Libaanos haleellaa hospitaala Beeruti biraatti raawwatameen hedduun ajjeeffaman jette

Haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessatti raawwatteen namoonni lama ajjeeffamanii yoo xinnaate sadi ammoo madaa'aniiru.

Guduunfaa

  • Yaahiyaa Sinwaan ajjeeffame jechuun waraanni Gaazaa dhume jechuun miti- Netaaniyaahuu.
  • Yaahiyaa Sinwaar qondaaltoota Hamaas haleellaa Onkololeessa 7, 2023 duuba turan jedhaman keessaa tokkoodha.
  • Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeeffamuu Israa'el mirkanneessite.
  • US Israa'el kaaba Gaazaatti ''imaammata beela akka meeshaa waraanaatti fayyadmuu'' akka itti hin fufneef hordofaan jira jette
  • Iraan Israa'el yoo haleellaa raawwatte ammas 'hammeessitee' akka rukuttu dubbatte
  • Israa'el Sooriyaa haleeluun nama madeessuu miidiyaa mootummaa hime
  • UN haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanositti kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yaahiyaa Sinwaar: Hogganaan Hamaas kan turan eenyudha?

    Yaahiyaa Sinwaar

    Madda suuraa, EPA

    Israa'el loltoonnishee Gaazaa keessa jiran hogganaa Hamaas Yaahiyaa Siinwaar, arkiteektii olaanaa haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 fi nama biyyattii keessatti baay'ee barbaadamaa ture ajjeesuu beeksiifte.

    Ergasii Israa'el gaggeessitoota Hamaas kanneen irratti xiyyeeffate keessaa tokko Yaahiyaa Siinwar ture.

    Siinwaar jalqaba haleellaa Hamaas kan namoonni gara 1,200 ta’an kan ajjeefaman kaan 251 ammoo ittiin booji’amaniitiin booda ifatti mul'atanii hin beekam.

    Loltoonni Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman diroonii, meeshaalee elektirooniksii dhaggeeffachuu fi odeeffattoota namaatiin deeggaramuun, bakka inni jiru baruuf waan yaalaniif, bira gahuunsaanii waan nama ajaa'ibu hin turre.

    Odeessa kana bal'insaa dubbiisuudhaaf asiin seenaa: Yaahiyaa Sinwaar eenyuudha?

  2. Tamsaasa kallattii har'aa eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo gabaabsuun isin bira geenyu kan Jimaata har'aa amma eegalleerra.

    Nu horofaa addunyaa mara irraa odeessaalee ijoo argattuun affeerraa keenya.

    Bakka nagaa oolaa!

  3. Suuraaleen har'a guutuu Gaazaa keessatti mul'atan qabataniiru

    Miidhaan gargaarsaa ganama har'aa xiyyaaraanbuufamaafii ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Duulli Israa’el Gaazaa keessatti guyyaa har’aa guutuu itti fufee jira.

    Kanaan duras haleellaa qilleensaa Israa’el mana barumsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)n gaggeeffamuufi kan maatiiwwan Kaabaa Gaazaatti buqqa’an keessa dahatan irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 22 du’uu fi kaan hedduun madaa’uu isaanii ogeeyyiin fayyaa naannichaa fi dhaabbanni Ittisa Siivilii Hamaasiin geggeeffamu himan.

    Suuraawwan har'a naannicharraa kaafaman muraasni kunooti.

    Dhaabbilee tol-oltummaatiin nyaanni hoo'aan har'a ummataaf dhiyaatee

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa Israa'eeliin booda reeffa gara hospitaala al-Aqsa geeffame

    Madda suuraa, Getty Images

    Gamoo haleellaa Israa'eliin ganama kana barbadaa'ee

    Madda suuraa, Getty Images

  4. Yaahiyaa Sinwaar namoota Israa'el akkaan irratti xiyyeefattu keessaa tokko ture

    Yaahiyaa Sinwaar

    Madda suuraa, Reuters

    Yaahiyaa Sinwaar Gaazaa keessatti nama Israa'el akkaan irratti xiyyeeffataa turte yoo tahu haleellaa Onkoloeessa 7 waggaa darbee qindeessuun hidhattoonni kumaan lakkaa'aman Israa'el seenuun namooti 1200 ajjeefamuun 250 gara Gaazaa akka fudhataman taasise dha.

