayyaa guutuu akka qaban himan.

    ''Akka duuteettu gabaasa bahe argiteettaa?'' jechuun gaazexessaan tokko Pirezidaanti Tiraampi gaafate.

    Tiraamp ''lakki hin argine, garuu hamii xinnoo dhagaheera'' jedhan.

    ''Torban darbe ibsa miidiyaa hedduu kennaan ture. Isas karaa milkaa'aa taheenin xumure. Dabalata odeessa kanaa dubbiifachuuf asiin seenaa.

  3. Kooriyaan Kaabaafi Kibbaa gahee wal jijjiiran

    Waggaan kudhan keessatti garaagarummaa akkamii fide.

    Addunyaan hangam akka jijjiiramte agarsiiftuu yoo barbaaddan, suuraa agarsiisa Beejiingi bara 2015 arguu qofti gahaa ta'a.

    Qophihchis erga Waraanni Addunyaa Lammaffaa xumuramee waggaa 80 ta'uu isaa yaadachuuf fudhatame ilaalaaqophaa'e.

    Achittis Pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa yeroo sanaa Paark Geen-haayitu Pirezidaantii Shii fi Pirezidantii Puutin waliin garba wal qabatee dhaabbate. Kiim Joong Un hin argamne. Kooriyaan Kaabaa bakka isaa qondaala dhaabasaa ergite.

    Haata'u malee, har'a Kiim agarsiisa kana hatanii jiru. Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa immoo achi buuteen isaa dhabameera. Pirezidantiin Lii Jae Myung waamichi taasifameefiira, isaan garuu ni didan. Dursaan ofiin dhaqanii hirmaachurra, af-yaa'ii paarlaamaa isaanii ergan.

    Kooriyaan Kibbaa ammallee Chaayinaa akka michuu barbaachisaa taatetti kan ilaaltu yoo ta'u, kana caalaa Ameerikaa fi Jaappaan waliin hariiroo gaarii qabdi.

    Biyyoonni sadan balaa Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa geessisan qolachuuf caalaatti walitti dhiyeenyaan hojjechaa kan turan yoo ta'u, Pirezidanti Liin baatii Waxabajjii keessa kan filataman yoo ta'u, walta'iinsa kanaaf hangam iddoo guddaa akka kennan Pirezidanti Tiraampiif mirkaneessuuf fedhii guddaa qabu.

    Har'a Shii, Puutinii fi Kiim garee sadan faallaa Waashingitan, Sii'olii fi Tookiyoo bakka bu'u.

  4. Alaabaa, diroonii fi kaan: agarsiisa waraanaa Chaayinaa suuraadhaan

    Walgahii dureewwan biyyoota lamaanii, Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti taasifame irraa bal'inaan hanga argannutti, suuraalee agarsiisa Beejiing kan guyyaa injifannoo isa guddaa hanga ammaatti gaggeefame irratti hoggantoota addunyaa keessummeessiteetti, wantoota hanga ammaatti agarsiifaman keessaa suuraalee muraasaa haa ilaallu.

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jinping agarsiisa kana irratti Kiim fi Puutiin dabalatee hoggantoonni biyyootaa 26 waliin ta'aniiru.

    Taajjabdoonni tokko tokko akka waan ergaa biyyoota warra lixaa kanneen isaan irraa fagaataniif dabarfameetti ilaalaa jiru.

  5. Misaa'elli haaraa Chaayinaa ICBM kan ardii Ameerikaa haleelluu danda'udha - ogeessa

    Akkuma armaan dura gabaafne, misaa'elli Chaayinaa 'Dongfeng-5' jedhamu, misaa'ela niwukilaraa tarsiimoo ardiilee qaxxaamuruun boba'aa dhangala'aatiin hojjetu, agarsiisa kana irratti mul'ateera.

    Misaa'elli kun dirree saayiloo kaaba Chaayinaa irraa kan furguggifamuuf kan qophaa'e yoo ta'u, kunis ardii Ameerikaa irratti xiyyeeffachuuf kan oolu ta'uu chaanaalii BBC News irratti dubbataa kan turan Aleeksaandar Niil himaniiru.

    'Dongfeng-5' misaa'ela saayiloo irratti hundaa'ee fi niwukilaraa gurguddaa guutuu US fi Awurooppaa Dhihaatti baachuun furguggifamuu akka danda'u akka ta'e Giddu-galli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa, dhaabbata yaada (Thintan Studies) ibseera.

