Tiraamp MM Israa'el Netaaniyaahuu Waayit Hawusitti simate
MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaauu Ameerikaa jiru. Dhimmi waraana Gaazaa marii ijoo isaan taasisan akka ta'u eegama.
Tiraamp yeroo Netaaniyaahuu Waayit Hawusitti simate daawwadhaa.
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga Hamaas namoota uggure gadhiisuuf waliigalee booda Israa'el Gaazaa barbaadeessuurraa akka of qusattu akeekkachiisan.
MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaauu Ameerikaa jiru. Dhimmi waraana Gaazaa marii ijoo isaan taasisan akka ta'u eegama.
Tiraamp yeroo Netaaniyaahuu Waayit Hawusitti simate daawwadhaa.
MM Israa'el Beenjaamin Neetanyahuun yeroo Tiraamp waliin wal arguun mari'ataa jirutti haleellaan qilleensarraa Gaazaa keessaa hammaate.
Michuu BBC kan tahe CBS News akka ibsetti haleellaan Gaazaa keessaa hammaateera.
Tiraampi waraana gaazaa dhaabuuf karoora qabxii 21 qabu baafachuu maddeen CBS himaniiru.
Isaan keessaa:
Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu yeroo simachaa jirutti Gaazaa keessatti nagaan akka bu’u “ofitti amanamummaa” akka qabu miidiyaaleetti hime.
Pirezdaantiin Ameerikaa mariisaarratti karoora nagaa haaraa waraana Israa’el fi Gaazaa xumuruuf taasifamu ilaalchisuun dhiibbaa ni tasisa jedhamee eegama.
Garuu Netaaniyaahuun wanti ''hanga ammaatti xumurame hin jiru'' kan jedhe yoo ta'u, Hamaas ammoo yaadni kun ammatti akka isa hin qaqqabne dubbata.
Israa’el waldhabdee fi dhuunfachuu West Baank akka dhaabduuf dhiibbaan addunyaa dabalaa dhufeera.
Pirezidaantiin Ameerikaa kanaan dura Israa'el West Baank dhuunfachuu akka ''hin hayyamne'' jechuun cimsee dubbate ture.
Kun kan jedhame yeroo biyyoonni Lixaa - UK, Kaanaadaa fi Awustiraaliyaa dabalatee – walitti aansuun biyyummaa Falisxeemiif beekamtii kennanittidha.
Arsenaal kaleessa falmii hanga daqiiqaa dhumaatti taasiseen Niwu Kaasil mo'atee bahe. Hanga daqiiqaa 83tti galchii boqonnaa dura Niik Woltimeed lakkoosiseen Niwu Kaasil qe'eesaatti dursaa ture.
Arsenaal adabbiin penaalaatii kennameefii jalaa haqamuun alatti yaalii gara garaa godhanis cimina karra eegaa Niwu Kaasil Niik Poopitiin jalaa fashalee ture.
Daqiiqaan 90 dhumuuf daqiiqaan jaha hin caalle yeroo hafutti jijjiiramee kan gale Mikeel Meriinoo wal-qixa taasise.
Daqiiqaan dabalataa kenname dhumuuf yeroo jedhutti, Gabreel Magaalezh mataan dhahee manii keessa buuse.
Tapha kana mo'achuun Arsenaal murteessaa ture. Arteettan rukuttaan penaaliitii kennameef jalaa haqamuutti garaansaa gubatus, gareensaa mo'achuutti gammachuunsaa guddaadha.
Yukireen wiirtuu omisha meeshaalee waraanaa ammayyaa Raashiyaa haleeluu ibsite. Haleellaan kun naannoo Biriyaaniski jedhamu keessatti raawwate.
Ajajaan Waraana Yuukireen fuula Telegiraamii isaaniirratti haleellicha misaa'eloota afur fayyadamuun akka raawwatan ibsaniiru.
Yukireen misaa'eloota kanneen fageenya KM 240 irraa akak dhukaastee wiirtuu oomisha meeshaalee waraanaa ammayyaa Raashiyaa haleeltes ibsiteetti.
Haleellichi raawwachuu mirkaneessuun miidhaa hagamii akka geesise garuu hin ibsine.
Humni galaanarraa Yukireen akka maxxansetti, misaa'ela biyya keessatti omishame Neeptuun jedhamu fayyadamuu ibse.
Misaa'elli kun farra haleellaa doonii yoo tahu Yukireen lafarraa bakkeewan barbaaddu haleeluuf kan itti fayyadamtedha jedhe.
Miidiyaaleen Raashiyaa akka jedhamitti gidduugalichi kaampaanota waraanaaf dabalatee kaampaanota 1,500 tahaniif omisha adda addaa dhiyeessa.
Raahsiyaan ibsa gahaa hin kennine.
Dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti dhaadachaa kan turte Masiriin 'GERD' [Itoophiyaa] mana murtii idil-addunyaattan dhiyeessa jette.
Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatiin tibbana Kora UN irratti yoo dubbatan, Itoophiyaan lubbuu miliyoonotaa biyyoota yaa'a Abbayyaa irra jiran lamaa balaarra buusteetti jechuun dubbatan.
