Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Puutiin Yukireen qaama waliigaltee nagaa akka taatuuf wabii nageenyaa kennuuf waliigaluu ergamaan Ameerikaa

Isteevan Wiitkoof yaadni dhihaate kun kan ''tapha jijjiiru'' jechuun ibsa. Zelensikiin ammoo daawwannaa isaanii Waayit Haawus dura marii hoggantoota Awurooppaa waliin taasifame irratti hirmaachuuf.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mormitoonni dhimma Yukireen magaalaa 'Anchorage' keessatti hiriira bahan

    Mormitoonni walga'ii Tiraampii fi Puutiin dura magaala Alaaskaa kan taatee 'Anchorage' keessatti Yukireen deeggaruuf hiriira bahan.

    Namoonni alaabaa Yukireen mirmirsaa fi dhaadannoo guddaa jecha "Alaaskaan Yukireen waliin dhaabbatti" jedhu qabatanii mul'ataa turan.

  2. Tamsaasa kallattiin deebiineera!

    Attam jirtu hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa Jimaataatiin kunoo amma eegalleera. Isinis yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa gagabaabsinee asiin isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii keenya, ykn karaa Facebook keenyaa, WhatsApp ykn YouTube keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa.

  3. Tiraamp mariin Putiin waliin carraan milkaa'uu dhabuu isaa 25% jedhan

    Mariin guyyaa Jimaataa Pirezidant Tiraamp fi Pirezidant Putiin gidduu taasifamu eegamaa jira.

    Tiraamp gaaffiifi deebiii miidiyaa Fox News irratti taasisaniin, mariin marsaa biraa akka jiruu malu akeekaniiru.

    Marii lammataa kana irrattis Pirezidantiin Yukireen Zeleeniskiin argamuu akka malan himan.

    Haa ta'u malee, mariin Jimaataa carraan milkaa'uu dhabuu isaa 25% jechuun dubbatan.

    Waa'ee daangaa Yukireeniifi Raashiyaa irratti yeroo dubbatan immoo, Kiiv fi Moskoo gidduu lafa ''kennuufi fudhachuun'' jiraachuu akka qabu himan.

  4. Tiraamp mariin Puutiin waliin taasifamu yoo milkaa'e Zeleniskiif nan bilbila jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raadiyoo 'Fox News' waliin haasaa taasisaniin, wantoota mariin kuni irratti xiyyeeffatu dubbatan.

    Tiraamp yoo ''walgahii isaanii gaarii'' ta'e, pirezidantii Yukireen Zelensikiif bilbiluudhaan walgahii lammaffaa akka qopheessan dubbatan.

    Kunis Alaaskaa dabalatee kan bakkeewwan birootti gaggeeffamu akka danda'u dubbatan.

    Tiraamp isaaniifi fi Puutiin walgahii isaanii booda gaazexeessitoota waliin haasa'uun isaanii "gaarii ta'uu mala" jedhu.

    Haata'u malee, wanti akka karooraatti yoo hin deemne ibsa waloo gaazexeessitootaaf akka hin qabaanne himan.

    Bakka isaa, osoo gara UStti hin deebi'iin dura ofumaan gaazexeessitootaaf haasaa akka taasisan dubbatan.

    Haala dubbiif: Kireemlinii fi Waayit Haawus lamaan iyyuu, hoggantoonni kunneen boru erga mari'atan booda ibsa waloo gaazexeessitootaaf akka kennan dubbataniiru.

    Pireesii Sakreetariin Tiraamp, Kaarooliin Liiviit bal'inaan kan ibsan yoo ta'u, olmaan guyyaan isaanii walgahii qofaasaanii, jila biyyoota lamaanii waliin laaqana nyaachuu fi ibsa gaazexeessitootaaf kennuu kan of keessatti hammate ta'a jedhan.

  5. Raashiyaan jila Putiin waliin gara Alaaskaa imalan ifa goote

    Tiraampiifi Puutiin bori qaaman wal-arguun mariyachuuf jiru. Kanaaf ammoo dippiloomaatota Puutiin waliin gara Alaaskaa imalan Raashiyaan ifa gootetti.

    Namoonni Raashiyaan beeksifte, ajandaawwan marii borii maal irratti akka xiyyeeffatu kan akeekudha.

