Haleellaa Israa'el mana barumsaa Gaazaatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman

Haleellaa qilleensaa Israa'el mana barumsaa Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman jedhan qondaaltonni Filisxeem. Namoonni kurnaan lakkaa'aman biroommoo miidhamaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala qaamni biraa meeshaa akka hin hidhanne dhorkame

    Magaalaa Allaamaaxaa

    Madda suuraa, YOUTUBE SCREENSHOT

    Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Allaamaaxaa

    Jiraattonni magaalichaa sadii fi kantiibaan magaalaa kanaa BBC'tti akka himanitti, raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaa malee qaama biroo meeshaa waraanaa akka hin qabanne dhorkameera.

    Magaalichatti hiriira bahuu fi walga’ii kamiyyuu qaamoota nageenyaa malee taa’uun dhorkameera.

    Ajajni kun Roobii kaleessaa akka darbe jiraattonni himan.

    Allaamaaxaan magaalaa bakkaa naannoon Amaaraa fi Tigraay 'kootii' jechuun irratti waldhaban keessaa tokkodha.

    Akka jiraattonni jedhanitti, dhorkaa kana raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaatu magaalicha to'achaa jiraanitu dabarse.

  2. Barsiistuun barattoota lama waliin ciiftee ulfoofte hidhaa buute

    Rebekaan yeroo murtiin dhagahamu hirqinfattee boosse

    Madda suuraa, Greater Manchester Police

    Ibsa waa'ee suuraa, Rebekaan yeroo murtiin dhagahamu hirqinfattee boosse

    UK keessatti barsiituun barattoota lama wajjiin ciisuun isa tokkorraa ulfoofte hidhaan adabamte.

    Dubartiin tunis maqaanshee Rebekaa Joyins jedhamti. Ijoollee dhiiraa lamaan kun yeroo umuriin isaanii ganna 15 turerraa kaastee hariiroo waliin uumaa turte.

    Miidiyaa hawaasaarratti waliin haasa’aa turuunshee dhaddacha mana murtii Maanchistar Kiraawonitti himameera.

    Dubartiin nama umuriin ganna 30 taate Rebekaan, duraanis dhiira biraa waliin gocha saal-qunnamtii raawwattee balleessaan itti muramee ture.

    Rebekaa Joyinsiidhaan waggaa jahaa fi baatii jahaa ittii muramnaan rifattee boosse.

    Rebekaan hariiroon jaalalaa waggoota sagaliif nama biraa waliin qabdu sababa hariiroo barattoota kana waliin uumteen diigameera.

    Eenyummaan ijoollee kana A fi B jedhamurra kan irra darbame, dhaddacharrattis hin ibsamne.

  3. Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman

    Itoophiyaan biyyoota Waancaa Afrikaa hundeessan keessaa tokko taatus injifachuuf miti hirmaachuufu rakkataa jirti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan biyyoota Waancaa Afrikaa hundeessan keessaa tokko taatus injifachuuf miti hirmaachuufu rakkataa jirti

    Gulaallii Waancaa Afrikaa 2025 guyyaa har'aa Afrikaa Kibbaatti baheen Itoophiyaan ramaddii H jala ramadamte.

    Itoophiyaa waliin Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo, Giiniifi Tanzaaniyaan ni jiru.

    Walumaa gala ramaddiin 12 biyyoonni afur afur jalatti tarreeffaman adda baheera.

    Ramaddii 12 keessaa biyyoonni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan xumuran Waancaa Afrikaaf darbu.

    Waancaan Afrikaa bara 2025 Mudde 2025 – Amajjii 2026 taasifama. Kana dura Mudde keessa taphatamee hin beeku.

