Puutiin Yukireen qaama waliigaltee nagaa akka taatuuf wabii nageenyaa kennuuf waliigaluu ergamaan Ameerikaa

Isteevan Wiitkoof yaadni dhihaate kun kan ''tapha jijjiiru'' jechuun ibsa. Zelensikiin ammoo daawwannaa isaanii Waayit Haawus dura marii hoggantoota Awurooppaa waliin taasifame irratti hirmaachuuf.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Puutiin waraana dhaabuuf walii hin galu taanaan 'balaa guddaatu mudata'- Tiraamp

    Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Marii Tiraampifi Puutiin Jimaata dhufu Alaaskatti gaggeessuf jedhan ilaalchisee Tiraamp har'a miidiyaalef ibsa kennaniiru.

    Marii Jimaata dhufu gaggeeffamuuf jedhurratti Puutiin waraana dhaabuf waliigalteerra hin gahu taanan "balaa guddaatu mudata" jechuun Tiraamp gaazexeessitootatti dubbatan.

    Puutiin wajjiin kanaan dura bilbilaan yeroo mariyatan haala gaariin mariyatanii erga gargar galanii booda, haleellaa gaggeeffamuun manneen yaalafi manneen jireenyaa rukutamanii namoonni du'anii karaarra akka ciisan himan Tiraamp.

    Waa'ee haleellaa saayibarii sanadoota mana murtii federaalaa US irratti gaggeeffameefi Raashiyaatu gaggeesse jedhamee Gaazexeessitooni Tiraamp gaafataniiru.

    Tiraamp ammoo, Jimaata dhufu Puutiin waliin yeroo wal-argan waa'ee kanaa akka gaafatu deebise.

  2. Zeleniskiifi gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaa Tiraamp waliin har'a maal mariyatan?

    Prezidaantii Yukireenifi Chaansilara Jarman

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp fi Puutin dhimma waraana Yukireen irratti marii gochuuf guyoonni lama yeroo hafanitti gaggeesitoonni Awurooppafi pirezidaantiin Yukireen har'a wal-arguun mariirra oolan.

    Akkasumas Tiraamp waliin bilbilaan mariyataniiru. Qabxiiwwan ijoo marichaa kunooti:

    • Ajandaan marii Tiraamp fi Puutin maal ta'uu akka qabu kallattii qabsiisuuf biyyoonni Awurooppaa waan danda'an hunda gochaa akka jiran dubbatan Chaansilariin Jarman Meerz har'a Zeleniskii waliin wal-argun yeroo mariyatan.
    • Marii nagaa taasifamu keessatti Yukireen hirmaachuu akka qabdu kaasuun, marichi dhukaasa dhaabun kan deeggarame ta'uu akka qabus kaasan gaggeessan Jarman.
    • Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin ammoo Tiraampirraa deeggarsa akka qaban himuun Tiramp erga Puutin waliin wal-argee booda deebi'ee Yukireen qunnamu ibsan.
    • Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon ammoo Yukireen adeemsa marichaafi dhimma daangaa wal-jijjiiruu keessatti akka hirmaattu Tiraamp dubbachuusaa ibsan.
    • Dabaluunis, mariin gaggeeffamu hundinuu Yukireen kan hirmaachise ta'uu akka qabu ejjannoo biyyoota Awurooppaa akka ta'e Tiraampif ibsuus dubbatan Maakroon.
  3. Gaazatti sa'aatii 24 darbe keessatti namoonni 123 ta'an du'an - Gabaasa

    Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa gaggeessitu cimsitee itti fufteetti

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Israa'el Gaazaatti duula haleellaa qilleensarraafi lafoo cimaa gaggeessaa jirtuun sa'aatii 24 darbe keessatti namoonni 123 du'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin to'atamu waabeffachuun Rooyitars gabaase.

    Gama biraan ammoo Israa'el guutummaa Gaazaa dhuunfachuuf duula gaggeessuf qophii taasisaa akka jirtutu himama.

    Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti, Israa'el Gaazaa bakkeewwan to'annaashee jala hin jirre qabachuuf Onkoloolessa irraa kaastee duula waraanaa cimaa gaggeessuf qophaa'aa jirti.

    Akka miidiyaaleen Israa'el akeekanitti, Israa'el yeroo duula waraanaa cimaa itti eegalte achi dheeressuunshee marii dhukaasa dhaabuu Hamaas wajjin eegaluuf jedhameef yeroo kennuufidha.