    Namoonni shan Puutiin waliin gara Alaaskaa imalan kanneen armaan gadiiti:

    • Yuurii Ushaakoov - gargaaraa pirezidaantii
    • Sargee Laaviroov - Ministira Dhimma Alaa
    • Andiree Beluusoov - Ministiira Ittisaa
    • Antoon Siliwaanoov - Ministiira Faayinaansii
    • Kiriil Dimiitiriiv- Gaggeessaa Fandii Investimentii Raashiyaa

    Namoota shanan Puutiin waliin gara Alaaskaa imaluun Tiraamp waliin marii gaggeessuf jiran keessaa Sargee Laaviroovifi Yuurii Ushaakoov dippilomaatota buleeyyiidha.

    Andiree Beluusooviifi Antoon Siluwaanoov jila Puutiin keessatti ramadamuunsaanii mariin guyyaa borii gaggeeffamu dhimma waraana Yukireen qofa osoo hin taane gaaffii nageenya tarsiimawaafi qoqqobbii kaasuu illee kan of keessatti hammatu ta'uu kan akeekudha.

  6. Bidiruuwwan dhidhimanii godaantonni hedduu du'an

    Godaantonni Libiyaa ka'anii osoo gara Xaaliyaanii imalanii dhidhimuun yoo xiqqaate namoonni 27 du'an.

    Godaantonni kunneen Galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuruuf yaalaa turan.

    Godaantonni 60 ta'an lubbuun oolanii qarqara odola Laampeduusaattii baraaramaniiru.

    Haa ta'u malee, ammallee barbaachi godaantota kaanii itti fufeera.

    Waggaa kana keessa osoo Galaana Mediteraaniyaanii qaxxaamuruuf yaalanii godaantonni 700 ol du'uu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Dhimma Godaantotaa (UNHCR) beeksiseera.

    Erga godaantonni du'uun dhagahame booda Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii gadda isaani ibsaniiru.

    Dubbii Himaan UNHRC illee gadda ibsan.

  7. Zelensikiin marii 'marii bu'a qabeessa' Istarmar waliin taasisan jajan

    Pirezidant Zelensikiin walgahiinsaanii har'a Kiir Istaarmar waliin taasisan ''bu'a qabeessa'' ta'uu fi hoggantoonni lamaan ''ejjennoo keenya qindeessuun itti fufaniiru'' jedhan.

    Hogganaan Yukireen barreeffama toora X irratti barreesseen, lamaan isaanii walgahii Jimaata Alaaskaa irratti waan isaan irraa eeganii fi wabiiwwan nageenyaa Yukireen nagaa ''waaraa'' mirkaneessuuf waamicha gochaa akka turte dubbataniiru.

    Akkasumas Zelensikiin ''sagantaa deeggarsa'' waraanaa fi indaastirii ittisaa Yukireen akkasumas invastimantii oomisha diroonii Yukireen irratti mari'achuu isaanii dubbatan.

    "Kana irratti UK fi michoota keenya hunda waliin hojjechaa jirra. Kiir, deeggarsa nuuf gootaniif galatoomaa!" jechuun xumuran Zelensikiin.

  8. Amma nu gahe, Puutiin walgahii Alaaskaatiin 'nagaaf kutannoo qabaachuu mirkaneessuu qaba' - Istaarmar

    Ministirri Mummee UK Kiir Istaarmar har'a erga pirezidantii Yukireen Volodymiir Zelensikii waliin wal arganii booda ibsa haaraa waajjira isaanii iirraa hageenye isiniif fidne.

    Ibsi Daawuning Istiriit irraa bahe kun walgahii Alaaskaa irratti ''hanga Puutiin nagaadhaaf kutannoodhaan qabaachuu isaa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatutti'' carraan ''jijjiramaa'' akka jiru hubatama jedha.

    Itti dabaluudhaanis, hoggantoonni lamaan kunneen kaleessa pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin erga mari'atanii booda, "miirri tokkummaa cimaan akka ture waliigalaniiru" akkasumas "Yukreen keessatti haqaa fi nagaa waaraa galmaan ga'uuf kutannoo cimaan akka jiru waliigalaniiru" jedha.

    Zelensikii fi Istaarmar guyyoota itti aanan keessatti walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan ibsichi xumura.

  9. Amma nu gahe, 'Tiraamp waraana Yukireen dhaabuuf garaa qulqulluun carraaqaa jiru' - Puutiin

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin walgahii qondaaltota waliin taasisaniin, carraaqqii ''garaa qulqulluu'' Doonaald Tiraamp lola Yukireen xumuruuf taasisan akka simatan dubbataniiru.

