Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Neetanyahuun namoonni butaman 'guyyoota dhufan keessa' gadhiifamu jedheen abdadha jedhan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga Hamaas namoota uggure gadhiisuuf waliigalee booda Israa'el Gaazaa barbaadeessuurraa akka of qusattu akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naannoo Tigraayitti namoonni 11 Koleeraan lubbuu dhaban

    Naannoo Tigraayi weerararri koleeraa iddoo garagaraatti mul'achuufi namoonni 11 lubbuun isaanii darbuu himame.

    Waajira Fayyaa Tigraayitti qindeessaan fayyaa hawaasaafi kutaa hatattamaa Obbo Mabirahaatom Haftuu BBC'f akka ibsanitti Adoolessa 19/2017 A.L.I jalqabee naannichatti weerarri koleeraa mul'ateera.

    Weerarri kuni daangaa naannoo Amaaraafi Tigraayi Salawaafi Saamraa jedhamanitti akka jalqabes himameera.

    ''Jalqaba Waaghimraatti dhukkubichi akka jiru dhageenyee ture. Isa booda garuu koleeraadhaan namoonni shakkaman yeroo arginu samuuda fudhannee qorachaa turre,'' jechuun ibsaniiru qondaalichi.

    ''Hamma yoonaa namoonni 425 kan qabaman yoo tahu, 11 ammoo lubbuun isaanii darbeera,'' jechuun himaniiru.

    Obbo Mabirahaatom namoonni hojii qonnaaf gara Waaghimraa deemanii turan dura dhukkubichaan qabamuun dhagahamuu himan.

    Babal'achuu dhukkuba kanaaf sababa kan tahe iddoo dhaa iddootti socho'uu namootaati jedhan Obbo Mabirahaatom.

    Waajirri Fayyaa Tigraayi weerara kana ittisuuf Institiyuutii Fayyaa Itoophiyaa waliin tahuun garee deebii kennuu gara iddichaatti erguu himaniiru.

  2. Tiraamp karoora nagaa dhiyaateef guyyaa dhumaa Hamaas itti deebii kennuu qabu kaa'e

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora nagaa qabxii 20 qabu Gaazaatti waraana dhaabuuf dhiyaateef deebii akka kennuuf Hamaas guyyaa ''guyyoota sadii hanga afurii'' kenneef.

    Hamaas waliigaltee kana yoo fudhachuu dide ''xumurri isaa baayyee gaddisiisaa ta'a'' jechuun Tiraamp Waayit Haawusiin alatti gaazexeessitootatti hime.

    Karoorri kun lola dhaabuu, booji'amtoota Israa'el deebisuufi "Boordii Nagaa" idil-addunyaa Gaazaa bulchuuf gargaaru uumuu kan of keessatti hammate yoo ta'u, kunis MM duraanii UK Toonii Bileer kan hammatu ta'a.

    Ministeerri dhimma alaa Qaataar akka jedhetti, Hamaas yaada Waayit Haawus Gaazaa keessatti nagaa buusuuf dhiheesse ''ittigaafatamummaadhaan'' qorachaa jira.

    Karoorri kun yoo haalli barbaachisu guutame "karaa amanamummaa qabuun hiree murteeffannaafi biyyummaa Filisxeem" murteessuun itti danda’amu kaasa. Haata’u malee, Ministirri Muummee Israa'el Netaaniyaahuun garuu Israa'el yaada kana "humnaan akka mormitu" cimsee dubbata.

    Netaaniyaahuu waliin karoora nagaa kana kan labse Tiraamp, Hamaas yoo hin fudhanne, Israa'eliif "waan gochuu qabdu akka raawwattuuf deeggarsa guutuu ni kennina" jedhe.

  3. Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

    Karoora Gaazaatti waraana dhaabuun nagaa buusuu Tiraamp ifa godhe gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaafi Baha Giddu Galeessaa simatan.

    Karoorri Tiraampii fi Netaaniyaahuu waliin irratti walii galan kun Gaazatti waraanni hatattamaan akka dhaabatu, Hamaas namoota butee harkaa qabu kanneen lubbuun jiran 20 fi kanneen du'an hundumaa sa'aatii 72 keeessatti akka gadi lakkisu, akkasumas Israa'eel Filisxeemota Gaazaa keessaa hiite heddu akka gadi lakkistu tarreessa.

