Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waraana daldalaa Tiraampi baneef Kanaadaa, Meksiikoo fi Chaayinaan deebii jabaa tahe kennaa jiru

Murtoo Tiraampi oomishaalee Kanaadaa, Chaayinaa fi Meksiikoo irratti dabarsan daldala adunyaa jijjiiruu danda'a. Isaanis deebii kennaa jiru.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Ajjeechaan daa'imaa Itoophiyaatti dheekkamsa kaase
  • Hamaas namoota uggure sadii gadhiise
  • Israa'el Filisxeemota 183 gadhiisuu mirkaneessite
  • Miseensonni parlaamaa Gaanaa wal reeban
  • Liibiyaatti kan ugguramte Nahiimaan gadhiifamte
  • Finciltoonni Koongoo lola akka itti fufan dubbatan
  • Balaa xiyyaaraa US booda 'Ameerikaan gadda keessa jirti' - Tiraamp
  • Netaaniyaahuufi Tiraamp Waayit Haawusitti wal arguufi

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp hojjattoonni mootummaa federaalaa miliyoonni mindaa j’ia saddeetiin hojii akka gadhiisan eeyyaman

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraaamp hojjattoota waajiralee federaalaa fedha isaaniin hojii gadhisuu barbaadaniif mindaa ji’a saddeetiin kenninaaf jedhan.

    Kunis lakkoofsa hojjettoota mootummaa federaalaa xiqqeessuuf yaadameeti.

    Dhaamsi imeeliin namootaa miliyoonaan lakkaa’aminiif ergame, bulchiinsi Tiraamp Kibxata hojjatoottattii akka himetti, hanga Guraandhaala 6 , 2025ttii hojjattoonni sagantaa hojii dhiisuu kanarratti akka murteessan aakeekachise.

    Hojjattoonni kun yeroo jedhame keessatti hojii gadhiisuuf yoo murteessan mindaa ji’oota saddeetii akka argatan itti himame.

    Bulchiinsi Tiraamp hojjatttoota waajiraalee federaalaa mliyoona lama keessaa %10 affeerraa dhiyaate akka fudhatanitu eegama jechuun CBS gabaase.

    Qondaallonni olaanaa Tiraamp miidiyaalee Ameerikaatti akka himanitti, kaffaltiin kun mootummaan Doolara biliyoona 100ti dhiyaatu akka qusatamu gargaara jedhan.

  2. Ibidda xiyyaara Kooriyaa Kibbaatti qabateen namoonni jumlaan baafaman

    Xiyyaarri daandii qilleensa tokko buufata xiyyaaraa magaalaa Kooriyaa Kimmaa Busaan keessatti ibiddi ittiqabatee, namoonni xiyyaaricha keessa turan 176 hundi akka keessaa bu'an taasifamu Abbaan Taayitaa ibiddaa beeksise.

    Kibxata galgala buufata xiyyaaraa kibba bahaa biyyattiitt xiyyaaraa Air Busan keessaa namoonni afur meeshaa afufamee qilleensaan guutamuun osoo miliqanii miidhamuu isaanii himan.

    Ibiddi kunis battalama xiyyaarri gara Hoong Koongitti imalu kun balali'uu eegaleen yeroo muraasa keessatti karaa eegeesaa irraan akka eegale himama.

    Hojjattoonni balaa ibiddaa battalumaan xiyyaaricha bira qaqqabanis, ibiddi akka gara kutaa boba'aa xiyyaarichaatti akka hin babal'anne dhaamsuuf yeroo yaalan mul'ataniiru.

    Kunis balaa kan mudate, daandii qilleensaa isa hamaan dachee Kooriyaa Kibbaa keessatti mudatee ji’a tokko osoo hin guutinii.

    Xiyyaarri Jeju Air buufata xiyyaaraa kibba dhiha Mu'aan keessatti kufuun lubbuun namoota 179 galaafateen boodadha. Xiyyaara sana irraas namoonni lama lubbuun hafanii ture.

    Ibiddi xiyyaara Air Busan kan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Gimhae irratti Kibxata kan jalqabe ta’uusaa dhaabbanni oduu Yonhap aanga’oota balaa ibiddaa Kooriyaa Kibbaa wabeeffachuun beeksise.

