Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Dubartonni Israa'el afur Hamaasiin butaman jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200tiin gadhiifafama

Dubartoonni Israa'el afur jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200 Israa'el hidhamaniitiin kan gadhiifaman yoo ta'u, hidhattootaan marfamuun Fannoo Diimaatti dabarfamanii kennaman.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Loltoonni hanga kuma 10 ta’an gara daangaa Ameerikaa fi Meeksikootti ergamuu danda'a jedhame

    Loltoonni Ameerikaa 1,500 gara daangaa kibbaatti akka bobbaafaman galgala edaa gabaasnee turre. Isaanis danqaa ijaaruudhaan kan gargaaran yoo ta'u, garuu "seera kabachiisuu" keessatti akka hin hirmaanne himame.

    Kunis qaamuma tarkaanfii Doonaald Tiraamp immigireeshinii irratti fudhachaa jiruuti.

    Akka yaadannoo keessoo mootummaa dhaabbanni michuu BBC Ameerikaa CBS argeetti, amma ammoo baayyina lakkoofsa loltootaa sanarratti fooyya'iinsi taasifamee jira.

    Kanaanis loltoonni hanga 10,000 bobbaafamuu akka danda'an yaadamaa jira. Yaadannoo Gumuruukaa fi Eegumsa Daangaa Guraandhala 21, Tiraamp kakuu raawwatanii guyyaa tokkoon booda kan barreeffame tokko, ejensicha gargaaruuf karoora "loltoota 10,000" erguuf akka qaban agarsiisa.

    Jalqaba irratti loltoota 1,500 kan gara Kaalifoorniyaa Saan Diyeegoo fi Teeksaas El Paasootti erguudhaan loltoota 2,500 kanneen duraanuu daangaa irratti buufatanii jiranitti makamu.

    Akkasumas yaadannoo kana keessattis buufataaleen Ministeera Ittisaa Ameerikaa godaantota biyyaa ari'amuu eegaa jiraniif akka "bakka itti qabatanitti" fayyadamuu akka danda'an dubbata.

    Tiraamp akka pirezidaantii biyyattiitti kakuu raawwachuun sa'aatii muraasaan booda daangaa Meksikoo irratti labsii hatattamaa biyyaalessaa labsuudhaan, ''walabummaan Ameerikaa haleellaa jala jira'' jedhan.

    Dhimmi immigireeshiniin waadaa duula filannoo ijoo Tiraamp ture. Kanaanis daangaa biyyattii cufuu fi seera kabachiisuu akka cimsu irra deddeebiin dhaadataa ture.

  2. Indiyaan godaantoota seeraan alashee US irraa fudhachuuf qophii ta'u ibste

    Yeroo Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu walduraa duubaan rakkoo godaansa seeraan alaa furuuf akkasumas miliyoonaan lakkaa’aman biyya keessaa ari’uuf mallatteessanitti, amma Indiyaa irraa deebii dhaga’aa jirra.

    Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Subraahmaanyaam Jaayishaankaar kan Roobii darbe gitasaanii Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin wal argan, Indiyaan godaantota Indiyaa waraqaa ragaa hin qabne haala seera qabeessa ta’een akka deebi’aniif banaadha jechuun gaazexeessitootatti himaniiru.

    Akka ragaan Giddugala Qorannoo Pew irraa argame agarsiisutti, lammiileen Indiyaa garee godaantota waraqaa seeraa malee US keessatti sadarkaa sadaffaa irratti argamu.

    Adeemsi namoota gara Indiyaatti deebiifamuu danda'an mirkaneessuu itti fufee jira.

    Gabaasa dhiheenya kana Indiyaan bulchiinsa Tiraamp waliin ta’uun lammiilee Indiyaa seeraan alaa ykn waraqaa eenyummaa hin qabne gara 18,000 ta’an, kanneen US keessaa gara biyya irraa dhufaniitti deebiisuuf hojjechaa jirti jedhu eeruun, Jaayishaankaar baayyina kana kanarratti gaaffii kaasuun dhagahame.

    “Lakkoofsa muraasa wayitan ilaaleetti... waa’ee isaanii isin akeekkachiisa, sababiin isaas nuuf lakkoofsi kun kana fudhatamu yoo namoonni kunneen kan dhuguma Indiyaarraa ta'unsaanii mirkanaa'edha,” jedhan Jaayishankar.

