Dubartonni Israa'el afur Hamaasiin butaman jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200tiin gadhiifafama

Dubartoonni Israa'el afur jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200 Israa'el hidhamaniitiin kan gadhiifaman yoo ta'u, hidhattootaan marfamuun Fannoo Diimaatti dabarfamanii kennaman.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Aksumiitti barattoonni dubaraa hijaaba akka hin uffanne dhorkamu hiriirri balaaleffatu Maqaleetti bahame

    Shamarree dhaadannoo mormii qabattee dhaabattu
    Ibsa waa'ee suuraa, Shamarree dhaadannoo mormii qabattee dhaabattu

    Naannoo Tigiraay Aksumitti barattoonni dubaraa manneen barnoota sadarkaa lammaffaa shanitti hijaaba akka hin uffanne dhorkamuusaanii muslimoonni naannicha keessa jiraatan balaaleffatan.

    Kibxata har’aa hiriirtoonni magaalaa Maqaleetti bahuun barattoonni dubaraa hijaaba uffatanii mana barnootaa seenurra dhorkamu barnootarraa gufachisuu fi hidhamusaanii balaaleffatan.

    Bararattuu Amiiraa Musxafee, hijaaba hin uffatiinaa jedhamuun barnootaarraa gufachuu balaaleffatte.

    Amiiraan ‘hijaabni kabaja fi ibsituu dubartii muslimaati’’ jetti. Barattoonni dubaraa hijaaba akka hin uffanne dhorkamuun hawaasummaa fi amantiirratti dhiibbaa uumuu ibsiti. Barattoonni biroos komii walfakkaatu himatu.

    Mudde gara xumurraatii kaasee Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa magaalaa Aksumitti barattoonni hijaaba akka hin uffanne dhorkamuun barnoota addaan kutuu isaaniif waajira barnootaa magaalichaa himachuun ni yaadatama.

  2. To'annoon Odolawwan Chaagoos hariiroo UKn Tiraamp waliin qabdu qoruu danda'a

    Odola Diyeegoo Garsiyaa buufata waraana US ture

    Madda suuraa, Reuters

    Bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalqabaa keessatti Ministirri Loltoota durii, Roobart Wiilkii sagantaa BBC Today irratti kan dubbatan yoo ta’u, Tiraamp UKn ittisa irratti baasii dabalataa akka baastu barbaadu jedhan.

    ''Yeroo waraanni Ingilizii dandeettii guddaa qabaatee addunyaan ni cimti,'' jedha.

    Jarmaniifis akkasuma jechuudhaan, itti dabaluun, ittisi Tiraampiif dhimma ''gutummaatti dursi kennamuufiidha'' jedha.

    Odolawwan Chaagoos hariiroo ittisaa Tiraamp fi mootummaa UK gidduu jiruuf "qormaata jalqabaa" ta'uu danda'u ilaalchiisee kan gaafataman Wiilkiin, "guutummaatti. Di'eego Gaarshiyaan waggoota kurnaniif US fi UK'f bakka tarsiimoo murteessaa ta'ee ture" jechuun deebii kenna.

    Mootummaan UK odolawwan kanneen gara Moorisiyaatti deebisuuf kutannoo qaba ture. Garuu Tiraamp UKn akkas akka gootu hin barbaadan, murtoon Landan to'annoo odolawwan kana to'achuuf qabduu "hariiroo addaa sana cabsuu danda'a" jedha Wiilkiin.

    Duubbeedhaaf: UKn bara 1965tti Odoola Chaagoos Moorisiyaa to’achuun, Onkoloolessa keessa abbaa biyyummaa akka kennitu garuu ammoo buufata odola guddittii Diyeegoo Garsiyaa irratti argamu liizii waggaa 99n to’achuushee beeksiste.

  3. US murtee WHO keessaa ba'uuf dabarsite irra deebitee ni ilaalti jennee abdanna- Dr Teedroos

    Dr Teedroos Adihaanoom

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidanti Doonaald Tiraamp guyyaa jalqaba Waayit Haawus seene tarkaanfii fudhate keessaa inni jalqabaa US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatu ajajuu ture.

    Tarkaanfii Tiraamp kana hordofee Hoogganaa Olaanaan WHO, Dr Teedroos Adihaanoom X irratti deebii kennaniiru.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ''Ameerikaan keessaa of baasuusheetti baayyee gadda,'' jedhan.

