Dubartonni Israa'el afur Hamaasiin butaman jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200tiin gadhiifafama

Dubartoonni Israa'el afur jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200 Israa'el hidhamaniitiin kan gadhiifaman yoo ta'u, hidhattootaan marfamuun Fannoo Diimaatti dabarfamanii kennaman.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dubartoonni Israa'el afur Fannoo Diimaatti yeroo kennaman

    Dubartoonni butman kunneenis hidhattotaan marfamuu ilamaa turan

    Madda suuraa, Reuters

    Yeroo dubartoonni Israa'el afran Hamaasiin butamanii turan dhaabbata Fannoo Diimaatti dabarfamanitti waan ture ilaalchisee suuraalee muraasa arganneerra.

    Dubartoonni kunneen hidhattoota Hamaasiin konkolaataa Filisxeem keessaa erga bafamanii booda waltajjiichatti kan fidaman yoo ta'u, kolfaa fi harka isaanii namoota walitti qabamaniif mirmirsaa turan.

    Isaan booda ammoo konkolaataa Fannoo Diimaa keessa galuudhaan imalasaanii itti fufan.

    Dubartoonni unifoormii uffatanii waltajjiitti olbaafaman

    Madda suuraa, Reuters

    Daandiisaanii itti fuufan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni kunneenis isaan booda waltajjiicharraa buufaman
  2. Viidiyoo yeroo dubartoonni afran gadhiifaman

    Yeroo dubartoonni Israa'el afur Hamaas fi dhaabbata Fannoo Diimaan walharkaa fuudhinsa kanaatti loltoonni Israa’el afran kun Hamaasiin dabaalamuun gara konkolataa keessa galfaman.

    Konkolaataa Fannoo Diimaa keessa wayita galaniitti namoota sivilii fi kanneen qawwee hidhatanii alaabaa Hamaas qabataniin marfamii garuu kolfaa fi harka isaanii raasaa turan.

    Viidiyoo kana milladhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Moment four Israeli hostages released by Hamas
  3. Hamaas namoota Israa'el irraa butaman gadhiisuuf jedhu maqaa tarreesse

    Namoota Israa'el irraa butaman

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuun namoota afur butamanii turan kan gaafa Sanbataa gadhiisuuf jedhu maqaa ibseera.

    Hamaas namoonni kunneen loltoota Kaariinaa Ariiv, Daani'eellaa Gilboyaa, Naamaa Leevii fi Lirii Albaag jedhamaniidha.

    Yeroo isaan gadhiifaman hidhamtoonni Filisxeem 180 Israa'el turanis ni bahu.

    Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamee wal-geeddaraan kuni marsaa lammaffaati. Marsaa jalqabaan namooti butaman sadii, hidhamtoonni Filisxeem 90 gadhiifamaniiru.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni waraana Onkololeessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwachuun jalqabe goolabeera.

    Gaafas lammiileen Israa'el 1,200 yoo ajjeefaman duula haleellaa ergasii Israa'el banteen lammiilleen Filisxeem 47,200 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa gabaasaa ture.

  4. Balaa konkolaataa Kaaba Wallootti mudateen namoonni 40 du'an

    Bakka balaan konkolaataa itti mudate

    Madda suuraa, Dawunt Comm.

    Naannoo Amaaraa Godiina Walloo Kaabaa keessatti balaa konkolaataa mudateen namoonni 40 du'uu ogeeyyiin fayyaafi namoonni ijaan argan himan.

    Balaan kun kan mudate Aanaa Daawunt keessatti guyyaa kaleessaa yoo ta'u, konlkolaataan geejjiba uummataa magaala guddoo aanichaa Kurbaa jedhamturra namoota 60 ol fe'ee gara Dasee deemaa ture garagalee hallayyaa bu'uun akka ta'e jiraattonni BBCtti himan.

    Konkolaatan geejjiba uummataa garagale kun "qixqixii" jedhamuun kan beekamuufi namoota 28 qofa fe'uu osoo qabuu humnaa ol namoota 60 ol fe'ee osoo deemuu akka garagalee lubbuun namoota 40 gaaga'ame himu qindeessaan buufata konkolaataa magaala Kurbaa.

    Balaa kanaan, konkolaachisaa dabalatee namoonni 40 yoo du'an, 30 kan ta'an ammaa miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru.

