Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Puutiin Yukireen qaama waliigaltee nagaa akka taatuuf wabii nageenyaa kennuuf waliigaluu ergamaan Ameerikaa

Isteevan Wiitkoof yaadni dhihaate kun kan ''tapha jijjiiru'' jechuun ibsa. Zelensikiin ammoo daawwannaa isaanii Waayit Haawus dura marii hoggantoota Awurooppaa waliin taasifame irratti hirmaachuuf.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraampiifi Puutiin walgahiisaanitiin haalli gaariin jiraachu himan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan Pirezidantii Raashiyaa waliin dhimma waraanaa Yukireen irratti Alaaskaatti gara sa'aatii sadii oliif karra cufaa keessatti gaggeesa turan, ibsa waloo xumura walgahiichaarratti kennaniin haalli gaariin jiraachu ibsaniiru.

    Itti dabaluudhaanis Tiraamp pirezidantii Yukireen Volodmiir Zelensikii dabalatee qaamoolee dhimmisaa ilaaltu waliin erga haasa'anii booda mariichi akka itti fufuu akeekkaniiru.

    Hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin kan jalqaba haasaa taasisaniis walgahiisaanitiin wal hubannoo gaariiifi jijjiramni jiraachuu ibsan illeen, dureewwan lamaanuu gadi fageenya isaa kennuu irraa of qusataniiru.

    Puutiin waraannii Yukireen dhaabbachuudhaaf 'sababiiwwan jalqabaa' furamu qabu jedhan.

    Dhimmi ijoo marii isaanii waraanaa Yukireen ta'u dubbatan Puutiin. Itti dabaluudhaanis, ''furmaata argamsiisuu fi kan waaraa gochuuf sababii walitti bu'iinsaa jalqabaa dhabamsiisuu qabna'' jedhan sababiin jalqabaa sun maala akka ta'e osoo bal'inaan hin ibsiin.

    Raashiyaan dentaa mataashee akka qabdu Tiraamp ni hubata jedhan Puutiin.

  2. Ministirri Raashiyaa marii Puutiin fi Tiraamp booda miira 'baay'ee gaarii' keessa jiru

    Waraabbii gabaabaa Telegiraamii irratti qoodame keessatti, Ministirri Ittisaa Raashiyaa Andiree Beeloosoov walgahii Tiraamp fi Puutiin booda miirrii isaanii akkam akka ta'e dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa Taasiin gaafatame.

    "Baay'ee gaariidha" jechuun deebiisan kolfaa.

    Kutaa ibsi gaazexessitootaafi itti kennamuuf jiru keessa ministiroonni Raashiyaa fuldura taa'anii mul'atan.

    Gabaasaawwan kutaa konfiraansiin gaazexeessitootaaf ibsi itti kennamu keessa tokko, reefu Ministirri Ittisaa Raashiyaa Andiree Beeloosoov, Ministira Maallaqaa Antoon Siluunoov cinatti tarree duraa taa'anii argeera.

  3. Amma nu gahe, Mariin sadii-sadiin jila Puutiinii fi Tiraamp jidduutti gaggeeffamaa ture xumurame- Kiremliin

    Walgahiin Alaaskaa keessatti jila namoota sadiifi sadii jidduutti gaggeeffamaa ture; Ameerikaarraa Doonaald Tiraamp, Isteev Wiitkoof fi Maarkoo Ruubiyoo fi Raashiyaarraa ammoo Vilaadmiir Puutiin, Sargee Laavroov fi Yurii Ushaakoov xumuramuu Kiremliin beeksiifte.

    Amma walgahii dhuunfaa sa'aatii sadii oliitiif gaggeessaniin booda Puutiiniifi Tiraamp gaazexessitootaaf ibsa waloo keennuuf ta'u Kiremliin beeksiifte.