    Haa ta'u garuu haleellaa guyyaan Gaazaa keessatti gaggeessuti hin dhaabne.

    Lakkoofsi namoota Gaazaa keessatti sa'aatii 24 keessatti du'anii, kan guyyoota darbaniin yoo wal-bira qabamu isa guddaadha jedhame.

  4. Giriik balaa ibidda saafaan raafamaa jirti

    Odola Giriikii 'Chios' irraa namoonni akka baqatan taasifameera

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Odola Giriikii 'Chios' irraa namoonni akka baqatan taasifameera

    Giriikiin balaa ibidda saafaan yeroo raafamaa jirtu kanatti ho'i cimaan immoo Awurooppaa keessa lubbuu galaafataa jira.

    Hojjettoonni balaa atattamaa ibiidda saafaa Giriik rakkoorra buuse dhaamsuuf yaalaa jiru.

    Sa'aatii 24 qofa balaan ibidda saafaa haaraa 152 Giriik keessa mul'ateera.

    Lammiileen biyyattii kumaatama ta'anis akka baqatan taasifamaniiru.

    Yeroo ammaa hojjettoonni balaa 4,850 balaa kana to'achuuf carraaqaa jiru.

    Hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni sadii Ispeen, Albaaniyaafi Turkii keessatti ho'a cimaan lubbuu dhabaniiru.

    Kan kanarra caalan immoo gubataniifi ukkaamamanii gara hospitaalaa geeffamaniiru.

    Jalqaba torban kana bakkeewwan Awurooppaa garagaraatti ho'i digirii sentigireedii 40 caaleera.

    Faransaay fi Islooveniyaattimmoo hamma ho'aa riikardii ta'eetu galmaa'e.

  5. Namichi daandiirra jiraatu mana namaa galee dubartii ulfaa fi abbaa warrashee ajjeese

    Baaxii manaa

    Madda suuraa, ABC

    Awustiraaliyaa bulchiinsa Viiktooriyaa keessatti namichi daandiirra jiraatu dubartii ulfaafi jaalalleshee ajjeesuun himatame. Mataan jaalalleeshee immoo irraa murameetu argame

    Poolisiin kibba-baha Meelbarnitti waamamee gaafa qaqqabu reeffa Ateenaa nama ganna 39, jaalalleeshee nama ganna 50 Andruu Gaan argate.

    Sa'aatii dheeraan booda namni ganna 34 km7 fagaatee naannoo buufata baaburaatti argame. Namni kuni ajjeechaa dachaan kan himatame yoo tahu har'a Roobii mana murtiitti dhiyaata.

    Poolisiin akka jedhutti haleellaan raawwate kan itti yaadame tahus hariiroon nama himatamee fi miidhamtoota garuu hin baramne. Dabaluunis poolisiin barreefama ''ganamuu'' fi ''ni gaha'' jedhu keenyan irratti barreeffame qorachaa jira.

    Poolisiin jalqaba Wiixata ganama ture ollaan sagalee ''iyyaa'' dhagahe jennaan waamame.

  6. Giiftii dureen Kooriyaa Kibbaa duraanii malaammaltummaan shakkamtee to'annoo jala oolte

    Kiim Kewoon

    Madda suuraa, Getty Images

    Haati warraa pirezidantii Kooriyaa Kibbaa duraaniifi kan amma mana hidhaa jiranii, Yuun Suuk Yewuul malaammaltummaan wal-qabatee hidhaa bu'an.

    Giifti dureen duraanii Kiim Kewoon Hii dhaddacha sa'atii afuriif Soowulitti taa'een himannaan irratti baname hunda haalaniiru. Tahus manni murtii ragaa dhabamsiisuu dandeessi jechuun gaaffii hidhaa irratti baase.

    Kooriyaan Kibbaa seenaa pirezidantoonnishee duraanii hidhamuun beekamti. Tahus miilana haati warraa fi abbaan waliin hidhamuun kan jalqabaati.

    Pirezidantiin duraanii Yuun Amajji darbe biyyattii keessa bulchiinsi waraanaa akka jiraatu labsuu isaaniin mormii isaan mudateen aangoorraa bu'anii hidhaa galanii jiru.

    Abbootiin alangaa giiftii dureen duraanii Kiim caasaa qooda gurgurtaa kaampaaniiwwan BMW, Deutsch Motors keessatti gatiin akka ol ka'u gochuun maallaqa biyyattii wonii miiliyoona 800($577,940) argatteetti.

