Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waraana daldalaa Tiraampi baneef Kanaadaa, Meksiikoo fi Chaayinaan deebii jabaa tahe kennaa jiru

Murtoo Tiraampi oomishaalee Kanaadaa, Chaayinaa fi Meksiikoo irratti dabarsan daldala adunyaa jijjiiruu danda'a. Isaanis deebii kennaa jiru.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Ajjeechaan daa'imaa Itoophiyaatti dheekkamsa kaase
  • Hamaas namoota uggure sadii gadhiise
  • Israa'el Filisxeemota 183 gadhiisuu mirkaneessite
  • Miseensonni parlaamaa Gaanaa wal reeban
  • Liibiyaatti kan ugguramte Nahiimaan gadhiifamte
  • Finciltoonni Koongoo lola akka itti fufan dubbatan
  • Balaa xiyyaaraa US booda 'Ameerikaan gadda keessa jirti' - Tiraamp
  • Netaaniyaahuufi Tiraamp Waayit Haawusitti wal arguufi

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Filisxeemoonni 200,000 ol sa’aatii lama keessatti miilaan Kaaba Gaazaatti deebi’an

    Qondaallii nageenyaa Gaazaa AFP tti akka himanitti, namoonni 200,000 ol sa’aatii lama keessattii miilaan Kaaba Gaazaatti deebi’an.

    Konkolaattota gara Kaaba Gaazaatti imalan sakatta’uun ganama sa’aatii saditti eegale.

    Bulchiinsi Gaazaa buqqaatonni Kaaba Gaazaatti akka deebi’an haala mijeessuuf namoota 5500 qacareera jedha AFP’n.

    Bulchiinsi Gaazaa akka jedhutti, jiraarattoonni magaalaa Gaazaa fi kaaba Gaazaa 135,000 mana jalaa diigametti sababa deebi’aniif dawoo qubannaa yeroo barbaadu.

  2. Warra konkolaataa keessa jiraniif buufata sakatta'iinsaa qaxxaamuruudhaaf guyyoota fudhachuu danda'a

    Filisxeemoota gara manasaanii Kaaba Gaazaatti imalaniif yoo konkolaatton deeman adeemsisaa harkifata ta'uu qondaalli nageenyaa Filisxeem hojimaata kana beekan himan.

    Qindoominni buufata sakatta’iinsa poolisii Filisxeem Hamaasiin geggeeffamu kan naannoo sakatta’iinsaa irraa tilmaamaan meetira 300 fagaatee argamu qunnamuu kan dabalatu yoo ta’u, yeroo tokkotti konkolaattonni 20 gara naannoo murtaa’ee fi iskaanara lamaatiin hidhamee jirutti akka ce’aniif hayyamni kennama.

    Innis daqiiqaa 40 keessatti konkolaattonni 20 sakatta'amanii akka darban hayyamama.

    Gareewwan Fannoo Diimaa hojjattoota Ameerikaa fi Masrii waliin ta'an, yeroo loltoonni Israa'el adeemsicha fageenya dhihoo irraa to'atan bakkichatti argamu.

    Haata'u malee, saffiisni seensaa gar malee harkifataadha. Kanaafu konkolaattoota kumaataman lakkaa'aman toora galanii dhaabbachuun hayyama deebii'anii kaaba Gaazaa seenuu eeggataniif adeemsi isaa guyyoota fudhachu danda'a.

  3. Riifeensi simbiraa mootara xiyyaara Kooriyaa Kibbaa kan namoota 179 galaafatee keessatti argame

    Rifeensi simbirroo motora jeettii daandii qilleensa Jeju Air baatii dura kufe cacabuun lubbuu namootaa hedduu galaafatee keessatti argame jedha qorannoon.

    Qorattoonni akka jedhanitti, xiyyaara imaltootaa Muddee keessa Kooriyaa Kibbaatti kufee lubbuun namoota 179 galaafate irratti haleellaan simbirroo raawwachuu isaanii ragaa arganneerra.