Ministirichi Sudaanii fi Masirii eeraniiru. ''Itoophiyaan hidhicha bishaaniin guutuun waan Masiriin mirga ishee dagatte itti fakkaateera,'' jedhan.
Itoophiyaan waliigaltee dhaabbataa tokkorra osoo hin gahiin murtee ofii isheen hidhicha bishaaniin guutte jechuun himatan.
Dubbiin Ministirichaa erga Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha waggoota 14'f ijaarsisaa turte sirna ho'aan eebbisiiftee booda dhagahame.
Namichi miseensa humna tikaa Itoophiyaati jechuun namoota dorsisee ukkaamsuun maallaqa harkaa fudhataa ture to’atamuu poolisiin magaala Finfinnee ibse.
Poolisiin magaala Finfinnee akka ibsetti, namni maqaan isaa Daawwit Xilaahun ykn Mintesinoot Xilahuun jedhamuun beekamuu fi waraqaa eenyummaa sobaa miseensa Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa fayyadamuun namoota ukkaamsuun maallaqa harkaa fudhataa ture to’annoo jala oole.
Eeruu argatee hordoffii taasisaa kan ture Tajaajilli Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Poolisii magaala Finfinnee waliin tahuun to’annoo jala oolchuu ibseera.
''Miidhamtuun dhuunfaa Saaron Tasfaayee jedhamtu osoo isheen Meksiikoo irraa gara Gaarmentiitti taaksii qabattee imalaa jirtuu ani miseensa tika biyyaalessaati jechuun doorsisee ishee reebuu miidiyaa hawwaasaa isheerrartti maxxansiteetti,’’ jedhe poolisiin ibsa baaseen.
Miidhaa isheerra geesiseefis seeraan akka gaafatamu poolisiin ibseera.
Shakkamaan kun yeroo to’annoo jala oolettis waraqaan eenyummaa sobaa hojjetaa Tajaajila Tika Biyyaalessaa tahuu agarsiisu isarratti argamuu Poolisiin Magaala Finfinnee ibseera.
Pirojeltiin misooma koriidarii jirattonniiifi daldltoonni "kuma kudhaniin lakkaa'aman" akeekkachiisa muraasa gahaa malee akka ari'aman taasise "fedhii abbootiin qabeenyaa misooma invastimantiiratti bobba'uuf qaban daangessuu" gabaasni mootummaa Ameerikaa ibse.
Walitti bu'insawwaniifi garaa garummaan sharafa alaa "irra deebiyee bal'achuu" kan eere gabaasni kun, haalli invastimantii Itoophiyaa "Ameerikaa fi daldalawwan alaa birootiif qormaatadha" jechuunis gamaggameera.
Mootummaan Ameerikaa gabaasa gamaggama isaa kanaa kan baase ibsa haala invastimantii waggaa waggaan qopheessu Jimaata Fulbaana 26, 2025 kenneen ture.
Kampaaniiwan Ameerikaa "murtee ragaarratti hundaa'e akka dabarsan" taasisuuf gabaasni Ministeera Dhimma Alaatiin qophaa'u kun, haalli invastimantii biyyoota 170 hangam mijataa akka ta'e ilaaleera.
Gabaasni Ameerikaa kun Itoophiyaa ilaalchisuun akka yaaddootti kan kaase keessaa tokko Finfinneetti jalqabee magaalota biyyattii 40 keessatti gaggeeffamaa kan jiru pirojektii misooma koriidaraati.
Mishigaanitti hidhataan tokko konkolaataadhan waldaa amantoota Kisristaanaa konkolaataadhaan cabsee seenee dhukaasa banuun ibidda itti qabsiise namoota afur galaafatee namoota biroo saddeet ammoo madeesse.
Poolisiin Mishigaan hidhataa kanatti dhukasuun ajjeesuu ibseera.
Haleellaan kun waldaa Church of Jesus Christ of Latter-day Saints jedhamurratti wayita amantootni dhibbaan lakkaa'aman walitti qabamanii sagantaa gaggeessaa jiran akka raawwate ibseera.
Hidhataan kun Toomaas Jaakoob Saanfoord kan jedhamu yoo ta'u gaheessa ganna 40 ta'uu fi iddoo konkolaata dhaabanitti Poolisiin ajjeefamuun gabaafameera.
Kaayyoon gocha kanaa maal akka ta'e ammatti ifa hin taane. Ammoo haleellaa xiyyeeffannoon raawwatame ta'uu ibseera.
Hidhataan kun dhukaasa banee daqiiaa saddeet booda Poolisii dafee naannicha qaqqabeen itti dhukaafame ajjeefame.
Wayita dhukaasni banamu amantootni daa'imman dhoksaa turan jedhameera.
Warra du'an keessaa namootni lama itti dhukaafamee ajjeefaman warri biroon lama ammoo du'anii argman.
Booda gareen Poolisii addaa boombii dhokataa sakatta'u naannichatti bobbaafamuu Poolisiin Mishigan ibseera.
Waldittiin ibsa baasteen gadduushe eibsiteetti. ''Namooota miidhamaniif ni kadhanna'' jette.