    Hojjattoonni balaa ibiddaa daqiiqaa saddeet booda bakka sana akka gahan ibseera. Boodarra suuraan xiyyaarri gubataa jiru yoo bishaaniin dhaamfamaa ture agarsiisu mul'ateera.

    Xiyyaaricha keessa imaltoota 169 fi hojjettoota xiyyarichaa torba turan. Sababni balaa ibiddaa kanaa qoratamaa jira jedhame.

    Buufatni xiyyaaraa Busaan magaalaa guddoo See'ol irraa gara kibba bahaatti gara fageenya 315km (195 miles) irratti argama.

  3. Hirmattoota sirna amantaa Kumbh Melaa jedhamu irratti namoonni 12 ol du'uun himame

    Feestivaala amantaa biyya Indiyaa Kumbh Melaa irratti walirra ejjachuun balaa mudateen yoo xinnaate namoonni 12 ajjeeffamuun ibsame.

    Namoonni waliirra dhaabbachuun miidhaan qaqabuulleen hirmaattoonni lageen Gaanees fi Yaamunaa keessatti dhiqachuufi sirna kadhannaa taasisuu itti fufaniiru.

    Haaluma kanaanis akka sa'aatii biyyaatti sa'aatii 8:00 (02:30 GMT)tti hirmaattoonni amantichaa miiliyoona 28 ta'an sirna cubbaa raawwachusaanii qondaaltoonni beeksiisaniiru.

    Sirni cummaa kun eddoowwaan garaa garaatti kan itti fufe yoo ta'u, hedduun ammoo balaa wal dhiibuudhaan mudate irratti bal'insaa dhaga'uudhaaf eeggataa jiru.

    Qondaaltoonni mootummaa Utaar Piraadesh akka jedhaniitti, erga feesitivaal cuubbaa kun Amajjii 13 eegalee kaasee ummnni gara miiliyoona 200 ta'u sirnicha raawwateera.

    Akka odeeffannoo qaamoolee motummaa irraa argameetti, feesitivaal kuni hanga Guraandhala 26tti itti fufa.

    Waliigalattis feesitivaala guyyoota 45 kanarratti ummannii biyyattii miiliyoona 400 ta'u akka hirmaatu kan eegamu ta'u qondaaltoonni mootummaa beeksiisan.

  4. Ministirri Muummee Xaaliyaanii yakkamaa waraanaa Liibiyaattii gadhiisuun qorataman

    Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorijiyaa Melonii lammii Liibiyaa yakka waraanaatiin mana murtii yakkaa Addunyaa ICC’n barbaadamu hidhaa gadhiisuun qorataman.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodame akka agarsiisutti, Meloniin maalammaltummaa fi yakki akka raaawwatamu gargaaruun shakkaman.

    Osamaa Najiim, namni maqaa Almasiin beekamu, hogganaa poolisii fi daarektara mana hidhaa Tiripoolii beekamaa Mitigaa jedhamuu ture.

    Najiim Amajjjii 20 erga hidhamee, guyyoota muraasa booda ''dhimma teekinikaa seeraan walqabatuun'' hiiikame.

    ICC’n dhimma kanarratti akka hin gaafatamne ibsuun, Najiim saffisaan akka deebi’ee hidhamuuf ajaja baase.

    Sabni isaa ammoo ICC’n akka hidhamu Ministeera haqaa Xaaliyaaniitti hin ergine.

    Torban darbe Misitiirri haqaa yaaddoo uumeerraa kan ka’e biyyaa baafameera jedha.

  5. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee gaggabaaboo isin biraan geenyu kunoo ammoo eegalleerra.

    Egaan yoo fuula Facebook keenya, marsariitii keenyaa fi WhatApp Chaanaalii keenya hordoftan ammoo odeessa keenya bal'inaan ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!

  6. Lakkoofsi nagaa eegsistoota Afrikaa Kibbaa Koongootti du’anii 13 gahe

    Baha Rippablika Dimookiraatawaa Koongootti lakkoofsi nagaa kabachiiftota lammiilee Afrikaa Kibbaa lola keessa du’anii 13 gahe.