    Gochaan kun abbaan warraashee pireezidantummaan osoo hin filamiin dura raawwatus yeroo pireezidantummaasaa irratti gaaddiddeessee ture.

  7. KFOn filannoo biyyaalessaa dhufurratti hirmaachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibse

    Astixaa KFO

    Madda suuraa, KFO

    Paartiin Koongrasii Federaalawaa Oromoo (KFO)n filannoo itti aanurratti hirmaachuuf murteessus gaafilee akka ''Mootummaa Cee'umsaa Waloo Oromiyaafi irra deebiin hundaa'uu boordii filannoo'' kanaan dura kaasaa ture akka hin dhiisne himeera.

    Dirree siyaasaa filannoof mijataa ta'e ilaalchisee "wanti fooyya'e hinjiru" kan jedhe Koongirasiin Federaalawaa Oromoo, Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa ALI bara 2018tti adeemsifamu keessatti akka hirmaatu beeksiseera.

    Barreessaa Olaanaan Paartiichaa, Obbo Xurunaa Gamtaa, "Wantumti filannoo gaggeessuu dandeessisu jiraayii kan jedhu nu yaaddeessuun alatti gama keenyaan hamma dandeenyu qophii gochaa jirra" jechuun BBC'tti himaniiru.

    Filannoo kanarratti hirmaachuuf sababoonni garagaraa ka'umsa ta'uufii kan himan Obbo Xurunaan, isaan keessaa tokko seera biyyattii ta'uu himan. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  8. Ho'i garmalee guutuu Kibba Awurooppaatti ibidda bosonaa kaasaa jira

    Gaarreen gubataa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Ibida bosonaa sababii ho'a garmaleetiin kutaalee kibba Awurooppaa keessatti bakkeewwan hedduutti boba'aa jiruun yoo xiqqaate namoonni sadii du'uun, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman mana isaanii gadi dhiisanii akka bahan dirqisiiseera.

    Akeekkahciifni ibiddaa kunis kutaalee Xaaliyaanii, Faransaay, Ispeen, Poorchugaal fi Baalkaan keessatti kan bahe yoo ta'u, haalli ho'aas gara 40C (104F) ol ka'aa waan jiruuf balaa fayyaa guddaa akka mudatu akeekkachiisa.

    Tajaajilli haala qilleensaa Ispeen 'Aemet' akka jedhetti, haallii ho’a cimaa kanaa Seville fi Cordoba keessatti 44C (111.2F) gahuu akka danda’u, kibba Poorchugaal keessatti ammoo 44C gahuu danda’u akeekkachiiseera.

    Ispeenitti hojjetaan giddugala leenjii fardaa kan naannoo Maadriiditti argamu 'Tres Cantos' keessatti erga ibiddaan garmalee gubateen booda du'eera.

    Naannichatti, qilleensi sa'aatii tokkotti km70km ol ta'e naannoo manaatti ibidda kan saffiisiisuu yoo ta'u, namonni dhibbaan lakkaa'aman akka qee'erraa baqatan dirqisiiseera.

  9. Harkafuune! Tamsaasi keenya kallattii eegale

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa Kibxataa kunoo amma eegalleera. Isinis yoo nu hordoftan odeessaalee addunyaa if biyya keessaa isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii keenya, ykn karaa Facebook keenyaa, WhatsApp ykn YouTube keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa.

  10. Israa'el Magaala Gaazaa bombiin haleelte

    Namoota jijjigaa gamoo keessa imalaa jiran

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Yeroo humnootiin Israa'el Gaazaa dhuunfachuuf qophaa'aa jiran kanatti, Magaalaan Gaazaa haleellaa qilleensaa cimaa keessa akka turte ejensiin ittisa siiviilii naannichaa kan Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

    Dubbi himaan Maahmud Baasaal, naannoon jireenyaa kan ta'an Zeitoun fi Saabraan guyyoota sadiif haleellaa boombii fi dirooniitiin ''mana jireenyaa namoota nagaa irratti badiisa guddaa geessisuudhaan, jiraattonni namoota du'anii fi madaa'an baasuu hin dandeenye jedhan.

    Gama biraatiin ammoo UK, Gamtaan Awurooppaa, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi Jaappaan ibsa baasaniin, ''beelli ija keenya duratti babal'ataa jira'' jechuun ''beela kana dhaabuuf'' tarkaanfii akka fudhatamuuf gaafataniiru.