    Miidiyaa hawaasaa irratti suuraaleen gadhiifaman kan caccabaa gamoo haleellaa waraanaa cimaan barbadaa'e jalatti mula'tan fuula Sinwaar fakkaatu miidhaan irra gahes lubbuun akka hin hafne agarsiisa.

    Israa'el qorannoo ashaaraa fi qaamaa taasisuun isa tahuu akka mirkaneessitu himteetti.

    Namni kuni ajjeefameera taanaan Israa'eliif milkaa'ina waraanaa guddaa dha. Sinwaar nama ganna 61 yoo tahu bara 2011tti ture wal-jijjiirraa hidhamaan mana hidhaa Israa'el irraa kan hiikame.

    Hamaas keeessatti nama mata-jabaa yoo tahu Israa'eliin marii caalaa lolaan morkachuu filata.

    Sinwaar boolla lafa jalaatti namoota Gaazaatti butaman dahoo godhatee akka ture yaadamaa ture, keesumaa hogganaan waliigalaa Hamaas Isamaa'el Haaniyaa ajjeefamuun booda.

    Tahus humni waraanaa Israa'el namni butame tokkoyyuu naannoo inni ture jedhamettii akka hin argamne himan.

    Duuti isaa haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti geggeesitu hatattamaan akka goolabdu gochuu dhiisuu mala. Israa'el oppireeshinii Hamaas irratti adeemsiftu daangaa Filisxeem keessatti itti fufti, tahus ajjeefamuun isaa waraanicha gara dhumaatti siiqsa jedhamee eegama.

  5. Amma nu gahe, Yaahyaa Siinwaar du'uu akka hin oollee Kaabinee Nageenyatti himame

    Yaahyaa Siinwar

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwatteen gaggeessaa Hamaas kan ta'e, Yaahyaa Siinwaar ajjeeffamuu akka hin oolle ibsuudhaan, ammayyuu qorannoo gaggeessaa akka jirtu beeksifte.

    Humna nageenya biyya keessaa Israa'el kan ta'e Shiin Beet qorannoo DNA gaggeessaa jiraachuu beeksise.

    Hogganaan Hamaas Yaahyaa Siinwaar ajjeefamuu akka hin oole Kaabinee Nageenyaa Israa'elitti himameera.

    Haata'u malee maddeen BBCtti akka himanitti ammoo Yaahyaa Siinwaar haleellaa Israa'el kanaan ajjeefameera.

    Haata'u garuu Israa'el ifatti taatee kana hin mirkaneessine.

    Odeessa kanarratti waan haaraa isiniin geenyaa nu hordofaa.

  6. Gaggeessaan Hamaas Yaahyaa Siinwaar ajjeefamuufi dhiisuu "qorataan jirra" jette Israa'el

    Yaahyaa Siinwaar

    Madda suuraa, REUTERS

    Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwateen gaggeessaa Hamaas kan ta'e Yaahyaa Sinwaar ajjeefamuufi dhiisuu isaa "qorataa" akka jirtu beeksise.

    Humni waraana biyyattii ibsa baasen, Gaazaa keessatti haleellaa gaggeesseen "shororkeessitoonni sadi du'uu" mirkaneeffachuu ibsuun Yaahyaa Siinwaar isaan keessa jiraachuufi dhiisuu adda baafataa akka jiru beeksise.

    "Gamoo bakka shororkeessitoonni ajjeefaman keessa namoonni butaman jiraachuu mallattoon agarsiisu hin jiru," jedhe Humni Waraana Israa'el ibsa isaa kanaan.

