Zimbabween qaraxa oomishaalee Ameerikaarra kaa'ame kaasuudhaaf
Pirezidantiin Zimbabwee Emarsan Mnaangaagwaa bulchiinsa Tiraamp waliin ''walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf'' jecha oomishaalee Ameerikaarraa galan irraa qaraxa akka kaasan beeksiisan.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ammoo oomishaalee Zimbaabwe irraa gara Ameerikaa seenan irratti erga qaraxa %18 kaa'aniin booda ture murteen kun kan dhufe.
''Tarkaanfiin kun oomishaalee Ameerikaa irraa gara Zimbaabwe seenan gabaa biyyattii keessatti babal'isuufi akkasumas deebiisaatiif ammoo daldala alaa Zimbabween gara Ameerikaatti taasiftuu guddiisuudhaaf'' jechuun ture Minaangawaan toora X isaanii irratti kan barreessan.
Zimbaabween erga koloneefamuu jalaa baatee booda lafa namoota adiidhaan qabamee ture muraasa ummata gurraacha biyyattiifan adda qooda jechuun imaammata baafte Ameerikaa dabalatee walitti dhufeenya biyyoota lixaa waliin qabdu akka laafu taasisee ture.
Biyyoonni lamaan wal jijjiraa daldalaa bara 2024 keessaa qabaachaa turanin doolaara miiliyooan 111.6 qofaa akka ture odeeffannoon mootummaa Ameerikaa irraa argame ni agarsiisa.
Ameerikaan bara kanatti daldala ala ergii doolaara miiliyoona 43.8 gara Zimbaabeetti kan raawwatte yoo ta'u, kunis waggaa kanaan dura ture waliin wal bira yoo qabamu dabala %10.6 agarsiiseera.
Ta'us oomishin Zimbaabween galchite doolaara miiliyoona 67.8 yoo ta'u, kan waggaa duraa irra %41 gadi bu'eera.