    Maatii tokko keessaa namoonni lamaa hanga sadii fa'aa akka du'an ogeeyyin buufata fayyaa magaalattii BBCtti himan.

    "Mana tokko keessaa reeffi lamaafi sadii fa'aa waan jiruuf guyyaan har'aa baay'ee ulfaataadha. Magaalattiin lafa dhiigaa taatee oolte," jedhan ogeessi fayyaa buufata fayyaa magalaattii BBCtti dubbatan tokko.

  5. US godaantota seeraan alaa biyyaa baasuu eegalte

    Godaantota gara biyyasaanitti deebifama jiran

    Madda suuraa, Karoline Leavitt/X

    Ajaja Tiramp hordofee godaantota seeraan alaa US keessaa baasun akka eegale Waayit Haawus beeksise.

    Dubbi himtuun Waayit Haawus Kaarolaayin Leevit akka beeksistetti, balaliin godaantota seeraan alaa biyya irraa dhufanitti isaan deebisu eegaleera.

    "Pirezidaant Tiraamp addunyaaf ergaa cimaafi ifa ta'e dabarsaa jiru: Karaa seeraan alaa USA yoo seentan gatii cimaa isin baasisa," jechuun fuula X gubbatti barreessite.

    Maxxansa dubbi himtuun Waayit Haawus X gubbatti maxxansite irratti namoonni hidhaman hiriira galfamanii xayyaara waraanaa fe'uumsaa tahe keessa seensifamaa osoo jiranuu suurri ni agarsiisa.

    Namoonni to'ataman kunneen eenyu akka ta'aniifi garam akka geeffamanis ifa hin goone.

    Wiixata darbe Tiraamp Sagantaa Galmee Godaantotaa dhorkuun ajaja mallatteessanii ture.

  6. Koolugaltummaa gaafachuun mirga akka addunyaatti beekamtii qabuudha jedhe UN

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii koolugaltummaa gaafachuu mirga ''akka addunyaa'' beekamtii qabadhu jedhe.

    UN Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp eeyyama baqattootaa dhorkuu fi sagantaa koluugaltummaa Ameerikaa dhaabuu himuun booda ibsa kan baase jedhe.

    Akka AFP'n gabaasetti ''biyyooti hundi daangaa isaanii keessatti aangoo isaaniitti fayyadamuu ni danda'u, garuu dirqama mirga namoomaa irraa maquu hin qabanii,'' jedhan dubbiihimtuun waajira mirgaa UN Raavinaa Shaamdaasaani

    ''Kolugaltummaa gaafachuun mirga akka addunyaattii beekamtii qabu dha,'' jechuunis dubbataniiru.

    Wiixata darbe Traamp ajaja Sagantaa Eeyyama Baqattootaa dhorku mallatteessanii, ''Ameerikaan godaantota lakkoofsa baayyee qaban, keessumaa baqattoota gara hawaasaatti fudhachuuf humna hin qabdu,'' jedhan

    Tarkaanfiin kuni baqattoota Afgaanistaan 1,600 koolugaltummaaf eeyyama argatan jalaa haqeera, kanneen 3,000 tahan ammoo Albeeniyaatti qubsiifamuuf eeggataa jiru.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dameen dhimma baqattootaa qoratu UNHCR, ''baqattoota akka haaraatti qubsiisuun lubbuu baraaraa jira,'' ''bulchiinsi haaraan baqattootaaf furmaata kennuuf hojjechuu itti fufa,'' jedha,

  7. Chaayinaan nama lammiilee Jaappaan ajjeese irratti du'a murteessite

    Mana murtii Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaan namticha haadha fi mucaa lammii Jaappaan tokko meeshaa qara qabuun waraanee, akkasumas dubartii lammii Chaayinaa isaan oolchuuf yaaltes ajjeese irratti du'a murteessuu mootummaan Jaappaan beeksiise.

    Manni murtii Chaayinaa akka jedhetti, namni maqaansaa Zhou Jiasheng, kan umuriin ganna 52, erga hojii dhabeen booda liqaa hedduun kan jiraataa ture yoo ta'u, haala abdii kutannaa keessa galuudhaan gaafa Waxabajjii 24 haleellaa kana raawwate.

    Haleellaan kunis kan raawwatame mana barumsaa Jaappaan kan bulchiinsa Chaayinaa Suzhou keessatti argamuun alatti ture.

