Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Neetanyahuun namoonni butaman 'guyyoota dhufan keessa' gadhiifamu jedheen abdadha jedhan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga Hamaas namoota uggure gadhiisuuf waliigalee booda Israa'el Gaazaa barbaadeessuurraa akka of qusattu akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri Muummee Abiy Ahmad konkolaataawwan fe'umsaa (gurguddaan) AlI Fulbaana 22, 2018 irraa eegalee akka gara biyyaa hin seenne dhorkamuu ibsaniiru.

    MM Abiy Naannoo Somaaleetti piroojektii Gaazii Uumamaa Dhangala'aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti liitira miliyoona 111 omishuu danda'u wayita eebbisan, kan waggaatti liitira biliyoona 1.33 omishuu danda'u ammoo jalqabsiisaniiru.

    Sirna kanarratti haasaa taasisan keessatti dhorkaan kanaan dura konkolaattota xixiqqoorra kaa'amee ture amma konkolaattota gurguddoorrattis akka hojjetu ibsan.

    ''Konkolaataa gurguddaa ykn tiraakii gara Itoophiyaa galchaa kan turtan, har'arraa eegaluun akkuma konkolaattonni xixxiqqoon kan elektirikiin ala yoo ta'an dhorkamaa turan, konkolaataa gurguddaan boba'aa fayyadamu kamuu dhorkameera.''

    MM Abiy akka jedhanitti kanneen konkolaattota gaazii fayyadaman galchan mootummaasaaniirraa birqabaan tumsa amansiisaa ta'e ni argatu.

    Bara konkolaattota Finfinnee fi naannolee biyyattii keessa deeman kuma lama ta'an ''boba'aa irraa gara gaazii ni geeddarra,'' jedhan.

    Konkolaattonni kuma lama ta'an kunneen gara gaazii jijjiiramnaan waggaa dhufu gatiin geejjibaa biyyattii keessatti dhibbeentaa 50n akka hir'isu dubbatan.

    Itoophiyaan duraan konkolaattota namoonni dhuunfaa fayyadaman kanneen boba'aa fayyadaman gara biyyaa akka hin seenne dhorkiteetti.

  2. Kiristaal Paalaas waggaa 120 keessattis eenaa haaraa galmeessan

    Waggaa tokko dura Kiristaal Paalaas sadarkaa 18ffaa irra turte.

    Inumaayyuu liigicha keessaa kufu jedhamee hedduu sodaatameera. Dorgommii Awurooppaa keessattis injifannoo seenaa qabeessa galmeessan.

    Dorgommii Konfiransii Liigiidhaan Daayinaamoo Kiiv mo'atan.

    Kiristaal Paalaas seenaa haaraa kan galmeessanis waggaa 120 booda tapha tokkoyyuu osoo hin mo'amiin taphoota 19 dabarsuu isaaniiti.

    Bara kanas dorgommii Piriimer Liigiidhaan osoo hin mo'amiin kileba tokkocha jirudha. Sadarkaa sadaffaa irras jira.

    Isa dhumaa kan mo'aman yeroo Niwkaasiliin ji'a Eeblaa darbe 5-0 mo'aman ture. Isa booda tapha tokkoyyuu osoo hin mo'amiin ture.

    Tapha 18 osoo hin mo'miin turuun rikardii bara 1969 leenjisaa yeroo sanaa Bert Hiid jalatti galmeessaniin wal qixxaatan.

    Taphni hundiyyuu waluma qixa nuuf murteessaadha.Not that it worked.

    Taphattoonni koo mo'achuu baay'ee barbaadu, Fedha guddaa qabu. Kanuma itti fufsiisuu barbaanna. Ammo haamilee isaanii kana jabeessuun salphadha,'' jedhe leenjisaan Paalaas Oliiver Gilaaziner.

    Kiristaal Paalaas leenjisaa Gilaazner jalatti waancaa FA Kaappii fi Koomunitii Shiidii, Maanchister Siitii fi Liiverpuul mo'achuun injifataniiru.

  3. Waa'ee haleellaa iddoo kadhannaa Manchistaritti raawwatee lubbuu galafatee waan hanga ammaa jiru

    Haleellaan kun iddoo hordoftoonni amantii Yahuudaa itti kadhatanirratti raawwate. Poolisiin haleellaa kanaan lubbuun namoota lamaa, kan umriinsaanii waggaa 53 fi waggaa 66 ta'ee, darbuu ibseera.

