Aksumiitti barattoonni dubaraa hijaaba akka hin uffanne dhorkamu hiriirri balaaleffatu Maqaleetti bahame
Naannoo Tigiraay Aksumitti barattoonni dubaraa manneen barnoota sadarkaa lammaffaa shanitti hijaaba akka hin uffanne dhorkamuusaanii muslimoonni naannicha keessa jiraatan balaaleffatan.
Kibxata har’aa hiriirtoonni magaalaa Maqaleetti bahuun barattoonni dubaraa hijaaba uffatanii mana barnootaa seenurra dhorkamu barnootarraa gufachisuu fi hidhamusaanii balaaleffatan.
Bararattuu Amiiraa Musxafee, hijaaba hin uffatiinaa jedhamuun barnootaarraa gufachuu balaaleffatte.
Amiiraan ‘hijaabni kabaja fi ibsituu dubartii muslimaati’’ jetti. Barattoonni dubaraa hijaaba akka hin uffanne dhorkamuun hawaasummaa fi amantiirratti dhiibbaa uumuu ibsiti. Barattoonni biroos komii walfakkaatu himatu.
Mudde gara xumurraatii kaasee Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa magaalaa Aksumitti barattoonni hijaaba akka hin uffanne dhorkamuun barnoota addaan kutuu isaaniif waajira barnootaa magaalichaa himachuun ni yaadatama.