    Haleellaan kunis haleellaa Chaayinaa keessatti bara darbe keessa lammiilee biyyaa irratti raawwatame sadii keessaa tokko ture.

    Murteen kunis kan ta'e yeroo aanga'oonni Chaayinaa ajjeechaa namoota sadarkaa olaanaa irratti argaman hedduu yeroo raawwateettiidha.

    Barreessaan olaanaa kaabinee Yoshimasa Haayaashi ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, manni murtichaa haleellaan kun ''ajjeechaa itti yaadamee raawwatame'' ta'uu fi adabbiin kun kan kenname ''dhiibbaa hawaasummaa guddaa'' yakki kun geessise irraa kan ka'e ta'uu ibsaniiru.

    Haata’u malee, manni murtichaa yeroo murtii kana dabarsuutti garuu waa’ee Jaappaan hin kaasne, akka Hayashiin jedhaniitti.

    Itti dabaluudhaan ammoo qondaaltonni qoonsilaa Jaappaan Shaangaayitti argamu murtii kana irratti hirmaataniiru.

    Hayashi itti dabaluudhaan, yakki daa'ima dabalatee "namoota qulqulluu" ajjeesee fi madeesse kan ''gonkumaa dhiifama hin qabnedha'' jedheera.

  8. Qilleensii cimaa balalii buufata xiyyaaraa hedduu haqisiise

    Namoota buufata xiyyaaraa keessatti danqaman

    Madda suuraa, PA Media

    Sababii qilleensi cimaan UK fi Rippabiliika Ayerlaandi mudataa jiruutiin balaliinsi hedduun ganama har’aa haqamaniiru, kaan ammoo akka turan taasifamaniiru.

    Buufanni Xiyyaaraa Dabliin kan caalaa miidhame yoo ta’u, har'a qofaa yoo xiqqaate balaliinsiwwan 32 hanga ammaatti haqamuu isaa UK Flight Aware gabaaseera.

    Buufata xiyyaaraa UK keessaa kan namoonni itti baayyatu, Heetroonis balaliinsawwan 31 kan haqe yoo ta'u, buufanni xiyaaraaa Edinbarg ammoo balaliinsawwan 28 haqeera.

    Akkasumas buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Glasgows balaliiwwan 18 kan haqamu yoo ta’u, George BestBelfast Cityn ammoo balalii 13 haquun, balaliinsa har’aa keessaa gara harka sadii bakka bu’a haqameer.

    Haalli qilleensaa baayyee saffisa dabalaa dhufuunsaatti kanneen balaliinsiiwwan birorlleen ni haqamu jedhamee eegama.

  9. Finfinneetti namichi haadha manaasaa ajjeesee foonshee kukkute duuti itti murtaa'e

    Asxaa Ministeer Haqaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, FDRE MINISTRY OF JUSTICE

    Yakkamaan kun Tsaggaayee Boggaalee Bayyane jedhama. ALI Hagayya 27 bara 2014 guyyaa keessaa naannoo sa'aatii 5 irraa eegalee hanga Hagayya 28 galgala keessaa sa'aatii 12:30tti yakka suukanneessaa kana raawwate.

    Ragaan Ministeerri Haqaa fuula Facebook isaarratti maxxanse akka agarsiisutti, yakki kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee Aanaa 04 keessatti raawwatame.

    Yakkamaan kun muka (dullaa) ittiin bukoo laafe diriirfamuun, duubarraan dhokatee dubartii haadha manaasaa turte fi amma lubbuun hin jirrre mormarra haleele.

    Ergasheen of wallaalteen booda achumatti dhiisee manaa ba'ee biraa deeme. Sa'aatii muraasa booda ammoo itti deebi'uudhaan dubartii of wallaaltee lafarratti kuftee jirtu asii fi achi harkisee dararuu eegale.

    Isa booda mana fincaanii mana keessatti argamu keessa galchuudhaan qaamashee kukkutuu eegale.

    Akka ministeerri haqaa ibsetti, yakkamaan kun luka dubartii kanaa tafasheerraa eegalee kutee baasuun lafeenshee hanga duwwaatti hafutti foon irraa baase.