  6. Burkina Faasoon jaallattoota saala walfakkaataa hidhaa fi maallaqaan adabuuf murteessite

    Paarlaamaan ce'umsaa Burkina Faasoo kan hin filatamne ta'ullee tarkaanfiiwwan murteessoo ta'an ni fudhata.

    Amma seera gocha jaallattoota saala walfakkaataa dhorku raggaasiseera.

    Kun erga kaabineen biyyattii seera maatii jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisu baasanii waggaa boodadha.

    Miseensi paarlaamaa seera haaraa kana morme hin jiru, Wiixata sagalee guutuun raggaaasisan.

    Namni seera kana cabsee gochicha raawwate hidhaa hanga waggaa shaniin adabama. Odeessa kanarratti dabalataan duubbiifachuuf kara kanaan seenaa.

  7. Misaa'elli haaraan daandii irra imalu Chaayinaan ifa ta'e

    Agarsiisa kana irratti gosti misaa'elaa baay'ee eegamu ture tokko mul'ateera.

    Misaa'elli Dongfeng-61 jedhamu kun misaa'ela waltajjii akka gartokkee orbiiti keessa seenee meeshaa waraanaa haaypersoonikii geessuuf kana qophaa'eedha.

    Wanti waa'ee meeshaa kanaa nama hawwatus, misaa'ela daandii irra imalu ta'uu isaa fi faayidaan ijoosaa tokko ammoo dandeettii saffiisaafi salphaatti socha'usaatii jedha xiinxalaan ittisaa Aleeksaandar Niil.

    'Transport-erector-launcher (TEL)' waliin yoo walqabate, salphaatti dhokfamuu danda'a, boba'aa itti naquu fi saffisaan bobbaasuunis ni danda'ama.

    Bakka adda addaa irraas furguggifamuu danda'a, kan jechuunis diina tilmaama keessa galchuun hojjachuu danda'a jechuudha.

  8. 'Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo dubartii ulfaa dabalatee namoota 30 ol ajjeesan' – Jiraattota

    Godiina Horroo Guduruu Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo namoota 30 ajjeesuusaanii jiraattonni BBCtti himan.

    Ajjeechaan kun Jimaata, Hagayya 29, 2025, Aanaa Abee Dongoroo Ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti kan raawwate yoo ta'u, humnoota mootummaa shan dabalatee namoonni nagaan 25 ol ajjeeffamuu jiraatan naannichaa BBCtti himan.

    Jiraataan nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan BBCtti akka himanitti, hidhattoonni Faannoo meeshaa hidhachuun of gurmeessan lubbuu namoota hedduu balleessun, kaan madeessanii horii heddus saamuu dubbatu.

    "Waanti tibbana ta'e, kallattii nuti gara aanatti gara mootummaatti baanuun [nutti dhufanii] ganama sa'aatii 11:30tti nu qabanii waliigala namni isaan nu jalaa ajjeesan nama 31, madoon nama 15," jechuun loon 3000 ol ta'anis akka saaman himu.

    Hidhaattoota kana keessa dhalattoonni naannoo Amaaraa ta'aniifi raayyaa ittisa biyyaa keessaa badan illee itti makan akka jiran himan jiraatan, kanneen ajjeefaman keessaa dubartiin ulfaa daa'imman akka jiran dubbatu. Dabalataan dubbiifachuuf asiin galuu dandeessu.

  9. Chaayinaan agarsiisa guddaa irratti meeshaa waraanaa haaraa iftoomsite

    Chaayinaan agarsiisa waraanaa yaadannoo waggaa 80 Waraanaa Addunyaa Lammaffaa irratti Jaappaaniin itti injifatte sababeeffachuun qopheessite irratti meeshaalee waraanaa hammayyaa fi haaraa iftoomsuun himame.

    Guyyicha yaadachuudhaafis yeroo 80f madfiin dhukaafamuun himameera.

    Agarsiisa kanarrattis dureewwan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiiniifi Dureen Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un irratti argaman irratti kan meeshaalee waraanaa kanaan dura argamanii hin beekne kunneen kan ifa taasifaman.

    Hogganaan Raashiyaa Vilaadmiiri Puutiin kan sababii waraanaa Yukireeniin wal qabate biyyoota lixaatiin qoqophiifi maddiitti dhiibamuun irra gahaa ture, amma michuummaa akka haaraatti Chaayinaafi Kooriyaa Kaabaa waliin cimfataniin kan milkaa'an fakkaatu.

