Dhimmaa Kana Irratti Hanga yoonaa Gareen Hezbollaa waan ibse hin qabu. Isra'elis rokkeettiwwaan kunneen dhukaafamuu fi qolatamuu irraan kan hafe miidhaan qaqqabuu fi dhiisuu hin eerre.
Israa’el hanga ammaatti haleellaa kana ilaalchisee yaada hin kennine, garuu ammoo sa'aatiin dura dubbi himaan waraanichaa jiraattonni Dahiyeh fi Haret Hreek keessaa akka bahan ajaja dabarsee ture.
"Fallaa waraana Israa'el kan dhiheenyatti keessatti duula gaggeessuu, kan naannoo dhaabbilee fi dantaa Hezbollaa ta'eetti dhiheenyatti argamtu," jechuun dubbi himaan kun X irratti barreesse.
Dirooniin mana jireenyaa dhuunfaa Ministira Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti xiyyeeffachuun dhaadannaa kanaan kan walsimu fakkaata.
Hezbollaan haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu isaa hanga ammaatti hin mirkaneessine, garuu haleellaa kanaaf maddi biraa jiraachuu kan danda'u waanjiru hin fakkaatu.
Yeroo haleellaan sun raawwatamuutti Netaaniyaahuun mana keessa hin turre, miidhaan qaqabuuf gabaafames hin jiru. Garuu baay'een akkaataa innii fi mootummaansaa taatee kana itti hiikuuf filatan irratti hundaa'a.
Yoo fedhan yaalii ajjeechaa fashalaa'edha jechuun ibsuun qubasaanii gara Iraan kan hunda caalaa Heziboollaa deeggaruudhaan barbaachisaa taatetti akeekuu danda'u.
Sun ammoo haleellaa guddaa misaa’ela balistikii Teehiraan baatii darbe Israa’el irratti raawwatteef deebii Israa’el kennite irratti bu’aa cimaa qabaachuu danda’a.
Tajaajilli wallaansa Israa'el namni tokko meeshaa qara qabuun ajjeeffame jedhe
Gareen kun Hamaas, Hezboollaa Libaanos keessa maandheffate, akkasumas gareewwan hidhatanii Baha Giddugaleessa keessa socho'anii fi Israa'eliin lolan of keessatti hammata.
Kamisa darbe ALI gaafa guyyaa Onkololeessa 7, 2017 waaree booda sa'aatii 10 irratti bidiruun kun muuzii fi namoota 16 feetee osoo haroo kanarra yabaltuu garagalte.
Qajeelcha Poolisii Godina Gaamoo Gofaatti hoogganaan quunnamtii hawaa Komaandar Rattaa Takluu ammallee namoonni 13 hin argamne jedhan.
Bidiruun meeshaalee fi namoota feete kun gama Godina Kooreetiin bakka Arafaacoo jedhamurraa ka'uun gara magaalaa Arbaa Minc imalaa turte jedhan qondaalli poolisii kun.