    Karoorri Gaazatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeessefi qabxii 20 qabu kun Hamaasif kennamuu maddeen BBCtti himaniiru.

    Akkaataa karoora kanaatti Hamaas bulchiinsa Gaazaa keessaa gahee homaatuu hin qabaatu. Waa'ee walabummaa Filisxeem karoorri Tiraamp kun banaa godhee dhiise.

    Tiraamp Netaaniyaahuu waliin erga mariyatanii booda karooricha yeroo ifa godhu "nagaa buusuuf karoora seena qabeessadha" jechuun ibse.

  4. Ameerikaan lammiilee Iraan 120 biyyaa baaste

    Iraan lammiileenshee 120 Ameerikaa irraa akka bahan taasifamuu himteetti, kunis qaama tarkaanfii Donaald Tiraamp godaantota irratti fudhachaa jiraniiti.

    ''Lammiileen kunneen guyyaa tokkoofi lama keessatti gara Iraan akka deebi'an,'' qondaalii ministira hajaa alaa biyyattii Hoseen Noosaabaadii himaniiru.

    Namoonni kara Kataar gara Iraan deebifamaa jiran kunneen seeraan ala kara Meeksikoo Ameerikaa kan galanii dha.

    Yeroo dhihoon asitti arii'atama biyya keessaa sodaachuun lammiileen gara Ameerikaa baqatan baay'ataniiru.

  5. Fooliin kophee akkamitti qorannoo Badhaasa Noobeelii mo'ate kakaase?

    Mana ykn maatii kamiyyu keessatti yoo xiqqaate kophee miila lamaa kan ajaa isaa (foolii badaa isaa) hambisuun hin danda'amne ni jiraata.

    Baayyina kophee jijjiirraa namni tokko qabaachuu danda'uu fi maatii miseensa baayyee qabutti yoo baayyistan ajaan isaa mana keessatti hangam akka dabalu yaadaa.

    Darbees ammoo kupheen kunneen mana keessatti bakka qophaa'eef walitti kuufamanii yeroo taa'an hangam akka fooliin isaa mana ukkaamsu tilmaamuun nama hin dhibu. Kun kan mana nama hundumaa keessa jirudha jechuun ni danda'ama.

    Qorattoonni Indiyaa lama dhimmi kun dhimma ajaa kophee osoo hin taane dhimma saayinsii ta'uu isaa murtoorra gahan.

    Jarri kun ajaan foolii kophee akkamitti akka bakkaafi akkaataa kophee mana keessa itti kaawannu qorachuu jalqaban. Kana gochun qorannoo qoosaa fakkaatuufi nama kofalchiisu garuu bu'aa gaarii qabu kanatti seenan. Jalqaba bakka kophee kaawwatanirraa ka'an.

  6. Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte

    Ministarri Mummee Kataar waraana Gaazaa dhaabuuf qophii tahuu himan. Kunis Israa'el baatii tokko dura Hamaas irratti qiyyaafachuun magaalaa guddoo Kataar Dohaa haleeluu isheef gabbuu himuun booda dhagahame.

    Haasaa bibilaa Pireezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp, Beenjaamiin Netaaniyaahuufi Sheek Mohaammad bin Abduul Raahmaan Al Tahaanii gidduutti taasifameen, Netaaniyaahuun ajjeechaa humna nageenyaa Kataar irratti gaafa Fulbaana 9 raawwateefi Waayita Haawus walabummaa biyyattii sarbuu akka tahe ibsee irratti akka gaabban himan.

    Israa'el kanaan booda gochaa akkasii akka irra hin deebine akka mirkaneessan himan.

    Hamaas hogganootisaa lubbuun hafuu himee, miseensonni sadarkaa gadaanaarra jiran garuu ajjeefamuu ibse.

    Haasaan hogganoota Kataariifi Israa'el Wiixata darbe kan taasifame yoo tahu, kunis Tiraamp waraana Gaazaa dhaabuuf karoora abbaa qabxii 20 beeksisuun dura dha.

    Tiraamp waliigalteen kuni gara xumuraatti dhiyaateera Hamaas waliigalticha fudhachuu qaba jedhan.

    Netaaniyaahun karoora bahe yoo deeggaru, Kataar dabalatee biyyooti Musliimaafi Arabaa saddeetis fudhatanii karoorichi hogganoota Hamaasitrti dabarfameera.