    Foon irraa baase kukkutee mana fincaaniitti erga gateen booda, lukashee isa hafe bakka lamatti cabsuun feestaaliidhaan maree, rifeensashee maqasiidhaan irraa muree, qaamashee kaan waliin bakka tokkotti huccuu fi meeshaa itti waa miiccaniin ukkaamsuun achuma mana fincaanii keessatti dhiise.

    Isaan boodas haala kanaan akkuma waan homaa hin mudannetti hanga ALI Hagayya 30, 2014 mana keessa erga bulaa tureen booda, Qaammee 1, 2014 hanga Fulbaana 16, 2015 mana cufee miliqe.

    Dhimmi kun Komishinii Poolisii Finfinneen qoratamee adda ba'uun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha 2ffaa Lidataatti, yakka cimaa fi ajjeechaa namaatiin himanni irratti banamee hordofamaa ture.

    Adeemsa falmii seeraa kana keessattis ragaan Abbaa Alangaa erga dhagahamee booda himatamaan akka ofirraa ittisu jala murteen kennamee ture.

    Ta'us himatamaan kun himata irratti dhihaate ofiirraa ittisuu waan hin dandeenyeef manni murtii himatamaan kun yakkamaa ta'uusaa adda baasuun hidhaa umurii guutuun akka adabamu murteessee ture.

    Haata'u malee Abbaan Alangaa murtee darberratti ol-iyyannoo gaafateera. Bu'uuruma ol-iyyannoo kanaan Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa adabbii hidhaa umurii guutuu murteessee ture haquun namni kun du'aan akka adabamu murteesseera.

  10. Waraana daldalaafi taariifaatiin mo'attoonni hinjiraatan jette Chaayinaan

    Daladala US fi Chaayinaa jidduu taariifaan miidhaamu mala

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkuma gabaasaa turre, Doonaald Tiraamp osoo Chaayinaa irratti taarifa hin keenyu ta'e ''naaf wayya'' ture jechuun Beejiing waliin waliigaltee uumuun akka danda'amu yaada dhiyeessanii ture.

    Amma ammoo Beejiing irraa dhageenyee jirra. Ibsa ministeera dhimma alaa Chaayinaa har’aa kenneerratti, dubbi himaan Maa’oo Niingin, tumsi dinagdee fi daldalaa biyyoota lamaan gidduutti taasifamu “kan lamaanuu-fayyaduudha” jechuun cimsanii dubbatan.

    Itti dabaluudhaanis, "Waraana daldalaa fi lola taarifaa, kan dantaa biiyyoota laamaa akkasumas dantaa addunyaa hin taane keessatti mo'attoonni hin jiran," jechuun dubbataniiru.

    Gama hanqina daldalaatiin, falmii biyyoota lamaan daldala irratti qaban keessatti dhimma giddugaleessaa ta’een, Chaayinaan itti yaaddee caalmaa daldalaa hordoftee akka hin beekne ibsuun, Chaayinaa fi Ameerikaa gidduutti tumsaaf “bakki guddaan” akka jiru akeekaniiru aanga'aan kun.

  11. Osoon Chaayinaarratti taarifa dabaluu baadheen filadhan ture- Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp osoo Chaayinaarra taarifa kaa'uu baatee akka filatu ibse

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp durumaanuu, keessattuu wayita duula filannoo gaggeessufaa, waliigalteen daldalaa bayeessa ta'e Chaayinaa fi US gidduutti akka mirkanaa'u jabeessee dubbataa ture.

    Waayit Haawusitti deebinaan ammoo Chaayinaarratti taarifa harka 10 dabale.

    Pirezidantichi tarkaanfiin kun qoricha fentanyl, kan Chaayinaan karaa Kanaadaa fi Meeksikoo gara US ergaa jiraachuu himatu, irratti akka fuulleffatu ibsa.

    Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasise keessatti waliigaluun waan danda'amuudha jedhe.

    Garuu aboo ykn aangoo gudaan Chaayinaarratti qabu akka jiru ibse, inni taarifa dabaluudha jedhe.

    ''Isa kana isaan hin barbaadan. Osoo taarifa irratti hin daballe ta'ee nan filadha, garuu kun aangoo guddaa Chaayinarratti qabaachuu dandeenyudha,'' jedhe.

    Aanga'aa olaanaan US kun dantaa biyyasaa kabachiisuuf taarifa akka meeshaa ijootti fayyadamaa jiraachuu mul'iseera.