  3. Tiraamp hidhattoota Huutii Yaman dhaabbata shororkeessummaa biyya alaatti farrajan

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hidhattoota Huutii Yaman dhaabbata shororkeessummaa biyya alaatti farrajan

    Tiraamp murtee kana kan dabarsa Huutiin bara 2023 irraa eegalee irra deddeebiin dooniiwwan Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuun nageenya biyyattii balaadhaaf saaxile jechuun.

    Waayit Haawus ibsa baaseen, sochiin garee hidhattoota Yaman kun lammiilee Ameerikaa qulqulluu Baha Giddu Galeessaa keessa jiraniif balaa akka ta'es ibseera.

    Nageenya michoota Ameerikaa Baha Giddugaleessaa fi daldala galaanaa addunyaa balaadhaaf saaxilaniiru jechuunis himanni irratti dhiyaatera.

    Ibsichii Ameerikaan hanga Huutiin loltoota U.S. ykn dooniiwwan Galaana Diimaa keessaf yaaddo hin taanetti akka haleeluu eera.

    Ministeerri Dhimma US qindoomina Ministeera Nageenya Biyya Keessaa waliin ta'uun garee hidhattoota Yaman dhaabbata shororkeessummaa biyya alaa jedhee moggaasuuf gabaasa guyyoota 30 keessatti Pirezidaanti Tiraampiif akka dhiyeessu ajajameera.

    Ummata Yaman keessaa walakkaa ol (miiliyoona 19.5) gargaarsa namoomaa kan barbaadan yoo ta'u, gargaarsi kun irra caalaa harka hidhattoota kanneenii gala jedhamee waan yaadamuuf dhaabatee jireenya ummtaa balaaf saaxiluu akka danda'u yaaddoo uumera

    Huutii erga Israa'el waraana ishee Gaazaa keessatti jalqabdee as irra deddeebiin Teel Aviv irratti haleellaa raawwachuu fi dooniiwwan Israa'el waliin hidhata qaban jedhu Galaana Diimaa keessa darban irrattis haleellaa misaa'elaa fi diroonii 100 ol raawwateera.

    Bulchiinsi Baayiden garee Huutii Yaman kana Gurraandhala bara 2021 tarree shororkeessummaa irraa haquun ni yaadatama.

  4. Miseensoonni waraanaa gara 1,000 ta'an gara daangaa kibbaa bobba'uuf qophaa'aa jiru - gabaasni

    Qondaalli Ameerikaa tokko humnoonni dabalataa tilmaamaan 1,000 ta’an gara daangaa kibbaatti ergamuuf qophaa’aa akka jiran himaniiru, michuun BBC Ameerikaa CBS gabaaseera.

    Kunis ajaja hojii raawwachiiftuu prezidaant Doonaald Tiraamp waraanni Ameerikaa kutaalee ykn miseensota humnoota waraanaa hamma barbaachisu bobbaasuudhaan Ministeerri Nageenya Biyya keessaa “opparashinii to’annoo daangaa guutuu” kana akka argatu gargaaruuf hayyama kennan hordofeeti.

    Tiraamp Wiixata kaleessaa labsii hatattamaa biyyaalessaa labsuun ''walabummaan Ameerikaa haleellaa jala jira'' jedhan. Tarkaanfiin kun daangaa Meksikoo waliin jiru cimsuuf maallaqa dabalataa bilisa akka godhu isa dandeessisa.

  5. Tiraamp 'qormaata' garuu Awurooppaa fi Ameerikaan seenaa hiriyummaa dheeraa qabu jedhan Scholz

    “Salphaatti yoo dubbanne, addunyaan sochiirra jira” jedhan Chaansilarri Jarmanii Olaaf Scholz.

    Chaansilarri kun Preezdaantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin Paaris masaraa Elisee keessatti wal arganii turaniiru.

    Pirezidaanti Tiraamp dhiheenya kana taarifaan Gamtaa Awurooppaa rukutuuf doorsisuun isaanii fi prezidaantiin Ameerikaa kutannoon gamtaa ittisa Naatoof irratti qaban mallattoo gaaffii guddaa kaasuun hedduun ardii kana keessa jiran akka rifatan taasiseera.