  4. Waayit Haawus walgahii 'seena-qabeessa' ta'e kabajuuf suuraa hoggantootaa qoode

    Pirezidantonni Ameerikaa Tiraampii fi kan Raashiyaa Puutiin walgahii isaanii Alaskaatti erga jalqabanii daqiiqaa muraasa booda, Waayit Haawus suuraasaan lamaan waliin ta'anii kolfaa jiran qoodeera.

    Suuraan kunis kan barreeffama gabaabaan dabaalame yoo ta'u, akkas jedha: "Nagaa Hordofuu" - dhaadannoo yaa'ii har'aa kanaati.

    Yeroo muraasaan booda ammoo suuraan lammaffaadhaan Tiraampii fi Puutiin gara konkolaataa pirezidantii Ameerikaa, 'The Beast'tti osoo deemaa jiranii hafaa diimaa irraa gadi bu'anii akkaawuntii ofiisaa irratti jecha tokkoon: "Seena-qabeessa" jechuun qoodameera.

  5. Amma nu gahe, Ministirri ittisaa Raashiyaa marii 'bifa bal'aa' irratti hirmaachuuf - Kiremliin

    Ministirri Ittisaa Raashiyaa, Andireew Beeloosoov marii Ankoraaj keessatti gaggeeffamu irratti marii ''bifa bal'atiif'' akka hirmaatan dubbi himaan Kiremliin, Dimitrii Peskov himaniiru.

    Yeroo ammaatti jilli biyyoota lamaan bifa sadii sadiin mari'achaa jiru.

    Pirezidanti Puutiin waliin Ministira Dhimma Alaa Sargee Laavroov fi gorsaan imaammata alaa, Yuurii Ushaakov akkasumas Pirezidaanti Tiraamp ammoo MinistiraDhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo fi ergamaa addaa Isteev Wiitkoof waliin ta'uun himame.

  6. Tiraamp deeggaruuf dhibbaan walitti qabaman garuu maqaa Raashiyaa kan dhahu hin jiru

    Alaskaatti bakka kaleessa jala bultii walgahii Puutiinii fi Tiraamp itti taa'amuutti, hiriirri deeggarsa Yukireen itti geggeeffame sanatti, har'a ammoo deeggartoonni Doonaald Tiraamp walitti qabamaniiru.

    Amma namoonni dhibba hedduu as jiru, ta'us kanneen kaleessa Yukireen deggeran irraa xiqqaadha. Hirmaattonni alaabaa Ameerikaa fi mallattoolee mata duree Tiraamp qaban fidaniiru.

    Hiriira kana irratti alaabaa Raashiyaa ykn mallattoon Vilaadmiir Puutiin deeggaru ykn qeequmsa ibsu hin jiru.

    Deeggaraan Tiraamp tokko mallattoo "nagaa Waaqayyoo" waamu qabatee jira.

    Mallattoo kana qabattee kan turte Eleenore, walgahiin barbaachisummaa akkasii Alaskaatti gaggeeffamaa jiraachuun isaatti kabaja akka argatte, akkasumas Pirezidanti Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen waliin waliigaltee uumuu akka danda'an akka amantu BBC'tti himti.

    "Isa ni amanna" jetteetti.

  7. Haalli simannaa Puutiin fi Zelensikii Tiraampiin taasifame adda addummaansaa iftoome

    Puutiin kan yeroo Zelensikiin yeroo jalqabaatiif bara kanaa Waayit Haawus daawwatee tureetiin adda ta'een simannaa adda argataniiru.

    Guraandhala keessa yeroo Zelensikiin Waayit Haawus keessatti kabaja dhabsiisuun addaa Tiraampiin irra gahe argine ture.

    Puutiin garuu yeroo konkolaataa pirezidaantii 'The Beast' jedhamu keessa Tiraamp waliin taa'eetti osoo kolfuu arguu dandeessu. Osoo jecha tokkoo hin mari'atiin kun isaaf injifannoodha.

    Tiraamp Puutiin asitti agaruu qofaan homaa hin galmeessine. Garuu Puutiin xiyyaara keessaa bahee, hafaa diimaa sanarra gadi bu'ee, 'The Beast' keessa seenuu qofaan waan gaarii galmeessissee jira.