    US hundeessitoota dhaabbata kanaa keessaa hangafa ta'uusheen alattiyyuu dhaabbaticha cimsuun toora qabsiisuu keessatti shoora olaanaa qabdi jedhan hoogganaan kun.

    ''US murtee kana irra deebitee ilaalti jennee abdanna. USA fi WHO gidduutti hariiroo cimsuuf marii ijaaraa ta'e gaggeessuuf hawwii guddaa qabna. Kun fayyummaafi nageenya miiliyoonotaaf faayidaa guddaa qaba,'' jedhan Dr Teedroos.

    US biyyoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf baajata guddaa ramadan keessaa jalqabarra jirti. Bara 2023 baajati dhaabbatichaa 18% Ameerikaa irraa kan argame ture.

  4. Tiraamp Puutiin waraana Yukireen keessa akka dhaabu itti himu - hogganaa ce'umsa ittisaa

    Amma Roobart Wiilkii, garee ce'umsaa itti gaafatamaa Tiraamp Peentaagoon keessatti, kan sagantaa Today irratti dhiyaatan irraa odeeffannoon dabalataa dhagahameerra.

    Innis waa'ee akkaataa Tiraamp itti waraana Yukireen irratti hojjatuu dubbataa ture.

    Wiilkiin Tiraamp Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiif bilbila bilbiluudhaan waraana Yukireen keessaa akka dhaabu itti himu jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, Tiraamp pirezidaantii Yukireen Zelenskiittis "halluuwwan kutaa ummata keetii isa guddaa ta'e waamuu dhiisuu keetti" waan gahaa akka hin hojjenne itti himu. Itti fufuunis Zelenskiidhaan "dhiirota ummata keessatti maashaa fi cimina kennan" alattt dhiisaniiru jedhan.

    Puutiin yoo waamicha Tiraamp waraanicha dhaabuu yoo didan, ajajawwan pirezidantummaa Tiraamp keessaa tokko ''humna anniisaa Ameerikaa hiikuu ta'a'' jedhan Wiilkiin.

    "Dhangala'aan gaazii uumamaa Ameerikaa gara Awurooppaatti yaa'uu ni jalqaba," kan jedha Wiilkiin, "boba'aa Ameerikaan gabaa boba'aa addunyaa irratti argamuun isaa ammoo, gatii boba'aa gadi buusa, kunis dinagdee Raashiyaa ni kufsa. Sunis rakkoo cimaa diinagdee yeroo waraanaa Puutiin irra kaa'aa adeema."

  5. Tiraamp daa'imman godaantota seeran alaa UStti dhalatan lammummaa akka hin arganne gochuufi

    Tiraamp ajajawwan pirezidaantummaa yeroo mallatteessu

    Madda suuraa, EPA

    Tiraamp halkan edaa irraa eegale ajajawwan pirezidaantummaa jajjaboo mallatteessuu itti fufeera.

    Murteewwan inni dabarse keessaa godaantota seeran alaa Ameerikaa keessaa baasuufi akka hin seenne eegumsa daangaa cimsuudha.

    Dabalataanis maatin godaantota seeran alaa ijoollee US keessatti godhatan, ijoollensaanii mirga dhalootan lammummaa US argachuuf qaban ture haquufi.

    Labsii 14th Amendment jedhamuufi ijoollen US keessatti dhalatan ykn guddifachaan fudhatan mirga lammii Ameerikaa ta'uu kan kennuuf yoo ta'u, waggoota dheeraf hojiirra oolaa kan tureedha.

    Tiraamp garuu namoonni seeran ala US seenaniifi viisaa yeroo gabaabaa qaban ijoolleensaanii US keessatti dhalatan mirga lammummaa argachuuf qaban akka haqamuuf ejansiiwwan federaaf ajaja dabarseera.

    Ejansiiwwan federaalaa ajaja pirezidaantii kana guyyoota 30 keessatti hojiitti akka hiikan jedhamaniiru.

    Haa ta'u garuu, murteen Tiraamp kun mana murtiitin kufaa ta'uu danda'a jedhamaa jira.

  6. Tiraamp dhukaasa dhaabuun Gaazaa akka itti fufu 'amantaa hin qabu' jedhan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Preezdaantiin haaraan Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa Israa'eliifi Hamaas jidduutti mallattaa'e itti fufusaatiif ''amantaa hin qabnu'' jedhan.