    Loltoonni kunneen waraana mootummaa Koongoo deeggaruun hidhattoota M23 Ruwaandaan tumsituun loluuf bobba’ani.

    Torban darbe loltoonni Afrikaa Kibbaa sagal du‘anii turani.

    Loltoonni sadii haleellaa mortaarii buufata xiyyaaraa Goomaatti raawwateen lubbuu dhabuun barame.

    Loltuun afraffaa erga gaafa Kamisaa miidhame booda du’e.

    Nagaa eegsistoonni Maalaawiifi Uraagaayis ajjeefamaniiru.

  7. 'Boombiin bu'e dubartii ollaakoofi ijoolleeshee jaha ajjeese'

    Lammiileen nagaa dhibbaan lakkaa’aman hookkara magaalaa Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo, Goomaa keessaa baqachaa jiru.

    Kanneen achi baqatan magaalaa Ruwaandaa Giseenyiitti baqataa jiru.

    Dubartiin daa’imasheefi meeshaa manaa muraasa baatte BBC’tti kana dubbatte:

    ‘’Boombiin lola keessa dhuka’u dhihoo keenya bu’uu itti fufe, tokko mana ollaa keenyarra bu’ee isheefi ijoolleeshee jaha ajjeese.

    ''Yeroos baqachuuf murteesse,’’ jette.

  8. Xiinxala BBC kallattiin argachuuf ....

    Oduufi xiinxala BBC Afaan Oromoo kallattiin bilbila keessan irratti argachuu dandeessu.

    Kanaaf immoo miseensa Chaanaalii BBC Afaan Oromoo ta'u qabdu.

    Yeroo ammaa namoonni 53,000 ol miseensa ta'aniiru.

    Isiniis, asiin seenaa galmaa'aa.

  9. Hidhattoonni Koongoo magaalaa seenuu hordofee embaasiiwwan saamaman

    Hidhattoonni M23 magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Kiivuu kan taate Goomaa to'achuusaanii hordofee lammiileen DR Koongoo dheekkamsaan bahanii embasiiwwan biyyoota garaa garaa mancaasan.

    Embasiiwwan magaalaa Kinshaasaa keessatti argaman guyyaa har'aa haleelaman: kan Ruwaandaa, Faransaayi, Yugaandaafi Beeljiyeemidha.

    Embasiiwwan tokko tokko yoo saamaman, kan abiddi itti qabsiifames jira.

    Ministiirri dhimma alaa Faransaay Jiyaan Noweel Baarot akka jedhanitti, gamoo embasii Faransaayi DR Koongoo magaalaa Kinshaasaa keessa jiru gar-tokkeesaatti abiddi qabateera.

    Poolisiin DR Koongoo namoota hidhattoonni M23 magaala Goomaa mootummaarraa fudhachuutti aarun hiriira bahan bittimsuu beeksiseera.

    Ministirri Odeeffannoo Koongoo gamasaan qaamoleen nageenya haala magaalattii keessa jiru to'achuun amma tasgabbiin uumamuu beeksise.

  10. Lolli Gaazaa erga dhaabatee helikoptaroonni Yordaanoos yeroo jalqabaaf deeggarsa Gaazaaf geessan

    Gaazaatti dhukaasa dhaabuf Israa'elifi Hamaas erga walii galanii booda, BBCn helikoptara Yerdaanos yeroo jalqabaaf deeggarsa geessuu jalqabe wajjin Gaazatti imaleera.

    Helikooptarri deeggarsa namoomaa fe'ee Yordaanosii ka'e Gaazaa bakka Israa'eel to'attee jirtu qubate.

    Deeggarsi namoomaa helikoptaroonni geessan kun kan biyyoota akka Briteen fa'aa irraa ergameedha.

    Loltoonni humna qilleensaa Yordaanos deeggarsa namoomaa fe'anii geessan hojjattoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti kennu.

    Yordaanos guyyaa har'aa qofaaf deeggarsa namoomaa Gaazaatti akka deddeebisaniif helikooptaroota 16 ramaddeetti.