    Meeshaalee waraanaa haaraa Chaayinaan agarsiisa kanarratti iftoomsite keessaa suuraalee itti aanan isiniif dhiyeesineera.

  10. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo isin biraan geenyu kan Roobii ha'raa amma eegalleera.

    Odeessaalee kaan bal'inaan dubbifachuuf Marsariitii keenya, ykn Facebook keenyaa ykn WhatsApp akkasumas YouTube keenya milladhaa.

    Bakka nagaa oolaa.

  11. "Dogoggorri Galaana Diimaa bor sirreeffama" - MM Abiy Ahimad

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Galaanni Diimaa waggaa soddoma dura harka Itoophiyaa akka tureefi "dogoggorri kunis bor sirreeffama" jechuun marii televizhinii biyyaalessaarratti dubbataniin dubbatan.

    Ministiri Muummee Abiy xumuramuu Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa ilaalchisuun gorsaa dhimma hawaasummaa isaanii waliin marii taasisanirratti akka dubbatanitti dogoggorri Galaana Diimaa ilaalchisee raawwatame akka sirreeffamu eeraniiru.

    "Galaanni Diimaa waggaa 30 har'aa nu harka ture. Galaanni Diimaa waggaa 30 har'aa seenaa kaleessaati. Dogoggorri uumame kaleessadha. Bor sirreeffama, baayyee rakkisaa miti," jedhan.

    MM Abiy Ahmad marii eebba Hidhaa Haaromsa Laga Abbayaa Fulbaana 9 gaggeeffamu ilaalchisuun taasisanirratti, seenaan Laga Abayyaa waggaa kumaaf ture akkuma jijjiirame, dogoggorri Itoophiyaan Galaana Diimaa itti dhabde akka sirreeffamu dubbataniiru.

    Yeroo Ertiraan walabummaashee argatte Galaana Diimaarraa kan adda baate Itoophiyaan waggoota muraasa dura MM Abiy Itoophiyaan karaa Galaana diimaa ulaa galaanaa argachuuf fedhii akka qabdu erga ifa godhaniin booda gama Ertiraatiin yaaddoon uumameera.

  12. Ministiirri Kominikeeshinii Federaalaa Dr. Laggasaa Tulluu ambasaaddara ta'uun muudaman

    Ministiirri Dhimmoota Kominikeeshinii Federaalaa Dr. Laggasaa Tulluu ambasaaddara ta'uun muudamuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Pirezidaantiin Itoophyaa Taayyee Atsiqa Sillaaseen Dr. Laggaasaa Tulluu ambasaaddar Guutuu gochuun muuduu isaanitu gabaafame.

    Haata'u garuu, Dr. Laggaasaa Tulluu biyya kamitti ambsaaddara Itoophiyaa ta'uun akka ergaman waanti ibsame hin jiru.

  13. 'Puutiniifi Zeleniskiin qaaman wal-arganii mariyachuuf qophii miti' - Turkii

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinifi kan Yukireen Voloodmiir Zeniskiin qaaman wal-arganii mariyachuuf qophii akka hin taane Turkiin beeksifte.

    Tiraamp fi Puutin torbanootan dura Alaaskatti wal-arganii erga mariyatanii booda Puutinifi Zeleniskiin Turkiitti wal-arganii ni mariyatu jedhamee eegamaa ture.

    Haa ta'u garuu, gaggeessitoonni lamaanuu qaaman wal-arganii mariyachuuf qophii akka hin taane pirezidaantiin Turkii Raasiip Xaayib Erdogan ibsuu isaanii Rooyitars gabaase.

    Pirezidaantiin Turkii Chaayinaatti Puutiin waliin yeroo wal-argan waa'ee waraana Yukireen dhaabuu irratti mariyachuufi pirezidaantii Turkiifis bilbiluus himan. "Garuu lamaansaanii qaaman wal-arguuf qophii miti," jechuun miidiyaatti dubbatan Erdogaan.

  14. Beeljiyeem Kora UN irratti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf

    Beeljiyeem Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niwu Yoorkitti gaggeeffamurratti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennitu beeksifte.

    Waraana Gaazaan wal-qabatee dhiibbaan idiladdunyaa Israa'el irratti jabaataa jira. Beeljiyeem Flisxeemif beekamtii biyyummaa kennuu kan beeksifte biyyoonni akka Awustiraaliyaa, Biriteen, Kanaadafi Faransaayi fa'aa beekamtii biyyummaa Filisxeemif akka kennen beeksisuu hordofeeti.