    Chaansilarri Scholz'n Pirezidaanti Tiraamp ''qormaata'' ta'a kan jedhan yoo ta'u, karaa dippilomaasiitiin ammoo ''Awurooppaa fi Ameerikaan seenaa hiriyummaa fi tumsa dheeraa qabu'' jedhan.

    Yeroo dheeraaf shaampiyoonaa Awurooppaa ofi dandeessu kan turan Pirezidaanti Maakroon, Faransaayii fi Jarmaniin ''Awurooppaa tokkummaa, cimina fi abbaa biyyummaa qabdu'' uumuu keessatti gaheesaanii bahuu qabu jedhan.

    Haata'u malee, dhugaan jiru hoggantoonni lamaan biyya isaanii keessatti siyaasaan wal wal dhabdee keessa jiru. Filannoon ariifachiisaa ji’a dhufu dura akka gaggeeffamu kan amaname yoo ta'e, carraan Scholz chaansilarii ta'un itti fufuunsaa xiqqaa fakkaata.

    Akkasumas miirrii ariifannaa yoo ta’ellee, waamichi Awurooppaa caalaatti ofitti amanamtuu, kan tokkummaa qabduu haaraa miti.

  6. Puutin waraana Yukireen hin dhaabu taanan qoqqobbii hamaatu eeggata- Tiraamp

    Pirezidant Vilaadmir Puutin waraana Yukireen hin dhaabu taana, "taarifa guddaa, qoqqobbiifi gibira olaanatu eeggata" jechuun Doonald Tiraamp akeekkachiisan.

    Tiraamp fuula miidiyaa ofiisaanii 'Truth' jedhamu irratti uummata Raashiyaaf jaalala akka qabuufi Puutin waliin 'walitti dhufeenya gaarii" qabaachuu fuula miidiyaa hawaasaa kanarratti barreessuun, "waraana gatii hin qabne kana dhaabi" jedhan Puutinin.

    Dabaluunis, "Yoo dafnee hin furre ta'e, hammaataa deema. Waanta Raashiyaan, US fi biyyoota biraatti gurgurtu hundarra qaraxa, taarifafi qoqqobbii olaanaa ta'e kaa'uu malee filannoo biraa hin qabu" jechuun fuula miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaasaanii 'Truth' irratti barreessan Tiraamp.

    "Lubbuun namaa kana caala baduu hin qabdu," jechuun Raashiyaa akeekkachiisan.

    Raashiyaan addunyaarraa biyya qoqqobbiin heddu irra kaa'ame taatee jirti. Dhaabbileefi seektaroonni Raashiyaa qoqqobbii biyyoota LIxaa jala hin jirre baay'ee muraasa.

    Baankiwwaniifi industiriiwwan waraanaa Raashiyaa mala qoqqobbii ittiin miliqan tolfachuun hojjataa jiru.

  7. US baqattoonni kamuu garas akka hin deemne yeroof dhorkite

    Baqattoonni kamuu gara US akka hin imalle Ministeerri Dhimma Alaa US yeroof dhorkuu BBC'n ragaa keessoo argate.

    Miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS'n odeffannoo keessoo argachuun akka gabaasetti, adeemsi dhimma baqattootaa ilaaluu hundi akka dhaabbatu ajaji darbee jira.

    Tarakaanfin bulchiinsi Tiraamp fudhate kun kanneen Viizaa Immigireeshinii Addaa qabaniifi humnoota waraanaa US gargaaran hin ilaallatu jedhame.

    Doonald Tiraamp Wiixata darbe akkuma sirna kakuu raawwataniin ajaja pirezidantummaa dabarsan keessaa tokko dhimma baqattoota seeran alaa biyyaa baasuu ture.

    Kanumarraa ka'uun baqattoonni gara US akka deemne dhorkaan kaa'amee jira.

    Tiraamp godaantonni seeran ala US seenun nageenya biyyattii yaaddeessaa akka jiruufi baqattoonni karaa seera qabeessa ta'e qofaan akka biyyattii seenan irra deddeebin qeeqaa turan.

  8. Ulaa Paanamaa Ameerikaan ‘‘akka kennaatti‘‘ nuuf hin kennine- Panaamaa

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ulaa Paanamaa karaa daldalaa ijoo taate biyyattiirra ‘deebisne fudhanna‘ kan jedhaniif Panaamaan deebii laatte.