    Kunis nama loogeeffamaa idil-addunyaa ta'eedha.

    Daawwannaa Volodymiir Zelensikii Guraandhaka darbe keessa Tiraamp waliin Waajjira Ovaalitti taasisan ilaalchisee viidiyoo armaan gadii kanaan of duuba deebitanii ilaaluu dandeessu:

  8. Yeroo Puutiinii fi Tiraamp mariif Alaaskaatti wal arganiitti

  9. Tiraamp fi Puutiin yeroo walgahiin jalqabutti waliin taa'anii suuraa ka'an

    Amma suuraa Puutiinii fi Tiraamp bakka walgahichaaf wal cinaa taa'anii, duuba isaanitiin barreeffama "Pursuing Peace" fi "Alaska 2025" jedhu mul'ataa jirra.

    Dureewwan lamaanuu jila isaanii waliin kan argaman yoo ta'u, rippoortaroonni gaaffii hedduun itti yoo iyyan, Puutiin ammoo waltajjii irraa deebiise kan itti iyyu fakkaata.

  10. Tiraampiifi Puutiin walgahii karra cufamaa osoo hin seeniin dura harka wal fuudhan

    Hoggantoonni Tiraamp fi Puutiin amma harka wal fuudhuutti jiru.

    Hoggantoonni lamaan kunneen gara hafaa diimaa isaaniif diriirfamuun, xiyyaaroota dureewwan lamaan ittiin dhufan akka walqunnamsiisuu fi gidduutti wal arganiif hafameetti imalan.

    Gaazexessitoota addunyaatiif suuraa wayita ka'uuf dhaabbatanittis gammachuufi kolfa wal jijjiiraa mul'atan.

  11. Amma nu gahe, Tiraampii fi Puutiin Alaasakaa qaqabuunsaanii dhagahame

    Dureewwan Ameerikaa fi Raashiyaa dhimma dhukaasa dhaabuu Yukireen kan haalaan eegamu irratti mari'achuuf Alaaskaa galuunsaanii dhagahameera.

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin walga’ii Ameerikaa fi Raashiyaaf Alaskaa magaalaa Ankoraage keessatti gaggeeffamuuf reefuu kan qubatab yoo ta'u Tiraamp ammoo xiqqoo dura qaqabuunsaanii himameera.

    Tiraamp kan dursaniibakkicha gahan hanga xiyyaara humna qilleensaa (Air Force One) irraa hanga bu'aniitti eegaa jirra. Haata'u malee, dureewwan lamaan gulantaa xiyyaara pirezidantii Raashiyaa biratti akka wal argan eegamaa jira.

    Humni Qilleensaa 'Air Force One' Doonaald Tiraampiin ittiin gara Ankoraaheetti imalaniin kan Puutiin dura qabate.

    Michoota dhiyoo pirezidantii Ameerikaa keessaa muraasni, Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo, ergamaa addaa Waayit Haawus Isteev Wiitkoof fi daareektarri CIA Joon Raatkiliif, waraana Raashiyaa fi Yukireen keessatti nagaa buusuuf jaarsuumaa godhamuu keessatti hirmaataniiru.

    Tiraamp pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin har'a erga Tiraamp marsaa lammaffaaf gara Waayit Haawusitti deebi'anii booda yeroo fuula fuulatti wal qunnamuun kan kan jalqabaati.

  12. Tiraamp akkuma Zeleniskii godhe Puutiin irratti duuluu danda'aa?

    Daawwataan Maark akkas jechuun gaafatan: "Carraan Doonaald Tiraamp Zelensikii Waajjira Ovaal keessatti godhee sana Puutiin irratti duuluu hangam?"

    Akka yaadachiisaatti, Zelensikiin baatii Guraandhalaa keessa daawwannaa Waayit Haawusiitti taasisaniin erga Doonaald Tiraamp fi itti aanaa pirezidaantii JD Vaansii waliin marii iyyaan guutameen booda dursanii gadhiisan bahan.