    Yaahyaa Siinwaar gaggeessaa Hamaas kan ta'e, Ismaa'el Haniyyaa Iraan, magaala Tehraan keessatti erga ajjeefamee boodadha.

  7. Waraanni Israa'el ajajaan kutaa waraanaa Hezbollaa Libaanos ajjeesse jedhe

    Waraanni Israa’el (IDF)n ajajaa kutaa Hezbollaa, Huseen Muhammad Awada kibba Libaanos keessatti “haleelee dhabamsiiseera” jedha.

    Raayyaan Ittisaa Israa'eel ''shororkeessitoota 45 ol dhabamsiisuu isaanii' dubbata.

    Gaazaa keessatti oppareshiniin itti fufee jira jechuudhaan, guutummaa naannichaa keessatti lolli lafoo gaggeeffamaa jiraachu himan.

  8. Guyyaa 30 Ameerikaan dhukaasa addaan kutuuf Israa'eliif kenniteen namni baayyee du'a - Qondaala Gamtaa Awurooppaa

    Jooseep Booreel

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaa imaammata hajaa alaa Gamtaa Awurooppaa isa Ameerikaan Israa'el deeggarsaaf jecha dhukaasa akka addaan kuttu guyyaa 30 kenniteef qeequun ''yeroo kana keessatti namoonni baayyeen du'uu,'' jedhan.

    Ameerikaan gaafa Dilbataa ture Gaazaa deeggarsi akka qaqqabuuf Israa'el guyyaa 30tti dhukaasa akka addaan kuttu kan gaafatte. Kun tahuu baannaan garuu deeggarsa waraanaa akka dhabuu maltus xalayaa barreessuuun beeksifteetti.

    Kora hogganoota Gamtaa Awurooppaa Biraasalsitti geggeefamu dursuun Jooseep Booreel, ''Ameerikaan Israa'el deeggarsa namoomaa akka fooyyeessitu gaafattus ji'a tokko garuu boodatti harkifataa dha,'' jedhan.

    ''Haala amma namoonni itti du'aa jiraniin, namni baayyeen ni du'a,'' jedhan.

  9. Israa'el Gaazaatti ''imaammata nama beelessuu'' akka hojiirra hin oolchine hordofaan jira- US

    US Israa'el beela akka meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne nan hordofa jetti

    Madda suuraa, Reuters

    Aanga'oonni olaanoon US gargaarsi namoomaa Gaazaa seenu akka dabaluu qabu cimsanii dubbataa turan. Gidduu kana ammoo xalayaan Israa'el akeekkachiisu US irraa barreeffameera.

    Israa'el yoo gargaarsi ga'aan akka Gaazaa seenu hin eeyyamtu ta'e gargaarsi meeshaa waraanaa Ameerikaarraa argattu rakkoo keessa galuu akka danda'u xalayaa kana keessatti eerameera.

    Guyyoota sadan darban gargaarsi namoomaa kaaba Gaazaa seenuu danda'aara. UN akka jedhutti torban lamaaf gargaarsa bakka kanaan ga'uun hin danda'amne ture.

    Israa'el dhiyeessii gargaarsa namoomaa Gaazaa keessatti fooyyessuu keessatti ga'eeshee akka baatu xalayaa akeekkachiisu namoota mallatteessan keessaa tokko ministira ittisaa US Liyod Ostin.

    Peentagon akkuma ministeera dhimma alaa biyyattii torbee kana keessa gargaarsi namoomaa gara Gaazaa seenu fooyya'iinsa agarsiisaa jiraachuuf beekamtii kenneera.

    Garuu ammallee ergaawwan xalayaa akeekkachiisaa kana keessatti eeraman hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu ibseera.

    Eda halkan ministirri ittisaa US gitasaa kan Israa'el waliin bilbilaan waa'ee gargaarsa namoomaaf haala mijeessuu dubbatan.

    Duraan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US tarkaanfiin Israa'el fudhachaa jirtu imaammata namoota beelessuu hojiirra oolchuu akka hin taane gochuuf US xiyyeeffannaan hordofti jechuun mana maree nageenyaatti himanii turan.