    ‘‘Ulaan Paanamaa kennaa Ameerikaan nuuf laatte miti‘‘ jedhan Pirezedantiin Paanamaa Joos Raahul Mulinoo.

    Mulinoon yaa’ii dhimma dinagdee Daavos Siwizarlaanditti gaggeeffameerratti kana jedhan.

    Pirezedant Tiraamp wayita sirna kakuu raawwatan Paanamaa Chaayinaatu sochoosaa jira jedhanii himatan.

    Ulaan Paanamaa Ameerikaaf ulaa hunda caala murteessaa yoo ta’u, daldala galaanarra sadarkaa addunyaa keessaa % 5 ta’u karaa ulaa Paanamaa qaxxaamura.

  9. Michoota daldalaatiif kun haala gaarii miti jedhan ministirri Kaanaada

    Imaammata daldalaatti yoo deebi’uun ammoo, Kaanaadaan ganama har’aa yaada taarifa Doonaald Tiraamp, meeshaalee biyya ollaa Kaanaadaa irraa gara UStti galfaman irratti kaa’uuf qaban irratti deebii kennite.

    "Michoota daldalaaf haala gaarii miti

    "Ministirri anniisaa Kaanaadaa Joonaataan Wiilkinson hariiroo biyyi isaanii US waliin qabdu akkasitti ibsu erga Tiraamp biyyattiin daangaa waliin qaban irratti eegumsa nageenyaa dabaluudhaaf tarkaanfii yoo fudhatte malee karoorri taarifii hojiirra oola jedhanii dubbataniin booda.

    Traamp Kanaadaa kutaa biyyaa 51ffaa akka taatu gochuuf ''humna dinagdee'' akka fayyadamanis akeekkachiisaniiru ture.

    Garuu yaada kana Ministirri Mummee Kaanadaa aangoo gadhiisaa jiran, Jastiin Tiruudoo kun gonkumaa hin ta'u jedhan ture.

    Wiilkinson Sagantaa BBC World Service's Newsday'f ibsa kennaniin, taarifni US keessatti baasii fayyadamtootaa akka ol kaasu akka taasisu dubbata.

    Dabalunis, biyyi isaanii taarifa jikita boba'aa, xaa'oo fi yuuraaniyeemiidhaan deebii kennuu kaasuun, innis baasii boba'aa, nyaataa fi ibsaa akka dabalu gochuun akka danda'u ibsaniiru.

    Taarifni kun Kanaadaa irratti dhiibbaa guddaa qabaata, garuu USttis "dhukkubbii guddaa" fida. Kanarra biyyoonni lamaan gamtaa anniisaa fi albuudaarratti xiyyeeffachuu akka qaban yaada dhiyeessa.

    Akka ilaalcha ministira Kaanaadaa kanaatti, Pirezidaanti Tiraamp ''tarkaanfii cimaa ta'e akkasii fudhachuun isaanii waan nama qaanessudha''.

  10. Chaayinaan 'waraana daldalaa kan mo'atu hin jiru' jechuun Ameerikaa akeekkachiifte

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp meeshaalee Chaayinaarraa gara Ameerikaa galanirra taarifa dhibbeentaa 10 kaa'uu booda ministeerri dhimma alaa Chaayinaa ibsa baaseen ''dantaa biyya keenyaa ni eegganna,'' jedhe.

    Dubbi himtuun ministeerichaa Maa'o Ning ''nuti yeroo hunda kan amannu waraana daldalaa ykn taarifaa keessatti kan mo'atu akka hin jirredha,'' jedhan.

    Qondaalli Chaayinaa kun biyyisaanii faayidaa biyyaalessaa eeggachuuf yoomuu kutannoo qabaachuu ibsan.

    Tiraamp taarifi haaraan Chaayinaarra kaa'ame kun Guraandhala 1 irraa eegalee hojiirra oola jedheera.

    Sunis oomisha qorichaa- Fentanyl jedhamu kan Chaayinaan gara Meeksikoo fi Kaanaadaa ergitu irratti fuulleffachuun eegala jedhe.

    Duraan Chaayinaan qorichi seeraan alaa akka hin daldalamne kutannoo hojjechaa turuu Ameerikaaf ibsaa turte.

    Tiraamp Meeksikoofi Kanaadaa akkasumas Gamtaa Awurooppaa irrattis taarifa dabaleera.