    Gaaffii gaazexessaa tokko irraa dhiyaateef deebii kan kennan Tiraamp: "Sun waraana keenya osoo hin taane, waraana isaaniiti. Garuu amantaa hin qabu" jedhan.

    Haata'u malee, itti dabaluudhaan, Hamaas ''laaffiifameera'' jechuudhaan, Gaazaan ''bakka diigamaa guddaa'' fakkaatteetti jedha.

    Abbaan qabeenyaa riil isteetII duraanii kunis, yoo karoorichi hojiirra oolee Gaazaa waliin ''wantoonni babbareedoo hojjetamuu ni danda'amA'' jechuun dubbatan.

    Itti dabaluunis: "Galaana irratti bakka ajaa'ibaati ... Beektaa, wanti hundi gaariidha."

  7. Ajajiwwan Tiraamp guyyaa jalqabaasaatti mallatteesse kam fa'iidha?

    Tiraamp guyyaa jalqabaa waajjiira saa keessatti

    Madda suuraa, EPA

    Tiraamp guyyaa jalqabaa pirezidaantummaa isaaniitti tarkaanfiiwwan ajaja pirezidantummaa hedduu mallatteessaniiru.

    Tarkaanfiiwwan Tiraamp guyyaa aangoosaa tokko keessatti labse kunooti.

    • Ameerikaa waliigaltee haala qilleensaa Paaris keessaa baasuu
    • Adeemsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa bahuu jalqabuu
    • Daangaa kibba biyyattii irratti "labsii yeroo muddamaa biyyaalessaa" labsuu
    • "Dubartoota ilaalcha koorniyaa irraa ittisuufi dhugaa baayoloojii mootummaa federaalaatti deebisuu."
    • Namoota jeequmsa Kaappitool kan Amajjii 6 keessatti hirmaataniif dhiifama gochuu
    • "Aanga'oota mootummaa duraanii filannoo gidduu seenuudhaan" itti gaafatamoo taasisuu.
    • Mootummaan federaalaa mirga bilisummaa yaada ibsachuu akka deebisuu fi mootummaan jidduu akka hin gallee ajajuu
    • "Qajeelcha Gahumsa Mootummaa" (Doge),boordii gorsaa garuu kan kutaa mootummaa hin taane hundeessuun.
    • Hanga bulchiinsi mootummaa guutummaatti to’atutti birokraasii dambii dabalataa akka hin baasne dhorkuudhaaf dhorkaa dambii (regulatory freeze)
    • Rakkoo qaala'insa jireenyaa furuudhaaf qajeelchaa fi ejensiin mootummaa federaalaa keessa jiru hundaaf jeelfama kennuu
    • Tarkaanfii Tiraamp uggurri TikTok hojiirra akka hin oolle yeroodhaaf ni dhorka jedhan.
  8. Tiraamp Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatuuf ajajan

    Tiraampiifi Dr Teediros

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaa adeemsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan Dr Teediroos Adihaanoomiin durfamu keessaa baasuu akka jalqabduuf ajaja pirezidantii mallatteessan.

    ''Oooh!, sun waan guddaadha,'' jedhan pirezidaantiin Ameerikaa haaraa kakuu raawwatan kun akkuma Waayit Haawus deebi'anii booda sanada kana yeroo mallatteesanitti.

    Kunis tarkaanfiiwwan hedduu guyyaa jalqaba aangoo itti fudhataniitti ajajawwan pirezidantummaa mallatteesse keessaa isa tokko ture.

    Kunis Tiraamp yoo Ameerikaan Dhabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatuuf ajaja dabarsan kan yeroo lammataati.

    Tiraamp tibba yeroo weerara vaayirasii koroonaa akkaataa qaamni idil-addunyaa kun itti Covid-19 itti qabe qeequudhaan, US dhaabbata Jenevaatti argamu kana keessaa akka baatuuf adeemsa eegale ture.

    Dabalataan dubbiisuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  9. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Akkam bultan hordoftoota keenya? Tamsaasa kallattii kanaan odeessaalee pirezidantii haaraa US Doonaald Tiraamp waliin walqabatan hordofnee isin biraan geenya.

    Taateewwan Baha Giddugaleessaa (Israa'el fi Hamaas) irratti odeeffannoo jiran ni dhageessu.

    Wiixata kaleessaa wayita Pirezidant Doonaald Tiraamp kakuu seenurraa eegalee odeeffannoo turan karaa kanaan ni argattu.

    Nu faana turaa!