    Ramaddiin biyyootaa kunooti:

    Ramaddii A: Tuniziyaa, Madagaaskaar, Komoroos, Gaambiyaa

    Ramaddii B: Morookoo, Gaabon, Afrikaa Giddugalaa, Lesotoo

    Ramaddii C: Masrii, Keep Verdee, Moritaaniyaa, Botiswaanaa

    Ramaddii D: Naayijeeriyaa, Beenin, Liibiyaa, Ruwaandaa

    Ramaddii E: Aljeeriyaa, Ikuwaatoriyaal Giinii, Toogoo, Laayibeeriyaa

    Ramaddii F: Gaanaa, Angoolaa, Sudaan, Niijer

    Ramaddii G: Ayivorii Koost, Zaambiyaa, Siyeraa Liyoon, Chaad

    Ramaddii H: RD Kongoo, Giinii, Tanzaaniyaa, Itoophiyaa

    Ramaddii I: Maalii, Mozaambik, Giinii-Bisaawu, Iswaatinii

    Ramaddii J: Kaameroon, Naamibiyaa, Keeniyaa, Zimbaabuwee

    Ramaddii K: Afrikaa Kibbaa, Yugaandaa, Kongoo, Sudaan Kibbaa

    Ramaddii L: Senegaal, Burkina Faaso, Maalaawi, Burundii

  4. Waancaa Itoophiyaaf badhaasni waancaa 9kg ulfaatu dhihaate

    Waancaan kilaba mo'ateef kennamu har'a ifa taasifameera

    Madda suuraa, FBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Waancaan kilaba mo'ateef kennamu har'a ifa taasifameera

    Guyyaa Dilbataa Bunni Itoophiyaafi Walaayittaa Dichaan Waancaa Itoophiyaa ol kaasuuf wal morkatu.

    Tapha Finfinneetti taasifamu kanarratti badhaasi kennamu guyyaa har’aa ifa ta’eera.

    Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa akka beeksisetti waancaan kilaba mo’atef kennamu 9.4kg ulfaata.

    Waancaa kanas Faawundeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaatu qopheesse jedhan barreessaa olaanaa federeeshinichaa Obbo Baahiruu Xilaahun.

  5. Lallabaan badii namoota 120 galaafatee keessaa harka hin qabu jedhan

    Maatiin namootni duraa ajjeefame gadda isaanii ibsaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin namootni duraa ajjeefame gadda isaanii ibsaa jiru

    Waamicha lallabaa kanaan ture namoonni baay’ee Hindiitti kan walitti qabaman. Haata’u malee, namoonni 120 ol akka du’an sababa ta’eera.

    Abukaatoon lallabaa Boole Baabaa jedhamuun beekamu BBC’tti akka dubbatetti, maamilli isaanii badii keessaa hin qaban.

    Miidhaan kan dhaqqabe namoota ‘’farra hawaasaa’’ ta’aniini jedhan.

    Lallabaan kuni qorannoo keessatti poolisii akka tumsulle dubbatan.

    Kanneen du’an keessaa gara caalu dubartootaafi daa’imman sagantaa ayyaanaa Hinduu ‘satsang’ jedhamu hordofaa turan.

    Guyyaa kamisaa koree sagantaa kana qopheesse keessa kan jiran namoota jaha to’achuu poolisiin ibseera.

    Miidhaan dhaqqabe Hindii keessatti mufii jabaa uumeera.

    Aangawoonni namoonni 80 akka hirmaatan eeyyama kennanis ummanni hirmaate garuu 250,000 ni ta’a.

  6. Reeffii daa'ima naachi ciniine argame

    Naacha

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Naacha

    Poolisiin Awustiraaliyaa reeffa daa’ima ganna 12 naachi ciniine ajjeese jedhamee amanamuu barbaade arge.

    Daa’imni kun maatii isaa wajjiin magaalaa hawaasa ganamaa Awustiraaliyaa keessa jiraatanii Nigan mariyangaa jedhamtu cinatti Kibxata darbe gara galgalaa otoo bishaan daakuu achii buuteen isaa dhabamee ture.

    Qondaalli poolisii biyyattii miidiyaa ABCtti akka himanitti, bakka daa’imni kun dhabame sanatti battaluma sana naachi gurraachi mul’ateera.

    Naachi daa’ima kana ciniinuun shakkame garuu argamuu fi dhiisuu isaa garuu odeeffannoo bal’aan hin kennamne.

    Kutaa bulchiinsa Awustiraaliyaa naachi daa’ima kana itti ciniine addunyaarrattuu bakka naachi hunda caala baayyinaan itti argamudha.