  11. Ilmi Tiraamp xiqqaan- Baaroon Tiraamp hojii riil esteetii jalqabe

    Kaleessa ilma xiqqaan pirezidaanti Doonaal Tiraamp, Baaroon Tiraamp waltajjii guddaa irratti as bahee ture.

    Har'a waa'e mucaan pirezidaantichaa inni shanaffaan hojii daldalaa jalqabuu isaa gabaasa dhaga'aa jirra.

    Baaroon Tiraamp michoota dargaggoota biroo lama waliin ta'udhaan daldala riil isteetii jalqabuu isaanii gabaafameera.

    Gaazexaan New York Post akka gabaasetti, hojiin kun tibba duula filannootti dhaabbate kan ture yoo ta’u, namoonni Baaroon waliin hundeessaan garuu birraa keessa “deebi’ee jalqabuu mala” jechuun yaada dhiheessa.

    Gabaasni tokko tokko akka jedhanitti, michoonni daldalaa kunneen gaaf tokko dhaabbata ijoo impaayera Tiraamp ta’anii hojjechuuf abdii qabu.

  12. Tiraamp Guraandhala irraa eegalee Chaayinaa irratti taarifa %10 kaa’uuf yaadaa jiru

    Doonaald Tiraamp Guraandhala 1tti irraa kaasee meeshaalee Chaayinaan oomishamuun gara biyya keessaa galfaman irratti taarifa %10 kaa’uuf yaadaa akka jiran himaniiru.

    Tiraamp haasaa gaazexessistootaaf Waayit Haawusitti kenneen, Chaayinaan fentanyl - opioid rakkoo qoricha sammuu hadoochu addunyaa guutuutti gauu gara UStti, karaa Meksikoo fi Kanaadaa ergaa jirti jechuun tarkaanfii kanaaf sababa ta'u kaasan.

    Itaansunis Tiraamp gibira galtee %25 Meksikoo fi Kanaadaa irraa akka kaa'an doorsisuu hordofee, kanaafis biyyoonni kunneen godaantota waraqaa ragaa hin qabnee fi qoricha sammuu hadoochu gara Ameerikaa akka seenuuf hayyamuu himatan.

    Ameerikaa maqaa dhahuu baatus, itti aanaan ministira mummee Chaayinaa Kibxata darbe biyyisaanii waldhabdee daldalaatiif furmaata ''kennanii fudhachuu'' barbaadaa akka jirtuu fi al ergiishees babal'isuu akka barbaaddu himaniiru.

    Taarifa kaa'uun tibba guutuu duula filannootti Tiraamp irra dedebiin dhimma waadaa itti seenaa turan ijoo yoo ta’u, dinagdee Ameerikaa akka gargaaru cimsanii dubbataniiru.

    Haata’u malee, xiinxaltoonni akka jedhanitti lammiilee Ameerikaa qaa'aiinsaa saaximuun alatti, dhaabbilee gochaa haaloo ba’iinsa biyya alaatiin miidhamaaf saaxilu danda'a jechuun sodaasaanii ibsaa jiru.

  13. 'Filmaanni biraa hin jiru, deebi'uu malee'

    Ganama pirezidaanti Doonaald Tiraamp kakuu raawwateetti godaantonni gara 60 ta’an Tijuanaatti qaxxaamuraa Chaaparral irratti walitti qabamanii waa’ee gaaffii koolugaltummaa isaanii eegdota daangaa waliin haasa’uuf eegaa turan.

    Haata'u malee, gonkumaa carraa hin arganne. Siriyyuu qondaaltonni Meeksikoo gara otobusii bakka dahootti isaan deebisutti isaan qajeelche.

    Oraliyaan ijoolleeshee xixqqoo lamaan waliin ji'oota torbaaf dahoo sana keessaa jiraachaa turte. Inis dunkaana daangaa Ameerikaa irraa fageenya miilaan deemuun danda'amu fagaata.

    Isheenis Micho'aaacán keessaa doorsisa wanbadootaa jalaa baqachaa akka jirtu, akkasumas mucaanshee kan ganna 10 dhukkuba gaggabdoo akka qabu nutti himti.

    Isheenis bakka nageenya qabu US keessatti yaala fayyoo'aa akka ilmasheetiif argachuu dandeessu abdattee akka turte dubbatti.