  7. Hidhattoonni 'WBO' Horroo Guduruu Wallaggaa akkamiin harka kennachuun galan?

    Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti tibbana hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo hedduu meeshaa isaanii hiikkachuun mootummaatti harka kennachuu bulchaan Godinichaa BBCtti himan.

    Godinichatti ji'a tokkoo as hidhattoonni 160 ol meeshaa isaanii hiikkatanii mootummaatti harka kennataniiru jedhan bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee.

    Dhiyeenya godinicha keessa socho'aa kan turee fi garee tokko hogganaa akka ture kan himamu Faqqadaa Abdiisaa meeshaa isaa hiikkachuun galuu ibsamee ture.

    Bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee ''ji'a tokkoon dura kan gale garee Faqqadaati. Amma kan gale garee Yaaddessaati. Yaadessaan hogganaadha. Miseensota isaa fudhatee gale,'' jedhan.

    Obbo Mirreessaan waggoota lamaa fi sadan darban waamicha mootummaa dhagahauun hidhattoonni hedduun gara qabsoo nagaatti deebi'anii jiru jedhan.

  8. Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu

    Minisrirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu erga Tiraamp karoora Gaazaa ibsanii booda waa'ee waraana isaanii Gaazaa keessaa baasuurratti gaaffiin itti heddummaanaan ''kun waan ta'aa jiru miti,'' jechuun deebisan.

    ''Haal duree Hamaas hunda fudhaa jechaa jiru, ammas akkasuma jechaa jiru. Hunda isaanii baasaa. IDF bahuu qaba, isa booda Hamaas dandamatee , Gaazaa deebisee ijaara. Kun abadan waan ta'u miti,'' jedhan.

    Yoo Hamaas karoora qabxii 20 qabu kan Tiraamp Gaazaa irratti baasan fudhachuu dide guutummaatti deeggarsa US akka qaban ibsan.

    Tiraamp karoora isaanii ilaalchisee Hamaas hin fudhatu taanaan waan Israa'el raawwattu hunda akka tumsan waadaa seenaniiru.

  9. Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte

    Israa'el karoora nagaa buusuu Gaazaa keessaa Tiraamp dhiyeesse fudhachuu ibsite. Hamaas irraa garuu shakkii qabda.

    Abbaan alangaa waliigalaa Israa'el, Erez Gooldman, Jeerusaalem keessaa ''Israa'eliif guyyaa guddaadha'' jedhan.

    Waliigalticha yeroon dubbisu, ''Baay'ee baay'ee gammadeera'' jedhe.

    Qabxii irratti walii hin galle yeroo jalqabaaf as keessatti hin argine jedhe.

    ''Gaaffiin jiru Hamaas fudhachuun mirkaneessuu isaa fi rakkoo wal xaxaa waggaa lamaaf keessa jirru kana xumuruu isaa baruudha,'' jedhan.

    Qondaalonni Filisxeem waliigalticha fudhatanii ''kutannoo'' agarsiifames dinqisiifataniiru.

    Qondaalonni Filisxeem mootummaa Ameerikaa fi biyyoota kaan waliin dhimma kana irratti hojjechuuf qophii tahuu himaniiru.

    Deeggarsa namoomaa gahaa Gaazaaf, namoonni ukkaamfaman gadhiifamuu fi hidhamtoonni Filisxeem gadhiifamuu qabxiilee hojiirra oolfamuu qaban akka tahan kaasaniiru.

    Neetaaniyuu fi Tiraamp waraana Gaazaa keessaa dhaabuuf qabxiilee 21 qopheessaniiru. Hamaas tarkaanfii gaariidha jedheera. Garuu gamagamaa akka jiru ibseera.

  10. Mormiin qeerroo mootummaa Madagaaskaar diigsise

    Pirezidantiin Madagaaskaar Andirii Raajoliinaa mormii qeerroo yeroo dheeraaf ture booda mootummaasaanii akka diigan ibsaniiru.

    Biyyattii keessatti mormiin dargaggootaa hanqina bishaanii fi humna ibsaa irratti gaggeessan Kamisa darberraa eegalee itti fufeera.

    Pirezidantichi ibsa karaa TV biyyattii kennaniin ''aanga'oonni mootummaa dirqama itti kenname hin ba'anne taanaan dhiifama gaafanna,'' jedhan.