    Israa'el gargaarsa namoomaa Gaazaa irraa kutuuf karoora akka hin qabne ibsiti.

    Israa'el torbee lama dura bakka amma gargaarsi akka seenu addunyaan dhiibbaa uumaa jirtu kanatti haleellaa bifa haaraan eegalte.

    Gareen Hamaas bifa haaraan addanatti of gurmeessaa jira jechuudhaan waraana eegalte.

    Kaaba Gaazaatti bakki Jabaliyaa jedhamu loltoota Israa'eliin marfamee jira. Jiraattonni waan nyaatan dhabani dararamaa jiraachuu himatu.

  10. Iraan Israa'el yoo haleellaa raawwatte ammas 'hammeessitee' akka rukuttu dubbatte

    Dhukaasa

    Madda suuraa, Reuters

    Ajajaan olaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC), Meejar Janeraal Hoseen Salaamiin, Israa’el yoo kan Iraan keessatti qiyyaafannaashee kan haleeltu ta'e biyyisaanii “hammeessitee” akka rukutu dubbatan.

    Salaamiin sirna awwaalcha Janeraal IRGC kan baatii darbe haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwachuun, hogganaa Hezbollaa Hasan Nasrallaas ajjeefteen du'eerratti, “yoo dogoggortanii bakka keenya haleeltan, naannicha keessattis ta’e Iraan keessatti, ammas haala hammaataa ta’een isin haleella,” jechuun Israa'el akeekkachiisan.

    Yaadnisaanii kun kan kenname erga Israa'el jalqaba torban kanaarratti US akka dhaggeeffattu dubbatteen booda yoo ta'u, haata'u malee akkaataan haleellaa Iraaniif deebiin itti kennamu murtoon kamiyyuu ''fedhii nageenya biyyaalessaa'' ishee irratti kan hundaa'u ta'u jalqaba baatii knaarratti himtee turte.

    Iraan Onkoloolessa 1 misaa'ela balistikii gara 200tti ta'an Israa'el irratti dhukaafte. Dhukaasniwwan kunneen harki caalaansaanii kan addaan kutaman yoo ta'u, yeroo sanatti Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Iraan ''dogongora guddaa'' hojjettee jirti, ''kanaafis gatii baaftii'' jedhanii ture.

  11. Israa'eel Sooriyaa haleeluun nama madeessuu miidiyaa mootummaa hime

    Israa’el halkan darbe magaalaa qarqara galaanaa Laatakia irratti haleellaa raawwachuu miidiyaan mootummaa Sooriyaa gabaase.

    Haleellaan kun namoota nagaa lamarraan miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'u, qabeenya naannoo seensa kibba baha magaalattiitti argamurras miidhaa geessiseera.

    Dhaabbanni UK keessatti argamu Observatory for Human Rights Syrian akka jedhutti, haleellaan Israa’el kuusa meeshaa waraanaa magaalattii keessa jiru irratti xiyyeeffate.

    Waraanni Israa’el haleellaa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Haleellaan kunis erga miidiyaaleen Sooriyaa haleellaa Israa’el warshaa konkolaataa fi bakka waraanaa naannoo Giddugaleessa Homs fi Hamaa irratti raawwachuu gabaasanii torban tokko booda raawwate.

  12. UN haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanositti kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate

    Haleellaa Nabatiih

    Madda suuraa, AFP

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajirri hojii Libaanos qindeessu haleellaa Israa'el mana qopheessaa magaalaa kibba Libaanos magaalaa Nabatiih irratti raawwatteefi kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate.

    Jeeniin Heeniis Plaasheert ajjeefamuun katiibaa Ahmaad Kahiil ''rifaasisaadha'' jechuun seera namoomaa idila addunyaa sarbuun ''gonkumaa fudhatam hin qabu'' jedhan.