    Garuu Tiraamp pirezidantii ta'aniin sa'aatiiwwan boda Wiixata galgala Waajjira Oval irraa, ajajawwan cimoo waadaa duula filannoo giddugaleessaa isaan keessa tookko kan ta'e raawwachuuf ajaja mallatteessaniiru.

    Kunis godaansa seeraan alaa fi gaaffii koolugaltummaa daangaa Ameerikaa irratti haalaan hir’isuu kan jedhudha.

    Amma iyyannoon ishee yoomiyyuu akka dhaga'amuuf abdii xiqqoo akka qabdu dubbatti.

    "Filmaata gara biraa omaa hin qabnu boodeetti deebi'uudhaan Waaqayyotti amanamuu malee filannoo biraa hin qabnu" jetti.

    Waa'ee ajaja pirezidantummaa Tiraamp ittin haala jijjiruuf jiru irratti dabalataan dubbifachu dandeessu.

  14. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti!

    Odeessaalee keenya karaa tamsaasa kallattiitiin gagabaabsiine addunyaa mara irraa isin biraan geenyu kan Roobii har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Egaan isinis odeessa dabalataa argachuudhaaf marsariitii keenya https://bbc.in/4hjIthu, ykn fuula Facebook keenya https://bbc.in/3WndN6F akkasumas WhatsApp Chaanaalii keenya https://bbc.in/4gXq5Ls millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  15. Humnoonni Israa’el Jeeniin keessatti duula cimaa eegaluun Filisxeemoonni saddeet ajjeefaman

    Weest Baankii dhuunfatame Jeenin keessatti duula cimaa humnootiin tika Israa’el geggeessaniin yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem saddeet ajjeefamanii, 35 madaa’uu Ministeerri Fayyaa Filisxeem beeksise.

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, “shororkeessummaa injifachuudhaaf” waraanni, poolisii fi tajaajilli nageenyaa Shiin Beet, Jeeniin bakka akka buufata cimina gareewwan hidhattoota Filisxeemiitti ilaalamtu keessatti duula “bal’aa fi guddaa” jalqabanii jedhan.

    Miidiyaaleen Filisxeem akka jedhanitti, humnoonni Israa’el haleellaa diroonii hedduu hordofuudhaan gara Jeeniin fi kaampii baqattoota seenan.

    Kunis waliigaltee dhukaasaa dhaabuu Gaazaa keessatti Hamaas fi Israa’el gidduutti erga jalqabame guyyoota sadii booda.

    Kunis balaa jeequmsa biraa Weest Baankii keessatti mudachuu danda’u agarsiisa.

    Ibsi Ministira Mummee Israa’eliin kenname akka jedhetti, duulli moggaasa “Dallaa Sibiilaa” jedhamuun moggaafame kunis, “kaayyoo kaa’ame galmaan ga’uuf tarkaanfii dabalataa: nageenya cimsuuf” Weesti Baankii keessatti fudhatame.

    "Nuti malaan fi kutannoodhaan deeggartoota garee Iraan bakka gahetti: Gaazaa, Libaanos, Sooriyaa, Yaman, fi [West Baankii] keessatti, ammallee sochiirra jirra," jechuun dabaluun ibsan.

    Israa’el Iraan jeequmsa kakaasuuf meeshaa waraanaa fi maallaqa gara Hamaas, PIJ fi gareewwan hidhatan biroo kanneen Weest Baankii keessa jiranitti dabarsuudhaan himatti.

    Miidiyaaleen Israa’el madda waraanaa wabeeffachuudhaan akka jedhanitti, galmi duula kanaa “bilisummaa tarkaanfii” isaa Weesti Baankii keessatti qabdu eeguuf, bu’uuraalee misoomaa gareewwan hidhatanii diiguu fi balaa mudachuu malu dhabamsiisuudha.

    Akkasumas maddi kun duulli kun ''hanga barbaachisaa ta'etti'' itti fufa jedheera.

    Bulchaan Jeeniin, Kamaal Abbu al-Rub ejjansii oduu AFPtti akka himaniitti, ''wanti ta'aa jiru kaampiicha weeraruudha.''

    ''helikooptaroonni samii keessa osoo balalii'anuu, konkolaattonni waraanaa Israa'el bakka hundaan galan," jechuun dabalanii ibsan.