Waldichi ibiddaan miidhaa guddaan irra gaheera.
Erga Tiraamp aangotti dhufee Netaaniyaahuun marroo afraffaa har'a gara Waayit Haawus deemuuf jedha.
Dhiibbaan idiladdunyaa kan itti jabaate Netaaniyaahuun, walitti dhufeenya US keessumaa bulchinsa Tiraamp waliin qabu akka carraatti fayyadamuuf gara US imala.
Gama biraan ammoo Gaazatti dhukaasi akka dhaabatuuf Tiraamp dhiibbaa gochuuf akka jirutu himama.
Kanaafis Tiraamp yaada dhukaasaa dhaabuu dhiyeessee jira.
Netaaniyaahuun Jimaata darbe yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti yeroo haasaa taasisu, gaggeessitoonni biyyaafi dippilomaatonni galma wal-gahii dhiisanii bahuun alatti simannaan hoo'anis bulchiinsa Tiraamp irraa hin taasifamneef.
Daawwannaasaa alanaa kanaan garuu Tiraamp simannaa hoo'aa akka taasisuufitu eegame.
Tiraamp biyyoonni lixaa heddu beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuu akka "shororkeessitoota" badhaasutti ibsus, Gaazatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf Netaaniyaahuu wajjin akka waliigalu Dilbata, Fulbaaa 28, dubbachuusaa Rooyitars gabaase.
"Bibin [Netaaniyaahunis] waliigaltee gochuu waan barbaaduuf deebii gaarii argataa jirra. Hunduu waliigaltee gochuu barbaada," jedhe turtii Rooyitars waliin taasiseen.
Biyyooni akka Masirii, Kaataar, UAEfi Saawudii Arabiyaa fa'aas deeggarsa gochaa akka jiran ibsuun tattaaffii isaanifis isaan galateeffateera.
Pireezidant Tiraamp eegdonni biyyaalessaa (National Guard) ji'oota lamaaf Poortilanditti akka duulu ajajuu booda Origan bulchiinsa Tiraampirratti himata bane.
Ajaja Tiraamp dabarsaniin loltootni National Guard 200 ta'an gara magaalaa Poortilaand ni duulu. Sababni ammoo mormii gaggeeffamu, yookan gaggeefamuu malurraa qabeenya mootummaa federaalaa eeguudha.
Kaayyoon kun ifa kan ta'e dhaamsa Ministira Ittisaa biyyattii Pit Hegseet dhaaman keessatti.
Tiraamp yaada Sambata darbe kennaniin seera gidduugaloota baqattootaa wajjin walqabatee baasan irratti mormii gaggeeffamu to'achuuf barbaachisaa taanaan ''humna guutuu fayyadamaa'' jedhan.
Isteetni Origan ajaja Tiraamp kan loltoota Federaalaa bobbaasu kanaan ''seera qabeessa kan hin taane'' ittiin jechuun himannaa bane.
Himannaa kana kan banan Abbaa Alangaa Oigan Daan Raayifiild yoo ta'an, adeemsichaan ''dubbii barbaachaafi akka feetee'' jedhan. Dheekkamsa haawaasaa kaasuun nageenya uummataa goola jedhan.
Bulchaan Origan Tinaa Kotek ammoo ''Poortilaand keessa rakkoon nageenya biyyaalessaa ta'e hin jiru. Hawaasni keenya ngaafi tasgabbii kan qabuudha'' jedhan Sambata darbe.
Tiraamp duula baqattoota seraan alaarratti eegalan cimsaa deemuu isaaniirraa kan ka'e mromiin bakka adda addaatti dhalachuu danda'a yaaddoon jedhu jira.
Iraan basaastota Israa’el biyyashee jiran keessaa isa murteessadha jette du’aan adabuu beeksisfte.
Barruun sirna haqaa Iraan gabaasun beekamu Mizan jedhamu akka gabaasetti, namichi tika Israa’el Mossad waliin hojjataa tureefi Israa’eliif basaasaa murteessadha jedhame Bahmaan Choobii -asl duuti itti murame.
“Basaastota Israa’el [Iraan keessa jiran] keessaa nama baay’ee murteessadha,” jedhe barruun kun.
Israa’el wajjin barootaaf wal-dhabdee keessa kan jirtu Iraan namoota Israa’eliif basaasu jette heddu du’aan adabaa turte.
Namni amma du’aan adabame jedhamu kunis tika Israa’el kan ta’e Mossadiif hojjachuun odeeffannoo mootummaafi dhaabbilee Iraan Israa’eliif kennuuf ture jedhame.
“Kaayyoon Mossad Bahmaan waliin ta‘uun odeeffannoo deetaa beezii mootummaafi dhaabbilee Iraan cabsuuf ture. Gama biraan ammoo meeshaalee elektirooniksii [basaasaf] galchuuf qorataa ture,” jedha gabaasni barruu Iraan kun.
Himatamaan oliyyannoo gaafatus manni murtii kufaa gochuun murtee du’aa itti mure.
Ashamaa!
Odeessaalee biyya keessaafi alaa adda addaa gabasa kallattiin isin biraan gahuu eegalleerra.
Dhiyaadhaa!