    Rifeensi fi hafteen dhiigaa motora lamaan xiyyaarichaa irratti argamu Baayikaal teal, gosa simbirroo godaanuudhaaf tuuta gurguddaan imalan akka ta'e gabaasa qorannoo duraa Wiixata kaleessaa maxxanfame ni mul'isa.

    Qorannoon balaa xiyyaara Kooriyaa Kibbaa kan lubbuu namaa galaafate, gahee haleellaa simbirrootaa fi caasaa konkiriitii dhuma daandii balalii xiyyaarichi itti kufe irratti xiyyeeffata.

    Mootorri Xiyyaara Booyiing 737-800 diiguun caasaa konkiriitii daran ni qoratama jedha gabaasni kun.

  4. Filisxeemoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'eesaaniitti imalaa jiru

    Filisxeemoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'eesaanii Kaaba Gaazaa irraa buqqaafamaniitti deebii'uuf imala eegalaniiru.

    Waraana baatii 15 booda waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaasiifi Israa'el jidduutti taasifameen boodadha jiraattoonni kunneen gara qe'esaanii waraanichaan barbadaa'eetti deebii'aa kan jiran.

  5. Finciltoonni m23 magaalaa guddoo Baha DR Koongoo, Goomaa qabatan

    Finciltoonni DR Koongoo M23 jedhaman Baha Koongootti magaalaa guddoo kan taate Goomaa qabachuu ibsan.

    Jiraattonni magaalichaa hidhattoonni M23 yeroo isaan daandii guddaa magaalichaa irra deeman qoodaa turan.

    Jiraattonni magaalittii kumatamni gara magaalota ollaa jiraniitti baqataniiru. Dilbata finciltoonni M23 humna waraanaa biyyattii irratti waraana hamaa bananii magaalittii galuu himame.

    Magaalaa Goomaa keessa dhukaasa sa'aatii dheeraaf tureen booda finciltoonni magaalicha seenan. Ergasii amma sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu jedha gabaasni miidiyaalee biyya keessaa.

    Magaalaa Goomaa keessa uummni gara miliyoona tokkoo ol jiraata. Ministirri Dhimma Alaa DR Koongoo Ruwaandaan loltoota ishee naannoo daangaatti erguun finciltoota M23 gargaaruun biyya keenya weerarteetti jedhan.

    Ruwaandaan ammoo mootummaan DR Koongoo hidhattoota mootummaa Ruwaandaa fonolchuu barbaadan deeggarti jechuun himatti.

    Pirezidaantiin keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha godhan. Pirezidaantiin DR Koongoo fi Ruwaandaa guyyoota lamaan dhufan keessatti wal arguun mari'atus jedhan.

    Erga bara 2021 as hidhattonni M23 irra jireessa DR Koongoo qabataniiru.

  6. Lammiileen Filisxeem buufata sakatta'iinsa Israa'el keessatti erga tursiifamanii booda miilaan gara kaabaatti qajeelan

    Lammiileen Filisxeem buqqa’an kumaatamaan lakkaa’aman gara qe’eesaanii kaabaatti deebi’uuf abdatan, ganama har’aa naannoo Koridoorii Netzarimitti tarree dheeraan hiriiranii mulatan.

    Israa'el akka sa'aatii biyyatti sa'aatii 07:00 (05:00 GMT) irraa eegalee namoonni miilaan akka darban hayyamte. Konkolaattonni ammoo sa'aatii 09:00 (07:00 GMT) irraa eegalee gara kaabaatti akka imalan hayyamamuuf jirti.

    Suuraalee muraasa kunooti:

  7. Lammiileen Filisxeem walakkaa miliyoonaa ol ta'an manasaanii irraa buqqaafaman deebii'uu eegalaniiru

    Lammiileen Filisxeem kibba Gaazaa walakkaa miliyoonaa ol ta’an mana isaanii Kaaba keessatti maaltu akka hafe ilaaluuf deebi’uuf eegaa turan jedhamee yaadama.

    Israa'el amma sun ta'uu danda'a jetti. Garuu kan jeequmsaan guutame fakkaata.

    Maatiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman kanneen daandii guddaa gara kaabaatti geessuu irratti guyyootaaf buufatanii turan, qabeenya baatanii deemuu danda’an fe’atanii miilaan socho’uu jalqabaniiru.

    Haata'u malee, kaaba Gaazaa kan baay’een isaa haleellaa boombii cimaa Israa’elitiin diigamee waan jiruuf, baay’een isaanii mana itti dahatan akka hin qabne hubatan.

    Israa'el erga Hamaas dubartii kan ganna 28 Arbel Yehuud dabalatee, namoota nagaa butaman sadii Kamisa darbe gadan dhiisa jedhee booda, ture namoonni gara kaabaatti akka socho’an hayyamuuf kan waliigalte.

    Isheenis garee Jihaada Islaamaa jedhamuun qabamtee jirti jedhamee yaadama. Namooni butaman sadi ammoo Sambata hidhamtoota Filisxeemotaa hedduun mana hidhaa Israa’el keessatti hidhamaniin wal jijjiramu.

  8. Tigiraay magaaloota garaagaraatti hiriirri bulchiinsa yeroo fi dureewwan waraanaa deeggaran gageeffame

    Yeroo wal dhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti baatiiwwaniif turan ammaa cimaa dhufe kanatti magaaloota naannichaa garaa garaatti Kaleessa hiriirri gaggeeffamee ture.

    Garaagarummaan gareewwan TPLF lamaan jidduutti umamee bal'ataa dhufuun kan gara deeggarsa adabaabaayii fi mormiitti jijjiramees, guyyootaan dura dureewwan waraanaa garee Dabratsiyooniin deeggaramu cinaa dhaabbachuun ibsa baasuu hordofeeti.

    Gareewwan TPLF kallattii lamaan dhaabbatan kanneen deeggaraniifi morman dhuma torbanii irraa kaasee adabaabaayitti bahuudhaan ejjanoosaanii ibsuudhaaf qophaa'aa jiraachu ibsuudhaaf qophaa'aa ta'usaanii wayita ibsaniitti, bulchiinsi naannichaa hiriirri omaatuu gaggeeffamu akka hin danda'amne akeekkachisee ture.

    Haata'u malee Amajji 26, 2025 magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee Adigiraati, Adawaa fi Maayicootti hiriirri gaggeeffameera.

    Dabalataanis Bulchiinsi yeroo Tigraayii fi gareen TPLF Dabratsiyooniin durfaman toora Facebook isaanii irratti magaalootaa fi aanaalee hedduu keessatti hirirri deeggarsaa gaggeeffamu suuraadhaan deeggaruun ibsan.

    Hiriirriwwan kunneen kan gaggeeffaman biiroon Nagaafi Tasgabbii naannichaa akkasumas waajjirri dhimmoota kominikeshinii mootumma hiriirri deeggarsaas ta'e kan mormii akka hin jirreefi gaggeeffamus akka hin qabaanne akeekkachiisuun ibsa erga baasanii booda ture.

    Aanga'oota TPLF jidduutti garaagarummaan umamuun ifa kan bahe wallakkeessa bara darbee keessa yoo ta'u, caalaa kan cimaa dhufe ammoo yaa'ii waliigala dhaabbatichaa Adooleessa darbe wayita gaggeeffameetti ture.

    Gareewwan dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el fi pirezidantii bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfaman wal himataa turaniiru.

    Dhiheenya kanas gareen Dabratsiyooniin durfamu walgahii gaggeesseen aanga'oonni bulchiinsa yeroo kan TPLF bakka bu'uun eddoo qabatan waan ta'aniif eddoo akka gadi dhiisaniif gaafachuunsaanii ni yaadatama.

    Kana hordofuunis walaba fakkaachuun kan turan dureewwan humna waraana Naannichaa bulchiinsii yeroo dadhabaan kaafamuun kan biraatiin bakka akka buufamu ibsee ture.

    Bulchiinsi yeroo Tigraay ammoo ibsa kanaan ''fonqolcha mootummaati'' sababii ta'efu seeraanis ta'e hamleedhaan fudhatama kan hin qabneedha jechuun ibsuun ni yaadatama.