    Dhaabbanni oduu Filisxeem, Wafa'n, maddoota biyya keessaa wabeeffachuun akka jedhetti, humnoonni Israa’el kaampii Jeeniin “guutumaan guututti marsuudhaan” akkasumas doozaroonni hidhannoo qaban ammoo daandii hedduu qotaniiru jechuun ibse.

    Akkasumas daayreektarri hospitaala Mootummaa Jeeniin Wisaam Baakr wabeeffachuun namoota dhukaasa Israa’eliin madaa’an keessaay sadii hakiimotaa fi lama narsoota akka ta’an ibseera.

  16. Amma nu gahe, Maarkoo Ruubiyoon ministira dhimma alaa US ta'uun kakate

    Seenaatarri Filooriidaa Maarkoo Ruubiyoon ministira dhimma alaa Ameerikaa ittaanu ta’uun har'a waadaa galan.

    Seenetiin Wiixata galgala kan isaaf mirkaneesse yoo ta’u, miseensa kaabinee Tiraamp keessaa isa jalqabaa kan hayyama kongireesii argate ta'aniiru.

    Ruubiyoon yeroo Seenetii turanitti koree hariiroo alaa Seenetii keessatti tajaajiluu fi waa’ee waldhabdee idil-addunyaa irratti dubbachuudhaan muuxannoo waggoota dheeraa qabu.

    Ammas dippilomaatii Ameerikaa olaanaa ta’uudhaan hojjettoota federaalaa 70,000 ol Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa keessatti hojjetan hogganaa jira.

    Ruubiyoon akka imaammata alaa nama dabamsuutti fudhatama, kana jechuun nama ejjennoo cimaa jechuudha, Haala kanaanis dhimma Iraan fi Chaayinaarratti ejjannoo cimaa qaba.

  17. Finciltoonni Ruwaandaan deeggaraman magaalaa ijoo baha DR Koongoo to'atan

    Finciltoonni Ruwaandaan deeggaraman M23 Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessaa, magaalaa daldalaa ijoo bahaa Minoovaa dhuunfachuusaanii maddeen adda addaa himan.

    Magaalaa tuni harka finciltoota galuunshee, magaalaa guddoo bulchiinsaa, Goomaa, kan daangaa Ruwaandaatti dhihoo jirturraa kiilomeetira 40 itti dhiyeessa.

    Kunis gareen M23 Masisii qabatee torban lama booda kan dhagame yoo ta’u, waraanni Koongoo magaalattii deebisee qabachuudhaaf haleellaa jalqabeera.

    Ji’oota darban keessa naannoo albuudaan badhaadhe kana keessatti finciltootaa fi humnoota mootummaa gidduutti lolli cimaan geggeeffamaa kan ture yoo ta’u, jiraattoonni kuma 200 ol ta’an qe’ee isaaniirraa dirqisiifaman.

    Dhaabbanni oduu Rooyitars, ittigaafatamaa gamtaa laga Koongoo kan M23 of keessaa qabu, Korneel Nangaa wabeeffachuun, ''Minovaan harka keenya jira'' jedhe.

    Bulchaan naannichaa, Jiin-Jaaquus Purusi, to'atamu mirkaneessaniiru jechuun Rooyitars gabaase. Namni Gomaa keessaa BBC'n dubbise ammoo, Minoovaan finciltootaan to'atamteetti jedhe.

    Lola kanaan namoonni madaa’an hospitaala magaalaa guddoo bulchiinsa kanaa keessatti wal’aanamaa akka turan dhaabbanni oduu AFP qondaaltota Fannoo Diimaa wabeeffachuun gabaase.

  18. Haati warraa jalqabaa mootii Zuuluu mooticha gaa'ila sadaffaa dhaabuurra dhorkuu dadhabde

    Haati warraa jalqabaa mootii Zuuluu Afrikaa Kibbaa Misuzulu kaZwelitini, karoora haadha warraa sadaffaa fuudhuuf qabu dhaabuudhaaf yaaliin seeraa taasifte hin milkaa'in hafe.

    Giiftii Nitokozo kaMayisela dhuma torban kanaa cidha raawwatama jedhamee eegamuun dura gara mana murtii deemtee turte. Garuu murtiin taasifamus cidhichi ammallee akka karoorfametti ittifufuufi dhiisuu isaa ifa miti.