    Bakkichatti naachota 100,000tti dhiyaatutu argama.

  7. Waanbadee beekamaa duraanii Afrikaa Kibbaa amma Ministiira Ispoortii ta'e

  8. Senaatarri walabummaa Filisxeem deeggarte adabamtee aangoo gadhiiste

    Faaximaa Paaymaan

    Madda suuraa, Reuters

    Miseensi mana maree Faaximaa Paaymaan Paartii Awustiraaliiyaa bulchu Paartii Leebar keessaa aangoo gadhiiste.

    Kunis erga seera Filisxeem biyyi walabaa ta'urratti faallaa paartii ishee sagalee kennitee guyyoota muraasa boodadha.

    Paartiin Leebar namoota ejjennoo imaammata paartichaa salphisan irratti adabbii cimaa kan qabu yoo ta’u, Aadde Faaximaa Paaymaan duraanis erga deebite sanuma raawwachuuf dhaadatte booda “yeroo hin murtoofneef” kokasii dhaabichaa irraa dhorkamtee turte.

    ''Kuni dhimman callisee bira darbuu hin dandeenyeedha'' jette miseensi mana maree kan umuriin waggaa 29 Aadde Faaximaa.

    Itti dabaluudhaan ''murtee darbeen baayyee gadduu'' himte.

    Ministira Mummee Antoonii Albaaneesii akka jedhanitti, Aadde Paaymaan hoggansa isaaniif galateeffachuun himannaa aangoo kan gadhiiftee sodaachifamuun akka ta'e jedhu garuu haalaniiru.

    Aadde Paaymaan amma senaatara walaba ta'uudhaan teessoo kan argatte.

    Miseensi mana maree fi musliimni ganna 29 tun, erga Afgaanistaan bara 1996tti Taalibaan to'atee booda maatiishee waliin baqachuun gara Awustiraaliyaa dhaqxe.

    Sana booda Awustiraaliyaa keessatti dubartii hijaaba uffattu nama siyaasaa federaalaa kan jalqabaa taate.

    “Akka namoota wajjin hojjedhu irraa adda ta’een, haqa dhabeessuummaan maal akka ta'e natti dhaga’ama.

    ''Maatiinkoo gocha hammeenyaa namoota qulqulluurratti raawwatamu yeroon argu akkan callisuuf baqattoota ta’anii as dhufuuf biyya waraanaan miidhamte baqatanii hin baane,” jechuun erga hojii gadhiifteen booda gaazexeessitootatti dubbatte.

    Waraanni Gaazaa keessaa Awustiraaliyaatti dhimma siyaasaa cimaa fi kan qaamni hundi of eeggannoodhaan ilaaluudhaaf yaalan ta’eera.

  9. Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan

    Erik Ten Haag Maan Yuunaayitid waliin waliigaltee hanga 2026 isa tursiisu mallatteesse

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Erik Ten Haag Maan Yuunaayitid waliin waliigaltee hanga 2026 isa tursiisu mallatteesse.

    Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haag Maanchister waliin kontiraata haaraa hanga bara 2026'tti turu mallatteessan.

    Ten Haag bara 2022 Maanchister Yuunaayitid leenjisuu kan jalqaban yoo tahu, silaa waliigalteen isaanii bara 2025 xumurama ture.

    Ayaaksi irraa Yunaayitid kan seenan lammiin Nezerlaandis Ten Haag, Yuunaayitid waliin waggoota lama keessatti waancaa lama mo'aniiru.

    ''Kilabicha waliin hojjechuuf ammas waliigaluu keenyatti hedduu gammadeera,'' jedhan.

    "Waggoota lama duubatti deebinee yoo ilaallu, waancaa lama injifachuu keenyaan ni boonna, garuu hoj-manee guddaatu nu eeggata.

    ''Yuunaayitidiin akka Ingilaanditti fi Awurooppaatti morkataa jabaa gochuuf waliin taanee hojjechuuf waliigalleerra,'' jedhan leenjisichi.