    Qondaalli mirga namoomaa UN qaamoleen nageenyaa biyyattii humnaan mormitoota hiriira ba'an cabsuu mormeera.

    Erga mormiin kun eegalee namoonni 22 ajjeefamuu fi 100 kan ta'an madaa'uu ibse jaarmiyaan kun.

    Ministeerri dhimma alaa Madagaaskaar lakkoofsa UN kana waakkateera. Ragaan dhihaate hamii fi odeeffannoo dogoggoraa irraa kan maddedha jedhe.

    Mormiin jalqaba magaalaa guddoo biyyattii Antananaariivoo keessatti eegale boodarra magaalota biyyattii saddeet keessatti gaggeeffameera.

    Sababa kanatti daangaan sochii magaalattii keessatti labsameera. Mormiin kun saamicha, jeequmsa fi haleellaawwan suukanneessoof sababa ta'eera.

    Poolisoonni biyyattii rasaasa pilaastikaa fi aara nama imimmaanessuun hirirrtota bittimsaa turan.

    Torbee darbe pirezidantiin Madagaaskaar dirqama ba'achuu dadhabe jechuun ministira anniisaa hari'anii turan.

    Hiriirtonni garuu aanga'oonni kaan fi pirezidantichis akka aangoo gadhiisan barbaanna jechuun erga qondaala kanarratti tarkaanfiin fudhatamee boodas Wiixata kaleessaa daandiitti ba'uun mormii dhageessisaniiru.

  11. Hamaas akeekkachiisa Tiraamp hordofee karoora nagaa Gaazaa dhiyaate 'gamaaggamaa' jira

    Hamaas karoora nagaa Gaazaa Doonaald Tiraamp Wixata kaleessaa Waayit Haawusitti labse gamaaggamaa jira.

    Karoorri qabxii 20 qabu kun lola dhaabuu; booji’amtoota Israa’el deebisuu fi "Boordii Nageenyaa" idil-addunyaa kan Ministira Muummee duraanii Tooni Bileer hammata jedhame Gaazaa akka bulchu gochuudha.

    Tiraamp karoora nagaa buusuu haaraa kana MM Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu waliin kan labsan yoo ta’u, Hamaas yoo hin fudhadhu jedhee dide Ameerikaan ''waan gochuu qabdu akka raawwatuuf Israa’eliif deeggarsa guutuu kenniti'' jedhe.

    Hamaas karoora kana ''ilaalcha gaariin'' fudhatee gamaaggamaa akka jiru himama.

    Hoggantoonni Awurooppaa fi Baha Giddu-galeessaa karoora nagaa kana simataniiru. Garuu akka rippoortarri keenya Toom Batemaan jedhetti karoorri dhiyaate kun ammatti yaada bal'aa waraana kana xumuruuf dhihaate miti.

    Gama biraatiin Israa’el haleellaa Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu akkuma itti fuftetti jirti. Humni qilleensaashee Wixata kaleessaa guutummaa Gaazaa Istriip keessatti bakkeewwan 160 rukutuullee ibsiteetit.

  12. Israa'el sirna ittisa misaa'elaa carraallaan hojjatu hojiirra oolchiite

    Israa'el sirna ittisaa carallaa haleellaa qilleensarraa qolatu hojiirra oolchuu beekisfte. Sirni ittisaa kun baasii xiqqaan haleellaa qilleensarraa kanneen akka misaa'elaafi diroonii fa'aa qilleensarratti carrallaan gubuun kan qolatuudha jedhame.

    Sirni ittisaa kun "Iron Beam" kan jedhamu yoo ta'u, dhaabbata Rafael jedhamuun kan ijaarame ta'uu Ministeera Ittisaa Israa'eel waabeffachuun Rooyitars gabaase.

    Sirni ittisaa carallaa qofaan hojjatu kun bifa milkaa'aa ta'een yaalii kan xumurame yoo ta'e, dhuma bara kanaa eegalee Humni Ittisaa Israa'el itti fayyadamuu eegala jedhameera.

    Israa'el sirna ittisaa kanneen akka Iron Dom, David Slingfi Arrow jedhaman fa'aa kan qabdu yoo ta'u, kunneen haleellaa qilleensarraa qolachuuf misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa kan fayyadamaniidha.