    Biyyoonni mataa diinagdee addunyaa ta'an kunneen dhimmoota daangaa ce'anii fi diinagdeen walqabatan hedduurratti waan walitti isaan buusu hedduu qabu.

    Dhimmi Taayiwaan akkasumas rakkoon dhihoo kana dhalate, dhimmi TikTok, muddama biyyoota lameen gidduutti hammeessaniiru.

  12. Abbaan seeraa ajaja Tiraamp lammummaa dhalootaan argamu hambisuuf dabarse dhaabsise

    Pirezidant Doonaald Tiraamp daa'imman godaantotaa US keessatti dhalatan lammummaa akka hin arganne gochuuf

    Madda suuraa, Reuters

    Abbaan seeraa federaalaa Siyaatil jiru karoorri Pirezidant Doonaald Tiraamp kun yeroof akka dhaabbatu taasiseera. Abbaan seeraa US Joon Coughenour ajaji Tiraamp kun guutummaatti ''heera mootummaa kan faallessudha,'' jedhan.

    Kamisa kaleessaa dhimmi kun daqiiqaa 25f erga dhaggeeffatamee booda karoorri Tiraamp kun akka dhaabbatu ajaja dabarsaniiru abbaan seeraa kun.

    Heera mootummaa US jalatti bara 1968 kan ragga'e- 14th Amendment kan jedhamu nama US keessatti dhalate hundaaf mirga lammummaa argachuu kenna.

    Bu'uura heera mootummaa kanaan yoo ilaalame Pirezidant Tiraamp daa'imman US keessatti dhalatanirraa mirga lammummaa mulquun seeraan ala yookiin waan itti fufee hojiirra oolu miti.

    Bulchiinsonni afur- Washingitan, Arizona, Illinois fi Oregon ajaji pirezidantichaa akka hafu gaafataniiru.

    Manni murtii federaalaa yaadi naannoleen dhiheessan falmii bu'uura seeraa qabu ta'uu ibseera.

    Akkaataa murtee darbeen ajaji Tiraamp dabarse kun hanga adeemsi seeraa dabalataa deemamutti guyyaa 14f rarra'ee tura.

    Wiixata akkuma Waayit Haawus seeneen ajaja hedduu kan dabarse yookiin mallatteesse Tiraamp, keessattuu waa'ee mirga lammummaa US dhalootaan argachuu kanarratti jijjiirama fiduurratti guddoo xiyyeeffate.

    Akkaataa ajaja pirezidantichaatti ijoolleen godaantotaa ykn kanneen osoo maatiin viizaa yeroon US keessa osoo jiranii dhalatan lammii US ta'uu hin danda'an.

    Ragaan Waajjira Haqaa biyyattii akka mul'isutti ajaji kun daa'imman Guraandhala 19 dhalatanirratti hojiirra ooluu eegala.

  13. Lola Kuriskirratti lammileen Kooriyaa Kaabaa 1,000 ta'an ajjeefamuu qondaaltoonni himan

    Lammii Kooriyaa Kaabaa miidhame

    Madda suuraa, @ZELENSKYYUA/X

    Qondaaltonni biyyoota Lixaa BBC'tti akka himanitti, lola naannoo dhiha Raashiyaa Kuriski irratti loltoonni Kooriyaa Kaabaa lubbuunsaanii dhaban ji'a sadii keessatti gara %40 ni ta'u.

    Qondaaltonni maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan, loltoota Kooriyaa Kaabaarraa ergaman tilmaamaman 11,000 keessaa 4,000 kan ta'an waraanaa irratti miidhamusaanii ibsan.

    Miidhamu jechuunis kanneen ajjeefaman, kan madaa’an, kan dhabaman ykn booji’aman dabalata.

    Isaan 4,000 keessaayis hanga walakkeessa baatii Ammajjiitti gara 1,000 kan ta'an ajjeefamaniiru jedhamee amanama.

    Kasaaraan kun dhugaa ta'unsaa yoo mirkanaa’e lammiilee Kooriyaa Kaabaatiin waraanicha ittifufuun hin danda'amu.

    Namoonni madaa’an eessatti akka yaalamaa jiran, yoomii fi hangam akka bakka bu’anillee ifa miti.