  11. DR Koongotti namoonni dhibbaan lakkaa'aman madaa'anii, reeffii ammoo daandii Gomaarra ciisa- UN

    Dhaabbileen gargaarsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii rakkoo namoomaa guddaan Gomaatti mudachuu, dhibbaan kan lakkaa'aman madaa'uu, reeffi daandii irratti kufee mullachuu, gudeeddii fi miidhaan saala bu'uurreeffate dabaluu akeekkachiise.

    Dhaabbanni baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii buqqaatoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman, ''zoonii taatee waldhabdee hedduun keessatti gaggeeffamu'' keessaa baqataa jiraachu gabaaseera.

    Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) hospitaallisaa sa’aatii 24 darban qofa keessatti namoota madaa’an 100 ol kan simate yoo ta’u, lakkoofsi kun kanaan dura ji’a tokko keessatti kan simatame yoo ta’u amma hojjettoonni lafa hospitaalichaa konkolaataa hospitaan keessa dhaabbatu gara kutaa adda baasuutti jijjiiruuf dirqisiiseera.

    Meeshaa waraanaa cimaa bakkeewwan ummanni itti baayyatu keessatti fayyadamuun, keessattuu daa'imman irratti miidhaa hedduu qaqabsiiseera.

    Dhaabbanni Fannoo Diimaa fi Sagantaan Nyaata Addunyaa lamaanu, guyyoota dhiheenya keessa man-kusaan isaanii saamamuu himan.

  12. Magaalaa DR Koongoof ijoo taatetti lolli hammaate hordofee haraarrii akka buhu waamichi dhiyaate

    Baha DR Koongootti lola hammaate hordofuun qaamoleen hawaasa addunyaa mariin nageenyaa akka taa’amu waamicha dhiyeessan.

    Egereen magaalaa giddala daldalaa fi diinagdee kan taate Goomaa ammaaf hin beekamne.

    Qondaalli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii lolli magaalichatti hammaachu hima. Qondaalli mootummaa akka himanitti waraanni irra caalaa magaalaa Gomaa to’ateera.

    Hidhattoonni M23 haleellaa banan garuu to’annoo mootummaa jalaa jiraachuu ni waakkatu. Gabaasaleen bahan akka agarsiisanitti namnoonni 17 ajjeefamuun, 400tti kan dhiyaatan ammoo mada’aniru.

    Kibxata har’aa Afrikaan kibbaa loltoonni biyyattii ergama nagaa eegumsaaf DR Kongootti bobbaafaman afur ajjeefamaniiru. Loltoonni kun hidhattoota M23 wajjin loluurratti ajjeefaman.

    Waliigalatti loltoonni Afrikaa kibbaa 13 ajjeefamaniiru.

  13. DeepSeek teeknooloojii US to'achuun Tiraamp dubbachiise

    Pirezidanti Doonaald Tiraamp Miyaamii keessatti Rippaablikaanotatti wayita dubbatu kubbaaniyyaawwan teeknooloojii US haala amma deemaa jiru sirriitti hubatanii mo'achuurratti xiyyeeffachuu qabu jedhe.

    DeepSeek teeknooloojiiwwan US daran akka dammaqan waamicha guddaadha jechuun akeekkachise Tiraamp.

    Tiraamp yaada kana kan dubbate erga teeknooloojii nam-tolchee haaraan kun kubbaaniyyaawwan teeknooloojii US hedduu keessa seenuun yeroo gabaabaa keessatti gabaa teeknooloojii biyyattii to'achuuu eegaleeti.

  14. Namoonni saddet Hamaas ukkaamsee gadhiifamuu jedhamanii eegaman du'uu Israa'el beeksifte

    Israa'el namoota Hamaas butee ni gadhiifamu jedhamanii eegaman 26 keessaa saddet du'uu isaanii beeksifte.

    Dubbii himaan mootummaa Israa'el Deevid Meenser, Israa'el maqaa namoota Hamaas gadhiisuuf jedhuu nuuf kenneera jedhan.