  10. Itoophiyaatti fonqolchi mootummaa hin milkaa’u- MM Abiy

  11. Lammiin Jaappaan dubartii gudeeduun viidiyoo waraabe hidhaafi reebichaan adabame

    Eegduu

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni murtii siingaapoor lammii Jaappaan waggaa muraasaan dura barattuu yunivarsiiti takka erga gudeedeen booda viidiyoo waraabe reebiichaafi hidhaa waggaa 17n akka adabamu itti murteesse.

    Oggeessii riifeensaa lammii Jaappaan kunis bara 2019tti yakka gudeeddii erga raawwateen booda waraabuudhaan yakka ''gara jabiinaa'' raawwateera jedhamuun murteen kun kan rratti dabarfame.

    Gaheessi umuriin waggaa 38 Ikoo Kiitaa, firdanyaa magaalattii keessatti uleedhaan reebamu lammii Jaappaan kan jalqabaa akka ta'e Imbaasiin Jaappaan Siingaapoortiitti argamu BBCtti hime.

    Namni kunis erga yeroo 20f uleedhaan reebameen booda waggaa 17 ni hidhama.

    Singaapoor keessatti addabiin nama uleen reebuu falmiisiisaa ta'ulleen, qaama adabbii bal'inaan hojiirra oolfamuudha.

    Adabbiin akkasii kunis kan namoota bu'uraalee misoomaa ummataa barbadeessan, hanna raawwatanii fi yakka dadabarsuu qoricha sammu hadoochuu keessatti hirmaatan irratti kan raawwatamuudha.

    Haala sanada mana murteetti, lammiin Jaappaan kunis barattuu yunivarsitii kan argate mana shubbisa halkanii Kilaarki jedhamu keessatti ture.

    Shamarreen yeroo sana kan waggaa 20 turtes nama kanaan wal hin beektu turte.

    Namtichi kunis barattuu dhugaatii alkoolii dhuguudhaan machooftee turte gara manasaatti geessuudhaan erga gudeedeen booda gochicha bilbila harkaasaatiin waraabuudhaan hiriyaasaatiif qoodeera.

    Barattuun gudeedamtees erga mana jireenya nama kanaatii baateen booda, pooliisiitti gabaasa taasifte.

    Inni guyyuma sana erga to'annoo jala oolfameen booda bilbila harkaasaarrattis viidiyoowwan yeroo gudeeduu agarsiisan lama argameera.

    Shamarreen tunis quunnamtii saalaatiif waliigalte turte jechuun himatamaadhaan mormiin ittisaa dhuyaatulleen abbootii seeraatiin kufiifameera.

  12. Waraanni Gaazaa deeggarsa dhorkaa dhufeen walqabate Hamaas mormii ummataa cimaan mudataa dhufeera

    Hamaas mormiin ummataa mudataa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Namni tokko waraabbii viidiyoo tokkorratti mul'atus baayyee ariidhaan of wallaalanii, fuulasaas dhiigaan hagugamee dheekkamsaa yoo dubbatan dhagahamu.

    “Ani doktora akaadaamii ture, jireenya gaarii jiraadheera, garuu hoggansa xuraa’aa [Hamas] qabna. Isaanis dhiiga keenya dhangalaasaa turan. Waaqayyo isaan haa abaaru! Isaan xuriidha!”

    Viidiyoon kunis- waraana Gaazaatiin dura kan hin yaadamne ture. Kan ala hospitaalatti waraabame. Ji'a darbe keessa Israa'el giddugala Gaazaa irraa namoota booji'amtoota bilisa baasuuf jecha duula erga gaggeessiteen booda, Filisxeemoonni dhibbaan lajjeeffamaniiru.

    Waraabbii viidiyoo kanarratti osoo hin xumuramiin sakandiiwwan dura ''“Ani isin keessaa tokkodha, isin garuu ummata abshaalaadha. Haleellaa kana hambisuu ni dandeenya turre!” jedhan.

    Gaazaatti komiin ifatti Hamaas irratti ka’u, daandii irrattis ta’e toora interneetii irratti guddachaa dhufeera.