    Namoota haleellaa Roobiin ajjeefaman keessaa yoo xiqqaate shan hojjettoota mana qopheessaa sanaati. Magaalittii keessatti namoota hafaniif deeggarsa namoomaa dhiyaatu qindeessaa turan jechuun bulchaan naannichaa BBCtti himaniiru.

    Ministirri Muummee Libaanos kan yeroo Najiib Mikaatii haleellaan kun ta'e jedhee yaa'ii mana mareerratti xiyyeefate jechuun balaaleffatan.

    UNtti ambaasaaddar Israa'el kan ta'an Daanii Daanoon Hezbollaan yeroo hedduu bu'uuralee namootninaga aitti dhimma itti bahanitti dahata jechuu walgahii Roobii Niiw Yoorkitti gaggeeffame gubbaatti dubbataniiru.

  13. Xiyyaarri US iddoowwan Huutiin meeshaa waraanaa kuusu haleele

    Xiyyaara haleellaa boombii raawwatu B2 stealth

    Peentaagoon akka jedhutti, Ameerikaan kutaalee Yaman kanneen garee Huutiin to’ataman keessatti bakka meeshaaleen waraanaa itti kuufaman shan irratti “haleellaa sirrii” jettee waamte raawwatti.

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin akka jedhanitti, humnoonni Ameerikaa, xiyyaarota fageenya dheeraarraa boombii darbatan dabalatee, manneen lafa jalaa kan meeshaa waraanaa kan akka siiviilii fi dooniiwwan waraanaa naannichatti haleellaadhaaf itti fayyadamaa turan keessa jiran irratti xiyyeeffate.

    Haleellaan Huutii kan Iraaniin deeggaramu irratti raawwate kunis Ameerikaan dandeettii dhaabbilee mormitoonnishee ''akka hin dhaqqabne'' gochuuf irratti xiyyeeffachuu agarsiisa jedhan.

    Bara darbe Adoolessa irraa eegalee Huutiin dooniiwwan gara 100 ta'an irratti Galaana Diimaarratti haleellaa banuun dooniiwwan lama dhidhimaniiru.

    Gareen kun haleellaan kun duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti geggeessiteef haaloo ba’uudha jedhu.

    Duula waraanaa Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa keessatti raawwattu kan to’atu Ajajni Giddugaleessaa Yunaayitid Isteets, miidiyaa hawaasaarratti, ergama raawwatame kanarraa lubbuun namoota nagaarra miidhaan dhaqqabu wanti agarsiiftuu jalqabaa akka hin jirre ibseera.

    Duula kana keessatti humni qilleensaa Ameerikaa fi humni galaanaa Ameerikaa akka hirmaatan kan ibse yoo ta’u, oppareeshiiniin kunis xiyyaarota fageenya dheeraa irratti bombii darbatan (long-range stealth bombers) fayyadamuun akka ta'e himan.

    Haleellaan gareen Huutii Galaana Diimaarratti raawwatan dhaabbileen doonii gurguddoon daandii bishaanii kana irraa akka maqaniif dirqisiiseera, kunis daldala idil-addunyaa irratti dhiibbaa uumeera.

  14. Dhaabbanni dogongoraan lammii Kooroyaa Kaabaa oggeessa IT gochuun miindeesse odeeffannoonsaa hatame

    Dhaabbanni dogongoraan oggeessaa kooriyaa Kaabaa mindeessee odeeffannosaa saamame

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni yakkamaan saayibarii lammii Kooriyaa Kaabaa mana taa'ee akka hojjatuuf dogongoraan miindeesse, odeeffannoonsaa hatamu beeksiise.

    Dhaabbanni maqaansaa hin eeramne kunis, dogongoraan lammii Kooriyaa Kaabaa kan mindeesse, namni oggeessaa ICT (odeeffanoo teknolojii) waan odeeffannoo dogongoraa dhiyeesseefiidha.

    Lammiin Kooriyaa Kaabaa kun erga kompitara dhaabbatichaa keessa seenuuf hayyama argateen booda, odeeffannoowwan barbaachisaadha jedhaman hatuudhaan deebiisuudhaaf maallaqa kanfalaa jechuudhaan gaafate.

