Puutiin waraana dhaabuuf walii hin galu taanaan 'balaa guddaatu mudata'- Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Marii Tiraampifi Puutiin Jimaata dhufu Alaaskatti gaggeessuf jedhan ilaalchisee Tiraamp har'a miidiyaalef ibsa kennaniiru.
Marii Jimaata dhufu gaggeeffamuuf jedhurratti Puutiin waraana dhaabuf waliigalteerra hin gahu taanan "balaa guddaatu mudata" jechuun Tiraamp gaazexeessitootatti dubbatan.
Puutiin wajjiin kanaan dura bilbilaan yeroo mariyatan haala gaariin mariyatanii erga gargar galanii booda, haleellaa gaggeeffamuun manneen yaalafi manneen jireenyaa rukutamanii namoonni du'anii karaarra akka ciisan himan Tiraamp.
Waa'ee haleellaa saayibarii sanadoota mana murtii federaalaa US irratti gaggeeffameefi Raashiyaatu gaggeesse jedhamee Gaazexeessitooni Tiraamp gaafataniiru.
Tiraamp ammoo, Jimaata dhufu Puutiin waliin yeroo wal-argan waa'ee kanaa akka gaafatu deebise.














