Pirezidantichi tarkaanfiin kun qoricha fentanyl, kan Chaayinaan karaa Kanaadaa fi Meeksikoo gara US ergaa jiraachuu himatu, irratti akka fuulleffatu ibsa.
Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasise keessatti waliigaluun waan danda'amuudha jedhe.
''Isa kana isaan hin barbaadan. Osoo taarifa irratti hin daballe ta'ee nan filadha, garuu kun aangoo guddaa Chaayinarratti qabaachuu dandeenyudha,'' jedhe.
Aanga'aa olaanaan US kun dantaa biyyasaa kabachiisuuf taarifa akka meeshaa ijootti fayyadamaa jiraachuu mul'iseera.
Mootummaan Kiiv yeroo sanatti naannoo sana qabachuuf yaada akka hin qabne, garuu marii nagaa gara fuuladuraatti taasifamu irratti dhiibbaa uumuuf akka qabatte ifa godheera.
Ergasii Yukireen sababiin itti Kurisk keessatti jalqaba kan walitti fufiinsaan duubatti dhiibamaa kan dhufe yoo ta’u, kunis gartokkoon isaa Onkoloolessa keessa loltoonni Kooriyaa Kaabaa gara Raashiyaa dhufuu isaaniitiin raaawwatame.