    Sirni ittisaa haaran omishte kun misaa'elaa osoo hin taane carallaa ifaa qofa gadi lakkisuun misaa'ela ykn diroonii dhufu qilleensarratti kan gubuudha.

  13. Tiraamp Yuukireeniif misaa'eloota fageenya dheeraa kennuufi

    Ameerikaan gaaffii Yuukireen hordoftee misaa'eloota fageenya dheeraa Tomaahaawik jedhaman Yuukireeniif kennuufi.

    Itti aanaan pirezidaantii US, JD Vaansi, pirezidaanti Tiraamp ''murtoo dhumaa kenna'' jedhe.

    Yuukireen michoonni ishee misaa'ela fageenya dheeraa akka kennanniif yeroo dheeraaf gaafataa turte.

    Misaa'eloota kanneenniin adda waraanaa irraa fageenssitee magaalota raashiyaa kaan keessatti haleellaa raawwachuu barbaaddi.

    Kun indaastirii waraanaa Raashiyaa dadhabsiisuun akak waraanichi xumura argatu gargaara jettee amanti.

    "Yoo gatiin waraanaa Raashiyaan baastu hammaataa deeme Raashiyaan marii nagaa jalqabuuf dirqamti'' jedhan Itti Aanaan Ajajaa Waraana Yuukireen Ivaan Haaviriluuk.

    Dubbii himaan Kireemiliin Dimitirii Peeskoov, dubbii Vaansi kana hin fudhanne. ''Haalli kamiyyuu waan adda waraanaatti tahaa jiruuf bulchiinsa Yuukireen kanaaf jijjiiruu hin danda'u'' jedhan.

    Misaa'ela Tomaahaawik jedhamus tahe misaa'eloota kaan haala amma jijiru jijjiiruu hin danda'an'' jedhan.

    Misaa'elli Tomaahaawik jedhamu, Km 2,500 adeemuun haleeluu danda'a. Kun ammoo akka Yuukireen Moskoo haleeluu dandeessu gargaara.

  14. Ogeeyyiin UN addabbiin du'aa Iraan haala yaaddessaan dabale jedhan

    Ogeeyyiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii addabbiin du'aa Iraan ji'oota jalqabaa sagala bara 2025 keessatti raawwatte 1,000 ol ta'uu ibsuun sadarkaa yaaddessaarra gaheera jechuun akeekkachiisan.

    ''Hammi adabbii du'aa guddaadha, sarbama mirga lubbuun jiraachuu guddaa agarsiisa'' jedhan qorattootni mirgaa UN shan ibsa waliin baasaniin.

    Namootni adabbiin du'aa itti murame keessaa walakkaan himannaa qoricha sammuu hadoochu waliin walqabata. Torbanootaaf guyyattii namootni sagal sagala fannifamanii ajjeefamaniiru.

    Iraan dhimma kanaaf deebii hin kennine. Mootummaan biyyattii amma dura ibsa kenneen adabbii du'aa kan hojiirra oolchaa jiru ''yakkoota baayyee hamoo ta'an qofaaf'' hime.

    Wiixata darbe Iraan nama Israa'eliif basaasuun shakkamu irratti addabbii du'aa raawwatteetti. Namni kun bara kana namoota Israa'eliif basaasuun shakkamanii haadaan ajjeefaman keessaa 11ffaadha.

    Torbee darbe Amaniistii Internaashinaaliifi dhaabbatni mirgaaf falmu biraan Iraan Humaan Raayitiits jedhamu ibsa baasaniin bara kana hang ammaatti qofa namootni ajjeefaman 1,000 ol ta'uu galmeessuu ibsaniiru.

    Bara darbe guutuu kan adabbii du'aan ajjeefaman namoota 975 turan.

  15. MM duraanii UK Toonii Bileer karoora nagaa 'ija jabinaan ta'e' kana simatan

    Ministirri Muummee Biriteen duraanii, Toonii Bileer karoora nagaa bulchiinsi Tiraamp kaa'e ilaalchisee waan dubbatan BBC amma argateera.

    Karoorri kun kan ''ija jabinaan ta'eefi ogummaa qabudha'' jechuun ibsan Bileer.