    Gargaarsi gara Gaazaa akka seenu haala mijeessuuf ''tarkaanfiiwwan hatattamaa, dhaabbataa fi qabatamaan'' akka fudhatamu gaafataniiru. Israa'el Gaazaa keessatti beelli jiraachu ni haalti.

    Ejansiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gargaarsa daangaa irratti kaasuun hin geessine jechuun himattee jirti.

    Akkasumas ibsi waloo kun naannawa lafa raabsaa gargaarsa fi konkolaataa fe'umsaatti humni waraanaa fayyadamuun akka dhaabbatus gaafateera. Eddoowwan kanneenis UN bakka lammiileen Filisxeem 1,300 ol itti ajjeefamuufi irra caalaan isaanii waraana Israa'eliin ajjeeffamuu himeedha.

    Addatti ammoo, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n Kibxata darbe, osoo Israa'el magaalaa Gaazaa hin to'atiin dura haala fayyaa "balaa guddaa" ta'e kana furuuf meeshaalee yaalaa akka kuufattu akka hayyamamuuf waamicha dhiyeesseera.

  11. Sudaanitti haleellaa kaampii baqattootaa irratti raawwatameen namoonni hedduu ajjeefaman

    Suura qawweetti alaaban Sudaan fannifamee agarsiisu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Sudaan bulchiinsa Daarfuur Lixaa keessatti kaampii namoota waraana baqatanii keessa qubatanii irratti haleellaa raawwatame jedhameen yoo xiqqaate namoonni 40 du'an.

    Dhaabbileen namoomaa naannicha jiran akka ibsanitti haleellicha kan raawwate garee Humna Waraanaa Sudaan waliin lolatti jiru RSF dha.

    Daarfuur to'annaa Humna Addaa Sudaan (RSF) harka yoo jirtu, garuu magaalaa Elfaashar humni waraanaa biyyattii gadi hin lakkisne.

    Haleellichi kan raawwate kaampii baqattootaa Elfaashir keessatti argamurratti ta'uutu himama.

    Kaampiin baqattootaa Elfashir keessatti argamu kun irra deddeebin haleellaa humnoota RSFtiif kan saaxilame yoo ta'u, kanaan duras haleellaa humnoonni kun gaggeessaniin namoonni nagaan heddu kaampii Daarfuur jiru keessatti du'uun gabaafamaa ture.

    Miidiyaan Sudaan akka gabaasetti, kaampiin baqattootaa kun dhukaasa humnoonni wal-waraanan walirratti gaggeessaniif saaxilamaa ta'uu ibsan.

    Dhaabbanni gargaarsaa Abu Shouk Emergency Response Roomn jedhgamu garuu kaampicha keessa namoonni 200,000 ta'an akka jiraniifi kanneen du'an keessaa kaansanii mana isaanii keessatti rasaasan rukutamanii du'an.

  12. Waa'ee dubartii ulfa ji'a sagalii Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti ajjeefamte kan beeknu

    Garaa ulfaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruu Ganda Siree Buqqeetti dubartiin ulfa ji'a sagalii oyruu keessatti rasaasaan ajjeefamuun miidiyaa hawaasummaa irratti oduu rifaasisaa qoodamaa ture.

    Haadha daa'ima ganna ja'aa fi ulfa ji'a sagalii kan taate miidhamtuun Aadde Suyyee Quxxalaa jedhamtu rasaasa qaamoleen nageenya mootummaa dhukaasaniin ajjeefamuutu ibsame.

    Waa'ee ajjeechaa kanaarratti BBCn akkamiin raawwate? jechuun miseensa maatii, jiraataa naannichaa fi bulchaa aanaarraa odeeffannoo argate kunooti.

    Aadde Suyyeen mucaa isaanii ganna ja'aa waliin oyiruu isaanii keessa osoo jiranuu rasaasan ajjeefaman.

    Haadha ilmaan lamaa kan turte Aadde Suyyeen mucaasaanii kan ganna ja'aa waliin oyruu irraa jaldeessa eegaa osoo jiranuu dhukaasa waraana mootummaatiin ajjeefamuu miseensi maatii BBCtti himaniiru.

  13. Namichi bosona keessatti guyyaa 9f achi buuteensaa dhabame heelikoptaraan baraarame

    Barreefama 'HELP' jedhu kan dhakaa irratti barreefame

    Madda suuraa, Quesnel Search & Rescue Facebook

    Namichi bosona bulchiinsa Kaanaadaa Biriitiish Kolombiyaa jedhamu keessatti guyyaa sagalif bade kattaa irratti dhoqeedhaan 'HELP' (gargaarsa) jedhee barreessuun booda lubbuun baraarame.