    Gariin isaanii Hamaas namoota booji’amtoota naannoo manneen jireenyaa kan lafa gabaa ummanni itti baay’atu keessa dhoksuusaa, akkasumas naannoo siiviilii irraa rookkeettii dhukaasuun isaatti ifatti qeeqaaa jiru.

    Jiraattonni BBC'tti akka himanitti, dhaadabbaafi abaarsi hoggansa Hamaas irratti ka'u amma gabaa keessatti akka barameei sirummaa konkolaachiftoonni gaarii harree tokko tokko maqaa-masoo harroota isaanii maqaa hogganaa Hamaas Gaazaa keessaa- Yaahyaa Sinwaar fa'iin "Yaallaah, Sinwaar!" jechuun waamu dubbatan.

    ''Namoonni waan 'Hamas nu balleesseera’ jedhu ykn Waaqayyoon akka lubbuusaanii akka fudhatu illee waamu,” jedha namni tokko.

    “Haleellaan Onkoloolessa 7 raawwatame maaliif akka ta’e gaafatu, gariin ammoo Israa’eliif kennaadha.”

    Gariin ammoo hoggantoonni Hamaas dhukaasa dhaabuuf Israa’el waliin akka walii galaniif dhaamaa jiru.

    Ammallee Gaazaa keessatti kanneen Hamaasiif amanamoo kan jiran yoo ta’u, dhukkaamsaa waggootaaf tureen booda gareen kun hangam deeggarsa dhabaa akka jiru ykn mormitoonni jiran hangam yaada isaaniitti dhagamu ifatti ibsachuu akka danda’an beekuun rakkisaadha.

    Haata'u malee mindeeffamtoonni garee kanaa keessaa tokko tokko raafamaa jiru.

    Hojjetaan olaanaa mootummaa Hamaas tokko BBC'tti akka himanitti, haleellaan Hamaas ''utaalcha maraataa hin shallagamnedha'' jechuun ibsaniiru.

    Nama miidhame

    Madda suuraa, UGC

  13. Baayidan kan dorgommii pirezidaantummaa keessaa akka bahaniif dhibbaan itti cime ‘‘hin bahu’’ jedhan

    Joo Baayidaniifi ittaantusaanii Haariis

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan falmii filannoo torban darbe Donaaldi Tiraamp waliin taasisanii tureerratti yaadasaanii ibsachuuf rakkataa turan, gabaasaaleen dorgommii filannichaa keessaa haa bahan jedhu erga tamsa’u eegaleen booda dimokiraatootaa fi deeggartoota isaanii tasgabbeessuuf yaalaniiru.

    Baayidan filannoo bara dhufaa dhuma Onkololeessaa irratti gaggeeffamuun paartiichi kaadhimammaa taasisuun bakka isaan buusuu danda'a jedhameen kan tilmaamamu ittaantuun Pirezidantii Kaamaalaa Haariis waliin Waayit Hawusitti laaqana nyaataniiru.

    Booda keessa ammoo Baayidan filannicha akka itti fufanii fi Haariis ammo deeggarsa saanii akka itti fufan itti gaafatamtoota duula na filadhaa paartii Dimokiraasiitti himaniiru.

    Baayidan ‘‘ani kaadhimamaa paartii dimokiraasiti. Kan na dhiibu oomtu hin jiru. Dorgonnii duula filannootiin ala hin ta’u,’’ jechuun dubbachu maddeen BBCtti himan.

    Ergaa walfakkaataa sa’aatii muraasaan booda iimeelii duula na filadhaa Baayidan-Haaruus ittiin galiin walitti qabamu irratti barraa’uun ergameera.

    Baayidan imeelicharratti ‘‘akkan dorgomicha irra jiru haala naaf danda’ameetti jecha ifaa fi salphaadhaan dubbachuun barbaada. Hanga dhumaattis dorgommii kana keessan jira’’ jehan.

    Baayidan gaheessii umuriin waggaa 81 kunis falmii filannoo Tiraamp walin taasisaniirratti ejjannoo agarsiisan hordofuun gaaffiin duulichaan itti fufuu lata jedhu baayyachaa dhufeera.