    Haata'u malee michuu Pirezidanti Vilaadmiir Puutiin kan ta'a Kiim Joong Un, waliigaltee dhukaasa dhaabuu ta'u maluun kamiinu dura loltoota Yukireen Raashiyaa keessaa baasuudhaaf gargaaruuf yaalaa jiru aarsaa olaanaa baase..

    Yukireen Hagayya darbe haleellaa hamaa daangaa Raashiyaa Kurisk keessatti raawwatteen eegdota daangaa Raashiyaa ajaa’ibsiifatte turte.

    Mootummaan Kiiv yeroo sanatti naannoo sana qabachuuf yaada akka hin qabne, garuu marii nagaa gara fuuladuraatti taasifamu irratti dhiibbaa uumuuf akka qabatte ifa godheera.

    Ergasii Yukireen sababiin itti Kurisk keessatti jalqaba kan walitti fufiinsaan duubatti dhiibamaa kan dhufe yoo ta’u, kunis gartokkoon isaa Onkoloolessa keessa loltoonni Kooriyaa Kaabaa gara Raashiyaa dhufuu isaaniitiin raaawwatame.

    Haata'u malee Yukireen ammalleen daangaa Raashiyaa keessatti lafa iskeer kiloomeetiroota hedduu kan qabattee jirtu yoo ta'u, diina ishee irraatti miidhaa olaanaa qaqqabsiifte.

    Loltoonni Kooriyaa Kaabaa leenjii fi ittisa gahaa malee waraanaa keessatti darbatamutu himama.

  14. Ibidda bosonaa cimaa haaraa naannoo Los Anjalasiitti babal'ataa jiruun kumaatamni buqqa'an

    Ibidda haaraa Los Anjalas

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibiddi bosona haaraan saffisaan Kaawuntii Los Anjalas, naannoo duraanuu ibidda seenaa keessatti barbadeessaa ta'en miidhame keessaa namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman akka baqatan taasise.

    Ibiddi hamaan kunis Roobii ganama magaalaa Los Anjalas irraa kaaba dhihaatti maayilii 45 (72km) fagaatee, naannoo Castaic Lake jedhamu, naannoo gaarreen bakka manneen jireenyaa fi manneen barnootaa hedduu daangessutti qabate.

    Guyyaa Roobii kaleessaa qilleensaa gogaan gargaaramuun sa'aatii hedduu keessatti gara lafa heektara kuma 10 ol babal'ate.

    Hanga ammaattis manni ykn bakkeewwan daldalaa tokkollee kan hin miidhamne yoo ta'u, qondaaltonni to'annoo jala oolchuurratti amantaa akka qaban ibsan.

    Ibiddi haaraan kun ibidda guddaa lamaan ji'a kana keessa naannoolee hedduu barbadeesse irraa kaabatti argama.

    Oduu naannoo sanaa akka agarsiisutti, jiraattonni naannoo ibiddaa saafaa kanaa manaa fi iddoo biqiltuusaanii bishaan itti facaasuun jiisaa fi kaan ammoo baqachuuf ariifataa jiru.

    Xiyyaaronni bishaanii fi keemikaala ibidda dhorku yoo itti gadi dhiisaniitti ibiddi halluu burtukaanaa fakkaatu gaarreen uwwiisee mul'ata.

    Naannichi ammas hanga Kamisaatti akeekkachiisa alaabaa diimaa jala akkuma jiruutti ittifufeera.

    Bubbeen naannichatti sa'aatii tokkotti gara 20-30mph (32-48km/h) bubbiisaa ture, garuu ol ka'uu danda'a. Kun ammoo ibiddicha cimsuudhaan hojjattoonni ibiddaa akka hin hojjenne danqu danda'a.

    Jijjiiramni qilleensaa margaa fi biqiltoonni ibidda Los Anjalas boba’aa jiran gubachuuf akka saaxilaman taasiseera jedhan saayintistoonni.

  15. Raashiyaan doorsisa qoqqobbii Tiraampiin booda 'marii walgitaaf qophiidha' jette

    Raashiyaan marii walqixaatiif qophiidha jette

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yoo ''waraana hin malle'' kan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu hin dhaabne, Moskoorratti qoqqobbii akka kaa'an erga doorsisanii booda deebii kenniteen, ammalleen ''marii wal-qixaa, kabaja waloo qabuuf,'' qophii ta'uushee beeksiifte.