    Biirooleen UK, US fi Awustiraaliyaatti argaman akka maqaansaanii hin eeramneef gaafatan illeen, kaan akka irraa barataniif jecha taateen kun ummataaf ifa akka ta'u hayyameera.

    Dhaabbileen warra lixaa yoo haakaroota saayibarii lammiileen Kooriyaa Kaabaatiin goowwoomfan kun kan yeroo jalqabaa miti.

    Lammiin Kooriyaan Kaabaa kunis akka oggeessa IT ta'udhaan dhaabbatichaaf akka hojjatuuf kontiraataan kan mindeeffame baatiidhaan dura ture.

    Dhaabbatichi haaluma odeeffannoo dhiyaateefiin mana taa'uun kompitaroota sakkata'uudhaan neetiworkii korporeetichaa argachu danda'eera.

    Itti aansuudhaanis odeeffannoowwan barbaachisaa fi icciitiidha jedheen hedduu gara kompitara dhuunfaasaatti dabare.

    Namni kunis baatii afuriif mindaan kanfalamaafii dhaabbata kanaaf hojjataa ture jedhameera.

  15. Naayijeeriyaatti taankariin boba'aa dhowuun namoonni 153 dhuman

    Namoonni balaa kanaan du'an reenfasaanii adda baasanii awwaaluun rakkisaa ta'eera

    Madda suuraa, Getty Images

    Balaan kun kan mudate kaaba biyyattii bulchiinsa Jigawa keessatti. Namoonni dhuman 153 kunneen wayita boba'aan dhangala'u waraabbachuuf warra ba'aniidha jedhan qondaaltonni.

    Erga konkolaataan boba'aa fe'ee ture gargalee namoonni naannoo sanatti akka hin argamne poolisiin dhorkus namoonni humnaan cabsanii seenuun boba'aa waraabbachuu eegalan.

    Battalumatti boba'aa kun abidda uumuun namoota kunneen fixe jedha poolisiin.

    Balaa kanaan namoonni 100 ta'an baayyee miidhamuun hospitaalatti yaalamaa jiru.

    Hedduunsaanii fayyummaansaanii yaaddoo hamaa keessa jira.

    Dubbi himaan poolisii Lawan Shiisu Adam ''namoonni boba'aa waraabbachuuf gara konkolaataa kanaa akk hin deemne dhorkaa turre. Garuu namoonni heddumminaan ba'an humnaan nu caaluun gara konkolaataa kanaatti deemuun boba'aa waraabbachuu eegalan, battaluma kanatti abiddi uumame,'' jechuun haala ture BBCtti himan.

    Namoonni hedduun erga gubatanii booda reenfasaaniiyyuu baruun hin danda'amne.

    Naayijeeriyaa keessatti boba'aan dhohuun balaa uumuun kan baratamedha. Balaan akkanaa yeroo garii rakkoo daandii fi konkolaataa seeraan qabuu dhabuurraa madda jedhama.

    Fulbaana darbes konkolaataan boba'aa fedhe kan namoota fe'een walitti bu'uun namoonni 59 dhumaniiru.

  16. Tamsaasa keenya eegalleerra

    Ashamaa hordoftootaa tamsaasa keenya kallattii kan guyyaa Kamisaa kunoo eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa asiin gagabaabsine isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  17. Sa'aatii 24 darbe keessatti haleellaa 140 ta'u- gabaasaalee Libaanos

    Haleellaan booda aara magaalatti keessaa ka'u

    Madda suuraa, Reuters

    Mootummaan Libaanos sa'aatii 24 darban keessatti haleellaa qilleensaa 138 biyyasaanii irratti raawwachuu isaa kan himu yoo ta'u, irra caalaan haleellaa kanaatis kibbaa fi Nabaatiyeetti akka raawwataman miidiyaaleen mootummaa Libaanos gabaasan.

