Tiraamp hojjattoonni mootummaa federaalaa miliyoonni mindaa j’ia saddeetiin hojii akka gadhiisan eeyyaman
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraaamp hojjattoota waajiralee federaalaa fedha isaaniin hojii gadhisuu barbaadaniif mindaa ji’a saddeetiin kenninaaf jedhan.
Kunis lakkoofsa hojjettoota mootummaa federaalaa xiqqeessuuf yaadameeti.
Dhaamsi imeeliin namootaa miliyoonaan lakkaa’aminiif ergame, bulchiinsi Tiraamp Kibxata hojjatoottattii akka himetti, hanga Guraandhaala 6 , 2025ttii hojjattoonni sagantaa hojii dhiisuu kanarratti akka murteessan aakeekachise.
Hojjattoonni kun yeroo jedhame keessatti hojii gadhiisuuf yoo murteessan mindaa ji’oota saddeetii akka argatan itti himame.
Bulchiinsi Tiraamp hojjatttoota waajiraalee federaalaa mliyoona lama keessaa %10 affeerraa dhiyaate akka fudhatanitu eegama jechuun CBS gabaase.
Qondaallonni olaanaa Tiraamp miidiyaalee Ameerikaatti akka himanitti, kaffaltiin kun mootummaan Doolara biliyoona 100ti dhiyaatu akka qusatamu gargaara jedhan.