    Sambata darbe miidiyaaleen Afrikaa Kibbaa xalayaa mooticha irraa argame jedhame wabeeffachuudhaan sirni gaa'ilaa kun ''sababoota to'annoo masaraa mootiitiin ala ta'een'' akka addaan cite ibsaniiru.

    Afriikaa Kibbaatti haadha warraa hedduu fuudhuun beekamtii kan qabu ta’us, kuni yoo cidha aadaa ta’ee galmaa’e qofa fudhatama qabaata.

    Himannaan kunis taateewwan Mootiin Misuzulu erga waggaa lama dura gara aangootti dhufanii kaasee mudatan keessaa kan dhiheenyaati.

    Mootiin Zuuluu aangoo siyaasa idilee kan hin qabnee fi gaheen mootichi hawaasa bal'aa Afrikaa Kibbaa keessatti qabu baay'inaan sirna yoo ta'u, garuu ammoo baajata waggaa mootummaan kennuuf doolaara miliyoona hedduu fayyadamuun dhiibbaa guddaa qaba.

    Mootichi osoo aangoo kana hin qabatiin dura bara 2021tti Maayiselaa fuudhe.

    Falmii seeraa ishee Wiixata kaleessaa mana murtii olaanaatti dhaggeeffameen, Giftiitittiin karaa abukaatoo isheetiin, gaa'elli isaanii ammallee hojiirra waan jiruuf mootichi nama biraa fuudhuu akka hin dandeenye falmite.

  19. Tiraamp torban kana balaa ibiddaatiin kan miidhamte Loos Anjalas dowwachuuf

    Pirezidant Tiraamp iddoon jalqaba daawwatan keessaa tokko Loos Anjalasidha, kunis ibidda bosonaa hamaa torban lama dura ka’en wal qabateeti.

    Tiraamp Jimaata dhufu Kaalifoorniya akka daawwatan dubbataniiru.

    Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niwusam ibsa Wiixata kaleessaa kennaniin, “daawwannaa Pirezidant Tiraamp Loos Anjalas fi cimina guutuu mootummaa federaalaa sochoosuun lammiileen Ameerikaa akka keenya akka bayyanatanii fi deebi’anii ijaaraman gargaaruuf hawwii guddaan eegganna” jedhan.

    Af-yaa’iin mana maree Rippabilikaan, Maayik Joonsan gamasaanitiin, gargaarsa balaa federaalaa hawaasa ibidda bosonaatiin miidhamaniif ramadame irratti “haal-dureen” kaa’amuu qaba jedhanii amanu. Joonsanii fi Tiraamp har'a waaree booda akka wal arguuf deeman eegama.

  20. 'Saala lamatu jira, dhiiraafi dubartii, jijjiiramuu akka hin dandeenye labseera '-Tiraamp

    Waashingitan DC'tti barii sa'aatii 12 (11:00 GMT) yoo ta'u, bulchiinsa haaraa Ameerikaaf guyyaa guutuu isa jalqabaati.

    Pirezidaantichi sa'aatii muraasa jalqabaa Waayit Haawus keessatti deebi'uun ajajoota fi dhiifama pirezidantummaa baay'ee dabarsaniiru.

    Tarkaanfiiwwan jalqabaa inni fudhate keessaa tokko ajaja "yakkamtoota biyya alaa" miliyoonaan lakkaa'aman biyyaa ari'uu ture. Tiraamp daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irrattis labsii yeroo muddamaa labsuun waliigaltee qoricha sammuu hadoochu akka dhaabbilee shororkeessummaatti moggaasan.

    Akka addunyaatti ammoo, Tiraamp Ameerikaan waliigaltee haala qilleensaa baramaa Paaris fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa bahuu akka jalqabdu ajajan.

    Akkasumas ajaja saala ilaallatu mallatteessan, saala lamatu jira, kunis dhiiraa fi dubartii qofa yoo ta'u, innis jijjiiramuu akka hin dandeenye labseera.

    Tiraamp himatamtoota Amajjii 6 bara 2021 Kaapitool weeraruu keessatti hirmaatan gara 1,600 ta’aniif dhiifama godheera jedhan. Gariin har’aan booda mana hidhaatii ni ba’u jedhamee eegama.