    Kanaanis Doonaald Tiraamp hogganaan Yukireen kun deeggarsa Ameerikaan taasiifteef hin galateeffanne jechuun himatan.

    Namni Greey O'Donoghue jedhamu ammoo, walgahii har'aa Alaaskaatti taa'amu irratti "bu'aan hedduun" argamuu akka danda'uu yaada dhiheessuun garuu gosti "keessummeeffamuu" Zelensikii mudatee sun kaardii irratti akka hin jirre dabaluun himan.

    "Puutiin qurxummii baayyee adda ta'edha" akkuma humna niwukilaraa tokkootti.

    Kan jechuunis haala nama ajaa'ibuun kan akka ciminaatti fudhatamuu qaba jechuudha jechuun ibsan O'Donoghue.

    Tarii Tiraamp doorsisa baasaa ture tokko tokko, gama qoqqobbii fi qaraxa Raashiyaa fi michootashee waliin daldalan irra kaa'uuf karoorsan irra deebi'anii ibsuu filachuu danda'u ta'a.

    O'Donoghue akka jedhutti, Tiraamp baankota Raashiyaa hundi isaanii yeroo ammaatti qoqqobbii irra bilisa waan ta'aniif, isaan irra qoqqobbii kaa'uu malu.

    ''Kanaaf ammallee yoo Vilaadimir Puutiin har'a kubbaa haalaan kan hin taphanne ta'e, dhiibbaa ol kaasuu fi caalaatti adda baasuuf filannoowwan Ameerikaaf jiru,'' jedha O'Donoghue.

  13. Walga'iin Tiraamp fi Puutin kanaan dura akkam ture, kan ammaarraa maaltu eegama?

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Jimaata har'aa (Hagayya 15, 2025) walargu. Kun siyaasa addunyaa keessatti dubbii ijoo ta'eera.

    Walga'iin Tiraamp fi Puutin gidduutti gaggeeffamuuf deemu kun kan kanaan duraa akkam ture akka yaadannu nu taasisa.

    Walga'iin aanga'oota lameenii kun of eeggannoo cimaa, shakkii fi to'annoo olaanaadhaan kan gaggeeffamu ta'a.

    Walga'iisaanii kanaan dura ture marii Alaaskaatti akkaataa waraana Yukireen xumuruun danda'amurratti mari'achuuf deeman tilmaamuuf waan eeru qaba.

    Qondaalonni kanaan dura aanga'oota lameen kopha kophaatti ykn lamaansaanii iccitiidhaan beekan dureewwan lameenuu akkaataa marii isaanii irratti adeemsa mataasaanii qabatanii dhihaatu jedhan.

  14. Haadha namoota mucaashee butaniif birrii kuma 600 kanfaltee du'asaa miidiyaa hawaasaarratti dhageesse

    Naannoo Tigraay magaala Indaabaagunaa kan dhiheenya Shireetti argamtuutti tibbana mucaan waggaa torbaa butamee ajjeefamuun gatamuun jiraattoota magaalichaafi fayydamtoota miidiyaa hawaasaa baayyee naasiseera.

    Mucaan waggaa torbaafi maqaansaa Naa'ool Taklaay Birhaan jedhamu erga butameen booda gadhiisiisuuf haatiisaa birrii kuma 600 erga kanfalteefiin booda muciicha ajjeesanii riqicha irratti kan gatame torban darbe keessa ture.

    Muciichi ajjeeffamuun erga gatameen booda reeffiisaa tiksitootaan argamunsaa haadha ijoollee lamaa kan taatee dubartiin umuriin waggaa 32 Yordaanoos Gaayiimm BBC Tigriffatti himteetti.

    Jireenya ijoolleeshee fooyyeessuuf jecha waggaa muraasaan dura jireenya ishee Sudaan Kibbaa keessa kan taasifatee Yoordaanoos, AL Adooleessa 22, 2017 galgala ergaan bilibilaa ishee dhaqabe baayyee kan ishee naasise ture.