    Namoonni sadi haleellaa kanaan madaa'aniiru.

    Namani haleellaa kana raawwate jalqaba konkolaataa tuuta namootaa iddoo kadhannaa Yahuudotaa- Heaton Park Hebrew Congregation Synagogue jedhamutti oofe.

    Duuba konkolaachisaan konkolaataa sana keessaa bu'uun namoota waraanuu eegale.

    Poolisiin Maanchistar namni haleellaa raawwate kun, nama umrii waggaa 35, Jihaad Al-Shamii jedhamu ta'uu ibse.

    Namni kun lammummaa Biriteen qaba, garuu duubi isaa Siiriyaa irraati.

    Namni kun erga haleellaa raawwatee daqiiqaawwan muraasa keessatti poolisoota bakkichatti argamaniin ajjeefameera.

    Haleellaa kanaan walqabatee namoonni umriinsaanii waggaa 30 keessa ta'e lamaa fi dubartiin umriinshee waggaa 60 keessa ta'e shakkamuun to'atamaniiru.

    Namoonni kunneen shororkeessummaa kakaasuu fi badii raawwachuuf qophii taasisuun shakkaman.

  4. 'Shororkeessummaa duratti laafuun shororkeessummaa dabalataa fida' - MM Israa'el

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaa mana sagadaa Yahudootaa UK Maanchistar keessatti raawwatame ilaalchisee yaada kennaniin Israa'el hawaasa Yihudootaa UK waliin gadditi jedhan.

    "Akkuma Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) keessatti akeekkachiisan: shororkeessummaa duratti laafuun shororkeessummaa dabalataa qofa fida," jechuun haasaa torban darbe Niiw Yoorkitti Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti haasa'an yaadachuun dubbatan.

    Ministirri dhimma alaa Israa'el itti fufuudhaan, UK keessatti ''kaka'umsa farra Yihudootaa fi farra Israa'el ifaa fi babal'ataa jira'' jechuun qeeqaniiru.

    Gidiiyon Saa'aar itti dabaluudhaan, hawaasni Yihudootaa UK ''dambalii farra Yihudootaa suukaneessaa ta'een rakkachaa jira'' jedhan.

    "Aanga'oonni Biriteen dambalii summii farra Yihudootaa kana to'achuudhaaf tarkaanfii barbaachisaa ta'e fudhachuu waan dadhabaniif, haala milkaa'een akka itti fufu hayyamaniiru," jedhan Saa'aar.

    "Mootummaa Istaarmar irraa waan jechoota caalu eegna. Mootummaarraa jijjiirama adeemsaa fi tarkaanfii bu'a qabeessaa akkasumas raawwachiisummaa qabatamaa eegna, ni gaafannas."

    Ibsa MM Yunaayitid Kingidam Kiir Istaarmar taatee kana ilaalchisuun har'a kennaniin, Biriteen farra Yihudootaa ''mo'achuu qabdi,'' hawaasa Yihudootaa keessattis ''poolisoonni hedduun dabalataa'' akka bobbaafaman dubbataniiru.

  5. Kiir Istaarmar biyyisaanii Biriteen jibba farra Yihudootaa dabalaa jiru injifachuu qabdi jedhan

    Ministirri Mummee Yunaayitid Kingidam Kiir Istaarmar haleellaa har'a Maanchistar keessatti mana sagada Yahudootaa irratti raawwatame ilaalchisuun haasaa taasisan.

    Istaarmamer walgahii ariifachiisaa koree Kobraa Daawuning Istiriit keessatti gaggeeffameen booda haasawa taasisaniin, har'a ganama ''namni dhuunfaa hamaa ta'e tokko haleellaa shororkeessummaa raawwateera'' jedhan.

    Haleellaa har'a ganama mana sagadaa Yahudootaa Maanchistar keessaaatti raawwatameen miseensoonni Yaahudootaa lama ajjeeffamanii kaan afur ammoo ''miidhaa sadarkaa garaagaraatiif saaxilamuun'' hospitaala seenuun gabaafameera.

    Namni haleellaa kana raawwates bataluma tajaajila balaa tasaatti bilbilameen daqiiqaawwan torba keessatti poolisiin ajjeeffamuun ibsameera.