    Dubbi himaan Pirezidaanti Vilaadmiir Puutiin, Dimitiri Peeskov, ''ammallee mallattoolee eegaa jirra,'' jedhu.

    Itti dabaluudhaanis, Raashiyaan doorsiisa Donaald Tiraamp qoqqobbii kaa’uuf jedhan keessatti waan haaraan akka hin jirre dubbatan.

    "Maloota kanneen baayyee jaallata, yoo xiqqaate yeroo pirezidaantummaa isaa kan jalqabaattis ni jaallata ture."

    Deebiin kun kan kenname erga kaleessa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ittaanaan Ambaasaaddara Raashiyaa, Dimitiri Polyanskiy yaada kennaniin, Kiremliin tarkaanfii dabalataa fudhachuu dura waliigaltee waraana kana xumuruuf Tiraamp maal akka barbaadu beekuu qaba jedhan.

    Akkuma beekamu, Raashiyaan bara 2014'tti kutaa Yukireen, Kiriimiyaa weerartee of jala oolchite. Achiis bara 2022tti weerara guutuu Yukireen irratti jalqabde.

  16. Guyyaa hojii jalqabaa Tiraampiin godaantonni eeyyama hin qabne 500 tahan to'ataman

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Donaaldi Tiraamp aangoo fudhatanii sa'atii 33 keessatti yakkamtoonni eeyyama hin qabne 500 tahan to'annoo jala ooluu Pirees Sekireetariin Waayit Haawus haaraa Kaarolaayiin Leeviit himan.

    Af-gaaffii miidiyaa Newsmax jedhamuuf kennaniin Leeviit qondaaloti To'annoo Daangaa fi Godaantotaa, ''hatattamaan hojiitti deebi'anii, yakkamtootaafi kanneen seeraan ala as jiran,'' biyyaa baasuu eegalaniiru jedhan.

    Kanneen to'annoo jala oolan, ''gara biyyasaaniitti ergamu,'' jedhan, ''balaliin xiyyaarraa biyyatti isaan deebisu hojii jalqabeera,'' jechuunis dubbataniiru.

    Odeeffannoon dabalataa kenname garuu hin jiru.

  17. Yukireen 'ergaa jabaa' Tiraamp waraanni Yukireen akka dhaabbatu dabarsan simatte

    Ministeerri Hajaa Alaa Yukireen

    Madda suuraa, EPA

    Ministeerri Hajaa Alaa Yukireen isa Tiraamp waraana dhaabuu irratti Vilaadmiir Puutiiniif ''ergaa jabaa'' dabarsan simachuu himan.

    Kunis pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, Raashiyaan waraana yoo hin dhaabne gibiraafi qoqqobbii dabalataa akka irra kaa'an doorsisuun booda dhagahame.

    ''Ergaa jabaa akkasii Tiraamp irraa dhufe, ni simannaa,'' jedhan Andiriiy Saayibihaa haasaa yaa'ii dhimma dinagdee Daavoositti taa'amurratti.

    ''Tiraamp injifataa ni taha,'' jedhan dabaluun, Yukireen murtoon kuni tattaaffii dippiloomaasii keessatti waraana dhaabuuf, nagaa waaraa, sirrii fi hunda-hammataa akka fidu abdatti.

    Raashiyaan deebii kenniteen ''marii wal-gitaa fi kabaja waloo'' qaburratti hirmaachuuf qophii dha jette.

  18. Meta'n maamilootni Tiraamp Feesbuukii irratti 'follow' akka godhan dirqisiisuu haale

    Donaaldi Tiraampii fi Maark Zuukarbarg

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Meta himannaa miidiyaa hawaasaa irratti fayyadamtoonni akkaawuntii namoota ijoo bulchiinsa Tiraamp keessatti filaman akka hordofan dirqisiiseera jedhu wakkaate.

    Fayyadamtoonni Feesbuukii muraasni Doonaald Tiraamp gaafa Wiixataa erga kakuu raawwateen booda Doonaaldi Tiraamp, Pirezidantii Ittaanaa JD Vaans fi Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp akka hordofan dirqisiifamuu himan.

    Dubbii himaan Meta Andii Istoon akkaawuntiiwwan kunneen Waayit Haawusiidhaan to'atamu, isaanis namoota haaraa aangoo qabatan beeksisaa jiru jedhan.

