Tiraamp qaraxa biyyoota addunyaarra kaa'etti akka hin gaabbine hime

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp meeshaalee biyyoota garaa garaa irraa gara biyyattii seenan irra qaraxa kaa'uusaatti yaada akka hin jijjiirranne ibse.

Inumaayyuu "waa tokko sirreessuf yeroo tokko tokko qoricha hadhaa'u liqimsuu qabda" jedhe.

Kaleessa, Dilbata, gaazexeessitootatti akka dubbatetti, US bifa kana dura argitee hin beeknen akka duroomtu gochuuf hojiiwwaniifi investiin gara US dhufuu akka qabu dubbate.

Qaraxa Tiraamp biyyoota addunyaarra kaa'uusaa hordofee US kufaatii diinagdee keessa seenti jedhanii kanneen yaadanis hedduudha.

Qondaalonni Tiraamp muude garuu, sodaa kufaatii diinadge biyyattii jiru homattuu hin lakkoofne. Karoorri qaraxa Tiraamp akkaatadhuma kaa'ametti yeroosaa eegee biyyoota garaa garaatti akka hojiirra oolu mirkaneessan.

Tiraamp xayyaara 'Air Force One' keessa taa'ee gaazexeessittoota akka dubbatetti, biyyoonni Awurooppaafi Eshiyaa [US] waliin walii galuuf wal-caccabsaa jiru" jiru" jechuun karoorri qaraxasaa sirnaan hojjataa akka jiru beeksise.

Sababa daballii qaraxaarraa kan ka'e US keessatti qaala'iinsi lammiilee biyyattii akka miidhufi kufaatin diinagdee mudachuu akka malu sodaa jiru gaazexeessitoonni yoo gaafatan itti qoose.

"Gaaffii gatii hin qabne na gaafatte. Waanti tokkoyyuu akka gadi bu'u hin barbaadu. Garuu yeroo tokko tokko waa sirreessuf qoricha [hadhaa'u] liqimsuu si barbaachisa," jechuun deebise.

Qondaalonni Tiraampis gaaffifi deebii miidiyaalee garaa garaa waliin taasisaniin kufaatii gabaa istookii yeroo as mudachaa jiru fudhatama dhabsiisan.

Ministiirri Maallaqaa US Iskoot Beesent miidiyaa NBC waliin turtii taasisaniin "kun adeemsa sirreeffama gochuu keessatti waan mudatu malee tasumaa kufaatii diinagdeetti hin geessu," jedhan.

Ebla 9, 2025 irraa kaasee biyyoota 60 taarifni olaanan irra kaa'ame irratti seerichi hojiirra ooluu akka eegalus himan qondaalonni US.

Tarkaanfii taarifaa Tiraamp fudhate booda biyyoonni heddu dheekkamuun tarkaanfii wal-fakkaataa akka fudhatan beeksaniiru.

Eshiyaa irraa Taayiwaanifi Indooneeshiyaan Tiraamp meeshaalee achii US seenaan irra qaraxa %32 kaa'us tarkaanfii wal-fakkaataa akka hin fudhanne beeksisan.

Qaraxni %46 kan irra kaa'ame Veetinaam yeroonsaa guyyaa 45 akka dheeratuuf gaafattee jirti.

Chaayinaan garuu meeshaalee US irraa seenan irra qaraxa %34 kaa'uusheefi Ebla 10 irraa kaasuun hojiirra akka oolu beeksiftee turte.

UKn ammoo meeshaalee tokko tokkorraa taarifni akka ka'u US waliin waliigaltee diinagdee irratti ittuma fuftee marii akka gaggeessitu ibsite.

Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmar "waraanni diinagdee fedhii eenyutuu miti" jedhan.

Gaggeessan Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Pirezidaant Tiraamp waliin dhimma diinagdeerratti dubbachuuf gara Waashingtanitti qajeelera. akka imalutu eegama.