    Israarmar itti dabaluudhaan, namni dhuunfaa kunis "Yihudoota sababii isaan Yihudoota ta'aniif kan ajjeessee yoo ta'u, sababa dudhaa keenyaatiifis Biriteen irrattis haleellaa raawwateera" jedhan.

    Biriteen biyya hawaasa Yihudootaa simatte yoo ta'u, baqannaa fi mana jireenyaa taasiftedha jedha.

    Biriteen biyya hawaasawwan Yihudootaa simatteefi dahoofi bakka jireenyaa isaaniif kenniteedhas jedhan.

    Haata'u malee, "sababni yaaddoo jibba farra Yihudootaa guyyaa guyyaatiin" Biriteen biyya gamoowwan Yihudootaa halkanii guyyaa eegumsa itti barbaadanii fi tikni addaa itti barbaachisaa ta'edhas jedhan Istaarmar.

    Kunis jibba haaraa osoo hin taane kan kanaan dura tureefi ''ammas ka'aa jiru'' yoo ta'uuf Biriteen ''ammas injifachuu'' qabdi jedhan.

  6. Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse gaggeessaan humna waraanaa Hamaas hin fudhu jedhe

    Waraana Gaazaa dhaabsisuuf qaamoleen jaarsummaa gidduu deemaa turan garee humna waraanaa Hamaas Gaazaa jiru qunnamanis gaggeessan garichaa karoora nagaa Tiraamp dhiyeesse akka hin fudhanne BBCn hubate.

    Ajajaa humna waraanaa Hamaas kan ta'e, Izz al-Din al-Hadaad karoorri Tiraamp dhiyeesse Hamaas dhabamsiisuudha jechuun karooricha dide.

    Hamaas akka dhaabatti karooricha fudhatus dhiisus ani itti fufeen lola jedhe ajajaan humna waraanaa garichaa.

    Karoorri nagaa Tiraamp dhiyeesse Hamaas hidhannoo hiikkachuu qofa osoo hin taane gara fuulduraatti Gaazaa bulchuu keessaa qooda akka hin qabaanne ibsa.

    Qondaalonni Hamaas Qaataar jiran tokko tokko karoora Tiraam irratti fooyya'iinsi muraasi yoo godhame fudhachuuf qophii ta'uutu barame. Garuu hidhattoota garichaa Gaazaa keessa jiran irratti guutummaan dhiibbaa uumuu hin danda'an.

  7. Israa'el bidiruu gargaarsa Gaazaa geessan dhorkite, Girettaa Taanbarg dabalatee aktiivistoota hiite

    Dhimma jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun duula gaggeessituun kan beekamtu shamarree lammii Siwiidin Gireettaa Taanbarg dabalatee aktivistoonni baayyeen humnoota Israa’eliin hidhaman. Kun kan ta’e erga dooniiwwan Gaazaa gargaarsa geessaa turan yeroo achi dhiyaatanitti Israa’eliin dhorkamanidha.

    Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el akka jedhetti, dooniiwwan Global Sumud Flotilla (GSF) irraa ta’aan “nagumaan dhaabsifamanii”, namoonni irra turan garuu gara biyyasaaniitti deebifamuuf gara ulaa galaanaa Israa’elitti dabarfamaniiru.

    Bidiruuwwan kunneen waama bishaan idil-addunyaa ta’e bakka qarqara galaanaa Gaazaarraa maayilii 70 fagaatee jirurratti dhaabsifaman.

    Israa’el bakka kanarratti eegumsa ni taasifti garuu mirga qama bulchiinsaa irratti hin qabdu.

    Israa’el akka jettutti, humni galaanaashee bidiruuwwan kunneen yeroo “gara zoonii eegumsa waraanaa jala jiruti yeroo dhiyaachaa dhufaniti” akka kallattii jijjiirrataniif itti himamus daangaa humna galaanaa seera qabeessa cabsan.

    Yeroo humnoonni Israa'el Gireettaa Taanbarg dabalatee aktivistoota Gaazaaf gargaarsa geessaa turan to'atan viidiyoo agarsiisu kana daawwadhaa.

  8. Taatoon beekamaa Indiyaa Shaah Ruuk Kahaan biiliyanara tahe

    Taaton urjii Booliyuud Shaa Ruuk Kahaan yeroo jalqabaaf garee biliyenarootaatti makameera, kanaanis taatowwan dureeyyii addunyaa keessaa tokko tahuu danda'eera.

