Ministirri Muummee Abiy Ahmad konkolaataawwan fe'umsaa (gurguddaan) AlI Fulbaana 22, 2018 irraa eegalee akka gara biyyaa hin seenne dhorkamuu ibsaniiru.
MM Abiy Naannoo Somaaleetti piroojektii Gaazii Uumamaa Dhangala'aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti liitira miliyoona 111 omishuu danda'u wayita eebbisan, kan waggaatti liitira biliyoona 1.33 omishuu danda'u ammoo jalqabsiisaniiru.
Sirna kanarratti haasaa taasisan keessatti dhorkaan kanaan dura konkolaattota xixiqqoorra kaa'amee ture amma konkolaattota gurguddoorrattis akka hojjetu ibsan.
''Konkolaataa gurguddaa ykn tiraakii gara Itoophiyaa galchaa kan turtan, har'arraa eegaluun akkuma konkolaattonni xixxiqqoon kan elektirikiin ala yoo ta'an dhorkamaa turan, konkolaataa gurguddaan boba'aa fayyadamu kamuu dhorkameera.''
MM Abiy akka jedhanitti kanneen konkolaattota gaazii fayyadaman galchan mootummaasaaniirraa birqabaan tumsa amansiisaa ta'e ni argatu.
Bara konkolaattota Finfinnee fi naannolee biyyattii keessa deeman kuma lama ta'an ''boba'aa irraa gara gaazii ni geeddarra,'' jedhan.
Konkolaattonni kuma lama ta'an kunneen gara gaazii jijjiiramnaan waggaa dhufu gatiin geejjibaa biyyattii keessatti dhibbeentaa 50n akka hir'isu dubbatan.
Itoophiyaan duraan konkolaattota namoonni dhuunfaa fayyadaman kanneen boba'aa fayyadaman gara biyyaa akka hin seenne dhorkiteetti.