Loltoonni hanga kuma 10 ta’an gara daangaa Ameerikaa fi Meeksikootti ergamuu danda'a jedhame
Loltoonni Ameerikaa 1,500 gara daangaa kibbaatti akka bobbaafaman galgala edaa gabaasnee turre. Isaanis danqaa ijaaruudhaan kan gargaaran yoo ta'u, garuu "seera kabachiisuu" keessatti akka hin hirmaanne himame.
Kunis qaamuma tarkaanfii Doonaald Tiraamp immigireeshinii irratti fudhachaa jiruuti.
Akka yaadannoo keessoo mootummaa dhaabbanni michuu BBC Ameerikaa CBS argeetti, amma ammoo baayyina lakkoofsa loltootaa sanarratti fooyya'iinsi taasifamee jira.
Kanaanis loltoonni hanga 10,000 bobbaafamuu akka danda'an yaadamaa jira. Yaadannoo Gumuruukaa fi Eegumsa Daangaa Guraandhala 21, Tiraamp kakuu raawwatanii guyyaa tokkoon booda kan barreeffame tokko, ejensicha gargaaruuf karoora "loltoota 10,000" erguuf akka qaban agarsiisa.
Jalqaba irratti loltoota 1,500 kan gara Kaalifoorniyaa Saan Diyeegoo fi Teeksaas El Paasootti erguudhaan loltoota 2,500 kanneen duraanuu daangaa irratti buufatanii jiranitti makamu.
Akkasumas yaadannoo kana keessattis buufataaleen Ministeera Ittisaa Ameerikaa godaantota biyyaa ari'amuu eegaa jiraniif akka "bakka itti qabatanitti" fayyadamuu akka danda'an dubbata.
Tiraamp akka pirezidaantii biyyattiitti kakuu raawwachuun sa'aatii muraasaan booda daangaa Meksikoo irratti labsii hatattamaa biyyaalessaa labsuudhaan, ''walabummaan Ameerikaa haleellaa jala jira'' jedhan.
Dhimmi immigireeshiniin waadaa duula filannoo ijoo Tiraamp ture. Kanaanis daangaa biyyattii cufuu fi seera kabachiisuu akka cimsu irra deddeebiin dhaadataa ture.