    Namni ganna 59 qabeenyisaa doolara biiliyoona 1.4'n akka tilmaamamu dhaabbanni tarree namoota dureeyyii waggaa waggaan baasu Huruun Indiyaa Riich ibseera.

    Haala kanaan Shaa Ruuk Kahaan tarree namoota beekamoo biiliyeenara tahan Arnoold Shawaaziingar, Rihaanaafi Teeyilar Iswiift fa'i keessa galeera.

    Taatoowwan Booliwuud kaan Juhii Chaawlaa, Hirtiik Roshaan, Amiitaab Bachaachaan fi daarektar Karaan Johaar tarree kanatti dabalamaniiru.

    Mootii jaalalaa jedhamuun kan beekamu Kahaan waggoota soddomaaf fiilmii Hindii keessatti kan hojjete yoo tahu, boodarra dhaabbata fiilmiifi garee ispoortii kiriikeetii hundeessee hojjetaa jira.

  9. Keeniyaan achi buutee namicha dubartoota 40 ajjeesuun shakkame irratti eeruu nama kenneef shilingii miiliyoona 1 dhiyeessite

    Poolisiin Keeniyaa shakkamaa gaaddisa seeraa jalaa erga miliqee waggaa tokko ol tahe Kooliins Jumaayisii Kahaalushaa irratti nama odeeffannoo kenneef shilingii miiliyoona tokko akka badhaasu hime.

    Kooliins ajjeechaa dubartoota 40 oliin kan shakkame yoo tahu qaamni dubartoota kanaa mumurameetu lafa kosii magaalaa guddoo biyyatti Naayiroobiitti argame.

    Namni kuni to'annoo jala oolee yeroo muraasaan booda waayelotasaa 12 wajjin shiboo fayyadamuun baaxiirraan bahanii baqatan.

    Sababa kanaan uummatni kan dheekkame yoo tahu poolisiiin nama kana barbaadee qabachuu dadhabuusaatiin qeeqni hamaan irra gahaa jira.

    Lammiileen Keeniyaa baayyeen buufata poolisii biyyattii akkaan eegamu kan naannoo embaasii Ameerikaafi waajiraalee UN'tti argamurraa baqachuu danda'a jechuun dheekkamsaan gaafachaa turan.

    Kaaliid Huseen rogeessa dhiyeenyaan dhimma kana hordofaa kan ture yoo tahu ''poolisiin ajjeechaa kanatti hin dhimmamne,'' jedhe.

    Reeffi gariin ammallee boolluma gatamee argametti ''samaa jira,'' jedhe.

  10. Ashamaa! Tamsaasni kallattii Kamisaa eegale.

    Tamsaasa kallattii Kamisa har'aan akkuma barame odeessaalee biyya keessaa fi alaa jala, jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

  11. Juuliyas Maalemaan bakka namoonni walitti qabamanitti dhukaasuun yakkamaa ta'e

    Namni siyaasaa mormituu Afrikaa Kibbaa, Juuliyas Maalemaa seeraan ala qawwee qabaachuufi uummata walitti qabana duratti dhukaasuun balleessaa jedhame. Badiin kuni hidhaa hamma waggaa 15 adabsiisuu danda'a.

    Viidiyoon bara 2018 irraa bahe akka agarsiisutti hogganaan paartii Economic Freedom Fighters (EFF) yeroo hundeeffama waggaa 50ffaa paartichaa irratti rasaasa kana ala baayyee qilleensatti yoo dhukaasu mul'ateera.

    Maalemaan kan himatame eegduusaa duraanii Adriyaan Saanymaan jedhamu waliin yoo tahu inni garuu bilisa jedhameera.

    Juuliyas Maalemaan ji'a lama dura ammoo haasaa jibbinsaan badiin irratti muramee ture. Lammiilee adii biyyattii irratti aariidhaan kan dubbatu yoo tahu, appaartaayidiin goolabamuu waggaa 31 booda ammallee muddamni sanyii gidduusaanii jira.

    Rasaasa kana al 14 ykn 15 iddoo deeggartoonni EFF 20,000 tahan walitti qabamanitti dhukaasuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

    Juuliyas ammoo qawween kan isaa akka hin taane himee kan dhukaases ummata daddamqsuuf akka tahe himeera.

    Daanyaan Tiwaaneet Oliivar ''himannaa sirratti banameen balleessaa dha,'' jechuuf guyyaa sadii kan itti fudhate yoo tahu, dhimmichi murtoo adabbii jalqabaa argachuuf Amajji bara 2026f qabameera.