    Tarkaanfiin biyyoonni kun waraana Gaazaan wal-qabatee fudhatan Israa'el hin gammachiifne.

    Biyyoonni michuu Israa'el ta'aniifi kanaan dura Filisxeemiif beekamtii hin kennin turan, Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Fulbaana kana keessa gaggeeffamu irratti beekamtii biyuummaa Filisxeemif kennuuf waadaa galaniiru.

    Ministiirri Dhimma Akaa Beeljiyeem Maaxiim Pirivoot, tarkaanfiin kun kan fudhatame Filisxeemonni addumatti Gaazaa keessa jiran rakkoo namoomaa hamaaf saaxilamuusaanii irraa ka'uun akka ta'e fuula X gubbaatti barreessuu Rooyotars gabaase.

    Dabalataanis, "tarkaanfiin kun qubsuma balaba'isuufi humni waraanaa akka achi buufatu gochuushee balaaleffachuufi" jedhan qondaalli Beeljiyeem kun.

  15. UKn barattoonni idil-addunyaa viizaasaanii ol akka hin turre akeekkachiifte

    Motummaan UK barattoota biyya alaa kuma kudhaniin lakkaawaman kallattiin quunnamuun yoo viizaa isaanii ol turan UK keessaa akka har'ataman itti himamaa jira.

    Waajjirri Dhimma Biyya Keessaa duula mootummaa haaraa kana kan jalqabe, sababii lakkoofsi barattoota idil-addunyaa viizaa barattootaatiin karaa seeraatiin erga garas dhaqanii booda viizaan isaanii erga xumurameen booda koolu galtummaa gaafatan dabaluu "yaaddeessaadha" jedheera.

    Akka qaama duula kanaatti, Waajjirri Dhimma Biyya Keessaa yeroo jalqabaatiif barattoota idil-addunyaa kallattiin barreeffamaa fi imeeliidhaan dursee qunnamaa jira.

    Ministirri Dhimma Biyya Keessaa, Yvette Kuuppar BBC'tti akka himanitti, barattoonni idil-addunyaa ''yeroo haalli biyyasaanii keessatti hin jijjiiramnettillee'' koolu galtummaa gaafachaa jiru.

    Karoora kanaan, barattoonni gara kuma 130 ta'anii fi maatiin isaanii walumaa galatti biyya keessatti jiraachuuf "mirga seeraa kana hin qabne" yoo ta'e, "gadhiisanii bahuu akka qaban" ergaan isaaniif ergama.

    Barattoonni idil-addunyaa yeroon visaa isaanii dhumaa jiru kumaatamni kallattidhaan barreeffamaafi imeeliidhaan biyyaa hari'amu akka danda'an itti himamuun qunnamaniiru.

    Dabalataanis kanneen kuma kudhaniin lakka'aman baatiiwwan dhufaa keessaa ergaan akka isaan gahu BBCn hubateera, kunis yeroo birraa yeroo baayyee iyyannoowwan baay'atan waliin akka walsimufiidha jedhameera.

    Guutummaan ergaa akkas jedha: "Iyyata koolugaltummaa bu'aa hin qabne yoo dhiheessitan saffisaa fi cimsamee ni didama."

    "Gaaffiin deeggarsa koolugaltummaa kamiyyuu ulaagaa hiyyummaatiin ni madaalama. Yoo ulaagaa guutuu baate deeggarsa hin argattu."

    "Yoo UK keessa turuudhaaf mirga seeraa hin qabdu ta'e bahuun dirqama."

    "Yoo kan diddu ta'e nuti si baafana."

    Kuuper Kibxata darbe 'BBC Breakfast'tti akka himanitti, barattoonni sirna koolugaltummaa keessa seenuudhaan yeroo tokko tokko waggootaaf achi turuun ''bakka turmaataa fi hoteelota koolugaltummaarratti rakkoo fidaa'' jette.

    Itti dabaluudhaanis, "Baqattoota dhugaa deeggaruuf gahee keenya ni gumaachina, garuu biyya isaanii keessatti wanti jijjiirame yoo hin jiraanne ta'e ammoo namoonni dhuma koorsii barattootaa irratti koolugaltummaa gaafachuu hin qabaatan."