    Akkasumas dimokiraatoota biratti itti gaafatamummaadhaaf gahumsa qabaachuufi filannoo injifachurratti yaaddoo itti umeera.

    Falmichaan booda yaada ummataa Niiw Yoork Taayimsi gaggeesse irratti Tiraamp garaagarummaa qabxii jahaan dursaa jiru.

    Yaada ummataa Ameerikaatti michuun BBC, CBA News’n gaggeeffame kan biraatiinis Tiraamp isteetiiwwan murteessoo ta’an keessatti qabxii sadiin dursaa jiraachuu hubatameera. Pirezidantiin duraanii Tiraamp sadarkaa biyyaatti dursaa jiraachu agarsiiseera.

    Deeggartoonni maallaqa Paartii dimokiraasii fi qaamooleen seera tumtootaa tokko tokko, pirezidantichi filannoo keessaa akka bahaniif ifatti gaafataniiru.

    Lammiin Hindiifi Ameerikaa Raamsh Kaapuur bara 1988 irraa kaasee dimokiraatootaaf maallaqa walitti qabu gaggeessaa turan.

    Kaapuut BBCtti akka himanitti ‘‘yeroon itti gaafatamummaasaa nama biraatti dabarsu amma natti fakkaata. Fedhii akka qabu beekulleen, umamaan wal dhabuun hin danda’amu’’ jedhaniiru.

  14. Matakaliitti aanga’onniifi namoonni 86 Haleellaa raawwatameen itti murtaa’e ture ‘dhiifama addaatiin’ gadhiifaman

    Namoota dhiifamaan gadhiifamuun himamee keessaa

    Madda suuraa, BG Media

    Naannoo Beeniishaangul Godina Matakaliitti aanga’oonni motummaa duraanii dabalatee namoonni 86 haleellaa sabummaa bu’ureeffachuun waggoota darban keessa gaggeeffameen balleessaan irratti argamuun murteen irratti darbee ture ‘dhiifama addaatiin’ gadhiifamusaanii godinich beeksiise.

    Godina Mattakal keessattuu ALI bara 2011 irraa kaasee haleellawwan raawwatamaniin namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeeffamuun, kanneen kuma kudhaniin lakkaa’aman ammo buqqaafamaniiru.

    Haleellaa kana dhaabsiisuuf itti gaafatamummaasaanii hin bane akkasumas haleellacha keessa kallattiifi al-kallatiin harka qabu jedhamuun aanga’oota federaalaa dabalatee qondaaltoonni mootummaa godinichaa hedduun shakkamuun to’annoo jala olfamanii ture.

    Sirna mootummaa humnaan diiguufi ummanni mootummaarratti akka ka’uuf kakkaasuun shakkamuun seera yakkaa keewwata 240 fi 270 namoonni himataman 86 tibbana dhiifamaan gadi dhiifamu Qajeelchi Haqa Godina Matakkala BBCtti hime.

    Namoonni gadhiifaman kunneenis dhimmisaanii kan mana murtii federaalaataan ilaalamaa ture fi qondaan bultoonniifi aanga’oonni aanaa godinichatti galmee ittigaafatamaa nageenyaafi tasgabii godinchaa duraanii Obbo Faanchaa Ansaayaatii galmaa’un himataman hidhaan wagga 20-22 itti murtaa’edha jedhameera.

    Kanneen galmee kana keessatti hammatame keessaa irra caalaan aanga’oota aanaa yoo ta’an, wagga sadii oliif hidhaarra turaniiru.

    Qajeelchi Haqa Godinichaa dhiifama jechuun tarkaanfii ibse kanaan namoonni kunneen akka gadi dhiifamaniif godinichi mootummaa naannichaatii yaada dhiyeessuu ibsan. Kana hordofuunis namoonni 86 gadi dhiifamuusaanii kan ibsan qajeelchichi murtichi tasgabbii naannichaatiif jechan kan kennameedha jedhameera.