    ''Kuni adeemsa wal-fakkaataa yeroo dabarsa aangoo pireezidantii darbee fayyadamnedha,'' jedha ibsi bahe.

    Meta'tti daarektarri dhimma hawaasaa Inkeechii Ineejii miidiyaa CBStti wayita himan: ''Meta'n fayyadamaan akkaawuntii kamiyyuu hordofan goonee hin beeknu,'' fayyadamtoonni akkaawuntii kana yeroo bulchiinsa duraanii hordofanii irraanfataniiru taha jedhan.

  19. US waliigaltee Paaris keessaa ba'uu hordofee dureessi US tokko yeroo lammaffaaf haala qilleensaa maallaqaan akka deeggaru dubbate

    Mikaa'el Biluumberg

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp Ameerikaan yeroo lammataaf waliigaltee Paaris keessaa akka baatu gaafachuu hordofee Faawundeeshiiniin Mikaa'el Biluumbergi dirqama maallaqaa Ameerikaan qaama jijjiirama qilleensaa UN'f qabdu maallaqaan gargaaruuf akka gidduu seenan dhaga'ameera.

    Ajaja hojii raawwachiiftuu hedduu Tiraamp guyyaaa jalqabaa mallatteessan keessaa tokko,deeggarsa maallaqaa Ameerikaan haala qilleensaa idil-addunyaa irratti taasiftu haqudha.

    Jijjiirama qilleensaa irratti ergamaa addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta’uun kan tajaajilan Biluumbergi, Konveenshiniin Bu’uuraa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Biiyyota Gamtoomanii (UNFCCC) hojii isaa akka itti fufuuuf maallaqa guutuu Ameerikaan deeggartu ofiif akka deeggaran ibsameera.

    "Bara 2017 hanga 2020tti, yeroo tarkaanfiin wal fakkaataan fudhatames waadaa ummata keenyaa kabajuuf dirqama kana fudhannee deeggaraa turre, ammas kana itti fufnee raawwachuuf qophiidha," jedhan.

    Tiraamp wayita jalqaba aangoo qabatan illee haliigaltee jijjiirama qilleensaa to'achuu keessaa US baasan. Bara Joo baayideen aangotti dhufan itti deebite. Amma yeroo lammaffaaf keessa baate

  20. Ministarri Dhimma Alaa haaraa US hoggantoota Eeshiyaa waliin mari'atan

    Ruubiyoon hoggantoota Eeshiyaa waliin nageenyarratti mari'atan

    Madda suuraa, Reuters

    Maarkoo Ruubiyoon erga Ministira dhimma Alaa Ameerikaa ta'un kakuu raawwatanii booda, hoggantoota guutuu Eeshiyaa waliin yeroo dubbatanitti, Waashingitan dubbii barbaacha Chaayinaan Galaana Chaayinaa Kibbaa irratti raawwatun Filippinoota deeggaruus kutannoo “cimaa” akka qabdu waadaa galaniiru.

    Ruubiyoon Roobii darbe haasaa bilbilaa yeroo jalqabaatiif Ministira Dhimma Alaa Filiippiinsi, Enrique Manalo waliin taasisaniin, amala Beejiing Galaana Chaayinaa Kibbaa keessatti qabdu ''nagaa fi tasgabbii naannoo kan miidhu yoo ta'u, seera idil-addunyaa waliin kan wal hin simnedha'' jechusaanii ibsi Ministeera Dhimma Alaa irraa bahe ni mul'isa.

    “Galaana Chaayinaa Kibbaa bakka kamiyyuu dabalatee, haleellaan hidhannoo ummataa, xiyyaara, ykn humna waraanaasaanii irratti raawwatamu, kun eegdota qarqara galaanaa isaanii dabalatee, waliigaltee wal ittisuu kan barbaachisuudha,” akka jedhan addeesse ibsichi.

    Ruubiyoon Ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Cho Tae-yul waliinis bilbilaan kan mari'atan yoo ta'u, Kooriyaa Kaabaa irratti tumsa walitti dhiyeenyaa itti fufuuf kan waliigalaniiru.

    Akkasumas Ministira Dhimma Alaa Indooneezhiyaa Sugiono waliin ammoo dhimmoota daldala, nageenya galaanaa fi barbaachisummaa nagaa fi tasgabbii Indoo- Paasifikii irratti mari'ataniiru.