Mucaan umuriinsaa waggaa 14 ta'e Omaar Mohammad Saada Rabiyaa kun Weest Baank keessatti hidhattoota Israa'eliin ajjeefamuu kan ibsan aanga'oonni Filisxeem, ijoolleen umurii waggaa 14 kan biroon lamas rasaasaan rukutamuu himan.
Dhimma kana ilaalchisuun yaada kan kenne humni waraanaa Israa'el loltoonnisaa ''shororkeessitoota'' gara daandii guddaatti dhagaa darbachuun namoota konkolaachisan irraan miidhaa geessisaa turanitti dhukaasuu hime.
Ibsi Raayyaa Ittisaa Israa'el akkas jedha: ''Shororkeessitoota sadi gara daandii guddichatati dhagaa darbachuun imaltoota balaarra buusuuf turan adda baasuun loltoonni irratti dhukaasan. Shororkeessaan tokko yoo ajjeefamu, lama madaa'aniiru.''
Ministeerri dhimma alaa Filisxeem taatee kanaan ''ajjeechaa osoo qiyyaafannaa adda hin baafatiin'' humna waraanaa Israa'eliin raawwate ta'uu ibsuun balaaleffateera.
Gama Ameerikaatti ammatti yaadi kenname hin jiru. Taateen kun wayita Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Pirezidanti Doonaald Tiraamp waliin dhimma waraana Gaazaa, Iraan fi qaraxa US irratti mari'achuuf jedhanitti mudate.
Waldaan Addeessa Diimaa Filisxeem ijoollee lameen rukutaman keessaa tokko garaarra, kaan ammoo lukarra rukutamuu ibse.
Akka gabaasa AFP'tti ammoo ol-adeemaan Abdul Raahmaan Shahaadii jedhamu osoo firii mukaa funaannatuu rasaasa loltoota Israa'eliin rukutame.
Miidiyaan kun ol-adeemaa kana dubbisee gabaasa hojjete, maqaansaa Abdul Rahmaan Shahiidii akka jedhamus gabaasa miidiyaa kanaarraa dhagahame.
Akka gabaasa kanaatti abbaan daa'ima kanaa Ayuub Asaad lammiummaa US fi Filisxeem qaba.
Ambuulaansiin inni ittiin ilmasaa rasaasaan rukutame gara hospitaalaa geessaa ture loltoota Israa'eliin dhaabsifamuu gabaase AFPn.