  12. Itoophiyaan liqaa deebisuu irra deebiin mijeessuurratti investeroota waliin marii jalqabde

    Itoophiyaan akkaataa liqaa boondii idil-addunyaa doolaara biiliyoona tokko ta'u irra deebiin mijeessuun danda'amurratti garee invastaroota waliin marii idilee jalqabuu madda adeemsa kana keessa beeku eeruun Rooyitars gabaaseera.

    Rooyitars gabaasa kanaan dura Biluumbarg baasee ture mirkaneessuun, abbootii qabeenyaa idili-addunyaa waliin akkaataa liqaa deebisuun irra deebiin sirreeffamuu danda'urratti Faransaay, Paarisitti mariin jalqabamuu gabaaseera.

    Aanga'aan ministeera maallaqaa tokko odeeffannoo ballinaan osoo hin ibsiin, jilli mootummaa gara Paarisitti qajeeluu mirkaneessaniiru.

    "Korawwan liqeessitoota boondii tokko tokkoo waliin beellamni qabamee ture," jechuun Rooyitarsitti kan dubbatan maddi kun, bu'aan kora kanaa dhumarratti kan ibsamu akka ta'e eeruun waliigalteerra garuu akka hin ga'amiin ibsaniiru.

    Bulchaan Baankii Biyyaalessaa haaraa Iyyoob Takkaalling (PhD) yaada akka kennaniif gaafatamanii, battalatti deebii hin kennine.

  13. Pireezidantii duraanii Koongootti duuti murtaa'e

    Pireezidantiin duraanii Rippaabliika Demookiraatik Koongoo Jooseef Kaabilaa iddoo isaan hin jirretti yakka waraanaa fi biyya ganuun duuti itti murtaa'e.

    Kaabilaa irratti himannaawwan dhiyaatan keessaa naannoo baha biyyattii keessatti finciltoota M23 deeggaraniiru kan jedhu fa'itu keessati argama.

    Gaafa Jimaataa manni murtii waraanaa biyyattii biyya ganuu, yakka namoomaa akkasumas ajjeechaa, haleellaa saal-quunnamtii, namoota hiraarsuufi hokkora uumuu dabalatee gochaa yakkaan balleessaa dha isaaniin jedheera.

    Kaabilaan yakka kana akka hin raawwanne himanillee dhaddachatti dhiyaatanii himannaa ofirraa hin ittifne.

    Pireezidantiin duraanii kuni himannaa kana ''akka feeteen'' kan raawwate yoo jedhan dhaddachi ammoo meeshaa cunqursaa taheeraa jechuun mormanii ture.

    Jooseef Kaabilaan yeroo ammaa eessa akka jiran hin beekamu.

    Namni ganna 54 Kaabilaan bara 2001 abbaasaanii rasaasaan ajjeefaman hordofee biyyattii waggaa 18f hoggananiiru.

  14. 'Karoorri nagaa Tiraamp dhiyeesse fedhii uummata Filisxeem kan kabachiisu miti'- Hamaas

    Waraanni Gaazaa dhaabatee nagaan akka bu'uuf karoorri nagaa Tiraamp dhiyeesse fedhii Israa'el malee "fedhii uummata Filisxeem kan hin kabajneedha" jechuun qondaalli Hamaas tokko BBCtti himan.

    Hamaas hidhannoo hiikkachuufis fedhii akka hin qabne himan qondaalli garichaa kun. Karoora nagaa Tiraamp dhiyeesse keessaa tokko hidhannoo hiikkachuu kan jedhuudha.

    Garee Gaazaa akka tasgabbeessuuf ni hundaa'a jedhame nternational Stabilisation Force (ISF) Hamaas akka hin fudhanne qondaalli garichaa ibsan.

    Sababni ammoo bifa haaradhaan Gaazaa gita bittaa jala galchuudha kan jedhuudha.

    Karoora nagaa Tiraamp ifa godhe kana Netaaniyaahuun fudhateera. Hamaas garuu hanga ammaa ifatti fudhachuufi diduusaa deebii hin kennine.

  15. Kirkirri lafaa cimaan Filippiinsitti mudatee namoonni hedduu du'an

    Filippiinsitti kirkira lafaa reektar iskeeliii 6.9 mudateen yoo xiqqaate namoonni 69 du'an.