    Itti dabaluunis, karoorichi "waraana kana xumuruudhaan, Gaazaaf boqonnaa hatattamaa fiduun, ummatasaatiif ammoo kan carraa egeree ifaa fi fooyya'aa fiduu, akkasumas kan nageenya guutuu fi waaraa Israa'elii fi namoota butaman hundi akka gadhiifaman mirkaneessuu dandeessisudha" jedhan.

    Bileer karoorri kun waraana gara waggaa lamaatiif gaggeeffamaa ture kana xumuruudhaaf ''carraa hunda caalaa gaarii'' ta'uu dubbatan.

    Waan jedhame yaadachiisuuf: Tiraamp yeroo Netaaniyahuu waliin ibsa gaazexeessitootaaf kennanitti, hojiirra oolmaa karoorichaa to'achuuf "boordii nagaa" akka waamu kan ibsan yoo ta'u, Bileer ammoo miseensa ta'uu danda'u jechuun maqaa dha'anii ture.

  16. Amma nu gahe, Yaadni Waayit Haawus dhiyeesse Hamaas qaqqabeera - madda BBC

    Maddi FIlisxeem kan marii dhukaasa dhaabuu kana beeku tokko BBC'tti akka himetti, yaadni nagaa qabxii 20 qabu Waayit Haawusin dhiyaatee kun qondaaltota Hamaasiif kennameera.

    "Aangawoonni Kaataarii fi Masrii karoora Waayit Haawus waraana Gaazaa xumuruuf basee kana qondaaltota Hamaas Dohaatti argamanitti dabarsaniiru" jedha maddi Filisxeem kun.

  17. Netaaniyaahuun Tiraampiin 'karoora keerratti' walii galla jedhan

    Tiraampiifi Netaaniyaahuun karoora Gaazaatti nagaa buusuu haaraa US dhiyeessiterratti waliigaluun Hamaas akka fudhatu akeekkachiisan

    Netaaniyaahuun walgahiin har'aa kun lola Gaazaa xumuruu qofa osoo hin taane guutuu Baha Giddu Galeessaatti nagaa buusuuf marii mijeessuuf tarkaanfii murteessaa ta'uu dubbatan.

    Akkasumas, Netaaniyaahuun, karoora nagaa qabxii 20 qabu Tiraamp eeruudhaan ''Karoora waraana Gaazaa xumuruuf qabdan nan deeggara'' jedhan.

    Ministirri Muummee Israa'el kun karoorri kun Israa'el irra deebiin yaaddoo Hamaasiif akka hin saaxilamne ni mirkaneessa jedhan.

    Itti fufuunis loltoota Israa'el kanneen, "akka leencaatti gara jabummaa" irratti qabsaa'an'' jedhan galateeffatan.

  18. Netaaniyaahuun 'karaa salphaan, ta'uu baannaan karaa hammaatuun raawwatamuu akka danda'u akeekkachiisan

    Neetenyaahuun namoonni booji'aman hundi, kanneen lubbuun jiranii fi kanneen du'an, hundisa'aatii 72 keessatti deebi'uu qabu jedhan.

    Itti dabaluunis, qaamoleen hundi kana karaa nagaatiin akka raawwataniif carraan kennamaa jira jedhan.

    Haata'u malee, Hamaas karoora kana yoo dide, ykn fudhanneera erga jedhaniin booda yoo raawwachuu didan "hojiicha ni xumurra" jechuun akeekkachiisaniiru.

    "Kunis karaa salphaa ta'een ta'een ta'uu baannaan karaa hgammataa ta'een hojjetamuu danda'a, garuu ni raawwatama" jedhan Netaaniyaahuun.

  19. Wayita dureewwan dhimma karoora nagaarratti mari'ataa jiraniitti waan Gaazaatti adeemaa jiru

    Waraanni Israa'el fi Gaazaa erga eegalee waggaa lammaffaa isaatti dhiyaateera. Wayita Tiraampii fi Netaaniyaahuun karoora waraana kana dhaabuu maluirratti mari'achuuf jiraniitti waan Gaazaa keessatti ta'aa jiru mee haa ilaallu.

    Dilbata ganama barii, haleellaan giddugala Gaazaatti mana jireenyaarratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamaniiru, isaan keessaa walakkaan isaanii dubartootaa fi daa'imman ta'uu, qondaaltonni hospitaala Arabaa al-Ahli magaalaa Gaazaa ibsaniiru.