    Odeessa kanarratti guutuummaasaa dubbiifachuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  15. Qondaalli waraanaa Afrikaa Kibbaa Iraan deeggaruun yaada kennan qeeqaman

    Ajajaan waraana Afrikaa Kibbaa dhiheenya kana wayita Iraan doowwataniitti deeggarsa waraanaafi siyaasaa Teehraniif qaban ibsuu isaanii hordofee qeequumsi isaan mudateera.

    Miseensonni Gamtaan bulchiinsa Afrikaa Kibbaa Jeneraal Rudizaanii Mafiwaaniyaa ''ija jabina of eeggannoo hin qabne'' agarsiisaniiru jechuun kan himataman yoo ta'u, Pirezidaantiin Siiriil Raamaafoosaan gama isaaniin imala isaanii ''haalaan itti hin mari'atamne'' irratti mari'achuuf jeneraalicha waliin akka wal argan mirkaneessaniiru.

    Waldhabdeen kunis kan uumame yeroo Afrikaan Kibbaa Ameerikaa waliin hiriiroo rakkiisaa keessa galteetti yoo ta'u, Ameerikaan dhimmoota biroo fi hariiroo biyyattiin Iraan waliin qabdu irraa gammadduu miti.

    Qaama mootummaa Afrikaa Kibbaa kan ta'e, Gamtaan Dimookiraatawaa, Jeneraal Maafiwaaniyaan ''mana murtii waraanaatti'' akka dhiyaatan gaafateera.

    Yaadni janaraalichaa, ''marii waraanaa bira darbuun kan fagaateefi kan dhimma imaammata alaa keessa seeneedha'' jedheera

    Imalli Janaraala Maafiweniyaa kan walta'insa waraanaa cimsuu irratti xiyyeeffate yoo ta'u, gitasaanii Iraan waliin marii taasisaniin biyyoonni lamaan kaayyoo waloo akka qabaniifi yeroo hundaa ''ummattoota addunyaa cunqurfamaniifi gargaartoota hin qabne maddii akka dhaabbatan'' dubbachusaanii Terhaan Taayimsi Iraaniitti maxxanfamu gabaaseera.

    Waa'ee waraana Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtuu ilaalchisuun wayita haasa'aniittis, deeggarsa Filisxeemootaaf qaban ibsanii, dowwannaan isaaniis bulchiinsa Raamaafoosaa irraa kan ''ergaa siyaasaa qabudha'' jechuun aanga'ootatti dubbataniiru.

    Mootummaa Afriikaa Kibbaa yadawwan kanneen irraa of fageessaniiru.

    Ministeerri Raayyaa Ittisaa yaadawwan kanneeniin ''gaddiisiisaadha'' kan jedhe yoo ta'u, ministirri dhimma alaa ammoo, ''ejjannoo imaammata alaa mootummaa kan bakka hin buuneedha'' jedheera.

  16. Hanga waraanni dhaabatutti waliin hin dalaganu - Tiraamp

    Pirezidant Putiin waliin mari'achuuf gara Alaaskaa imalaa kan jiran Pirezidant Tiraamp, wanti dursa kennaniif waraana dhaabsisuu akka ta'e dubbatan.

    Putiin jila isaani keessa ''namoota daldalaa baay'ee'' fiduu hubachuu isaanii dubbataniiru.

    Haa ta'u malee, ''Hanga waraanni dhaabbatutti, biznasa waliin dalagnu hin qabnu,'' jedhan.

    ''Waraanni dhaabbachuu qaba, ajjeechaan dhaabbachuu qaba.''

    Ameerikaan biyya diinagdeen biyyoota kaan hawwattuuf Putiinis kanuma barbaadan jedhan, Tiraamp.

    Putiin nama ''gamna'' kan jedhan Tiraamp, lamaan isaanii gidduu wal kabajuun akka jiru dubbatani.

    Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti itti fufte gaafatamanii, Putiin waliigaltee gaarii akka argatan yaadu ta'a garuu ''isaan miidha'' jedhan Tiraamp.

  17. Lolaan namoota 160 ol Paakistaan keessa galaafate

    Sa'aatiiwwan 24 darbe keessatti lolaafi sigigi lafaa yoo xiqqaate namoota 164 Paakistaan akkasumas bulchiinsa Kaashmir Paakistaan bulchaa jirtu keessa galaafate.

    Duunii gara caalu, namoota 150, Kaaba Paakistaanitti galmaa'e. Yoo xiqqaate manneen 30 ta'anis manca'aniiru.

    Lubbuu baraartonni bobba'anis helikooptarri isaaniii kufee caccabuun hojjettoonnii isaa shananuu lubbuu dhabaniiru.

    Namoonnii dabalataa sagal immoo bulchiinsa Kaashmir Paakistaan bulchitu keessa, shan immoo naannawa Gilgit-Baltistaan keessa du'uu aangawoonni himaniiru.

    Raagdonni haala qilleensaa hanga Hagayya 21'tti roobni cimaan ni eegama jechuun dubbatanii turan.

    Bakkeewwan baay'ee balaan dhaqqabuu mala jedhamee akeekkachiifni darbeera.

  18. BBC'n qorannoo daddabarsa saalqunnamtii daa'immanii Keeniyaa irratti gaggeesse himannaa 'sobaati' jedhamu falme

    BBC'n qorannoo daldala saalqunnamtii daa'immanii Keeniyaa keessatti raawwatame irratti gaggeesse, mootummaan biyyattii kun gabaasa ''sobaati'' jechuun ibsee booda falme.

    Ministirri Biyya Keessaa Kipchumbaa Murkomeen Roobii darbe paarlaamaa irratti haasawa taasisaniin, dokumeentii BBCn hojjate kana akka ''namoonni gaaffiifi deebii waliin taasifame kan umuriin isaanii hin geenye jedhameetti ibsame sobaa'' jechuun ibsaniiru.

    Obbo Murkomeen itti dabaluudhaan, miidhamtoonni 'BBC Africa Eye' gaaffii fi deebii waliin taasifame beekaa akka ''ijoollee fakkeeffaman'' jedhan.

    BBCn akka jedhutti, dokumeentariin kun namoonni gaaffii fi deebii taasifameef ga'eessota ''muuxannoo miidhaa yeroo umuriin isaanii hin geenye'' yaadatanii akka dubbatan ta'uu isaanii ifa ture.

    Tamsaastichi itti dabaluudhaan, qorannoon 'BBC Africa Eye' hojii ''gaazexeessummaa faayidaa uummataa barbaachisaa'' ta'uu ibseera.

    Obbo Murkomeen BBC'n namoota gumaacha godhaniif ''badhaasa maallaqaa'' waadaa galeera jechuunis himata dhiyeessan.

    Ibsi BBCn baasee ammoo, miidhamtoonni seenaa isaanii akka qoodaniif kennaan maallaqaa kennameef omtuu akka hin jirre cimsee ibseera.

    "Dhimmicha ifa taasisuudhaaf, gumaachitoonni fiilmii kana keessatti mul'atan keessaa tokkollee kaffaltiin hin raawwatamnee ykn kaffaltiin hin dhiyaannee ykn karaa kamiinuu hin 'leenjifamne'," jedheera.

    Ibsichi itti dabaluudhaan, BBCn ragaa qorannoo kanarraa argame baatii Bitooteessa bara kana poolisii Keeniyaaf debisee kennee ture.

    BBC'n daa'imman balaadhaaf saaxilaman kunneen akka eegumsi isaanii mirkaneeffameef yeroo hedduu hordofee ture. Akkasumas fakkiin dubartoota lamaa saaxilamanii ji'a Eblaa keessa aanga'ootatti agarsiifameera.