    Xiyyeeffannaan siyaasa ganna kanaa namoota bidiruu xixiqqoodhaan dhufan irratti yoo ta'u, baayyinni lakkoofsi namoota viizaa karaa seeraatiin qabatanii dhufanis wal fakkaataa yoo ta'u, baayyeen isaaniis yeroo viizaan sun dhumutti koolu galtummaa gaafatu jette.

  16. Paayileetiin buufata xiyyaaraa Yaa'a Bal'oo waliin maqaansaa ka'u Galataa Mitikkuu eenyu?

    Buufanni xiyyaaraa Yaa'abal'oo dhuma torbee darbeetti eebbifame uummata Oromoo Booranaa biratti gammachuu guddaa uumeera.

    Wayita Ministirri Muummee Itti Aanaa, Obbo Tamasgeen Xurunaa fi Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, aanga'oota mootummaa olaanoo kaan waliin ta'uun pirojektii kana eebbisiisuuf garas imalan hawaasa naannochaa akka gaariitti simatan.

    Pirojektiin birrii biiliyoona tokkoon ijaarame kun lakkoofsa buufataalee xiyyaaraa biyyattii gara 23tti guddisa.

    Buufati xiyyaaraa kun ijaaramuun hawaasa Booranaa giddugala biyyaarraa fagaatee jiru kutaalee biyyattii kaaniin walitti hidha.

    Aanga'oonni olaanoon kunneen akka jedhanitti, sababa kanatti daandiin lafoodhaan guyyaa guutuu deemsisu sa'atii tokkotti gabaabbateera. Odeessa kanarratti bal'inasaa dubbiifachuudhaaf asiin seenaa.

  17. Teenhaag Bundasliigaa keessatti leenjisaa dafe ari'ame ta'uun riikardii qabachuu booda yaada kenne

    Leenjisaan Maanchister Yunaayitiid duraanii Eriik tenhaag lenjisaa Baayer Liverkusan ta'ee taphoota lama qofa erga leenjisee booda ar'itameera.

    Kun seenaa Bundasliigaa Jarman keessatti riikardii haaraadha. Amma dura leenjisaan liigichaa dafee aangoorraa kaafame tapha shan irratti ilaalameera.

    Tenhaag ari'atamuusaa booda ibsa baaseen wanta isa mudate kanaan ''tasa kan hin eegamne'' jechuun ibse.

    'Tapha lama qofa booda gargar bahuun waan ta'ee hin beekne'' jedhe Ten Haag.

    ''Leenjisaa haaraan yaadasaa hojiitti hiikuuf, gulantaa tolchuuf, garee ijaaruufi mala taphaa madaqsuuf yeroo barbaada'' kan jedhe lenjisaan kun erga garichi jijiirraa gannaan taphattoota duraaii dhabee haaraa fidatee ijaaramuun irra turee jedheera. Sanaaf ammoo yeroo gahaan kannamuufi dhabuutti gadduu ibseera.

    ''Hariiroon ture wal'amantaa waloorratti kan hundaa'e hin turre'' jedheera.

    Tenhaag taphoota lamaan darberraa qabxii tokko qofa argate.

    Daayireekatrri kilaabichaa haalli garichi itti ijaaramaa jiru fagoo kan deemsisu waan hin taaneef dafanii leenjisaa tenhaag ari'achuun barabaachisaa akka ta'e dubbateera.

  18. Ameerikaan namoota paaspoortii Filisxeem qaban hundaaf viizaa kennuu dhaabde

    Ameerikaan namoota paaspoortii Filisxeem qaban kan West Baankii, Gaazaa, fi diyaaspooraa turanillee dabalatee viisaa kennuu dhaabuu fi kan kennameellee adda kutuu ishee gabaasni miidiyaalee kan ibsu.

    Tarkaanfiin kun erga Ameerikaan yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti gaggeeffamu dura qondaaltota Filisxeem 80 ta'an viizaa dhorkite guyyoota muraasa booda kan fudhatameedha.

    Jalqaba baatii Hagayyaa keessas namoota Gaazaa irraa imaluu barbaadaniif viizaa tuistii kennameefi ture addaan kuttee turte.

    Murteen haaraan kun jiraattota West Baankii Israa'eliin qabamte dabalatee kutaa Filisxeem hundaa kan ilaallatuudha.

    Kunis lammiilee paaspoortii biyyatti qaban hojii, qo'annoo ykn yaala fayyaa dabalatee sababoota adda addaatiin gara Ameerikaa dhaquu barbaadan iyyatni isaanii kan hin fudhatamne ta'a.

