
Madda suuraa, TPLF
Yeroo wal dhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti baatiiwwaniif turan ammaa cimaa dhufe kanatti magaaloota naannichaa garaa garaatti Kaleessa hiriirri gaggeeffamee ture.
Garaagarummaan gareewwan TPLF lamaan jidduutti umamee bal'ataa dhufuun kan gara deeggarsa adabaabaayii fi mormiitti jijjiramees, guyyootaan dura dureewwan waraanaa garee Dabratsiyooniin deeggaramu cinaa dhaabbachuun ibsa baasuu hordofeeti.
Gareewwan TPLF kallattii lamaan dhaabbatan kanneen deeggaraniifi morman dhuma torbanii irraa kaasee adabaabaayitti bahuudhaan ejjanoosaanii ibsuudhaaf qophaa'aa jiraachu ibsuudhaaf qophaa'aa ta'usaanii wayita ibsaniitti, bulchiinsi naannichaa hiriirri omaatuu gaggeeffamu akka hin danda'amne akeekkachisee ture.
Haata'u malee Amajji 26, 2025 magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee Adigiraati, Adawaa fi Maayicootti hiriirri gaggeeffameera.
Dabalataanis Bulchiinsi yeroo Tigraayii fi gareen TPLF Dabratsiyooniin durfaman toora Facebook isaanii irratti magaalootaa fi aanaalee hedduu keessatti hirirri deeggarsaa gaggeeffamu suuraadhaan deeggaruun ibsan.
Hiriirriwwan kunneen kan gaggeeffaman biiroon Nagaafi Tasgabbii naannichaa akkasumas waajjirri dhimmoota kominikeshinii mootumma hiriirri deeggarsaas ta'e kan mormii akka hin jirreefi gaggeeffamus akka hin qabaanne akeekkachiisuun ibsa erga baasanii booda ture.
Aanga'oota TPLF jidduutti garaagarummaan umamuun ifa kan bahe wallakkeessa bara darbee keessa yoo ta'u, caalaa kan cimaa dhufe ammoo yaa'ii waliigala dhaabbatichaa Adooleessa darbe wayita gaggeeffameetti ture.
Gareewwan dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el fi pirezidantii bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfaman wal himataa turaniiru.
Dhiheenya kanas gareen Dabratsiyooniin durfamu walgahii gaggeesseen aanga'oonni bulchiinsa yeroo kan TPLF bakka bu'uun eddoo qabatan waan ta'aniif eddoo akka gadi dhiisaniif gaafachuunsaanii ni yaadatama.
Kana hordofuunis walaba fakkaachuun kan turan dureewwan humna waraana Naannichaa bulchiinsii yeroo dadhabaan kaafamuun kan biraatiin bakka akka buufamu ibsee ture.
Bulchiinsi yeroo Tigraay ammoo ibsa kanaan ''fonqolcha mootummaati'' sababii ta'efu seeraanis ta'e hamleedhaan fudhatama kan hin qabneedha jechuun ibsuun ni yaadatama.