    Haala namoonni ukkaamsaman irra jiranis hubachuun namoonni saddet Hamaas harkatti du'aniiru jedhe.

    ''Odeeffannoo Hamaas nuuf qoode ragaa tikni biyyattii qabu waliin wal sima. Amma isinitti himuu nan danda'a. Namoonni saddet du'aniiru'' jedhan.

    Garuu maqaa isaanii eenyu akka tahan hin eerre. Maatii fi firoonni isaanii haala kana dhagahaniiru jedhan.

    Lammiilee Filisxeem 290 hiikuun dubartoonni torba ammoo gadhiifamuu Israa'el beeksifteetti.

  15. Tiraampi abbootii alangaa isa qorataa turan hojiirraa ari'e

    Pirezidaanti Tiraampi abbootii alangaa qorannoo yakkaa lama isarratti gaggeessaa turan hojiirraa ari'e.

    Abbaan alangaa waliigalaa US, yeroodhaaf muudaman Jeemsi MaakHenerii, erga qorannoo gahaa gaggeessanii jarri kun dhimmoota pirezidaantichi irratti hojjechuu barbaadu hojiitti hiikuuf amanamoo miti jechuun akka ari'aman murteesse.

    Abbootiin seeraa kunneen yeroo Tiraampi himatame qorannoo irratti gaggeessuuf qooda olaanaa qabu.

    Bu'aa filannoo bara 2020 garagalchuuf yaaluu fi sanadoota icciitii haalatti qabaa ture irratti himannaan yakkaa irratti banamee ture.

    Wiixata kaleessaa murteen kun darbe. Tarkaanfichis hatattamaan hojiirra oola jedhame.

    Gorsaa abukaatoo waliigalaa US kan ture Jeemsi Ismiiz garee qorannoo kana Tiraampi irratti hundeessee ture. Garuu Tiraampi filannoo mo'annaan qorannichi dhaabbate. Pirezidaantii aangoorra jiru irratti qorannoon akkanaa hin gaggeeffamu.

    Tiraampi akkuman aangoo qabadheen ''sekendii lama keessattin si ari'a'' jedhanii ture.

    Inni garuu Tiraampi osoo sirna kakuu hin raawwatiin hojii gadhiisuu isaa ibse.

  16. Tamsaasa kallattii eegallee jirra

    Akkam bultan? Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleerra.

    Odeessaalee biyya keessaa fi alaa filataman asumaan argattu.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!

  17. Iraan xayyaarota waraanaa ammayyaa Raashiyaarraa bitadhe jette

    Iraan xayyaarota waraanaa ammayyaa Raashiyaarraa bitachuu beeksifte. Ajajaan Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Iraan (IRGC) Wixata, Amajjii 27, akka beeksisanitti, biyyattiin xayyaarota waraanaa Sukhi-35 Raashiyaarraa bitatte.

    Maddi Oduu Rooyitarsi akka gabaasetti Iraan xayyaarota waraanaa kana kan bitte, yeroo walitti dhufeenyi Mooskofi Tehraan kan durii caala cimaa dhufetti.

    Iraan sababa USfi biyyoonni lixaa kaan qoqqobbii irra kaa'aniif waggaa dheeraf xayyaarota waraanas ta'ee kan sivilii ammayyaa hin qabdu jedhamuun hamatamti.

    Iraan xayyaarota waraanaa Sukhoi-35 Raashiyaarraa bitushee yeroo jalqabaaf ibsuusheeti.

    Kana booda diinni humna qilleensaa, lafoofi galaanaashee mokkoru akka hin jirres dhaadatte.

    Biyyattiin xayyaarota kana bituu haa beeksiftu malee lakkoofsan hangam akka ta'an hin ibsine.

  18. Koloombiyaan lammiileeshee fudhachuu diduun Tiraamp wajjin atakaaroo keessa erga galtee booda deebitee tole jette

    Koolombiyaan lammiileeshee seeran ala US keessa jiraatu jedhee Tiraamp baase hin fudhadhu jechuu hordofee Tiraamp waliin ataakaaroo qoqqobbii daldalaa keessa galtee turte.