    Dhaabbanni oduu Raashiyaa TASS akka gabaasetti, Puutiin walgahii kana kan waamaniif ''bulchiinsa Ameerikaa amma jiru waliin sadarkaa akkamii irra akka jirru'' agarsiisuuf jedhan.

    Itti fufuun Puutiin, Ameerikaan "sochii lolaa dhaabuuf, rakkoo jiru dhaabuuf fi waliigalteewwan gama waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundaaf fedhii qabu irra ga'uuf tattaaffii cimaa fi garaa qulqulluu" gochuu ishee galateeffataniiru.

    Itti dabaluudhaanis: "Biyyoota keenya gidduutti, Awurooppaa fi walumaa galatti addunyaa irratti nagaan akka jiraatu haala yeroo dheeraa uumuufiidha," jedhan.

  10. Taphattoonni Cheelsii boonasii Kilab Woorlid Kaappi mo'achuun argatan hunda maatii Deegoo Jootaaf kennuufi

    Taphattoonni Cheelsii waancaa Kilab Worlid Kaappi mo'achuun tokkoon tokkoo isaanii boonasii argataniiru.

    Taphattoonni dorgommicha irratti hirmaatan boonasii doolaara 500,000 argataniiru.

    Taphatoonni Cheelsii hunduu boonasii kana argatan hundi isaanii maatii Deegoo Jootaaf akka kennamu waliigalaniiru.

    Deegoo Jootaa taphataa Liiverpuul ture. Gara kileba isaatti osoo deebi'aa jiruuti Ispeen keessatti balaa konkolaataadhaan lubbuun isaa kan darbe.

    The Athletic gaazexaan jedhamu akka gabaasetti, boonasiin taphattoota Cheelsii waliigalaan doolaara miliyoona 15 tahe guutummaatti maatii Jootaaf akka kennamu murteessan.

  11. Hafteen ilkaanii Affaar keessatti agame akaakilee ilmaan namaa jalatti sanyii haaraa mul'ise

    Hafteen ilkaanii sanyii dhala namaa jijjiirama tirannaa keessatti kanaan dura hin mul'anneefi waggaa miiliyoona 2.65 ture argamuu qorattoonni himan.

    Sanyiin kunis sanyii dhala namaa ammaa jalqaba jiraatan waliin yeroo wal-fakkaataa keessa turan jechuun Rooyitars gabaaseera.

    Saayintistoonni kunneen haftee ilkaanii kana kaaba-baha Itoophiyaa, naannoo Affaar lafa qorannoo Leedii Geraaruu jedhamutti argachuu himan.

    Ilkaan kudhan argatan kanas sanyii Awustiroolopitikas jedhamu jalatti ramadan. Ilkaan kuni sanyii garagaraa sadii irraa argame.

    Hamma har'aatti sanyiin Awustiroolopitikas akaakilee ilmaan namaa murteessoo jedhaman amala akka jaldeessaafi namaa agarsiisan hafteen isaanii iddoowwan Afrikaa garagaraa keessatti argameera.

    Qorattoonni kunneen akka jedhanitti ilkaan amma argam kuni ramaddii sanyii torbaffaa keessatti kan argamu yoo tahu, Kunis genus jedhamuun kan waamamu yoo tahu amala uumamoota amala wal-fakkaataa qaban agarsiisa.

    Saayintistoonni kunneen ilkaan sadii biraa waggaa miiliyoona 2.59 lakkoofsisees argataniiru, kunneenis amala sanyii Hoomoo jalqabaa agarsiisu.

  12. Tiraamp fi Puutiin walgahii Alaaskaa irraa maal buusuu abdatu?

    Raashiyaa fi Yukireen biyyoonni lamaan isaaniiyyuu yeroo dheeraaf waraanni kun akka xumuramu barbaanna jechuun kan dubbatan yoo ta'u, biyyoonni lamaan garuu wantoota tokkoonsaanii cimsee mormu barbaadu.

    Pirezidanti Tiraamp Wiixata darbe ''naannoo [Raashiyaan qabatte] keessaa muraasa Yukireeniif deebisuuf yaalaa akka jiru'' dubbataniiru. Haata'u malee, "wal jijjiirraan lafaa tokko tokko" jiraachuu akka danda'us akeekkachiiseera.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zelensikuun yaada daangaalee wal "jijjiirraa" kamiyyuu ofiirraa dhiibaniiru.

    Yukireen Kiriimiyaa dabalatee naannolee Moskoo qabatte to'annoo Raashiyaa jala akka galaniif akka hin fudhanne cimsee dubbata.