    Hojjettoonni fayyaa akka jedhanitti, Israa'el haleellaa kaampii baqattootaa Nuseiraat irratti raawwateen namoota ajjeefaman keessaa sagal miseensota maatii tokkoo akka ta'an kan himan yoo, akkasumas yoo xiqqaate namoonni jaha ammoo giddu galaa fi kibba Gaazaatti gargaarsa barbaadaa osoo jiranii ajjeefamuun isaanii gabaafameera.

    Ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu odeeffannoo haaraa baase keessatti akka jedhetti, Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee lakkoofsi namoota du'anii yeroo ammaa gara 66,055tti ol darbeera.

    Akka yaadachiisaatti, waraanni Israa'el Gaaraa irratti duula waraanaa kan bane, haleellaa Hamaasiin durfamuun Kibba Israa'el keessatti Onkololeessa 7 bara 2023 banamuun, namoonni gara 1,200 ajjeeffamuun kanneen gara 251 ta'an ammoo butamuun ittiin fudhataman hordofeeti.

    Haleellaan dhiheenyaa kun kan raawwatame ammoo erga Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun Hamaas irratti Israa'el ''hojii raawwachuu qabdi'' jechuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himaniin boodadha.

    Humni qilleensaa Israa'el erga gaafa Jimaataatii as Istiraapicha keessatti eddoowwan qiyyeeffannaa 120 haleelluu ibseera. Alla waraanni kun jedheetti, kunis "gamoowwan gareewwan shororkeessummaa, hojjettoonni shororkeessummaafi bu'uuraalee misoomaa biroo itti fayyadaman" ni dabalata.

    Jiraattonni kuma dhibbaan lakkaa'aman ammoo Magaalaa Gaazaa kan xiyyeeffannoo haleellaa Israa'el tibannaa taa'e keessaa baqataniiru, haata'u malee ammalleen kanneen kuma dhibbaan lakkaa'aman biroo haala namoomaa hamaa ta'een magaalattii keessatti hafaniiru.

    Ji'a Hagayyaa keessa qaamni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramu tokko magaalaa Gaazaa keessatti beelli hamaan mudataa jirachuu mirkaneessee ture.

    Israa'el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwate hordofuun bara 2023 haleellaa erga eegaltee as gaazexeessitoonni biyya alaa of danda'anii Gaazaa keessa akka hin seenne dhorkamaniiru.

    Haleellaan Hamaasiin durfamu Kibba Israa'el irratti raawwatame sun waggaa lamaaffaa isaa kabajamuuf torban tokkoo qofatu hafe. Namoonni Israa'elii fi Gaazaa keessa jiraatan hedduunis dhiheenyatti waraanni kun akka xumuramu abdatu.

  20. Israa'eliifi Hamaas karoora nagaa Tiraampitti gammaduu dhiisuu danda'u- Waayit Hawuus

    Barreessituun pireesii Waayit Haawus, Kaarooliin Liiviit kan haaluma walfakkaatuun karoora nagaa abbaa qabxii 21 pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiin dhiyaate irratti abdii qaban irratti dubbatan amma ammoo waa'ee miira Israa'eliifi Hamaas karoora dhiyaaterratti qabaachu malan dubbatte.

    Har'a waaree dura 'Fox News' waliin kan dubbatan Liivitt, Doonaald Tiraamp har'a wayita MM Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun waliin wal arganiitti karoora nagaa isaaniirratti mari'achuuf karoorfachuu isaanii mirkaneessiteetti.

    Tarii Israa'elii fi Hamaas lamaan isaaniiyyuu waraana kanatti xumura gochuuf ''xiqqoo miira gammachuu hin qabne keessa galuun'' bakka marii keessaa bahuun dirqama itti ta'uu danda'a jetti.

    "Gama lamaaniinuu waliigaltee madaalawaa ta'erra ga'uuf, qaamooleen lachuu xiqqoo harka kennachuu qabu, xiqqoo miira gammachuu keessa galuun marii keessaa bahuu danda'u ta'a, haata'u malee dhumarratti waraana kana akkasitti xumuruuf jirra," jetti.

    Dhuma torban darbeerratti, MM Israa'el Netaaniyaahuun waliigalteen tokkollee akka hin xumuramne kan dubbatan yoo ta'u, Hamaas gamasaatiin karoora Tiraamp kana karaa idilee ta'een akka hin argine ibsee ture.