    Haa ta'u malee, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa tarkaanfii kana ifatti hin mirkaneessine, garuu ''seera Ameerikaa fi nageenya biyya keenyaa kabajuuf tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jira'' jedhan.

    Gama biraatiin michootni Ameerikaa biroo ji'a darbe Faransaay, Biriteen fi Kaanaadaa dabalatee Filisxeemiif beekamtii kennuu akka barbaadan beeksisaa turaniiru.

    Prezidaantiin Filisxeem Mahmuud Abbaas qondaaltota biyyatti dhiheenya walgahii Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanne dhorkaman keessaa tokko yoo ta'u, qondaaltonni Ameerikaa viizaa isaanii haquu irratti irratti Filisxeem gocha nagaa gufachiisan jechuun himatteerti.

  19. Jijjiirraa ganna kanaan baasiin bahe £3bn darbe, eenyu guddaa baase?

    Kilabootni Piriimiyeer Liigii Ingiliz jijjiirraa ganna kanaan baasiin baasan kan yeroo kamuu ol guddaadha. Paawundii biliyoona sadii ol gaheera.

    Hanga Hagayya 31tti qofa baasiin jijjiirraa taphattootaaf bahe paawundii biliyoona 2.73 ture. Haata'u malee guyyaa xumuraarratti bittaawwan gatii qaaliin raawwatamaniiru.

    Liiverpuul jifataa Niiwkaasil Aleksaander Isaakiin fudhachuuf paawundii miliyoona 125 kaffaleera. Kuni gatii riikardii Ingiliz ta'edha. Kunis baasii tibba jijiirraa kana paawundii biliyoona 3.087gaheera.

    Keessumaa ammoo baasiin kilabootni jajjabboon baasan kan bara kaaniirra guddaadha. Paawundii biliyoona 1.96 baasaniiru.

    Baasiin bittaa taphataattootaa liigii Ingiliz tibba kanaa kan Laaliigaa, Bundesliigaa, Liig 1 fi Seriyaa A walitti dabalameyyuu ni caala. Dabalataan odeessa kanarratti dubbiifachuuf asiin seenaa.

  20. Sudaaniitti balaa sigiiga lafaatin jiraattonni gandi tokko guutuu du'an

    Lixa Sudaaniitti gaarreen marrraa baadiyyaa fagoo jirutti sigiga lafaa mudateen yoo xiqqaate namoota 1,000 lubbuu dhabuu gareen finciltootaa Sochii Bilisummaa Sudaan (The Sudan Liberation Movement/Army) beeksiise.

    Roobni cimaan guyyaa Dilbata darbe roobee sigiga lafaa kana kan kaase yoo ta'u, namni tokko lubbuun hafeen alatti ganda Taaraasin jedhamtu harka caalaa ''barbadeesseerra'' jechuun gareen kun ibsi baaseen kan beeksise.

    Gareen Sochiin kun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbilee naannoo fi idil-addunyaa biroo irraa gargaarsa namoomaa akka ergamuuf waamicha dhiyeessee jira.

    Erga waraanni Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) fi waraanaa Sudaan jidduutti eegaluun qe'eesaanii irraa akka baqataniif dirqisiiseen booda, jiraattonni bulchiinsa Kaaba Daarfuur irraa gara sana dhaqan hedduun naannoo gaarreen Maarraatti baqataniiru.

    Bulchaan waraana Daarfuur kan waraana waliin hiriiran, Miinni Minnaawii, sigiga lafaa kana ''balaa namoomaa'' jechuun ibsaniiru.

    Wal waraannii kun Ebla bara 2023 irraa kaasee ture kan waraana Sudaan fi RSF gidduutti ka'uudhaan biyyattiin beela keessa kan galche yoo ta'u, naannoo lixa Daarfuur keessatti duguuggaan sanyii jedhamuun himatameef sababa ta'eera.

    Tilmaamni lakkoofsi namoota waraana kanaatiin du'anii garaagarummaa guddaa qaba, garuu qondaalli Ameerikaa tokko bara darbe erga lola bara 2023 jalqabeetii namoonni hanga kuma 150 akka ajjeefaman tilmaameera. Namoonni gara miliyoona 12 ta'an ammoo qe'ee isaanii baqataniiru.

    Gareen Sochii/Waraanni Bilisummaa Sudaan kan naannoo sigiga lafaa kun itti mudate to'atu ammoo waraana Sudaan cinaa hiriiruun RSFn loluuf waadaa galaniiru.