    ''Raashiyaan waan raawwatteef badhaafamuu hin qabdu,'' jedhan pirezdantiin Yukireen.

    Gama biraatiin ammoo, Vilaadmiir Puutiin gaaffii naannoo isaanii, giddu galeessa ta'uu Yukireen fi guddina waraanashee gara fuula duraa irratti qaban hin jijjirre.

    Gama biraatiin ammoo, Raashiyaan weerara guutuu Yukireen irratti kan jalqabde yoo ta'u, Puutiin gamtaan ittisaa warra Lixaa kan ta'e Naatoo, biyya ollaa kana fayyadamuun loltootashee daangaa Raashiyaatti dhiheessuuf bakka miila horachaa jira jedhanii amanu irraa kan ka'edha.

  13. Seerri umurii mirkaneessu hojiirra oollaan lakkoofsi namoota marsariitii saal-quunnamtii mila'atanii hir'ise

    UK'tti seerri umurii mirkaneessu hojiirra oollaan lakkoofsi namoota marsariitii saal-quunnamtii mil'atanii akkaan hir'ise jechuun ragaaleen mul'isan.

    Dhaabbanni odeeffannoo xiinxalu Similarweb marsariitii saal-quunnamtii ga'eessotaa Pornhub torbee lama keessatti qofa maamiloota miiliyoona tokko dhabeera.

    Marsariitiin Pornhub fi kaan Adoolessa 25 sirna haaraa umurii mirkaneessu erga seerri biyyattii marsariitiiwwan kunneen ijoollee waggaa 18 gadiif viidiyoowwan saal-quunnamtii kunneen ilaaluu rakkisaa gochuu qabu jedhan.

    Namoonni gidduugalaan guyyaatti marsariitii Pornhub jedhamu ilaalanii isa Adoolessa keessa miiliyoona 3.2 ture guyyoota sagalan Hagayya keessa miiliyoona 2tti gad bu'eera.

  14. 'Ijoolleen keenya osoo ilaalluu ija keenya duratti du'aa jiru' - haadha Sudaan

    Dubartoonni mana nyaataa hawaasaa magaalaa Sudaan marfamte el-Faashar keessatti argaman abdii kutannaa guddaa keessatti argamu.

    "Ijoolleen keenya ija keenya duratti du'aa jiru" jechuun isaan keessaa haatii tokko BBC'tti himan.

    "Maal gochuu akka qabnu hin beeknu. Isaan qulqulluudha. Waraana ykn humnoota waraanaan wal waranaa jiran (Humnoota Deeggarsa Saffisaa) waliin waan wal qabatu hin qaban. Gidiraan keenya waan ati yaadduun olii hammaataadha."

    El-Faasher keessatti nyaanni baayyee waan jirreefuu, gatiin silaa duraan maallaqa nyaata torban tokkoof ta'u ittiin bitamuun amma nyaataa tokko qofa bitachuu hanga dadhabuu irra gahamaa jira.

    Dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa "beela akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuu yaadamuu" balaaleffataniiru.

    BBCn waraabbii viidiyoo namoota ammalleen magaalaa keessatti danqamanii kan aktivisitoota naannichaa fi ogeessa kaameeraa firiilaansii hojjatuun kaafaman argateera.

    Waraanni Sudaan ajajoonni isaanii waliin ta'uun fonqolcha mootummaa erga geggeessanii booda, wal dhabdii jidduu isaaniitti mudateen waggoota lamaa oliif humna deeggarsa ariifataa (RSF) waliin waraanaa jiru.

    Naannoo lixa Daarfuuriitti kan argamtu El-Faasher, waldhabdee kana keessatti sarara fuulduraa gara jabeessa ta'e keessaa isa tokkodha.

  15. Mariin dhukaasa dhaabuu namoota butaman gadhiisisuu irratti akka xiyyeefatu Netaaniyaahuun akeekan

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun amma tattaaffiin dhukaasa dhaabuu Gaazaa namoota butamanii Gaazaatti hafan hunda al tokkotti gadhiisiisuuf waliigaltee hunda hammataarratti kan xiyyeeffate ta'uu akeekaniiru.

    Karoorri kanaan dura ittiin dhiibbaan taasisamaa ture jalqaba guyyoota 60f dhuukaasa dhaabuu fi namoota butamanii lubbuun jiran gartokkoon gadhiisiisuuf ture.