  19. Indooneezhiyaatti namoonni laaqana mana barumsaa bilisaan sooratan 300 ol dhukkubsatan

    Magaalaa Indooneezhiyaa tokkotti namoonni gara 365 ta'an erga laaqana mana barumsaa bilisaan kenname nyaatanii booda dhukkubsataniiru.

    Kunis summaa'uu nyaataa sagantaa nyaata bilisaa Pirezidaantii Piraabowoo Subiyaantoo irratti hanga ammaatti mudate isa guddaadha.

    Nyaanni kunis giddugala Jaavaa, magaalaa Sragen keessatti yeroodhaaf kan addaan cite yoo ta'u, nyaatiichii kan faalame ta'u addaa baasuuf saamudni nyaataa qoratamaa jiraachuu bulchitoonni naannoo himaniiru.

    Sagantichi, tilmaama doolaara biiliyoona 28 (£21bn) kan baasu yoo ta'u, innis waadaa duula filannoo pirezidaantichi biyyattii keessatti quucaruu hir'isuu ittisuuf galaniin kan raawwatuudha.

    Haata'u malee, summaa'uun nyaataa walitti fufiinsaan, akkasumas gatii olka'uudhaan faayinaansii mootummaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera jedhuun qeequumsi mudateera.

    Sababa kanaatimis waajiraaleen ministeeroota hedduu baajanni isaanii hir'ateera.

    Wiizdaan Riidhoo Abimaahuu, Siraageen keessatti barataan kutaa sagalii akka Rooyitarsiitti himeetti, halkan walakkaa dhukkubbii garaa cimaa isa mudateen akka dammaqse ibseera.

    Dhukkubni garaa kaasaa fi boowwoo mataa kan qabu yoo ta'u, kunis summii nyaataatiin kan dhufe akka taeu shakka. Boodarra hiriyyoonni mana barumsaa maxxansa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin mallattoo walfakkaataa qabaachuu isaanii komachuu isaanii arge.

    Nyaanni gosa soorataa garaa garaa fi aannan qabate kunis mana nyaataa giddu galeessaa keessatti qophaa'uun manneen barnootaa magaalattii hedduudhaaf kan raabsamuudha.

  20. Namni yaalii fonqolcha Maalii keessatti Faransaayiif basaasuun shakkame to'annoo jala oole

    Bulchitoonni waraanaa Maalii biyya Afriikaa tasgabbii dhabsiisuuf jecha lammiin Faransaay biyya isaaf basaasaa ture jedhamuun shakkamee to'annaa jala oolchuu himan.

    Ibsa Kamisa galgala Televijiinii biyyaalessaa irratti dubbifameen, mootummaan juuntaa nama Yaan Vezilii'eer jedhamu ''tajaajila basaasa Faransaay bakka bu'uudhaan'' hojjechaa jira jechuun himateera. Obbo Vezilier himannaa kana irratti ammallee yaada hin kennine.

    Suuraan nama kanaatiis janaraalota waraanaa hedduu dhiheenya kana mootummaa waraanaa kuffisuuf karoosaniiru jedhamanii hidhaman maddiitti tamsa'eera.

    Ministirri Nageenyaa Maalii Janaraal Daawud Alii Mohaammadiine haasaa Televijiiniin taasisaniin, ''Shirri kun namoota dhimmicha keessa jiran to'annoo jala oolchuun fashalaa'eera,'' jedhan.

    Faransaay, bulchituu koloneeffattuu Maalii duraanii yoo taatuu, hidhamuu nama kanaafi himannaa tasgabbii dhabsiisuu irratti dhiyaate irrattis hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Sabni Afrikaa Lixaa kun bara 2012 irraa eegalee rakkoo nageenyaa finciltoota Islaamummaatiin dararamaa jirti, sababoota waraanaan harkaa fudhachuuf kennaman keessaa tokko yoo ta'u, garuu ammoo haleellaan gareewwan jihaadistootaa akkuma itti fufee jira, caalaattuu dabaleera jedhama.