Yakkamaan kun Tsaggaayee Boggaalee Bayyane jedhama. ALI Hagayya 27 bara 2014 guyyaa keessaa naannoo sa'aatii 5 irraa eegalee hanga Hagayya 28 galgala keessaa sa'aatii 12:30tti yakka suukanneessaa kana raawwate.
Ragaan Ministeerri Haqaa fuula Facebook isaarratti maxxanse akka agarsiisutti, yakki kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee Aanaa 04 keessatti raawwatame.
Yakkamaan kun muka (dullaa) ittiin bukoo laafe diriirfamuun, duubarraan dhokatee dubartii haadha manaasaa turte fi amma lubbuun hin jirrre mormarra haleele.
Ergasheen of wallaalteen booda achumatti dhiisee manaa ba'ee biraa deeme. Sa'aatii muraasa booda ammoo itti deebi'uudhaan dubartii of wallaaltee lafarratti kuftee jirtu asii fi achi harkisee dararuu eegale.
Isa booda mana fincaanii mana keessatti argamu keessa galchuudhaan qaamashee kukkutuu eegale.
Akka ministeerri haqaa ibsetti, yakkamaan kun luka dubartii kanaa tafasheerraa eegalee kutee baasuun lafeenshee hanga duwwaatti hafutti foon irraa baase.
Foon irraa baase kukkutee mana fincaaniitti erga gateen booda, lukashee isa hafe bakka lamatti cabsuun feestaaliidhaan maree, rifeensashee maqasiidhaan irraa muree, qaamashee kaan waliin bakka tokkotti huccuu fi meeshaa itti waa miiccaniin ukkaamsuun achuma mana fincaanii keessatti dhiise.
Isaan boodas haala kanaan akkuma waan homaa hin mudannetti hanga ALI Hagayya 30, 2014 mana keessa erga bulaa tureen booda, Qaammee 1, 2014 hanga Fulbaana 16, 2015 mana cufee miliqe.
Dhimmi kun Komishinii Poolisii Finfinneen qoratamee adda ba'uun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha 2ffaa Lidataatti, yakka cimaa fi ajjeechaa namaatiin himanni irratti banamee hordofamaa ture.
Adeemsa falmii seeraa kana keessattis ragaan Abbaa Alangaa erga dhagahamee booda himatamaan akka ofirraa ittisu jala murteen kennamee ture.
Ta'us himatamaan kun himata irratti dhihaate ofiirraa ittisuu waan hin dandeenyeef manni murtii himatamaan kun yakkamaa ta'uusaa adda baasuun hidhaa umurii guutuun akka adabamu murteessee ture.
Haata'u malee Abbaan Alangaa murtee darberratti ol-iyyannoo gaafateera. Bu'uuruma ol-iyyannoo kanaan Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa adabbii hidhaa umurii guutuu murteessee ture haquun namni kun du'aan akka adabamu murteesseera.