    Hamaas jilli hoggantoota isaa qondaaltota Masrii waliin ''marii duraa'' gochuuf Kaayirootti akka argaman ibseera.

    Gabaasni akka jedhutti, giddu-galeessitoonni waliigaltee tokko dhiibuuf yaaluun torban dhufan keessatti ifa carraa ni argu.

    Erga ji'a darbe mariin al-kallattiin Israa'elii fi Hamaas gidduutti taasifamaa ture addaan cireen booda, Israa'el karoora falmisiisaa ta'e, haleellaa waraanaa bal'isuu fi naannoo Gaazaa hunda dhuunfachuuf ifoomsiteetti. Kanaanis, naannoowwan jiraattonni Gaazaa miliyoona lama ta'an keessaa harki caalaan isaanii keessa dahatan kan dabalatuudha.

    Haata'u malee, miidiyaaleen Israa'el pareshinii haaraan kun hanga Waxabajjiitti ni jalqaba jedhanii hin eegan. Sababiin isaas, waamicha humna eegataaf taasissuu dabalatee, waraanni qophii akka taasisuudhaaf yeroo kan kennu ta.a.

    Gama biraatiin ammoo, Israa'el haleellaa Gaazaa keessatti raawwattu cimsuudhaan, guyyaa darbe keessa yoo xiqqaate Filisxeemoonni 123 ajjeeffamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.

    Israa'el haleellaa magaalaa Gaazaa irratti raawwattu keessumattuu haleellaa qilleensaa mana barbadeessuun akka cimsite namoonni ijaan argan ni dubbatan.

  16. Loltoota Biriiteniif dhorkaa ta'us Keeniyaatti daldaltoota saal-qunnamtiif kaffaluun fayyadamaa jiru

    Loltoonni Biriteen buufata leenjii falmisiisaa Keeniyaa keessatti argamu keessaa muraasni isaanii dhorkaan irra kaa'amullen ammalleen hojjattoota saalquunnamtiitti fayydamaa jiraachuusaanii qorannoon waraanni Biritish taasisee adda baaseera.

    Loltoonni Buufata Leenjii Waraanaa Biritish Keeniyaa keessaa (Batuk) jedhamee beekamu keessatti argaman haala ''sadarkaaa gadaanaa ykn jidduugalaatiin'' hojjattoota saalquunnamtiitti akka fayyadaman kan ibse gabaasichi, aadeeffannaa kana hambiisuudhaaf hojiin dabalataa hojjatamu akka qabu ibseera.

    Qorannoon kunis waggaa lamaa oliif kan gaggeeffame yoo ta'u Adooleessa 2022 irraa kaasee yeroo jiru kan haguuguudha.

    Qorannoon kunis amala loltoota Biritish Batuk keessatti argaman ilaalchisee qorannoo ITV Onkololeessa 2024 baase hordofee yoo ta'u, gabaasichi miseensoonni loltootaa tokko tokko dubartoota naannichatti argaman waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf kanfaltii raawwatu himannaa jedhu kan hammate ture.

  17. Ashamaa, tamsaasa guyyaa har'aatiin deebiineerra!

    Attam jirtu hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa Kamiisaatiin kunoo amma eegalleera. Isinis yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa gagabaabsinee asiin isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii keenya, ykn karaa Facebook keenyaa, WhatsApp ykn YouTube keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa.

  18. Jarmaniin Yukireeniif deeggarsa haaraa doolaara miiliyoona 500 gochuuf waadaa galte

    Jarmaniin Yukireeniif deeggarsa haaraa doolaara miiliyoona 500 (£368m) baasuu akka kennitu Naatoon beeksiseera.

    Naatoon ibsa baaseen, ''paakeejiin meeshaalee waraanaa fi rasaasa Yukireen'' kunis maddi isaa US irraa karaa kaka'umsa Naatootiin ta'uu ibseera.

    Naatoon waadaan kunis ''fedhii duula atattamaa Yukireen dirree waraanaa irratti qabdu guutuudhaaf'' kuufama Ameerikaa irraa fudhachuun kan qophaa'edha jedhe.

    Hogganaan Olaanaan Naatoo Maark Ruut akka jedhanitti: "Jarmaniin biyyoota Awurooppaan gargaarsa waraanaa guddaa Yukireenif gumaacha taasisan keessaa yoo taatuu, beeksisni har'aa kunis kutannoo ummanni Yukireen bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaa akka ittisuuf gargaaruuf qabdu kan daran mul'iseedha."

