Tiraampiifi Puutiin walgahiisaanitiin haalli gaariin jiraachu himan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan Pirezidantii Raashiyaa waliin dhimma waraanaa Yukireen irratti Alaaskaatti gara sa'aatii sadii oliif karra cufaa keessatti gaggeesa turan, ibsa waloo xumura walgahiichaarratti kennaniin haalli gaariin jiraachu ibsaniiru.
Itti dabaluudhaanis Tiraamp pirezidantii Yukireen Volodmiir Zelensikii dabalatee qaamoolee dhimmisaa ilaaltu waliin erga haasa'anii booda mariichi akka itti fufuu akeekkaniiru.
Hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin kan jalqaba haasaa taasisaniis walgahiisaanitiin wal hubannoo gaariiifi jijjiramni jiraachuu ibsan illeen, dureewwan lamaanuu gadi fageenya isaa kennuu irraa of qusataniiru.
Puutiin waraannii Yukireen dhaabbachuudhaaf 'sababiiwwan jalqabaa' furamu qabu jedhan.
Dhimmi ijoo marii isaanii waraanaa Yukireen ta'u dubbatan Puutiin. Itti dabaluudhaanis, ''furmaata argamsiisuu fi kan waaraa gochuuf sababii walitti bu'iinsaa jalqabaa dhabamsiisuu qabna'' jedhan sababiin jalqabaa sun maala akka ta'e osoo bal'inaan hin ibsiin.
Raashiyaan dentaa mataashee akka qabdu Tiraamp ni hubata jedhan Puutiin.