    Keessumaa bulchiinsa Cebu jedhamu keessatti miidhan qaqqabe guddaa ta'uurraa kan ka'e labsiin muddamaa labsameera.

    Tajaajilli ibsaafi bishaanii adda cituun nmoonni daandirra fa'aa jiraachuuf dirqamaa jiru.

    Biyyattiin torbee tokko dura dambalii galaanatiin rukutamtee namoonni heddu du'anii ture. Balaa sanarraa osoo hin dandamatin kirkirri lafaa namoota heddu galaafate ishee mudate.

    Qondaalonni biyyattii, hojjattoonni yeoro balaa hatattamaafi kanneen ogummaa waldhaansa fayyaa qaban bakkichatti bobba'aniif waamicha godhaniiru.

  16. Galaana Diimaarratti waraanni ka'uun 'waan hin oolledhaa?'

    Fedhiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa Gaanfa Afrikaatti muddama uumuu erga eegalee bubbuleera.

    Itoophiyaafi Somaalilaand waggaa lama dura waliigalteen fayyadama ulaa galaanaarratti walii malltteessan biyya olaa Somaaliyaa wajjin muddamni uume waliigaltee Ankaaraatiin goolabamuu booda xiyyeeffannoon Itoophiyaa gara Galaana Diimaatti naanna'eera.

    Itoophiyaan dogoggora siyaasaan buufata galaanaa Asab, kan Galaana Diimaarra jiru dhabde jechun buufata qaama Itoophiyaa ture jettu deebifachuunshee hin oolu jetti.

    Ministirri Muummee Abiy wayita kitaabsaaanii, Mootummaa Ida'amuu, eebbisan haasaa godhan keessatti Galaanni Diimaa 'keenya, ulaatti bahuun keenya hin oolu' jedhan.

    ''[Itoophiyaan] Nageenya ni dursiifti. Hiyyummaa waldhaansoo ni qabdi. Karaa ittiin baatee galtus ni tolfatti.

  17. Ce'umsi Liiverpuul waggaa tokko booda reefu eegalamoo, Wiiritz madaala dhabsiise?

    Liiverpuul bara 2024-25 leenjisaa haaraa Arni Isloot bara qacaretti nama tokko qofa gara gareetti dabalee shaampiyoonaa Ingilaand ta'e.

    Bara kanas tapha jalqaba shanan injifatee akka gaariitti eegale jadhamus, wanti hanqate akka jiru mul'achaa ture.

    Tibba jijjiirraa gannaa baasii paawundii miliyoona 450 ta'uun taphattoota qaqqaalii ofitti dabalus akka sodaatame hin cimne.

    Sararri ittisaa Liiverpuul akka durii cimaa miti, sararri gidduus madaala hin qabu. Gatii riikardii Ingiliziin jifataa Niiwaaksiil Isaak fudhatus, jifataa Firaankifart Ekitiikee dabalatus, Liiverpuul goolii hedduu lakkoofsisuuf rakkachaa jira.

    Liiverpuul gargaagartummaa guyyaa afuriin walitti aansee tapha lama injifatameera. Kirsitaal Paalaasiifi Galatasaasaraayiin.

    Ce'umsi garee Liiverpuul reefu jalqabaa jiraa? gaaffii jedhus kaasaa jira.

    Ammoo ogeeyyii kubbaa miilaa irra deddeebiin sababni kaasaa jiran Isaak dhufuu dura gatii riikardii Ingiliziin gara Anfiild kan dhufe taphataa cimaa Bondesliigaa Jarman kan ture Filooriyaan Wiirtz ta'uu kaasu. Wiirtz haala taphaa Piriimiyeer Liigiitti hin madaqne. Sarara gidduu Liiverpuulis madaala dhoreekar jedhu.

    Hanga ammaa taphoota Liiverpuul mara irrattii hiriiree kan taphate Wiirtiz, hirmaannaa goolii hin qabu. Mohaammad Saalasa bara kana akka gaarii hin jiru.

  18. Aanaa Minjaar Shankooraatti mukti ijaarsa bataskaanaaf oolu jijjigee yoo xinnaate namoonn 30 du'an

    Naannoo Amaaraa Kaaba Shawaa Anaa Minjaar Shankooraa keessatti mukti ijaarsa bataskaanaaf Arartii Maararmii jijjiguudhaan yoo xinnaatee namoonni 30 du'an.