    Ittigaafatamaan qajeelchichaa Obbo Guutaa Abarraa, namoonni kunneenis hidhattootaafi odeeffannoofi meeshaalee kennuudhaan to’atamu kaasanii, ‘‘mootummaan hidhattootaaf dhiifama akkuma taasise hunda namoota isaaniin wal ta’anii jiru jedhamaniif dhiifama taasiseera’’ jedhan.

    Bulchaan Godina Mattakal Obbo Atinkut Shiittu, aanga’oonni duraanii kunneen ‘‘ragaa sobaatiin hidhamne’’ komii jedhan akka qaban kaasuudhaan, amma ejjannoo dhiifamaa mootummaan qabateen gadi dhiifamu BBCtti himan.

    Bulchaan kunis pirezidantii duraanii Naannoo Somaalee Obbo Abdii Mahaammad Umar (Abdii Ilee) akka fakkeenyaatti kaasuudhaan, ‘‘bu’aa ummataatiif jecha’’ dhiifama naannoolee gara biraattiif hojiirra oolfame akka ta’e ibsan.

    ‘‘Rakkoo nageenyaa hanga dhumaatti furuudhaaf, ummanni dhiifama waan barbaaduuf, rakkoo nageenyaa gutummaatti furuudhaaf jecha motummaan murtee akka biyyaatti murteesseedha’’ jedhan.

  15. Keeniyaatti mormii ummataa hordofee daballi mindaa miseensota paarlaamaa haqame

  16. Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte

    Hezbollaan suuraa ajajaa gameessa isaa keessaa tokko kan ta'e Mohaammad Nimaah Naasir maxxanseera

    Madda suuraa, Hezbollah

    Ibsa waa'ee suuraa, Hezbollaan suuraa ajajaa gameessa isaa keessaa tokko kan ta'e Mohaammad Nimaah Naasir maxxanseera

    Israa’el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte

    Hizboollaan akka beeksisetti ajajaa gameessaa isaa keessaa tokko kibba Libaanositti haleellaa Israa’eliin ajjeefame.

    Mohaammad Nimaah Naasir qondaala teellanaa Israa’el qiyyaafattee ajjeestedha.

    Ajjeechaa kana booda Hezbollaan rokeetiifi misaa’elii 100 bakkeewwan waraana Israa’elitti xiyyeeffachuun dhukaasuu beeksise.

    Kunis, ‘’qaama deebii ajjeechaa raawwateeti,’’ jedhe. Miidhaan yoo dhaqqabe jiraate hin gabaafamne.

    Waraanni Israa’el akka jedhetti Naasir gartuu kibba-lixa Libaanositii rokeetii dhukaasu kan ajajaa isa ture.

    Baatii darbe ajajaan Hezbollaa biraa, Xaaleb Saami Abdullaah, jedhamu Libaanositti ajjeefamee ture.

    Yeroos Hezbollaan guyyaa tokko keessatti rokeetiifi misaa’ela 200 ol gara Israa’el dhukaasuun isaa ni yaadatama.

  17. Karra eegaa Turkii ga'umsa agarsiiseen jajamaa jiru

    Oolmaa karra eegaa kanaan Turkiin Ostiriyaa injifattee gara nuusa xumuraatti dabarte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Oolmaa karra eegaa kanaan Turkiin Ostiriyaa injifattee gara nuusa xumuraatti dabarte

    Kaleessa galgala Tapha morkiin itti cime Turk 2fi 1’n osoo dursaa jirtuu Ostiriyaan galchii qixxeessituu galchuuf guddoo carraaqxe.

    Yoona kana ture Kubbaa daqiiqaa 94ffaaratti jifataan Ostiriyaa rukute osoo gala jedhamee eegamuu Mart Gunook ofirraa qolate.

    Xiinxaltooni kubbaa miilaa ‘’akkatti kubbaa oolche amanuun nama dhiba,’’ jedhaa jiru.

    Warri Ostiriyaa osoo yeroon dheeraa jiraate silaa injifanne jechuun dubbatani.

    Injifannoo Turk caalaa ga’umsa karra eegaa kanaatu ijoo dubbii ta’e.

    Waancaa Awurooppaa baranaan taatewwan addaa ta’an keessaas tokko ta’eera.

