Paayileetiin 'EasyJet' taatee 'machii fi qullaa' ta'uun hojiirraa dhorkame
Dhaabbanni 'EasyJet' balaliistota isaa keessaa tokko machaa'ee qullaasaa hoteela qananii ta'e keessa naanna'uun erga gabaafameen booda hojii irraa ari'ate.
Paayileetiin maqaansaa hin ibsamne kun gaafa Hagayya 5 ganama barii keessaa mana dhugaatii keessatti yeroo dheeraaf dhugaatii erga dhugeen booda, bakka waloo riizoortii abbaa urjii shan kan Keep Verde keessatti argamuutti uffata tokko malee osoo deemaa jiruu argameera jedha 'The Sun'.
Balaliisaan kuni balalii deebii sa'aatii 36 olitiin gara 'Gatwick' deemuuf kan ture yoo ta'u, garuu daandiin xiyyaaraa kun erga waa'ee taatee kanaarratti komiin isa qaqabeen booda hanga balaliisaa bakka bu'aan ergamuutti xiyyaarichi akka turu taasiseera.
Dubbi himaan dhaabbata 'EasyJet' BBC'tti akka himanitti, balaliisaa kana amma qorannoon kan isa mudatu yoo ta'u, nageenyi imaltootaa fi hojjettoota xiyyaarichaa ''dhimma dursaa dhaabbatichaa'' ta'u himaniiru.
Paayilatiin kun Hagayya 4 ture kan biyya odola Afrikaa Lixaa keessatti argamu kan 'Melia Dunas Beach Resort and Spa' jedhamu erga gaheen booda dhugaatii dhuguu jalqabuusaa Sun gabaaseera.
Borumtaa isaa ganama naannoo sa'aatii 02:30tti (04:30 BST) uffata isaa ofirraa baasee gara simannaa keessa akka burjaaja'u keessummoonni hotichaa argan. Isaan booda ammoo gara bakka jiimii fi ispaa osoo hin ce'iin dura akka argan himameera jedha gaazexaan kun.
"Namni balaliisaa kana guyyaa balaliitiin duraa sa'aatii qullaasaa asiifi achii wayita imalaa ture arge isa waliin xiyyaara xiyyaara yaabbachuu hin abjootu ture," jedhan maddi daandii qilleensichaa tokko.