    Andruu Baarbaraan nama ganna 39 poolisii Kaanaadaa Royal Canadian Mounted Police jedhamuun achi buuteensaa dhabamee barbaadamaa turee, guyyaa sagal booda heelikooptariin konkolaataasaa bosona keessatti arguun barbaacha kana salphise jedhe.

    Poolisiin namni ganna 39 kuni bishaan qaamasaa keessaa duguugamee, miillasaarra miidhaan gahus garuu ofiif dahoo tolchuuniifi bishaan burqaa dhuguun of oolchuudhaaf mala garagaraa fayyadameera jedhe.

    Dabaluunis poolisiin hospitaala geeffamuun haala fayyaa gaarii irra akka jiru hime.

  14. MM Awustiraaliyaa Netaaniyaahuun waa'ee waraana Gaazaa 'hin amanu' jedhan

    Ministirri Mummee Awustiraaliyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Mummee Awustiraaliyaa gita isaanii Beenjaamiin Netaaniyaahuudhaan miidhaa waraana Gaazaa 'amanaa hin jiru,' jedhan.

    Antoonii Albaaniis biyyi isaanii Kora Waliigalaa UN Fulbaana dhufu adeemsifamu irratti biyyummaa Filisxeemiif beekamtii akka kennan labsaniiru. Kanaan dura UK, Firaansiifi Kanaadaan beekamtii akka kennan himanii turan.

    Albaaniis tarkaanfii isaanii kanaaf sababa kan tahe amantiin isaan mootummaa Israa'el irraa qaban gad bu'aa dhufuu akka tahe himaniiru. ''Lammiileen Awustiraaliyaa ajjeechaafi maraammartoon haleellaa dhaabbtee arguu fedhu,'' jedhan.

    Israa'el waraana kana akka dhaabduuf dhiibbaan guddaan irratti taasifamaa kan jiru yoo tahu Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun ''shororkeessummaa badhaasuu dha,'' kan jette yoo tahu murtoo ministira mummee Awustiraaliyaan kenname Netaaniyaahuun ''qaanessaa'' ittiin jedhaniiru.

  15. Tiraamp marii Puutiin waliin taasisuun Yukireeniif daangaa deebisuuf nan yaala jedhan

    Tiraamii fi Puutiin

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii Jimaata dhufaa pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin taasisaniin Yukireeniif daangaalee muraasa deebisuuf akka yaalan dubbatan.

    "Raashiyaan daangaa guddaa Yukireen qabattee jirti. Isaanis naannoo ijoo qabataniiru. Naannoo sana keessaa muraasa Yukireeniif deebisuuf ni yaalla," jechuun ibsa gaazexeessitootaaf Waayit Haawusitti kennaniin kan dubbatan Tiraamp.

    Tiraampii fi pirezidantiin Raashiyaa dhuma torbee kanaatti Alaskaatti marii taasisuuf jiru. Tiraamp Puutiin erga wal arganii daqiiqaa lama keessatti fooyya'inni jiraachuufi dhiisuu isaa beekuu akka danda'an himan.

    Mariin Jimaataa dhufaa kun ''walgahii miira namaa kakaasu'' kan Puutiin waraana kana akka dhaabuuf gaafachuuf kaayyeffate ta'a jedhan. Walgahiin kanas akka wal arguu jalqabaatti ilaaluu akka danda'u yaada dhiheessa.

  16. Kooriyaa Kibbaatti ijoollee godhachuun waan xiqqaateef lakkoofsi loltoota biyyattii %20 hir'atee yaaddoo uume

    Kooriyaa Kibbaatti ijoollee godhachuun waan xiqqaateef lakkoofsi loltoota biyyattii %20 hir'atee yaaddoo uume

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Kooriyaa Kibbaatti lakkoofsi ijoollee haaraa dhalatanii xiqqaataa deemuu irraa kan ka'e lakkoofsi loltoota biyyattii dhibbeentaa 20 gadi bu'uun himame.

    Ministeerri Ittisaa Kooriyaa Kibbaa akka beeksisetti, lakkoofsi daa'imman dhalatanii gadi xiqqaataa deemun lakkoofsa humna waraanaa biyyattii irratti dhiibbaa uumera.

    Akka gabaasa waraana biyyattiitti, lakkoofsi loltootaa walakkaa miliyeenaa ta'uu kan qabu, dhibbeentaa 20 gadi bu'uun amma lakkoofsi loltootaa 450,000tti gadi bu'eera.