  18. Maanchistar Yunaayitid hojjettoota 250 gaggeessuufi

    Kilabichi bara 2022-23 paawundii miiliyoona 28.7 dhabeera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kilabichi bara 2022-23 paawundii miiliyoona 28.7 dhabeera

    Maanchistar Yunaayitid baasii xiqqeessuuf hojjettoota 250 gaggeessuuf akka jedhu beeksise.

    Erga Sar Jim Raatikiliif qabeenya kilabichaa keessaa muraasa bitan booda kilabichi jijjiirama taasisutti jira.

    Qorannoo taasifameen caasaan kilabichaa amma jiru qabxii kilabichi qabu akka hin mul’isneefi hojjettooti hin barbaadame akka jiran ibsame.

    Gaheewwan ‘’baay’ee hin barbaachifne’’ jedhamaniifi akka hanqifaman ibsaman kam akka ta’an ammatti ifa miti.

    Maanchistar Yunaayitid waliigala hojjettoota 1,150 qaba.

  19. Daa'imni ganna 12 naachi erga ciniine booda achi buuteen dhabame

    Naacha

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Naacha

    Kaaba Awustiraaliyaatti daa'imni ganna 12 Kibxata darbe gara galgala naannoo magaalaa Niganmariyangaa jedhamutti bishaan daakaa erga turee booda achii buuten isaa dhabame.

    Daa’ima kana naachi ciniinera gabaasni jedhu erga dhagahamee booda naachaan nyaatamuu hin hafne yaaddoo jedhu uumeera.

    Poolisiin biyyattii gareen lubbu-baraarsaa fi barbaacha daa’ima kanaa bobbaafamu eere.

    Miidiyaaleen biyyatti akka gabaasanitti xiyyaaraan daa’ima kana barbaaduun ni eegala jedhamee eegama.

    Bakki daa’imni kun baduun isaa gabaafame kun bakka mandhee naachota lakkoofsan 100,000tti tilmaamu itti argamanidha.

    Baay'inni naachaa kun kutaalee addunyaa kamiyyuu ni caala.

    Baay'ina haa qabaatuyyuu malee bakka kanatti naachii namarraan miidhaa qaqqabsiisuun hedduu baratamaa miti.

    Hawaasni Niganmariyangaa keessa jiraatan 364 qofadha. Hawaasni kuni dur maqaa Palumpaa jedhuun beekama.

  20. Baayidan sababa falmiirratti laafaniif imala xiyyaaraan dadhabuu komatan

    Joo Baayiden fi Tiraamp falmii Pirezedantummaaf torbee darbe wayita dhiyaatan

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayidan fi Tiraamp falmii Pirezidantummaaf torbee darbe wayita dhiyaatan

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan falmii pirezidantummaa torban darbeerratti ga’umsa xiqqaa kan agarsiisan xiyyaaraan deddeebi'anii imaluu booda dadhabuu akka sababaati himatan.

    Baayidan falmii kana dura irra deddeebiin gara kutaalee addunyaa kaanitti ‘’imaluun narra hin turre. Anatu gorsa hojjattoota kooti dhaga’uu dide’’ jedhan.

    Itti dabaluun akka jedhan: ''Waltajjii falmiirratti muguufan ka’a ture.''

    Maanguddoon ganna 81 Baayidan imalarraa Waxabajjii 15, 2024 gara Ameerikaatti kan deebi'an yoo ta’u, falmii Pirezidantummaa dura torban lamatti dhiyaatu dursanii gara biyyaatti deebi'an.

    Baayidan yaada kana kan kennan Paartii Dimokiraatotaa keessatti filannoo Sadaasa dhuftu gageeeffamuu dursuun haalli fayyummaa sammuusaanii ilaalchisee yaaddoon uumamuu hordofeeti.

    Sirumayyuu miseensi Kongireensii kutaa Teksaas warra Dimokiraatotaa falmii kana booda Pirezidantichi aangoo akka gadhiisu gaafatan.

    Baayidan Kamisa darbe wayita Pirezedantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin falmiif dhiyaatan dhimmoota falmiif dhiyaatan muraasarratti deebii laachuuf danqamaa turan.