  18. Waraanni Israqa'el ajajaa Hezbollaa naannoo ajjeesse jedhe

    Gamoo haleellame

    Madda suuraa, Reuters

    Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) haleellaa halkan raawwateen, hogganaa Hezbollaa kan Libaanos, kutaa Qaanaa keessatti argamu, ''dhabsiisuu'' isaan dubbate.

    Akka IDF jedhutti. Humni Qilleensaa Israa’el Jaalaal Musxaafaa Hariirii fi miseensota Hezbollaa kanneen biroo naannoo Qaanaatti meeshaa waraanaa fi misaa’ela farra taankii irratti itti gaafatamummaa qaban haleele.

    Haleellaan kaleessa galgala Qaanaa keessatti raawwatame kan Haariri ajjeese ykn miseensonni garee hidhate kanaa biroo meeqa akka ajjeefaman ifa miti. Hezbollaan hanga ammaatti deebii hin kennine.

    Sa'aatiiwwan muraasa darban keessa, Hezbollaan loltoota Israa’el kibba Libaanos, akkasumas gara magaalaa Saafed kaaba Israa’elitti rookkeettii dhukaasuun itti fufee jira jedha.

  19. Gocha Israa'el Gaazaa keessatti raawwattu ilaalaa jirra jechuun US Mana Maree Nageenyaa UN'tti himteetti

    Lindaa Toomaas

    Madda suuraa, Getty Images

    Walgahiin ariifachiisaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yeroo ammaa haala Gaazaarratti mari’achuuf taa'amaa jira.

    Walgahiin kunis erga haala namoomaa Gaazaa keessaa ilaalchisuun US akeekkachiisa jechoota ciccimoo Israa'eliitti dubbatteen booda, Biriteen, Faransaayii fi Aljeeriyaa waamame.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Ameerikaa, Liindaa Toomaas-Giriinfiild, gochi Israa'el lafarratti fudhataa jiru akka ''imaammata beela'' hin taane mirkaneessuudhaaf Ameerikaan itti dhiheenyaan hordofaa akka jirtu Mana Maree Nageenyaatti himan.

    "Mootummaan Israa'el gamasaatiin kun imaammatasaanii akka hin taane dubbateera. Nyaataa fi meeshaaleen barbaachisoo biroo akka addaan hin cinne. Akkasumas gochi Israa'el lafarratti fudhatte ibsa kanaan akka walsimu ilaaluuf ni hordofna," jedhan.

  20. Joordaan namni kamiyyuu naannoo qilleensaashee akka 'sarbu' akka hin hayyamne Iraanitti himte

    Maappii Baha Gidduulaa

    Ministirri dhimma alaa Joordaan Aymaan Saafaadiin gita isaanii Iraaniin, yeroo amma naannichi Israa'el haleellaa Iraan jalqaba baatii kanaarratti Israa'el irratti raawwatte hordofuun, Israa’el tarkaanfii haaloo raawwachuu dandeessi jechuun qophaa'aa jiruutti, qaama naannoo qilleensaa isaanii sarbu kamuu akka hin hayyamne himan.

    Saafaadiin ministeera dhimma alaa Iraan Abbaa Araaghchi waliin walga’ii taasisaniin, “Jordaan eenyuufuu dirree waraanaa hin taatu, paartiin kamiyyuu abbaa biyyummaa fi naannoo qilleensaa keenya sarbee nageenya lammiileeshee balaadhaaf akka saaxilu hin hayyamnu” jechuun dubbatan.

    Iraan Onkoloolessa 1 misaa'eloota baalistikii 200tti siqu gara Israa'elitti dhukaafte. Israa'el ammoo haaloo akka baatuu dhaadatteetti.

    Iraan ammoo ollootashee Israa'el naannoo qilleensaasaanii akka hin fayyadamne akeekkachiisaa jirti. Israa'el waliin kan wal daangeessitu Joordaan, haleellaa Iraan hordofuun yeroodhaaf naannoo qilleensaa ishee cufteetti.