  19. 'Raajii abdachuu' - dargaggoota Yukireen walgahii Tiraamp fi Puutiin eegaa jiran

    Vaaleriyaa Shaashenok, shamarreen ganna 24 fi Tiktokarri, yeroo walgahiin Tiraamp fi Puutiin Alaaksaatti gaggeeffamuuf gahaa jiruutti miirrii magaalaa guddoo Yukireen Kiiv keessa jiru mul'atu ''dhiphina guddaa'' akka ta'e BBCtti himti.

    Vaaleriyaa, kan obboleessi adaadaanshee ganna 18 dhohiinsa boombii lafaatiin jalaa duute, torban kana kabaja guyyaa dhaloota hiriyyaashee irratti kan argamte yoo ta'u, hiriyyoota ishee gidduutti waa'ee walgahii pirezidantota Ameerikaa fi Raashiyaa gidduutti taasifamaa akka mari'ataa turan himti.

    "Kunis kan dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 keessa jiran Kiiv keessatti haasaa'aa jiraniidha," jetti. "Walgahii kanaaf yeroo dheeraaf eegaa turre, haata'u malee fayyaa sammuu keenya irratti dhiibbaa gochaa jira".

    Pirezidant Tiraamp walgahii Puutiin waliin taasisaniin lafa yeroo ammaa Raashiyaa fi Yukireen qabatanii jiran wal jijjiiruu irratti akka mari'atan dubbataniiru.

    Vaaleriyaan guyyaa naannoowwan amma waraana Raashiyaatiin to'ataman, kan akka Luhaansk, Donetsk, Zaaporizhzhiyaa fi Khersan dabalatee, gara Yukireenitti deebi'uu danda'an ''abjoota'' akka jirtu dubbatti.

    Haaluma walfakkaatuun, waan akkasii irratti mar'achuun kan ''dhukkubbii qabuu'' fi ''cimaa'' ta'us, deebifachuun ''raajii ta'a'' jetti.

    Walgahii hoggantootaa lamaanii irraa wanti isheen barbaaddu inni guddaan "misaa'elli xiqqaachuudha."

    "Guyyaa durii jireenyi Kiiv keessatti kan mijatu ture. Mana nyaataa fi bakka muuziqaa fi bakka beelamaa keenya deemaa turre. Amma garuu halkan hunda, yoom misaa'elli Raashiyaa yoom jireenya kee balleessuu akka danda'u gonkumaa hin beektu."

  20. Marii Traamp-Puutiin Jimaata dhufu taasifamu dursee biyyoonni Awurooppaa ulaagaa afur kaa'an

    Tiramp fi Puutiin Jimaata dhufu Alaaskatti wal-arganii dhimma waraana Yukireenitti xumura gochuu mariyachuuf beellama qabataniiru.

    Sana dursee garuu biyyooni Awurooppaa akkaataa marichi itti gaggeeffamuu qabu ilaalchisee ulaagaa garaa garaa kaa'aniiru.

    Keessumaa biyyoonni Yukireen deeggaruudhaaf fedhii qabaachuu ibsaa turaniifi "coalition of the willing" jedhamuun beekaman kanneen akka UK, Faransaayi, Jarmanii fa'aa wal-gahuun ulaagaa afur kaa'aniiru.

    Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmariifi pirezidaantii Faransaayi Imaanu'eel Maakroon wal-arguun akkaataa itti waraanni Yukireen xumura argachuu qaburratti mariyataniiru. Ulaagaales kaa'aniiru.

    Ulaagaalen arfan biyyoonni Awurooppaa kunneen kaa'an kunooti:

    • Waliigalteen hiika qabu gaggeeffamuu kan danda'u dhukaasni dhaabbatee ykn itti fufiinsa lolli dhaabbatee ta'uu qaba.
    • Jimaataa dhufu marii Tiraamp fi Puutiin taasisuuf jiraniin wlaiigalteen dhukaasa dhaabuu hin labsamu taanan, qoqqobbiifi dhiibbaan diinagdee Raashiyaarratti gaggeeffamuu qaba.
    • Daangaan walabaa biyya tokkoo "humnaan jijjiiramuu hin qabu"
    • Yukireen walabummaashee akka kabachiifattuuf wabii nageenyaa "cimaafi qabatamaa ta'e argachuu qabdi"- biyyoonni wal-ta'uun Yukireen deeggaran ammoo waraanni erga dhaabbatee booda kana mirkaneessuf qophiidha.