    Sababni ijoon lakkoofsi humna waraanaa biyyattii akka gadi bu'u taasise lakkoofsi daa'imman dhalatanii baay'ee gadi bu'uu ta'uu himu qondaalonni See'ul.

    Kooriyaa Kibbaa keessatti lakkoofsi daa'imman dhalatanii baay'ee gadaanafi addunyaarraa isa xiqqaa ta'uu ibsu qondaalonni. Akka gabaasa paartiin biyya bulchu ibsetti, dubartiin tokko giddu galeessan daa'ima 0.75 deessi. Kana jechuun addunyaarraa isa xiqqaadha jedhame. Guutummaa odeessa kanaa argachuuf asiin seenaa.

  17. Tamsaasa kallattiin deebiineera!

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa Kibxataa kunoo amma eegalleera. Isinis yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa gagabaabsinee asiin isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii keenya, ykn karaa Facebook keenyaa, WhatsApp ykn YouTube keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa.

  18. Ministirri mummee Kaataar 'itti yaadanii gaazexeessitoota irratti xiyyeeffachuu' balaaleffatan

    Ministirri Mummee Kaataar, Sheek Mohaammad bin Abduul Raahman al-Thaani "Israa'el Gaazaa keessatti itti yaaddee gaazexeessitoota irratti xiyyeeffatti" jechuun balaaleffachuunsaanii dhagahame.

    Ibsa aanga'aan kun toora X irratti qoodaniin, Thaani ''yakkoonni kunneen kan yaada namaatiin ol ta'uusaanii ibsuun, hawaasni addunyaa fi seeronni isaa balaa kana dhaabuu dadhabuu isaanii'' kan mul'isudha jedhaniiru.

    Al Jazeeraan Kaataar keessatti kan hundeeffame yoo ta'u, waajjira muummee isaa Dohaatti kan argamuu fi gartokkoon mootummaa Kaataariin maallaqaan gargaarama.

    Akka yaadachiisaatti, Israa'el rippoortarri tamsaasa kanaa Anaas al-Shaariif ''Hamaas keessatti itti gaafatamaa seelii shororkeessummaa ta'ee tajaajilaa ture'' jechuun himatti. Aljaziiraan garuu rippoortaroonni isaa Hamaas waliin hidhata qabaachuu ni haala.

  19. Gaazatti sa'aatii 24 dabe keessatti namoonni 69 du'an

    Haleellaa Israa'el Gaazatti raawwatteen sa'aatii 24 darbe qofaatti namoonni 69 du'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise.

    Gaazexeessitoonni Aljazeera shan namoota haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessiteen du'an keessaayi.

    Waraana waggaa lamaaf Israa'eliifi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiruun hanga ammoo Filisxeemonni 61,499 du'aniiru.

    Kanneen madaa'an ammoo lakkoofsisanii 150,000 caalee jira.

    Ministiir Fayaa Gaazaa Hamaasin hogganamu akka beeksisetti, sa'aatii 24 darbe keessa namoonni shan sababa hanqina nyaatan du'aniiru.

    Halleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessituun alatti namoonni hanqina nyaataanis du'aa jiru.

  20. Awustiraaliyaan Filisxeemif beekamtii biyyaa kennuu akka deeggaru Kaawunsiliin Yihudoota Awustiraaliyaa beekise

    Awustiraaliyaan Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Fulbaana dhufu gaggeeffamurratti Filisxeemif beekamtii biyyummaa akka kennutu beeksisuu hordofee Kaawunsiliin Yihudoota Awustiraaliyaa tarkaanfii kana akka deeggaru beeksise.

    Awustiraaliyaan Filisxeemif beekamtii biyyummaa kennuu qofa osoo hin taane, wal-ta'iinsa waraanaa kamiyyuu Israa'el wajjin taasisuu akka dhabdus gaafate Kaawunsiliin Yihudootaa kun.

    "Awustiraaliyaan dhuguma hiree murteeffannaa Filisxeem kan deegartu yoo taate, wal-ta'iinsa waraanaa Israa'el wajjin qabdu hundumaa addaan kutuu qabdi," jette Kaawunsilii Yihudoota Awustiraaliyaatti hojjattuu duree kan taate Saaraa Shewaartiz.

    Awustiraaliyaan meeshaalee waraanaa Israa'elitti gurguruu waakkatte.