    Har'a kabaja guyyaa Maaramii irratti hirmaachuuf ummanni bakkasiitti bakka argamee osoo batasakaan ijaaramaa jiruu doowwataa jiranuu kan mukni akka riqaatti ijaarsa bataskaanichaatiif kaa'ame kufuun badii lubbuu namootaafi kaan kan madeesse.

    Balaan kunis Roobii har'aa Onkololeessa 1, 2025 ganama naannoo sa'aatii 1:45 irratti akka ta'efi balaa qaqabe kanaanis hanga ammaatti namoonni 30 du'uun yoo mirkannaa'u, kanneen 200 ol ta'an irra ammoo miidhaan qaqabuu qondaalli poolisii aanichaa BBCf mirkanneesseera.

    Itti gaafatamaan waajjira poolisii aanichaa Inspeektar Ahimad Gabayehu BBCtti akka himaniitti, ''sadarkaan darnii kan waggaa 14 lakkoofsiiseedha. Namoonni osoo dowwataa jiranu sababii humnaan ol itti ulfaateef cabuun balaan qaqabeera'' jechuun haala balaa kanaa ibsan.

    Balaa jiguu muka ijaarsaa kun hordoftoota amantichaa irra kan gahe wayita batasakaan ijaaramaa jiru amantoonni doowwataa turan akka ture aanga'oonni naannichaa kana ibsan yoo ta'u, kanneen miidhaan irra gahes gara dhaabbilee wallaansa fayyaa garaagaraatti geeffamusaanii ibsaniiru.

  19. Waajjiraaleen mootummaa cufamnaan Tiraamp hojjettoota hedduun ari'a jechuun doorsisan

    Doonaald Tiraamp waajiraaleen mootummaa cufamuu dursuun hojjettoota hedduu hojiirraan ari'a jedhan.

    Dubbiin Tiraamp kun ''waan duubatti deebi'u miti'' jedhame. Erik Haam, xiinxalaa siyaasaa kan tahee fi hojjetaa duraanii kongireensii kan ture, jalqaba warra Dimokiraatotaa amansisuuf akka ''meeshaatti'' kan fayyadame natti fakkaate jedhe.

    Amma garuu waajjiraaleen mootumma acufamaniiru. Kanaaf hojjettoonni ari'amuun isanii waan hafu miti jedhe.

    Pirezidaantiin Ameerikaa hogganaa qaama hojii raawwachiiftuu mootummaa waan taheef kenninsa sagalee seeneetii waajjiraaleen akak cufaman taasise kana keessatti hirmaachuu hin danda'u.

    Erik Haam akak jedhutti Tiraamp waan kana akka carraa gaariitti fayyadamuun hojjettoota mootummaa hedduu ari'uu danda'a.

    Kana duras akka aangoo qabateen hojjettoota mootummaa federaalaa hedduu hojii isaanii irraa ari'eera.

    Amma ergaan keessaan ergamaa jiru ejensiiwwan akka of qopheessanii fi hojjettoonni hedduu gaggeeffamuu danda'an eera.

  20. Waajiraaleen mootummaa US sababa maallaqan cufaman

    Seeneetiin Ameerikaa mallaqa waajiraalee biyyattiif gadhiifamurratti waliigalteerra gahuu hanqannaan waajiraleen mootummaa gariin cufaman.

    Waajiraalee mootummaa US gariin yeroodhaaf yeroo cufaman erga bara 2018 inni kun kan jalqabaati.

    Tiraamp waajiraaleen kan cufaman yoo ta'e namootni hedduun dhaabbiidhaan hojiirraa ari'aman akka jiran akeekkachiisan.

    Waajiraaleen wayita cufamanii jiran kanatti hojjettootni hojii bu'uuraa hojjetan gariin miindaa malee hojii itti fufu jedhameera.

    Rippaablikaanotniifi Dimookraatotni wixinee fandii wajiraalee mootummaa Seeneetii biyyattii keessatti sagalee deeggarsaa 100 keessaa 60 argachuu male kufuu isaatti walkomataniiru.

    Ameerikaan waggoota 40 ol darban keessatti yeroo 11ffaaf waajiraaleen mootummaa itti cufamaa jira. Biyyoota addunyaa biroo keessatti garuu waajiraaleen mootummaa heerri jigus, waraanni dhalatus hojii itti fufu.