    Xayyaaronni US lammiilee Koloombiyaa fe'anii geessan akka hin qubanne gochuu hordofee Tiraamp Koloombiyaarra taarifa %25 kaa'uf dhaadate.

    Kana hordofee Pirezidantiin Koloombiyaa Gustaavoo Peetroo meeshaalee US irraa galan irratti taarifa %25 akka kaa'an dhaadatan.

    Boodarra Koloombiyaan yaadashee jijjiirun lammiileeshee US keessaa baafaman akka fudhattu yaada Tiraampi irratti waliigalte.

    Xayyaaronni waraanaa fe'uumsaa lammiilee Koloombiyaa US keessaa baafaman fe'ee deemu akka qubatanis mootummaan Koloombiyaa tole jedhee jira.

    Koloombiyaan dhumarratti yaada US fudhachuushee Waayit Haawus yaanni Tiraamp mo'atee jira jedhe.

    "Taateen har'aa Amerikaan biyya kabajamte ta'uushee addunyaatti kan agarsiisedha," jechuun Piress Sekireetariin Waayit Haawus Kaarolaayin Laavit ibsite.

  19. ‘Uummaanni Filisxeem Gaazaa keessaa baafamuu hin qabu’ jechuun Jarman yaada Tiraamp mormite

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ‘’Gaazaa qulqulleessuu’’ dhimma jedhuun Filisxeemoonni Joordaani fi Masrii akka qubsiifaman yaada dhiyeessanii turan.

    Yaada Tiraamp dhiyeessan hordofuun deebii jajjabaatu dhagahame. Joordaani fi Masriin yaadicha fudhachuu didan, Miseensi Hamaas tokko’’karoora buqqa’insaa fi biyya biraatti godaanuu hunda ni fashaleessina,’’ jechuun BBCtti himan.

    Minisitirri Dhimma Alaa Jarman amma yaada Tiraamp dhiyeessan balaaleeffateera.

    Dubbi himaan Ministirichaa ''uummanni Filisxeem Gaazaa keessaa akka hin baanee fi Gaazaan ittifufisaan Israa’iliin akka dhaabbataan hin to’atamne, ykn hin koloneeffatamne'' Gamtaan Awurooppaa, biyyoonni Arabootaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka barbaadan Jarman beeksifteeti.

  20. Hidhattoonni M23 Baha DR Koongoo dhuunfataa jiran eenyudha?

    Hidhattoonni M23 Baha DR Koongoo keessatti haleellaa cimaa gaggeessun magaalaa Goomaa to'achuu beeksisan.

    Magaalli Goomaa giddu gala daldalaafi maddeen albuudaa heddutti dhiyoodha. Albuudawwan bibila hojjachuuf gargaaran kanneen akka koltan fa'aa bakki itti argamu magaala Goomatti dhiyoodha.

    Hidhattoonni M23 saba Tuutsii ittisna jedhanii kan hundaa'aniifi Baha DR Koongoo bakkeewwan heddu to'atanii jiru.

    Hidhattoonni kun guyyoota darban haleellaa cimaa waraana DR Koongoo irratti bananiin, magaala Goomaa harka caalu to'annaasaanii harka galchaniiru.

    DR Koongoon Ruwaandaa maaf himatti?

    Hidhattoonni M23 Ruwaandaa irraa deeggarsa waraanaa akka argatan mootummaan DR Koongoo irra deddeebin himata. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniis Ruwaandan hidhattoota kana akka gargaartu himaa ture.

    Lola cimaa amma gaggeeffamaa jiru keessatti loltoonni Ruwaandaa daangaa cehuun waraana narratti banan jechuun DR Koongon himataa jirti.

    Ruwaandan garuu himannaa kana hin fudhattu. Haleellaa hidhattoonni M23 Baha DR Koongoo keessatti gaggeessan dhaabsisuuf humni nagaa kabachiisaa UN bobba'us, hidhattoota kana dhaabuu hin dandeenye.

    Hidhattoonni M23 magaala Goomaa to'achuuf haleellaa guyyootan dura baniin loltoota mootummaa DR Koongoo qofa osoo hin taane loltoonni nagaa kabachiisaas du'uu UN beeksise.